Thursday, November 3, 2016

Norwegian politicians supporting Ethiopian dictators

Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator?
Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been involved in trying to solve many of world conflicts and is trusted by world community as a mediator. It is the first country to appear in helping at any world catastrophe anywhere. The Norwegian people are generous to support aid companies like Norwegian People Aid, Red cross, UNICEF and Norway is the major donor of UN.
Whereas; in recent years, Norwegian authorities are damaging such huge image Norway has world wide. It is ridiculous how the Norwegian politicians travelling to Ethiopia praise the Ethiopian authorities. The Norwegian Prime minster Erna Solberg has recently praised Prime Minister Hailemariam Dessalegn for the development work he did.
  • But the Ethiopian authority led by prime minister has ordered killings of thousands of Oromo and Amhara protesters
  • Only on Irrecha 2016 at Bishoftu, the Ethiopian authorities have ordered the killing of over 1000 persons on the spot.
  • Over 300 000 people detained in Tolay military camp last week while Børge Brende, the Foreign Minister of Norway was visiting Ethiopia. He chooses to praise and promote Dr. Tedros for his works.
  • The Ethiopian authorities are confiscating land from farmers and people loss their property and family daily while Norway choose to sell its fertilizer to Ethiopia via Yara company. Yara gave a price to the late Meles Zenawi for his good business partnership. Meles Zenawi detains farmers who failed to pay for the fertilizer they were forced to buy.
  • Norwegians authorities are today in favour of Ethiopian dictators. There is no need of more evidence to witness what the Ethiopian authorities are doing to their people and the harsh human right violation than just reading a report by Amnesty International and Human rights Watch.
Why the Norwegian authorities choose to stand with the dictators than with people of Ethiopia?
I think the source of the information to the Norwegian authorities is distorted and corrupted; agents (lobbyists) are involved. What is the relation between these authorities?

The office gathering information about different countries in Norway is called Land info. This office prepares information on the situation in Ethiopia and other countries. Often they travel to a given country and gather information about the real situation and the Norwegian authorities use this as a reference to give aid and for policy towards that country.

What went wrong when it comes to Ethiopia?
One of the employees of Land info who used to travel to Ethiopia for such a purpose and brought “trusted” information for Norwegian authorities  and even often stand as a witness in many court cases for of Ethiopian refugees has recently moved to Ethiopia for good. This time not for information gathering; he felt in love with Ethiopian authorities and now have started his own travel agency. Just imagine how someone can start his own company in Ethiopia. No one can do so without the involvement of authorities in Ethiopia and even without authorities getting their share in the company. This is the hard evidence we have.
My imagination is that this man is working for sure as a lobbyist for Ethiopian authorities and he succeeded in his job. What blindfolded the Norwegian authorities to such a catastrophe in Ethiopia and make them support for dictators is beyond my imagination.
I have one message to Prime Minister Erna Solberg and Foreign Minister Børge Brende:

As Norwegian citizens who came from that part of Africa, I am ashamed of what you did. I have not elected you to stand with dictators. I elected you to keep the Norwegian tradition of supporting the oppressed people. 
Ethiopian people will win over TPLF dictators who are led by one single ethnics. Ethiopian people will not forget this injury inflicted on them by western allies of the dictators!

Wednesday, November 2, 2016

Ethiopian constitution - well written, badly executed

Looke through Ethiopian constitution well written but badly executed by TPLF regime.
Here is the link to the constitution and my comments with red.
Ethiopian constituion reviewed

Tuesday, October 11, 2016

Nor world order...no humanity

The brutal killing of civillians in Eth. today has no comparison. Even the Hitler genocide cannot comprehend to the extent of brutal torture and the amount of killings against the Oromo people since november 2015. Where as the EU and UN as well as the US are just giving lip service.
Instead of standing with the people, they pump in financial aid to the dictator in Ethiopia and the TPLF use the money to buy more weapons to use it against the people. 
The minority Tigrayan group is killing the Oromos and other people in the country and try to ignite conflict among the ethnic groups in Ethiopia. The extent of the killing by the military in Eth. has no comparison in history of man kind.
Just in front of the international community - Genocide is taking place.
Only on Irrecha feiring on the 2nd of October 2016 in Bishoftu, more than thousand Oromos were killed by TPLF military on the spot.
The UN, the EU and US will come out and shout may be inext year after millions are killed. That is what they wait for and used to.
Assessing the incident of the last one year, the people of Ethiopia should organise and protect itself.
Dear the oromo and other Ethiopian people, we can say for sure that no world order, no humanity, no UN, no EU, no US, no African union...only getting organised and power can protect you! You have only yourself!




