Friday, September 16, 2016

KABEEBSAAN IJAARSA TA’EE HIN BEEKU !


WAREEGAMNI KEENYA HAAROMSA WAYYAANEEF MITI 

SEENAA  Y.G  (2005)

Utubaa tortoree dagaleen jabeessuuf yaaluun wallaalummaadha, of gawwamsuudha. Guyyaa hin beekamnetti mana of irratti jigisanii of ajjeesuuf beellamaan jiraachuudha. Mata duree har’aa kana akka lamatti ilaaluun dansaadha. Inni jalqabaa, gowwomsaa wayyaanee kanaaf yoo dabarsinee of kenninee nuuf dhumachuu isaa. Inni lamadaa, wayyaaneen mataa isaa, waan tortoree jiru irratti haaroomsa jedhee of gawwamsuun isaa, boolla ofiif qotaa jiru gadi fageessaa jiraachuu isaati. wayyaanee ofiinuu tortoree , haaromsa buqqaasaan gaggeessa jechuun isaa, adda durummaan of ilaalee osoo hin taanee, nu tuffachuu irraa ta’uu beekuun gaariidha. Akka loon soogiddaan gara barbaadanitti oofanii sanaallee kabajaa nuuf hin qaban jechuudha. Humna hanga hin qabneetti maal fiduun nu tilmaamaa jiranii hubadhaa. Isaaniif baatii tokkotti lammiilee 700 ol dhabuun keenya, itti hin dhaga’amu. Kan itti mul’aatuu Angoo irraa haala itti hin buunee uumuu qofaadha.kun nuuf salphina! Utubaan tortoree tasumaa Dagalee haaraadhaan hin jiraatu. buqqa’uu akka qabuu fi Utubaa haaraan dhaabbachuu akka qabu murteeffachuu nu barbaachisa. Utubaan sirna tortoree ol aantummaa Hiwaatootaa fi sirna isaaniitii. Kanatu buqqa’uu qaba.
Shirri wayyaanee bara baraan sababaa uumee umurii dheereffachuu kun xumura argachuu qaba. wayyaaneen gonkumaa haaromsa kamiinu dhaabbatee bulu, of sirreessuu hin danda’uu! Namni dulloomee akkuma deebi’ee dargaggeessa ta’uu hin dandeenye, wayyaaneenis deebi’ee dargaggoomu hin danda’u. Abshaalummaa wayyaanee kanaan Ummati keenya gonkumaa gawwamuu hin qabu. Sirni wayyaanee bifa kamiinu, beekumsa kamiinu, dandeettii kamiinuu haaroomu hin danda’uu. Haqa osoo qabaateyyuu haaromuu hin danda’uu. Kun amma seera Umamaa cabsuu ulfaata. Yoo seexaa qabaannee, kabeebsaa wayyaanee kana keessa, tuffii guddaan akka jiru hubachuu nu feesisa.
Tigiree dulloomaa achi butanii, Dargaggeessa dhiiga saamichaa fi yakkaan guddatee bakka buusuun, dubbii hammeessanii dantaa ofii guuttachuuf arreeduun ala, furmaata fidu. Midhaan facaasanii jiranrraa aramaa kan tikisaniif, midhaanichi firii barbaadu akka kennuufii. Carraa ol guddatee waan barbaadamuu akka guutufidha. Bosona barootaaf jiraate keessaa aramaa balleessuuf tattaafachuun, yerooma ofii gubuu ta’a malee, muka waa hundaa saamaa jiraatee, saamuus seera umamaa taasifatee jiraachisuu yk kunuunsuu hin ta’uu. Midhaan firii hin kenninee aramuun maalitti ramadama? kunuunsuu natti hin fakkaatu. Wallaalummaadha jedheen fudha.

