Tuesday, September 13, 2016

Sochii mormii FXG eessaa ka'e karam heda?

Sochii amma gochaa jirru kuni maal keessa darbee?

Hirria sadaasa 12 Giincitti jalqabe
Suuta suuta oromiyaa guutuu walgahe
Tokkumaan oromummaa mirkanaaye. Ijoollee xixiqqoonillee osoo hinhafin Arsii, Harargee, wallagaa kkf Finfinneen keenya, Burayyun keenya, Sandaafan keenyaa … jedhanii hiriiran.
Wallaaltonni oromoo hinbeekin «sile Addis Ababa Harargewochin min agabachew?» jette. Tokkummaan keenya akka hundee qabu waan hinbeeknef.
Ajajoota hogganoota mana hidhaa jiran irraa nuuf darbe ciminaan hojiirra oole:
-          Yaamicha hiriiraa guutuu Oromiyaa: magaalota 200 ol keessatti guyyaa Hagayya 06.2016 ummanni ciminaan tokkummaan hiriira bahe
-          Yaamicha gaddaa – mataa haaddachauufi gurraacha uffachuu  - Dubartoonni refeensa waggaa meeqa kununsan ofirraan haadan, nutis warra moluu dabalatee dhiirris nihaaddate, gurraacha uffachuun tokkummaa ofii mul’ise ummanni
-          Yaamicha lagannaa gabaa - torbee tokko guutudhaaf ummanni bittaa fi gurgurtaa lagatee tokkummaan mootummaa dura dhaabbate. Kasaaraa mootummaa saamtuu tana irra gahe ogeeyyii dinagdee nuuf ibsu jennee irraa eegna
-          Mana hidhaa Qilinxoo gubachuun hidhamtoonni hedduun ajjeefaman. Mootummaan warra du’e tokko tokko malee kaan dhoksee irra taa’aa jira.

Amma hoo maal gochuuf jenna laata?
Abjuu kooti:
-          Ajjeefamnee yeroo haalli Wayyaanee mudde kanatti harka irraa ol qabnee hiree hinkennuuf
-          Hiriraa ciccimoo itti fufuu
-          Kara agama maraanuu cufuudhan diinagdee laamshessuu
-          Mormii diinagdee gaggeessuu. Kanas kan mootummaa miidhurratti xiyyeeffachuu
-          Tarkaaffii diina ofirraa qolannaafi mirga argame ittiin tiksan of qopheessuu. Osoo tasa wayyaanen kuftee akkamitti mirga keenya, qeyee keenya, tikfanna kan jedhurratti mari’achuu. Caasaa akkamiitin halagaan biraa akka nurratti hindeebine tikfanna jennee marii gochuu.
-          Gibira kaffaluu diduu
-          Warri hidhaa jiru akka hiikamuu dhiibbaa gochuu, hiriiruu, finciluu.
-          Jala deemtuu wayyanee saaxiluu, akeekachiisuu kan deebi’uu didde gobuu. Yoos kan hafte jalaa yaati.
-          Hamma abbaa biyyummaa Oromoon dhuunfatuu mormii keenya itti fufuu



No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...