Friday, September 16, 2016

KABEEBSAAN IJAARSA TA’EE HIN BEEKU !


WAREEGAMNI KEENYA HAAROMSA WAYYAANEEF MITI 

SEENAA  Y.G  (2005)

Utubaa tortoree dagaleen jabeessuuf yaaluun wallaalummaadha, of gawwamsuudha. Guyyaa hin beekamnetti mana of irratti jigisanii of ajjeesuuf beellamaan jiraachuudha. Mata duree har’aa kana akka lamatti ilaaluun dansaadha. Inni jalqabaa, gowwomsaa wayyaanee kanaaf yoo dabarsinee of kenninee nuuf dhumachuu isaa. Inni lamadaa, wayyaaneen mataa isaa, waan tortoree jiru irratti haaroomsa jedhee of gawwamsuun isaa, boolla ofiif qotaa jiru gadi fageessaa jiraachuu isaati. wayyaanee ofiinuu tortoree , haaromsa buqqaasaan gaggeessa jechuun isaa, adda durummaan of ilaalee osoo hin taanee, nu tuffachuu irraa ta’uu beekuun gaariidha. Akka loon soogiddaan gara barbaadanitti oofanii sanaallee kabajaa nuuf hin qaban jechuudha. Humna hanga hin qabneetti maal fiduun nu tilmaamaa jiranii hubadhaa. Isaaniif baatii tokkotti lammiilee 700 ol dhabuun keenya, itti hin dhaga’amu. Kan itti mul’aatuu Angoo irraa haala itti hin buunee uumuu qofaadha.kun nuuf salphina! Utubaan tortoree tasumaa Dagalee haaraadhaan hin jiraatu. buqqa’uu akka qabuu fi Utubaa haaraan dhaabbachuu akka qabu murteeffachuu nu barbaachisa. Utubaan sirna tortoree ol aantummaa Hiwaatootaa fi sirna isaaniitii. Kanatu buqqa’uu qaba.
Shirri wayyaanee bara baraan sababaa uumee umurii dheereffachuu kun xumura argachuu qaba. wayyaaneen gonkumaa haaromsa kamiinu dhaabbatee bulu, of sirreessuu hin danda’uu! Namni dulloomee akkuma deebi’ee dargaggeessa ta’uu hin dandeenye, wayyaaneenis deebi’ee dargaggoomu hin danda’u. Abshaalummaa wayyaanee kanaan Ummati keenya gonkumaa gawwamuu hin qabu. Sirni wayyaanee bifa kamiinu, beekumsa kamiinu, dandeettii kamiinuu haaroomu hin danda’uu. Haqa osoo qabaateyyuu haaromuu hin danda’uu. Kun amma seera Umamaa cabsuu ulfaata. Yoo seexaa qabaannee, kabeebsaa wayyaanee kana keessa, tuffii guddaan akka jiru hubachuu nu feesisa.
Tigiree dulloomaa achi butanii, Dargaggeessa dhiiga saamichaa fi yakkaan guddatee bakka buusuun, dubbii hammeessanii dantaa ofii guuttachuuf arreeduun ala, furmaata fidu. Midhaan facaasanii jiranrraa aramaa kan tikisaniif, midhaanichi firii barbaadu akka kennuufii. Carraa ol guddatee waan barbaadamuu akka guutufidha. Bosona barootaaf jiraate keessaa aramaa balleessuuf tattaafachuun, yerooma ofii gubuu ta’a malee, muka waa hundaa saamaa jiraatee, saamuus seera umamaa taasifatee jiraachisuu yk kunuunsuu hin ta’uu. Midhaan firii hin kenninee aramuun maalitti ramadama? kunuunsuu natti hin fakkaatu. Wallaalummaadha jedheen fudha.

Tuesday, September 13, 2016

Sochii mormii FXG eessaa ka'e karam heda?

