Thursday, May 4, 2017

Eessa jirraa?

Kutaa duraa
Sabboonummaa Oromummaa hagam guddate?
Sabboonummaan Oromummaa yoom dhalate jennee walgaafachuun waan barbaachisu natti hinfakkaatu. Sababiin isaas gaafa Oromoon umamerraa qabee sabboonummaanOromummaa waan jiruuf. Sabboonummaan of ta’uu, waan ofiitti amanuu, waan ofii kan ormaa caalchisuu, waan ofii xiqqeessuu dhiisuu, nama ofii jajjabeessuu, mirga ofii kabachiisuu, waloo qabaachuu, daangaa gosaa darbanii Oromummaa dursuu, biyya Oromoo akka kan ofiitti laaluu, aadaa Oromoo hundaa kabajaa kennuu, ganda koo malees Oromoon jira, innis dhiiga kiyya jedhanii jaalachuu, kabajuu, akka hireen ani argadhe argatuuf jajjabeessuu, wal jaalachuu akka sabaafi biyyatti yaadudha. Kunis Hundee jiruuf jireenya Oromoo kan ta’e Gadaa akka madda aadaa keenyatti laaludha.
Eegan waayee sabboonummaa fi hundee Oromummaa hammana jedheen booda sabboonummaan eessaa ka’ee eessa jira jennee haalaallu:
Sabboonummaa Oromummaa gaafa durii, Oromo Odaa tokko jalatti bulu, Odaa Roobaa malee Odaan biraa hinjirre, Oromoon Waaqa gurraachatti bulu, kan amantiin biraa hinjirre, gaafa Oromoon gosa hinheddumaatin, gaafa maanguddoon Oromoo Odaatti walgeessee waan bade hundaa qajeelchitu, gaafa Oromoon xinnaa guddaan wal dhagahu, gaafa yaamee waliif owwaatu, gaafa Oromoon «Dubbiin tan dhugaati, dhugaan kan Waaqati» jedhu san  - guutuu turte.
Sabboonummaan Oromummaa eenyummaa jechuudha. Oromoon eenyu akka ta’e beekee osoo daangaa kamiinuu wal hinqoodin, kaan ofitti aansee, kaan ofirraa hinfaccinsin, hinfageessin, hunduu saba kooti, Oromiyaan biyya kooti jedhee itti bulu sani. Oromummaan Oromoo maraa akka obbolaa ofii laaluu jechuudha. Kana yoo jennu jabaas, laafas, beekas, wallaalas dheeras gabaabas, kan addunyaatti beekames kan qeyee ofii qofatti beekamus hundumaa kiyya jedhanii fudhachuudha.
Sabboonummaan Oromoo sadarkaa kam gaye ree?
Oromoon akka olitti ibsame kana gaafa babal’achaa hindhufin, gaafa walitti dhiyaatee jiru, gaafa Odaatti walitti dhufee mari’atu garaa garummaa jirus yoosuu hiikkata. Haata’u malee garuu waggoota 150 as eega diinan cabee, amantii biraan, aadaa biraa akka fudhatu godhamee, afaan fi aadaa Ormaa jalatti akka bulu godhamee as Oromoon sabboonummaan isaa akka cabu akka xiqqaatu taasifamee jira. Kanaaf ragaan Oromoon eenyummaafi sabboonummaa Oromummaa isaa eeggatee irraatti du’aa ture jiraatus kan of ganee, ani Amaara ofiin jechuu jalqabe akka jiru eerun nidanda’ama. Kuunis ani Oromoo miti jedhee amantiidhan of yaamuu jalqabes jira. Kan maqaa kutaatin of yaamuu jalqabes jira. Ani Oromoodha jechuu dhiisee ani Shawadha, ani Wallagga, ani Sidaamodha kkf ofiin jechaa tures jira.
Yeroo Oromoon Oromummaa ofii dura amantii, kutaa lafaa kkf of yaamuu jalqabe kanatti eenymmaan gadi kufee lafa tuqe. Mee giraafii asi gadii Kanaan haalalu


