Tuesday, June 21, 2016

Qabsoon keenya eenyurratti?

Yeroo ammaa kana Oromoon akka qabsoo mirga abbaa biyyummaa ofii kabachiisuf gochaa jiru walitti himuun hinbarbaachisu.
Lammii dhiisatii halagaanuu beekee itti walii galeera. Oromoon muratee akka ka'e daa'imti kalee dhalattellee beektee, sirba qabsootif mataa raafti. Hiddi Oromoo maraa asiifi achii diinni waan nurratti raawataa jiru kana yoo argu gubatee, aaree, gadoo fi xiiqii seenee jira.
Nuti ilma namaa mitii? Diinni keenya hoo namumaa miti? Maarree maaf bara baraan dhaanamuu, dhumuu, ajjeefamuu, hidhamuu if kolaafamuu lammii keenyaa qofa lallabna? Yeroo tokko wal faana kaanee aka galaanaa irra dhangalaanee, dhumnee nyaapha keenys fixnee, mirga keenya hineegisifnuu kan jedhu gaafii xiqqaaf guddaan kaasu.

Maaltu karaa dura nu dhabbate ree?

Akkuma beekamu, yeroo hundaa lammiin waliif galee, biyyi itti wal ta'ee diinatti yoo bobba'e milkiin fagoo miti. Diinni namaa beekamee, fuullee tokkoon yoo itti bobba'an mirga ofii kabachiisun akka fagoo hintaane ifa.
Yeroo amma Oromoon diina lama qaba. Diina keessa fi diina alaa. Diinni keessaa kana Oromoo ta'ee har'aaf waa argachuuf jedhee, nyaatee buluuf jedhee Oromoo gurguree, afaan alagaa dubbatee nu saamaa jiru. Diinni lammeesson immoo Wayyaanee bara 100 nu bituuf karoorfatee, biyyoota dhiyaa waliin waliif galee, waan isaan barbaadan guutefii, qabeenyuma keenyan diina nutti bitaa nu bulchuu fedhu.
Diina keenya fuullee kan ta'e Wayyaanee beeknee itti bobba'uf marii godhachuuf, abaarree balleessuf, darbannee waraanuf, ariinee qabuuf, mari'annee itti bobba'uuf sakaallaa kan nutti ta'e bitamtoota Oromoo ta'anii Oromoo gurguraa jirani. Marii keenya diinatti himaa, qabeenya keenya diina waliin nu saamaa, diinaf mala dhahaa, jalatti nu ajeesaa, nu qabaa, nu hiisisaa akka Wayyaanen aangorra turtu warri godhu ergamtoota maqaa Oromootin soch'an kana.

Diina keenyatti bobbaane milkaahuf ergamtoota diinaa of keessaa qulqulleessun hedduu barbaachisaadha. Yoo kana hingoonu ta'e garuu ifaajen keenya kan bara baraa lafumatti hafa. Inuu of ajjeesisuuf lammii keenya dhalata boruuf abdannu of jalaa harcaasuu ta'a.

Dargaggoon keenya barataan, kan boruuf ol guddatee biyya keenya guddisu dhumaa jira. Abdiin boruuf qabnu nu jalaa harca'aa jira. Nuti diina keenyaf, warra diina keenyaf hojjetuuf yeroo naatoo horannu, isaan garuu dhalataa, ilma ol guddtu nu jalaa ajjeessaa jiru. Boruu keenya suuta suuta xiqqeessaa jiru. Kan Human Rights Watch gabaase nama 400 ajjeefamuu ta'ullee dhugumaan namni dhume, kan hidhamee caccabsan, kan ammas hidhaa jiruuf waan irra gahuu danda'u hinbeekne lakkoofsi isaanii hedduudha.

Kanaaf maal haa goonu ree?

Akka ani laalutti OPDO jiru hundi diina jedhee hinfudhadhu. Sochii hamma ammaa ta'e kana keessatti OPDO wareegama eenyumaa caalaa kaffalan jiru waan ta'eef. Ta'ullee garuu sadarkaa gara garaa irratti bobba'uun yeroo ammaa kan sabni keenya akka diina jala bulu warri godhan akkuma lubbuu obbolaa keenyaa gaaga'an kan isaanis gaaga'amuu yoo beekanii gocha diinaa kanarraa dhaabsifamuu baatan, qabsoon nuti goonu bu'aa hinfidu. Qabsoo keenyaf kan oduu qofa ta'aa ol guddataa keenya, ijoollee teenya diina gabbaraa, ajjeefamuu keenya qofa himachaa jiraachuf deemna jechuudha.

Wanni nuti yaaduu qabnu, ebelu rakkatee diinaf hojjeta, wan ilmaanin guddifatu dhabee kkf odeessun nurra hinjiru. Ilmaan eenyuu diinni ajjeesati, kan eenyuu immoo saamicha Oromootin guddatti. Kana warra Oromoo ta'anii Oromoo gurguraa jiranitti, qabeenya Oromoo diina waliin ta'anii saama jiranitti himuudha. Lammi keenya kan ta'e diinarra dura qulqulleeffannee, diina keenya adda baafnee Wayyaanetti gaafa bobbaane qabsoo salphaa ta'a.

Kan nu keessa taa'ee lammii keenya gurguraa qabeenya Oromoo diinan waliin saamee, saamsisaa jiru, boru akka jiraachuu hindandeenye qofa osoo hintaane, har'ayyuu akka balaan irra gahu agarsiisun qabsoon keenyaf murteessadha. Kana hingoonu taanan qabsoo sobaa gaggeessaa jirra jechuudha Bara baraan kuun diina waliin nu gurguraa, kuun diina waliin nu saamaa kuun lubbuu ofii diina gabbaraa, kuunis seenaa dhumaatii saba keenyaa himaa jiraanna jechuudha.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...