Sochii amma gochaa jirru kuni maal keessa darbee?

Hirria sadaasa 12 Giincitti jalqabe
Suuta suuta oromiyaa guutuu walgahe
Tokkumaan oromummaa mirkanaaye. Ijoollee xixiqqoonillee osoo hinhafin Arsii, Harargee, wallagaa kkf Finfinneen keenya, Burayyun keenya, Sandaafan keenyaa … jedhanii hiriiran.
Wallaaltonni oromoo hinbeekin «sile Addis Ababa Harargewochin min agabachew?» jette. Tokkummaan keenya akka hundee qabu waan hinbeeknef.
Ajajoota hogganoota mana hidhaa jiran irraa nuuf darbe ciminaan hojiirra oole:
-          Yaamicha hiriiraa guutuu Oromiyaa: magaalota 200 ol keessatti guyyaa Hagayya 06.2016 ummanni ciminaan tokkummaan hiriira bahe
-          Yaamicha gaddaa – mataa haaddachauufi gurraacha uffachuu  - Dubartoonni refeensa waggaa meeqa kununsan ofirraan haadan, nutis warra moluu dabalatee dhiirris nihaaddate, gurraacha uffachuun tokkummaa ofii mul’ise ummanni
-          Yaamicha lagannaa gabaa - torbee tokko guutudhaaf ummanni bittaa fi gurgurtaa lagatee tokkummaan mootummaa dura dhaabbate. Kasaaraa mootummaa saamtuu tana irra gahe ogeeyyii dinagdee nuuf ibsu jennee irraa eegna
-          Mana hidhaa Qilinxoo gubachuun hidhamtoonni hedduun ajjeefaman. Mootummaan warra du’e tokko tokko malee kaan dhoksee irra taa’aa jira.

Amma hoo maal gochuuf jenna laata?
Abjuu kooti:
-          Ajjeefamnee yeroo haalli Wayyaanee mudde kanatti harka irraa ol qabnee hiree hinkennuuf
-          Hiriraa ciccimoo itti fufuu
-          Kara agama maraanuu cufuudhan diinagdee laamshessuu
-          Mormii diinagdee gaggeessuu. Kanas kan mootummaa miidhurratti xiyyeeffachuu
-          Tarkaaffii diina ofirraa qolannaafi mirga argame ittiin tiksan of qopheessuu. Osoo tasa wayyaanen kuftee akkamitti mirga keenya, qeyee keenya, tikfanna kan jedhurratti mari’achuu. Caasaa akkamiitin halagaan biraa akka nurratti hindeebine tikfanna jennee marii gochuu.
-          Gibira kaffaluu diduu
-          Warri hidhaa jiru akka hiikamuu dhiibbaa gochuu, hiriiruu, finciluu.
-          Jala deemtuu wayyanee saaxiluu, akeekachiisuu kan deebi’uu didde gobuu. Yoos kan hafte jalaa yaati.
-          Hamma abbaa biyyummaa Oromoon dhuunfatuu mormii keenya itti fufuu