Akka madaallii kootitti bara Minilik biyya Oromoo qabaterraa kaasee sabboonummaan Oromummaa gadi bu’ee bara gabrummaa jala turre san gadi xiqqaachun hamma namni of ganuu gahee bara 1991/1992 yeroo hiree argatee sabni walitti dhufe san dagaaguu jalqabe.
Bara 1991 yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo sodaa malee afaan ofiitin ifatti ani Oromoodha jedhee dubbate. Kanaaf raga hedduu barbaadun nama hinfeesisu. Hiriyoonni keenya hedduun isaanii kan waliin barataa turre kan duraan yoo nuti afaan Oromoo dubbannu nu arrabsan “Bar warri koo Oromoodhaa” nuun jechuu jalqaban. Gaafa dubbii sirriitti mirkana taate “Bar anis Oromoodhaa” jedhanii ifa baasan.
Yeroo kana Oromoo ta’uun waan jaalatamaa ta’ee mul’ate. Sabni keenya sirboota guduuffattee xiiqiidhaan olkaayyate gadi dimbiliqsee sirbe, geerare, walitti bahee booye, gaabbe, dhaammate. Bara san namni guyyaa tokkoof Gullallee dhaqe fayyeeti gala.
Yeroo kuni yeroo itti sabboonummaan Oromummaa bakka itti kufee ka’e. Ka’ee akka haaraa ol jechuu jalqabe. Yeroon kuni yeroo sabni keenya wal dagatee, kutaafi amantii himachuu jalqabe deebi’ee gosa himatee Oromoon saba tokko ta’uu itti dammaqe.
Kana yoon jedhu garuu Oromoon hunduu of dagate jechuu koo akka hintaane naaf hubadhaa. Oromoon of hindagatin, kan sabboonummaan eenyummaa isaa gadi hincabin waan jiruuf qabsaayee Oromummaa bade kana deebisee. Maarree asirratti ABO hojii boonsaa hojjete kanaaf akka dhaabatitti, qabsaa’ota lubbuu ofii wareeganiif akka dhuufatittis galata galchuutu nurraa eegama. Waan isaan wareegamaniif sanis dagachuun nurra hinjiru. Kan ittiin masakamnu ta’uu qaba.
Kana booda sabboonummaan eenyummaa akkuma dammaquu qabe Kanaan itti hinfufne. Takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deemuu jalqabe. Mee giraafii kanaan haalallu:


Akkuma giraafii kanarratti agartan takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deema. Mee fkn xiqqoo ishiin isiniif kenna:
Yeroo Oromoon walitti dhufee waayee saba isaa mari’atee haalli mijate sabboonummaa nidagaaga. Akka bara dheegaddaa kana jechuudha. Yeroo kaan immoo goodoo keenyatti deebinee waayee amantii ykn kutaa faarsina. Sabboonummaan nu jalaa mucucaattee nama jechuun kan ganda keenyaa qofa nutti fakkaata. Mee kanaaf sadarkaa sabboonummaan keenya irra gahe ibsuus fakkenya tokkon haalallu:
Waayen Oromummaa yoo tuqame – waca kaafna
Waayen kutaa yoo tuqame sirriitti waca kaafna
Waayen amantii yoo tuqame lubbuu namaa balleessurra duubatti hindeebinu

Yoo fkn asii olii kana laalle hara namni tokko yoo Oromoo arrabse akkam Oromoo arrabse jennee wacnee dhiifna. Yoo kutaa keenya tuqe immoo sirriitti san caalaa wacna. Akka Gandaa waliin dhabbanee nama san irratti ololla. Yoo waayen amantii keenyaa tuqame garuu ajjeessuf itti dhaadanna, dafnee labsii itti baafna, lafatu garagala.
Ani gandi keessan yoo arrabsame callisaa, amantiin keessan yo tuqames hindabbatinaa jechaa hinjiru. Garuu akkuma olitti tuquu yaale gandaaf amantii durallee Oromummaa keenyatu ture waan ta’eef amma immoo nuti warra Oromummaa booda dhufe bakka caalaa kennina waan ta’eef sabboonummaan keenya gadi xiqqaachaa dhufeera kan jedhu mul’isuufan.
Mee fakkeenya dhimma OMN laalchisee tibba kana dhalate haa laallu. Yaada namoonni kannanis haalallu. Dhugaa jirtu kan beeku warra boordii OMN fi keessa beektota ta’ee osoo jiruu nuti yaada gama keenyaa gama Facebook yoo ibsanne eessa dhaabbaneeti? Akkuma yaada namoota agarreefi eessatti akka dhalatan waliin akkasumas eenyu deeggaran isa jedhu waliin wal bira qabnee yoo laallu madaallin kutaadhan wal gargaaruu ifa ta’ee mul’ata. Sabboonummaan Oromummaa keessattuu baqataa Oromoo biyya ambaa jiru biratti haala asii gadii kanaan dursa argatti:

