Wednesday, March 20, 2019

Waggaa 150 booda osoo agarruu ammas lafa naannaa Finfinnee alagaan guurrachaa jira.


Callisuu hinqabnu!
Weerarri lafa naannaa Finfinnee akkamitti deemaa jira?
Eenyutu lafa qotee bulaa alagaadhaf dabarsaa ture, ammas itti jira?
1.       Dallaalli qote bulaa hagabsee lafa qotee bulaa gurguree harka caalaa ofii fudhachuu barate ummatarra deemee olola itti bana. Lafti keessan yeroo dhiyootti isinirraa fudhatamuu hedaa, investimentiidhaf kennamee mootummaa birrii xiqqoodhan isinirraa fudhachurra isinumti yoo dursitanii gurgurattan wayyaa, gatii fooyyee isiniif kenninaa jedhee qotee bulaa ololaan booji’an.
2.       Qotee bulaan lafti irraa saamamaa bahe ammas narraa kan hafte fudhatamti sodaa jedhuun waan isaan jedhan kana fudhatee qarshii xiqoodhan lafa ofii gurgura. Qarshiin suni ji’a takka isaan hinjiraachiftu. Tola dhabuurra jedhanii malee.
3.       Lafa gurguramu kana kaare meetira 500 qarshii kuma shantamatti gurgura (fakkeenya qabatamaa naannaa Dukam fi Bishootuu, Galaan, Sulultaa kkf irraa kanan odeeffadhe).
4.       San booda Gandi ykn Qabaleen matta’aa qarshii kuma kudhan fudhatee nama bitate kana akka jiraataa ganada saniitti galmeessa. Qarshii xiqqoo yoo dabalan akka waggaa san dura gibira lafa sanitti gabbaaraa turaniittis galmaahu. Kana qofa miti akka waan iddirii achii keessa turanii godhanii achittis matta’aadhan galmaahu.
5.       Namni lafa bitate lafatti dallaa ijaarudhaan, mana xiqqoo irratti qillisa. Hedduun isaanii nama rakkataa mana hinqabne barbaadanii itti galchu. Ofii Finfinnee jiraatu waan ta’eef. Kuun gatii xiqqaadhan kireessa.
6.       Kanatti aansee warra bulchiinsa magaalaa dhaqee kaartan naaf haa kennamu jedhee achiiyis matta’aadhan baafatan. Yoo kaartaa argachuuf milkaahuu baate immoo manni koo diigame jedhee iyyee wacee bakka biraa naaf haa kennamu jedhee abbaa lafa seeraa ta’a. Warra manni irraa diigame jedhamee lafti bakka haa buufamuuf jedhama. Akka amma Laga Xaafoo deemaa jiru kana jechuudha. Warra lafa saame yakkaan gaafatamuun hafee lafti biraa bakka buufamaaf.
Yaa ODP yoo rabbii keessan sodaattan ta’e hattoota lafa qotee bulaa gurgurachaa jirtu:
1.       Dallaala lafaa
2.       Bulchitoota gandaa hattuuwwan
3.       Bulchiinsa magaalaa hattuuwwan  qulqulleessaa.
San osoo hinqulqulleessin lafa saamicha hindhaabsifna jechuun ofiin taphachuudha. Eegasii lafa saamee nama qabateef yoo irraa diigame bakka buusufiin mataa isaa yakka. Lafa eenyuti bakka bu’aaf? Maalif? Namni kuni kana mara qoratee mala lafa qabatuun argachaa jira waan ta’eef lafti biraatis bakka bu’aaf taanan saamichi lafaa inuma itti fufa.  Lafa qarshii kuma 50 bitan kana sobanii dallaa itti godhanii yoo karaa qaxxaamuraatin kaartaa itti baafatan immoo qarshii milliyoona tokkoo hamma miliyoona sadii akkuma tessuma laafaatin gurguratu. Kana hundaa kan godhu dalaalota lafaati. Qotee bulaa qarshii kuma 50 lafa ofii dhabe isaan milyoonatti gurguru.
Rakkoo hiddaan buqqisan malee hinhiikkatu.
Dhimma kana akka salphaatti laalun hinbarbaachisu. Habashaan akkanatti hamoommatee lafa saamichaaf guyyaa adiidhan lola kaasaa jiru kuni akkanumatti hindhaabbatu. Waggaa 150 booda osoo agarruu ammas lafa Finfinnee guurrachaa jiru. Ummanni keenya callisuu hinqabu.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...