Tuesday, September 6, 2016

WAYYAANEE FI WIXIFANNAA ISHEE

Abbaa Seenaa irraa

Gootummaan ummata Oromoo, guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jira. Gootummaan Oromoo gabrummaan cabee hin hafnee. Gabrummaa jala jiraatee Ijoollee Bilisummaa manatti ol galchitu horateera. Diina waggaa 150 ol irratti duulee bayyaannatee, eenyummaa isaa Biyya abbaa isaa irratti kabachiisuuf sadarkaa xumuraa irra ga’eera. Beekumsaa fi dandeettii, ykn shiraa fi hammeenyi diinaan , eenyummaa isaa ganamaa irraa mulqee, Ummata Seenaa  fi eenyummaa hin qabnee hin taasifnee. Gabrummaa jala taa’ee , bu’ura walabummaa fi Bilisummaa isaa akka hin buqqaaneetti gadi dhaabeera. Ummata gadi fageessee yaadee, haa bultu dubbiin jedhee tarkaanfataa jiraateen, Ummata gabrummaaf dhalatee godhanii kanneen yaadan akkaan dogoggoruu isaanii har’arra dhaabbatanii ni argan. Ummata kana Sirbaa fi aadaa ykn Afaan isaa dubbannaan maal isa barbaachisa ? jedhanii kanneen herreegani fi humnaan cabsuuf yaalan, boolla gadi fagoo ofii qotaa akka jiraatan har’arra ga’anii arguu hin hafan. Bishaan ho’ee bakka isaa ga’ee malee hin danfu. Danfuu bishaanii ijaan osoo arguu kan harka isaa itti erguu, badiin kanuma isaatii. Maal si godhaa ? jedhee kan jajjabeessees akkasuma.
Wayyaaneen quufa hin beeknee, dhimma Ummata Oromoo irratti waggaa 25 dura kan yaadaa turtee har’as akkasuma kan jettu yoo taatee, badiin kan isheeti. Herreegi dogoggoraa kun garuu balaa dhuma lafaa itti fidaa jira. Isaan yaadaa fi qalbii kanuma waggaa 25 duraa jiraachuu danda’uu. Nuuti garuu bakka sana hin jirru. Har’a Biyya keessaa fi alatti seenaa hojjachaa jirra. Ummata aadaa fi safuu qabu ta’uu keenya itti argisiisaa jirra. Ummata Naamuusa qabu fi kabajaa qabu ta’uu keenya, addunyaattu mul’isaa jirra. Garuu waan hundumtuu daangaa qaba. wayyaaneen daangaa dubbii hundaa dabartee, akka gaangee samii dhiituuf ol utaalutuu ta’aa jirti. Osoo ilmaan keenya dhumaa jiranii obsumaan hegaree keessan yaadaa jechaa jirra. Gurri isaanii qabeenyaan duudee jira. Muka irra taa’aanii muka hamachuu hin dhaabiin jiru. carraa eenyullee nuuf hin laannee isaaniif laanneerra. Waan hundaan mirga of irraa ittisuu akka qabnuu addunyaan hubachaa jirti. Nuuti waan deemnuuf beekna. galii keenyas ni beekna. Waan feenu bakkaan ga’achuuf jennee Umama namaa balleessuuf hin yaallu. Nuuti lafa keenya irratti , bakka jiraannu dhabnee jirra. Nuuti garuu ammallee lafa keenya irratti jireenya isaan hin dhawwine. isaan garuu achumatti nu harkisaa jiru. beekaa fi wallaalaan isaanii adeemsa warra jaamaatti jiru. har’aa beekaa waan gochaa jirantu heddummaataa jira. Lukkuun haatee haatee albee ittiin qalan baaftee sanaan wal fakkaata. Garuu Oromoon hegaree isaaf waan itti deemu irraa hin maqu. Yeroo isaatti waan raawwatu tokko tokkon beeka. Kana hubachuun dansaadhaa jechaa , wixifannaa wayyaanee gidduu kanaa keessaa amma tokko ilaaluun barbaada.
1.  Ibsoota wayyaanee adda addaa :-