1-      Amantii
2-      Kutaa
3-      Oromummaa

Kanas yoon jedhu namni hunduu mantiidhan nama qooda, hunduu kutaadhan nama fanfansa jechuu kootii miti. Kan hamma ammaa Oromoo addaan osoo hincitin turreeyyuu namoonni sabbooummaa Oromummaa sirriitti qaban waan jiraataniif. Heddutu jiraa, isaantu walitti nu dhoowwa. Kan walitti nu hidhee walillee nyaannu akka addaan hinhafne nu dhoowwu immoo Oromummaa nu keessatti hafte sani. Duguugamtee waan hindhuminiif.
Akkuma dhimmi OMN keessatti dhalate kanaa ammas mee fakkenya siyaasaa tokko haalallu. Baroota 1990 san keessa dhaabni siyaasaa akka Waaqaa itti bullu ABO ture. Dhaabotiin biraa jiraatanis iddoo hinarganne. Bara ammaa kana garuu mee waayen ABO yoo ka’e yaada baqataan Oromoo kennu haalaallu. Nu martuu akkuma agarru garee maqaa dhayanii arrabsoo yoo roobsan agarra. Maqaan garee ABO dhahu yoo ka’e yaada meeqatu kennama. Bara darbe kanaa waan hedduu na dinqisiisen arge. Hagam tokko amantii fi gandummaa akka hidda nu keessatti godhatten laale. Abbaan taaytaa OPDO kan ture baqatee biyya alaa dhufee gaafa TV irratti dhiyaate warri akka gootaa faarsaa turan, nama tuqe hundaa arrabsaa turan tibbuma san immoo hogganni ABO yoo TV irraan ibsa kennu arrabsoo ture wal bira qabee yoo laalu hedduun na yaaddesse. Karam deemaa jirra kan jedhu ifa naaf ta’uu dide. Kana yoon jedhus mirga namni tokko siyaasaa fedhe deeggaruuf qabu wallaalee osoo hintaane hagam tokko dhugaan akka jallattu, haggam tokko amantiifi gandummaan akka Oromummaa caaltu wan natti mul’ateef. Kanallee akkuman jalqabarratti kaasuu yaale yoo sabboonummaan Oromummaa nu keessa jiraate namni tokko amantii koo qabaatus, gosa koo ta’us kutaa koo ta’us yoo dhugaa hinqabaannee isa deeggaruun narra hinjiru. Waan olitti tuqne yaadadhaa “Dubbiin kan dhugaati, dhugaan kan Waaqati” jedhu Oromoon durii.
Hara kanan ka’eef sabboonummaan Oromummaa sadarkaa kam gahe isa jedhu hamman hubadhetti ibsuuf malee tokko kaan caalchisuufii miti. As keessatti fakkeenyi koo yoo sirrii isinitti fakkaachuu baates kan keessaniin bakka buustanii garuu eessa jirra jedhaa of madaalaa. Sabboonummaan Oromummaa deebifamee jabeessun, dammaqsuun, wal salfachiinee bakka sadarkaa Oromummaatti wal deebisuun qabsoo keenyaf hundeedha.
Sabboonummaan Oromummaa bakka dur turee gadi bu’ee maqaa amantifi kutaa himachuu bakka jirru ol ka’aa dhufee yeroo ammaa biyyatti dargaggoon keenya daangaa amantifi kutaa bira darbanii waliin dhaabatanii gaafa Irreechaa waliin dhumanii bool’a takkatti waliin awwaalaman haa laallu. Haa yadannu, haa nu quuqu. Kana laallee eenyummaa Oromummaaf waan hunda dursa kennaafii.
Hoo bishaan kee, fidi wayaa koo, jedhe namichi wayaa miiccee cuuffee lagatti hurgufuudhan.
Asnake T Erko

Wednesday, March 8, 2017

Ofittummaa namoota muraasaatif sabni keenya dhumaa jira!

