Thursday, July 28, 2011
Qabsoo Dhala Haaratti Dabarsuu
Ummanni Oromoo abdii dhaabolee siyaasaa irratti gatee rakkoo amma sabni kuni keessa jiru keessaa nu baasa jedhee eega eeguu jalqabee tureera. Haata’u malee garuu dursitootnni bara durii qabsoo tana jalqaban yookan wayitti biyya baasuu, yookan dadhabne jedhanii dhala haaratti kennuu didanii irratti cichanii taa’un qabsoo Oromoo yeroo ammaa maqaanillee akka badaa dhufu godheera.
Kana yoo jedhu maanguddoonni har’aa, kan kaleessa qabsoo Oromoo jalqaban bu’a tokko hinbuufne jechuu koo miti. Sabni Oromoo dammaqee akka qabsoo isaa lola ollaa keessaa irra darbee gara fincila guutuu biyyaa ta’uufi sagantaa siyaasaa karoorfatuuf karaa saaqan, umrii ofii itti gubaniiru. Qabsoon tuni akka ummata bal’aa bira geessu gochuu isaanitiif galata guddaa qabu.
Wednesday, July 6, 2011
Qabsoo Oromoo kanniisa birraa qofaa miti
Qabsoon ilmaan Oromoo kanniisa birraa qofa ta'uu hinqabu. Biyyoota ambaa keessatti baqatanii garuu haala ilmaan Oromoo biyyatti keessa jiraniifi haala nyaaphni dhiibee biyyaa isaan baasee kan hindagatin qabsaa'ota hedduutu jira. Qabsaa'onni kunninis bakkuma jiranii kuun beekomsaan, kuun humnaan, kuun malaan, kuun ogummaadhan, kuun qabeenyan qabsoo Oromoo gama maraan utubuu hindhiifne.
Kuni waadaa saba ofii dagachuu dhabuurraa madda.
Kuni haala kanaan osoo jiru namoonni ani lammata gabrummaa jala hinseenu, amma baqadhee homtuu na hingabroomsu itti fakkaattee, biyyi ormaa biyya isaanii itti fakkaattee akka waan mirga qabanii itti fakkaattee homaa hirmaannaa hingoones hedduudha.
Kuni waadaa saba ofii dagachuu dhabuurraa madda.
Kuni haala kanaan osoo jiru namoonni ani lammata gabrummaa jala hinseenu, amma baqadhee homtuu na hingabroomsu itti fakkaattee, biyyi ormaa biyya isaanii itti fakkaattee akka waan mirga qabanii itti fakkaattee homaa hirmaannaa hingoones hedduudha.
Subscribe to:
Posts (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...