Wayyaaneen miidiyaa ishee irratti haala yeroo ilaalchisee labsaa fi ibsoonni kennaa jirtuu, keessa wayyaanee akka gaariitti ka ibsuudhaa. Ega kufanii galngalachuun ,,,,,, isa jedhan fakkaata. Mummichi ministirootaas ta’uu, qaamoonni adda addaa ibsi kennaa jiran har’allee bakkuma waggaa 25 duraa jiraachuu isaanii ibsa. Abshaalummaan isaanii ammoo , gaaffii Ummataa fudhatanii kan isaanii godhatanii dhiheessuu isaaniiti. Akki itti dubbatan hedduu nama raaja. “gaffiin Ummati kaasuu sirriidhaa, deebii itti laachuun dirqama keenyaa “” jedhu. Waggaa 25 dura haasaa akkasiin asi ba’an. Har’allee sanuma dubbatan. Ifatti wanni beekuu qaban, arraba miidhagfannaan wayyaanee gonkumaa gaaffii Ummataa dhaabuu akka hin dandeenyedha. Wayyaaneen deebii nu kenniti jennee wanni eeggannu gonkumaa hin jiru. wayyaaneen Angoo irraa bu’uu qabaadhaa gaaffiin jiru. Gonkumaa opdon gaaffii ummataaf deebii laachuu hin dandeessu. Dhumateera. Yeroon wayyaanee ga’eera. Kufaatii ishee guyyyaatu adda baasa. Sossobbii fi akka ijoollee nama sossobuu yaaluun, rakkoo keessaa ba’uu hin dandeenyeetti akka nama oofu beekuun barbaachisaadhaa. Ilmaan Oromoo adeemsa akkasiin of gawwamsaa wayyaaneef harka mirgaa ta’anii kachachalaa jiran kan yeroo kamirrayyuu caalaa murteeffachuu qabu. boruu lafti Oromoo isaan hin baattu. Lafti Oromoo dhiiga ijoollee isheen bilisoomtuu, bitamtootaa fi gurgurtootaaf bakka hin qabaattu. Ibsaa fi gawwamsaan wayyaanee gonkumaa qabsoo keenya irraa nu hin dhaabu. Ilmaan Oromoo guyyuu wareegamaa jiran, wayyaanee irraa deebii argachuutti amanu osoo ta’ee, wareegamaaf of hin kennan turan. Wayyaanee irraa waa tokko akka hin argannee beekanii , mirga isaanii dhiiga isaaniin kabachiisuuf of kennan. Wayyaaneenis fedhii Ummataa guutuuf yaada isaa osoo qabaatee, baatii saddeet keessatti ilmaan Oromoo 1000 ol hin galaafatu ture. kanaaf dubbiin wal jala qaxxaamuuree, guyyaa dhumaaf wal eeggachuu irra geessee jirtii wayyaanee fi jala deemtuu hubadhaa.
2.  IRREECHA   ilaalchisee :-
Irreechi kan Oromiiti. Kaa waayyaanee miti. Irreechii kan OPDOs miti. kan Ummata Oromooti. Opdo wayyaanee, irreecha irratti maallaqa guddaa dhangalaaftee, mirga argamsiifnee keessaa jettee lafa ciruu yaaddi. UNESCO tti  tti galmeessisuun , wareegama Ilmaan Oromoon malee, dandeetti opdon miti. opdon kaleessa ijoollee irraa callee guuraa turtee har’a kaatee , galmeesisuuf jennaa jettee lafa ciruun ishee taajjabbiidhaa. Irreechii fi Gadaan galmaa’uun Oromoof injifannoodha. Injifannoon kun garuu warra arraba miidhagfataniin kan dhufee miti. wareegama Ilmaan Oromoo qaqqaaliin ta’uu beeku barbaachisa. Irreechas ta’uu Gadaa addunyaatti beeksiisuuf mee opdon maal godhee jira ? addunyaa irraa eessa dhaqanii hubachiisuu yaalan. Beekumsaa fi dandeetti isa kamiin addunyaa amansiisu. Wayyaaneetu hayyameefii faranjii waliin dhaabaa ? kun qoosaa wayyaanootaati.
Irreechii baranaa tarree addunyaan akka nu dhaabu hin shakku. Wayyaaneen garuu , akkaataa itti fayyadamtee gurra ummataa duuchitu irratti haalaan hojjachaa jirti. Ummati keenya waan isheen shiraa jirtuun adda qoodamuu hin qabu. Inumaa Irreecha baranaa yaadannoo wareegamtoota keenyaa taasisiuu dandeenya jedheen yaada. Kun toftaa wayyaanee miidiyaan itti fayyadamuu cabsuu danda’a. Irreecha gama UNESCO tti galmeesisuun uffata aadaa uffachuun akka jirutti ta’ee, kabajaa wareegamtootaa fi isaan waliin jiraachuu keenyaaf garuu , hundumtuu DHIIRRI  ISKARVII GURRAACHA morma irratti , SHAMARRANII FI DUBARTOONNI SHAASHII GURRAACHA irratti yoo hidhannee, wayyaanee afaan qabsiisuu dandeenya.  Miidiyaa irratti akka feetee mul’ifachuu hin dandessu. Itti hin holaltu TV Itoophiyaa fi Oromiyaa irraa dhabnee maaltu dhufa ? yeroo bakka irreechaa sanatti anga’onni haasaa taasisan , Iskarvii fi shaashii ol kaasuun sagaleen alatti dhaabuun ni danda’ama. Kun yaada kiyya.shira wayyaanee ittisuun qaama qabsooti.