Yeroo hedduu Oromoon maal dhabe. Qabeenya qabaa, heddumina namaa, beekumsa fi gootummaa waan dhabe hinqabu jennee dubbanna.
Haqa tokkotu jira garuu. Qabeenyi, beekumsi, heddumminni, gootummaan kan walitti hindhufin, irree tokko hinta'in bu'aa tokkollee hinqabu.
Hara kan jecha xiqqoo jechuu fedhu tokkummaa, tokkummaa, tokkummaa jennee wal ifachiifne kana irra deebi'ufii miti.

Tokkummaa san maaltu nu dhoowwee?

Namoonni muraasni ofiifis of moggaasanii haata'u garee siyaasaa ykn dhaaba tokkootin moggaafamanii ana malee tokkollee mul'achuu hinqabu, hojiin ani keessa hinjirre hinta'u jechuun dumaatii saba keenyatiif sababa. Akka walitti dhufnee humna hintaane diinatu nu dhoowwee miti. Kan walitti dhufuu nu dhoowwe gareen akka walitti dhufee hinhojjenne kan nu taasise ofittummaa namoota muraasaa qofa.
Gaafa oromoon walitti ba'ee humna tokko ta'e bakkan dhaba isa jedhurraa ka'uudhan waan socha'u maraa dura dhaabbatanii sabni keenya yoo dhumu teenyee laalla.

Osoo yeroo xiqqoodhaf ofittummaa kanarraa of qusatanii sabni keenya akka walitti dhufu godhanii guyyaa muraasa keessatti dolara miliyoona walitti buusuu dandeenya, dargaggoon keenya alaa fi keessaa hiriiruu danda'a. Diinni dura dhabbachuu hindanda'u, sagaleedhan baqata.

Ofittummaa namoota muraasaa kanas kan goobsee nurra tursiise warra gareedhan warra kana duuba dhababatanii jabeessani.

yaa waaq ofitummaa namoota muraasaa kana nurraa buqqisi, akka sabni keenya walitti dhufee daangaa malee walijaaree diina isaa buqqisuuf nu gargaari!

har'aaf tanumaan nagaan!

Thursday, March 2, 2017

We can make change and have responsibility

It has been a while since many raised a concern about the importance of unity for Oromo diaspora, especially a unity for the struggle.
Our youth back home, in Oromia, are paying an ultimatum sacrifice for freedom. They are paying their lives. But we, the diaspora either do not feel that we have responsibility or we undermine our capacity to make a change.

A simple action by a group of Oromos mean much for the youth back home. Our unity gives them strength. It gives them moral support and above all give them hope.

We can make change
We should also think that coming together we have a power. We have a power to push for a unity. If we do not support the dividing group, they can’t manage to divide us. If we pressure them to come together, we can bring them together. It is our wrong support that can divide us.

We can organize ourselves and support our people back home economically.
 A simple calculation can show that today there hundreds of thousands of Oromos in abroad. If everyone gives one dollar a day, we can collect millions of dollars in one month which can bring a big change.
We can start our nationhood structure and develop our culture, economy and society.

Everyone has a responsibility
Have we ever thought that everyone have responsibility? If we do not act now and do what we can today, we are all responsible for the future of our country. History can judge us if we do nothing or if we are on the wrong side of history. Sitting and waiting for others to act and just blame when they act is a national crime.

We in abroad have a huge possibility to come together, discuss and act on our current situation. If we don’t act and wish for other to do so, it just cheating ourselves. We can make change if we act and we have the responsibility to act. We have to stand together and say no to any dividing group and support any entity contributing towards our unity and nationhood.

So, do not wait for tomorrow, talk to your neighbors and start a work today. Our nation needs everyone and everyone has a responsibility.




Monday, January 23, 2017

Roorron hammaattus ---diinni baayyatus!

