Tuesday, February 3, 2015

Monday, May 26, 2014

Kitaaba Qabsoon oromoo Eessaa Karam



Kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa Karam jedhu kana yeroo ammaa maxxansaan saddeessoon biyya keessatti gabaarra oolera!
Maxxansaa jalqabaa bara 2009 biyya alaatti kan bahe yoo ta'u bara 2013 maxxansaa 2ssoo biyya keessatti akkasumas Bitooteessa 2014 maxxansaan sadeessoo biyya keessatti bahuundhan darggaggoon baraneen qabsoo biyya alaatii dhufee isa bilisoomsu taa'ee eeguu osoo hintaane ofumaa abbaa qabsoo ta'ee akka abbaa biyyummaa ofiitif ka'u dhaamsa dabarsa.
Haala qabsoon Oromoo keessa ture xiinxaluudhan haala fulduratti ta'uu qabu akeeka.
Qabsoo biyyooni ormaa gaggeessan xiinxaluudhan waan irraa barachuu mallu agarsiisa.
Mootummaa yeroo dhaabudhaan akka Oromoon biyya alaa kan biyya keessaa waliin gurmaayee abbaa biyyummaa ofii mirkaneeffatu gorsa.
Gadadoo halagaan nurraan gahe teenyee faarsuu dhiifnee waan nurraa eeggamu akka goonu dhaamsa qaba.

Bitadhaa dubbisaa, haala yeroo waliin akka sochoonu nu akeekaa!

Wednesday, October 30, 2013

Kitaaba Eessaa karam

Kuni maxxansaa lammeessoo fi sadeessoo kan Finfinneetti maxxanfame - bara 2013 fi 2014


Maxxansaa lammeesson gabaarra oolera.
Haala qabsoon Oromoo keessa darbeefi jiru akkasumas barreessichi hayyoota adda addaa dubbisuun maaltu fuulduraaf mala isa jedhu qabatee bahe.
Haala amma jiru xiinxaluuf fooyyessaan maxxansa lammeessoo irratti godhameera.

Gabaarra oolera!



Kuni maxxansaa jalqabaa (1ffaa) kan biyya Norway tti maxxanfame- bara 2009



Thursday, July 28, 2011

Qabsoo Dhala Haaratti Dabarsuu






Ummanni Oromoo abdii dhaabolee siyaasaa irratti gatee rakkoo amma sabni kuni keessa jiru keessaa nu baasa jedhee eega eeguu jalqabee tureera. Haata’u malee garuu dursitootnni bara durii qabsoo tana jalqaban yookan wayitti biyya baasuu, yookan dadhabne jedhanii dhala haaratti kennuu didanii irratti cichanii taa’un qabsoo Oromoo yeroo ammaa maqaanillee akka badaa dhufu godheera.


Kana yoo jedhu maanguddoonni har’aa, kan kaleessa qabsoo Oromoo jalqaban bu’a tokko hinbuufne jechuu koo miti. Sabni Oromoo dammaqee akka qabsoo isaa lola ollaa keessaa irra darbee gara fincila guutuu biyyaa ta’uufi sagantaa siyaasaa karoorfatuuf karaa saaqan, umrii ofii itti gubaniiru. Qabsoon tuni akka ummata bal’aa bira geessu gochuu isaanitiif galata guddaa qabu.

Wednesday, July 6, 2011

Qabsoo Oromoo kanniisa birraa qofaa miti

Qabsoon ilmaan Oromoo kanniisa birraa qofa ta'uu hinqabu. Biyyoota ambaa keessatti baqatanii garuu haala ilmaan Oromoo biyyatti keessa jiraniifi haala nyaaphni dhiibee biyyaa isaan baasee kan hindagatin qabsaa'ota hedduutu jira. Qabsaa'onni kunninis bakkuma jiranii kuun beekomsaan, kuun humnaan, kuun malaan, kuun ogummaadhan, kuun qabeenyan qabsoo Oromoo gama maraan utubuu hindhiifne.
Kuni waadaa saba ofii dagachuu dhabuurraa madda.
Kuni haala kanaan osoo jiru namoonni ani lammata gabrummaa jala hinseenu, amma baqadhee homtuu na hingabroomsu itti fakkaattee, biyyi ormaa biyya isaanii itti fakkaattee akka waan mirga qabanii itti fakkaattee homaa hirmaannaa hingoones hedduudha.

Tuesday, June 7, 2011

Monday, May 9, 2011

Oromoo ammallee

Oromoon ammallee taa'ee wal hamachuudhan yeroon ofii fixuu hinqabu. Dhalli haaran qabsoon waa buusa jedhee eegee dhabee, ifatee jira.
Waayee qabsoo midiyaadhan itti lallabamu malee qabatamaan wal nyaachurra darbamee wanni mul'ate hinjiru. itti qabanii yoo laalan tafkiin ija qabdi jedu. Itti qabnee yoo laalle dhaaboleen alagaa kan kaleessa qabsoo isaanii jalqaban dhageettii addunyaa argachaa jiru. Biyyoonni humna qaban ofitti qabanii dubbisu, maal isinii goonu jedhanii qarqaaru.
Nuti hoo Oromoon maalif alagaa irraa marartee dhabne?
Sabanii isaatif ofii waliif marartee waan dhabneef ta'a jedheen yaada.
Dhalli Oromoo har'a biyya keessatti yoo guyyaa guyyaadhan ajjeefamu, hidhamu, reebamu marartee tokko hinqabnuuf. Kanas kan mul'isu isaanif jennee waliif obsinee fuula gara nyaaphaa deebisuu dadhabuu keenyarrati.
Osoo marartee saba keenyaf qabaannee wal hinyaannu, haalli sabni keessa jiru nutti dhagahama, nu adoocha, nu guba, nu waadda ture. Teenyee ofii wal nyaachudhaaf yeroo hinqabnu. Ammaa achi walirratti duuludhaaf daqiiqaa tokkollee kan nu hafe hinjiru. Yoo boru hinbeeknee, kan har'a garaadhaf du'u ta'e malee.
Kan yoo sabni isaa ajjeefamu gammadu waan jiru hinfakkaatu, kan qalbiin fayyaa hintaane malee.
Oromoon ammallee, taa'ee walirratti bobba'uu hinqabu-diinarratti malee!
Galmoo

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...