3.  Chaanaaloota TV wayyaanee :-
Wayyaaneen qalbii Ummatootaa hatuuf shirri hin gaggeessiin hin jiru. addatti karaa midiyaa . TV chaanaalii wayyaanee har’a tamsaasaajirtu  osoo lakkoofnee, meeqa laata ? kanneen keessaa dhimma ummatootaa irratti kanneen hojjatan meeqa ? yoo jennee gaafannee shira wayyaanee kanaaf deebii arganna. Chaanaalii adda addaa banuun wayyaanee Ummatummaa ibsuu miti. yaada Ummatoota hiruudhaa, qalbii adda facasuudhaa, Ilaalchaan adda baasuudhaa, maatii diiguudhaa, Hawaasa burjaajeessuudhaa, jireenya hawaasummaa kan alaan dhaalsiisuudhaa, ol aantummaa Amaariiffaa Tiwulidda Itooophiyaawwiif tolchuudhaa kkf. Of keessaa qaba. wayyaaneen har’aa Diraamaa fi filmiilee adda addaa afaan amaariffaatti hiikamee akka dhihaatuuf haala mijeessaa jirti . kun maaliif ? warri waan kana irratti bobba’an eenyufaati ? JTV, QAANAA, NAAHOM, ebc1, ebc2, 3, 4,,,,,,,EBS kkf hundi maaliif barbaachisan ? deebii gabaabaa kan ta’uu, dalagaa isaanii irraa kan argamuudhaa. Gonkumaa eenyummaa fi maalummaa sabootaa irratti waa tokkollee dubbachuu dhiisuu irraa deebii quubsaa arganna. Bosona keessa jiraatan dhiisanii bosona nuuti hin beeknee nu dhiheessan. Sirba Ummatootaa irra , kanneen qullaa sirbanii dhaloota mancaasaniif kabajaa qaban. Kun shira dhaloota balleessuuti. Diraamaa fi fiilmii safuu ummataa hin qabnee maaliif dhiheessu ? abbaa manaa fi haadha manaa wal hiikan, wal hatan kkf maaliif ta’ee jedhanii dhiheessan ? kun rakkoo biyya Sanaa ta’eetii ? gonkumaa rakkoo ta’ee miti. dhaloota balleessuuf shira hojjatamuudha. Warri hojjtaniis, shira kanaaf kanneen ijaaraman irra jireessi, Tiwulidda Itoophiyaawwii warra jedhamaniidha. Maqaa tarrisanii dubbachuutu dandaa’ama.
Dallaalaa dur beekinuu , kan manaa, mi’aa kkf ture. har’a dallaalaa dhiiraa fi shamarranii akka dalgaa ummachutti ilaalamaa jira. Shamarranii fi dhirri suuraa shamarranii fi dhiiraa baatanii wal gurguraa jiran lakkoofsa hin qaban.cicha gaggeeffamaa jiru keessaa harki 80n osoo hin bubbuliin diigamaa jira. Kun shiroota wayyaanee hawaasa laamsheessuuf karaa miidiyaa hojjattu fi filmiilee gadhiisii gara Ummatootaatti guuramaa jiru irraatii.
Keessattu Dirmaalee Turkii Afaan Amaaraatti hiikamani dhihaatan irra jireessa, TV qaanaa Biyya alaatti hin mul’annenidha. Kana gochuun ammoo, hanna isaanii dhoksuufii. Diraamaa sana dhiheessuuf hayyama hin qaban. Itti hin kafallee. Garuu isaan beeksiisaa fi isponsaraan itti saamuu. Kanneen carraa isaa qabdan gama kanaan odeeffannoo dabarsuu fi waan kana ummata keenya irraa dhabsiisuu dandeesssu.
Walumaa galatti sochiin keenya gama hundaa wayyaanee raasee hundee isheetii galagalchuuf yeroo gabaabaatuu nu hafe. Eegee qeerreensaa hin qabanii , qaban gadi hin dhiisanii gama hundaan itti duulaa. Dandeetti fi beekumsa keenyaan, qabeenyaa fi humna keenyaan sabummaa keenya Biyya abbaa keenyaa irratti kabachiisuuf wal faana hiriiruun daran haa jabaatu.
GALATOOMAA !
HORAA BULAA !



Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...