Haala amma biyyi teenya Oromiyaan keessa jirtu hedduu nama yaddeessa.
Diinni keessaf alaan itti bobba'ee jira. Lammiin wal gaarreeffachuun, Somaalen ollaa nutti duulun, ergamtoonni saba kibbaa seenaa Oromoo xureessun... kan amma mul'atu keessaa isa muraasa.
Barri 2017 yeroo bari'u haalli jiru inuu Oromootti hammaate. Diinni ilmaan Oromoo manguddoota, dargaggoo, ilmaan boru ol guddattu mana barumsaa hanqisee kaampii leenjii geessun gaagga'uutti jira. yoo akka isaanii sabni Oromoo rifatee akka lamuu qabsoo kanatti hindeebine gochuufi. Darggaggoonis ta'ee maanguddoon dhiibbaa diinatif akka harka hinkennine ifaadha. Kana wayyaanenis sirriitti hubattee jirti.
karaa biraatin yeroo ammaa somaalee maallaqa kennuudhan akka isaa ummata harka duwwaa jirurratti duulan gochaa jiru. Toftaa wayyaanee kan bara dheeraa, diina ollaa nutti bituuf falmii gara isaanitirraa gara biraa akka jallattu gochuu toftaa dulloomaa fayyadamaa jirti.
Addunyaan osoo gurra qabaattee dhageessi ta'ee haalli amma saba Oromoo irratti gahaa jiru sadarkaa sanyii duguuggaa bira darbee jira. Sabni keenya guyyaa guyyaan akka baalaa harca'aa jira.
Kana keessa TV ESAT jedhamu harcaatuwwan saboota kibbaa keessaa qaxaruudhan seenaa Oromoo maqaa xurreessii gaggeessaa jira. ESAT TV Ginbot 7 yoo ta'u warri Oromoodhaf dhaabbanna jedhan kan Ginboot 7 waliin waliigaltee qabanillee kana dubbacchuu waan danda'an hinfakkaatu. ODF kan Ginbot 7 waliin dalagu yeroo seenaa saba inni bakkan bu'a jedhuu jallisanii maqa balleessan, arrabsan waa tokko dubbachuu dadhabuun isaa hedduu nama maalalchiisa.
Sabni keenya yeroo ammaa roorroo hammatte keessa jira. Mootummaa tokko yoo kufuutti dhiyaatu too'achuu dadhabu, ummata gama maraan miidhaa itti guddisa. waan isa sodaatanii irraa dhaabbatan se'ee ummata hidhaaf ajjeechaa hammeessa.
Kuni garuu kufaatii isaa daddafsiisa malee hinoolchu.
Roorron hammaattus, diinni baayyatus bilisummaan hinooltu.
Sabni keenya biyyaa qabsoo isaa ittuma jabeessuu qaba. Yooo qabsoo kana irraa xiqqeesse jarri kana caalaa sanyii nu fixxi, roorroo hamaatu dhufa. Kanaaf duubatti deebi'uun miidhaa kana caale waan fiduuf itti mudduu qofatu mala.
Warri biyya alaa jirrus hamilee saba keenyatii jennee, waan xixiqqorratti wal qoccoluu dhiifnee walitti dhufnee jabeessuu, irkisuufi deeggaruu qabna. Maal nu dhibeedhan yoo duubatti deebine seenan nu gaafata. Namni martuu asiifi achi waan hinjirre afarsuu dhiisee egeree saba isaatif yaadee waan saba walitti fidee jabeessurratti hojjechuu qaba. Namuu boru waan hara dalaguuf seenan isa gaafata. Itti gaafatama seenaa jala haa baanu. walitti dhufnee ummata keenya biyyatti dhumaa jiru saniif jennee irree keenya haa jabeessinu. Hamilee saba keenyaa haa tiksinu!
Roorron hammaatus diinni bayyatus sabni keenya boru injifachuun isaa hinooluu, haa jabaannu!

Friday, December 23, 2016

Itti Deebina!

