«Daraddaraa kobootaa, eega biyyaa na baaftee kanarra maal na
goota?» jedhee sirba warri Tuulamaa. Namni eega dhiibee qeyee ofiitii nama
baasee san caalaa wanti nama miidhu hinjiru jedhee amana.
Halagaan maal nu godhe, maal nurraan gahe?
-
Hidhaa
-
Reebicha
-
Saamicha qabeenyaa
-
Lafa keenyarraa nu bqqisuu
-
Abbootii qabeenyaa saamuu
-
Ijoollee mana barumsaa ari’uu
-
Mirga saba Oromoo dhoowwachuu
-
Hiyyummaan akka ummata fixu gochuu
-
Dargaggoon akka biyyaa baqatan gochuu
-
Saba
Oromoo xiqqeessuf hir’isaa deemuu
-
Lafa
keenya irraa nu mulqanii ofii itti qubachuu
-
Beelan akka ummanni miidhamee hinmormine gochuu
-
Oromoo salphisuu, tuffachuu fi dharaan yakkuu,
saba biraatin walitti buusuu
Egaa yaa Oromoo miidhan halagaan nurraan gahe kuni keessaa
hamma xiqqoodha. Halagaan kanumarra hamma sanyii keenya duguugee hinjiran
jedhee taa’utti eegna? Kanumarra maal hamma nu dhaganitti callifna. Yoo daa’ima
kalee dhalate nu duratti gombisanii nutti dhaadatan maalif rafna?
Hamma
yoomitti eegan? Maaf callifna? Kuun humnaan, kuun beekumsaan, kuun qabeenyan
jaarsa fi jaartinis waan qabaniin gadi baanee diina godaansisuu qabnan jedha. Isin
hoo maal jettu?
No comments:
Post a Comment