Wayyaaneen jiraachuuf jecha shiroota kumootaan gadi tarrisuu dandeessi. Kun isaaniif furmaata ta’uu danda’a. Nuuf garuu furmaata hin ta’uu. Wayyaaneen Ummatootaaf yaada yoo ta’ee, sochii dhaloonni itti dhumuu maaf eega ? Nama of sirreessuu barbaadu yoo ta’ee, ykn qophii isaa qaba yoo ta’ee, Maaliif sochii fi gaaffii jiru ajjeechaa fi hidhaan dhaabuu yaala ? maliif mana hidhaa keessatti lammiilee fixa ? maaliif kasaaraa waraana bobbaasuu fi humna meeshaa ammanaa hiriirsuu filata ? rakkoo jiru waggoota 15f beekna turree ega jedhanii, miidhama Ummatootaa yoo xiqqaatee waggaa 15f itti fufe, balaa dhaqabee, lubbuu dhabamee, dinagdee Biyyaa manca’ee fi saamamee, rakkoo hawaasummaa mataa fi miilla dhabee kkf hundaa beekaa gaggeessaa jiraatan waan ta’eef itti gaafatamuu qabu jechuudha. Rakkoon bulchiinsaa jiraachuutti ega amananii , rakkoon sun miidhama Ummata irra ga’eef itti gaafatamoo isaan taasisaa jechuudha. Yakki ofi amanan isa kana. Beektoonni fi qaamoonni siyaasaa kamiyyuu waan isaan gidduu kana of haaromsiinaa jedhanii lallaban fudhatanii akka ragaatti dhiheeffachuun wayyaanee dura dhaabbachuu danda’an. Wanni gadi fageessinee hubachuun nu barbaachisu, wayyaaneen tortoruu isaa dubbachuu fi balleessaan qabaa jedhee xibaaruun isaa bu’aa argamsiisuuf isumaaf dhiifnee, akkasumas, har’allee akka maamila gawwamuutti nu fudahtuu isaas isaaf dhiifnee, nuuti kana booda akka hin gawwamnee ifatti gochaan itti argisiisuun akka nurraa eegamuudha.

Jaallannus jibbinuus, wayyaaneen haal jiru, wayyaaneen dhiibbaa humnoonni alaa irratti taasisaa jiran rakkoo jiru Ummata waliin hiiknaa yeroo naa kennaa jedhee nurratti qumaara taphachaa akka jiru beeku qabna. Kana cabsinee hawaasa addunyaatti gadi baasuu qabanaa. Abshaalummaan wayyaanee dhaabbachuu qaba. waggaa 15 dura haala wal fakkaataan gawwamnee ta’aa.rakkoon jiru osoo hin furamnee, waggaa 15f wayyaanee eeguun mataa isaa dadhabiina. Ammallee waggaa 15f nu gawwamsuu sirriidhaa jedhanii kan fudhatanii bifa haaraan asi ba’aa jiraniif, waggaa 15f callifnee ilaaluu keenya irraati beekaa. Haalli wayyaanee waggaa 15 duraa fi ammaa tokko miti. sochiin keenya waggaa 15 duraa fi ammaa tokko miti. waggaa 15 booda sibiilatti geeddaramnee jirra. Wayyaaneen garuu muka qobboo taatetti. Humni kun lameen guddina argisiisuu qaba malee , tokko isa tokkof humna ta’uu hin qabu. Wayyaaneen akkuma dulloomeetti isa itti aanutti ce’uu qaba. nuutis sibiluummaan keenya bakka isaa argachu qaba. namni ol deemu bakka isaa ga’uu qaba. namni gadi deemuus akkasuma. Kana waliif ariifachiisuutu seera umamaati. Nuuti warra bakka jirrutti akka turruuf Firiijitti naqamee miti hubadhaa !!! yoo xiqqaatee kabajaa ofii fi lammii keenyaa dabarsinee laachuu hin qabnuu .