ይደገማል!
Itti deebina!
Oromoon qabsoo jalqabe kanatti lubbuu fi qabeenya hedduu dhabeera. Qabsoon fiixee hindeebinerra geessee jirti. Qeyeen nama hedduu buqqa'eera. Ilmaan keenya hedduun lubbuu itti dhabaniiru. 
wayyaanen hamma saba keenya tuffatte hiitee eega tumaa baateen booda T-shirt itti hindeebinu jedhu itti uwwiftee isin eebbifne jettee gadi baafte.
Kan kumaatamaan lakkahaman ammalee hidhaa jiru. Kuni kan oduu TV isaanii irratti mul'isan kuni akka jiilchuf mul'isuuti.
Eenyutu kanaaf jiilee dhiisa. Eeenyutu eenyuu gadi ta'ee gabrummaa fudhatee sodaatee jiraata. Ammaa achi immoo inuu hamma duruu caalaa akka haalli hammaatu ifaadha. Sabni Oromoo saba jiiluu miti. Saba sodaatee jiille itti hindeebinu jedhee harka kennuu miti. Kana mallattoo kalee AMbotti mul'ate ragaadha.
Yaa saba Oromoo harka kennuun inuu dhumaatifi miidhaa caalaa fida. Diinni qabeenya keenya saamuudhaf karoorfate kuni yoomuu nuuf hinahu. Yoomuu nu hindhiisu. sanyi keenya balleessuf akka ka'e ifaadha.
Kanaaf deebin kutatatanii waan qabaniin ka'uudha. Yoomuu diina kokkee qabuu qofatu mala ta'a. Diinni gaafa kokkee qabne osoo hinjaalatin nu waliin dubbachuuf ka'a.
Kanaaf qabsoon jalqabame kuni duubatti deebi'uun kan wareegama caalaa nu baasisu waan ta'eef jabaannee itti fufuu qofatu mala ta'a.
Kanaaf warri T-shirt nuuf qophaahurratti kana nuuf barreessaa:
ይደገማል!
Itti deebina!

Friday, December 16, 2016

KFO - xiyyeeffannaa argachuu qaba


akka kootti hoggantoonni KFO kan hidhaman dhugumaan bakka dhqan dhabanii osoo hintaane, waan hoggana tokkorraa barbaachisu waan guutaniif. Isaanis ummata ofii jidduutti argamuudhan, waliin hidhamuudhan waliin du'uu murteeffatan.
yeroo hedduu mootummooni Awuropafi Ameerika kuni partii mormitootaa waliin dubbannu kan sirriitti gurmaaye dhabne jedhu. dhaabolii siyaasaa keenya kan biyya alaatti wal qoodan kanniin akka sababaa dhiyeessu.
Gaafin koo garuu dhaabni siyaasaa Oromoo Kongresiin Federalistii Oromoo osoo ummata ofii gurmeessee waliin hidhamaa jiruu maalif dhaabolii biyya alaatti walqoodan kana qofarratti xiyyeefatan kana jedhu.
Isaan qofaa miti, nullee yeroo hedduu walqooduu dhaabolii siyaasaa keessattuu ABO ala kanatti ta'u kanarratti qofa xiyyeeffachuudhan akka waan qabsoo bittinnooftee haasofna.
Mee koottaa akkana haa yaannuu:
Amma dhaaboliin kunniin cimanii wal ijaaranii qabsoo ummataa cinaa hiriiranii kan ammatti uammata jidduu jiru, kan hidhamee miidhamaa jiru KFO haa jajjabeessinuu.
Dhaabolii keenya ala kana jiraniinis akkasitti ummata keessan biratti hojiidhan muldhadhaa jennee haa gorsinuu!

OFC deserves attention!

The take of the weekend - OFC deserves attention!
We observe that the western countries which have interest in Ethiopia usually blames the opposition for not being serious and well organised. Some often mentions that there is no seious opposition political party to deal with. They magnify the weakness of opposition parties deliberating mainaly on political parties based in abroad.
As far as Oromo political parties are concerned, we have a solid polical party in Ethiopia, Oromo Federalist Congress which showed strong leadership. The leaders showed their strength and dedication by not running from resposiblity, stand detamined and get arrested. Marara Gudina and Bekele Garba are good examples of leadership who stand with their people even if they could go to abroad and seek asylum like many did.

TPLF have detained the leadership and executive members as well as members of the party to just weaken it. OFC still showed the right leadership, stand strong with the struggle of the people.
My question is then, why the West, EU and US blame the weakness of opposition party and lack of seriousness while there exists a party, registered and within the constution, is standing and struggling peacefully? Why we only see the weakness of political parties based in abroad and blame lack of serious opposition parties?

I think Oromo elites also should wake up and give reconition to OFC and support what they are doing. The leaders of OFC are paying ultimate sacrifice in the struggle for freedom.

We have to show the west that the leadership is back home and working with the people. If they are serious about helping in bringing peace to the country, there is a responsible and well organised party and they sould deal with it.

To our political parties based in abroad, learn a lesson from OFC and be among your people and for your people and not stand against everything moving.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...