Lubbuun dhaloota har’aa agaazii wayyaaneen akka baala mukaa harca’aa jiranii, kabeebsaa wayyaanee kanaan geeddaramuu hin qabu. waggoota 150 oliif GOOTAWWAN QAQQAALIIN kaa itti habaa jiraannee fi jirru,  wayyaaneen akka of haaromsituuf miti. sabummaa keenya irratti waggoota 150 oliif hiraaraa jiraannee fi wayyaaneen of haaromsuun gonkumaa wal hin simu. Bilisummaa barbaacha wareegamaa jirra.dhumaa jirra. Qabeenyaa saamamaa jirra. Lubbuu horachuu wayyaaneef gonkumaa wareegamni kafallee hin jiru. jiraachuus hin danda’uu. Kabeebsaa wayyaanee waggoota 25f nu miidheef carraa biraa laachuun of ajjeesuudha. Dhalooti akka baala mukaa harca’aa jiru haaromsa wayyaaneef miti. wareegamni lammii keenyaa wayyaaneen akka of haaromsituuf miti. wareegamni keenya walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata keenyaaf dursa kenna. itti aansee, dantaa keenyaaf jennee mirga sabootaa kabachiisuu akka dirqamaatti  fudhannee wareegama keenyaaf kabajaa kennina. Sochiin dhaloota har’aan akka Ibidda saafaa belbelaa jiruu fi wareegama qaalii itti kafalaa jirru, keessa wayyaanee qorachiisuu miti. rakkoo isaanii deebi’anii akka ilaalaniif miti. wal ga’ii haaromsaa Naannoolee keessatti akka gaggeeffamuuf miti. Ummatoota bifa adda addaan walitti qabanii dabballoota isaaniif hojii uumuuf miti. Hiwahaatiin kaasanii Hiwahaatiin bakka buusuuf miti. dulloomaa buusanii saamtuu haaraa bakka buusuuf miti. dhiiga Ummatootaan kan dhiita’ee buusanii, qal’oo dhiiga dhuguuf guddatee bakka buusuuf miti. Sirnoota habashaa waggoota 150 oliif Ummatoota goobsee dhabamsiisuuf ta’uu hubannee, diina keenya hubachiisuu qabna.

Ilkaan socha’ee buqqisan malee , fayyaa hin argatan. Wayyaanee adeemsa fixate , ilkaan qara lama qabutti of geeddaruu abbaluuf hayyamuun , hiraaraa jiraachuuf ta’uu beekuun dansaadha. shirri kabeebsaa wayyaanee nu ga’eera. Abshaalummaan wayyaanee isaaniin taajjabsiisuu ykn warra ija ashaboon dhiqatee ittin jechuu irra tarree, gawwummaa akkasii keessaa ba’uu keenya ifatti itti argisiisuuf hojjachuu dagachuu hin qabnuu. Kana booda duubatti deebi’uu jechuun dhaabbitti akka nu awwaalaniif hayyamuudha. Haaromsa wayyaanee irraa waa akka hin eeggannee, qabsoo itti jirru daran jabeessuun mirkaneessuu qabnaa . wayyaaneen caasaa isaa haaronfata malee, Lubbuu lammii keenyaa haaromsaa hin jiru. nuuti ammoo , lubbuu ijoollee keenyaa fi lammii keenyaa haaromsa wayyaaneen geeddarra taanaan warra dhaabbitti of ajjeesaa wayyaanee jiraachisaa jirrudhaa jechuudha. Carraa humnoonni alaa , gaaffii keenyaa fi wareegama keenyaaf bakka laatanii wayyaanee dura dhaabbataa jiran kun, duubatti  deebi’uu keenyaan faayila keenya bara baraaf cufuu danda’uu. Wareegama barbaachisu kafallee wayyaanee hundeeti buqqisuutu furmaata nuuf ta’aa.

Wayyaaneen osoo haqa qabaatteeyyuu gonkumaa haaroomuu hin dandeessu. Summiin summii haaromsuu gonkumaa hin jiru. haaromsi nama jijjiiruun hin dhugoomu. Summii keessa ofii jijjiiruun dhugooma.caasaa geeddaraniif haaromsii hin jiru. haaromsi wayyaanee eegaluu kan qabuu, dhugaa jiru fudhachuun qofaa bakka argata. Wayyaaneen mirga Ummatootaa kabajuun Angoo gadhiisuudhaa jedhee waan amanuuf, ykn olaantummaa Habashootaa dabarsanii kennuudhaa ykn Angoo bara Yohaannis faa’aa deeffannee of harkaa baasuudhaa jedhee waan amanuuf, kana dhugeessufis waan barbaadee gochuuf waan murteeffateef gonkumaa haaromsa dhugoomsuu hin danda’uu. Kana akka gaaritti itti amannee , Sochii xumura gabrummaa eegallee daran jabeessuu qofaatu furmaata nuuf ta’uu. Kanaafan kabeebsaan ijaarsa hin ta’uu !!! wareegamni keenya , haaromsa wayyaaneef mitii !!!! jedhe.
GALATOOMAA !
HORAA BULAA !

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...