Wednesday, June 1, 2016

Qormaata bahe Wayyaanen maalif yeroon haquu dide?

Akka nu martuu mediyaa gara garaa irraa laalletti qormaata bahe kana laalchisee yaada gara garaatitu dhiyaachaa jira.
Jalqaba wanni beekamuu qabu qormaanni kuni ijoollen Oromoo osoo itti hinqophaayin waan ta'eef akka guyyaan darbee/dheeratee hunduu itti qophaahan gaafin dhiyaachaa ture. Akkan yaadadhutti bilbila warra waajjira barnootaa keessa hojjetanii gama internaatii rabsameen hedduun keenya nama argannee fi hamma dhaqqabne bilbillee "maal, kan qormaata kana fudhachuu hedu ijoollee Oromooti, akkamitti osoo itti hinqophaayin warra naannoo biraa kan waggaa guutuu barataa turan waliin dorgomsiiftu" jechanii turame.

Akka koo mootummaa nama hindhageenya kana bakka kennineefii, beekama kennineefii kanaa gaafachuun hinmalle. Garuu yaada namni hedduun itti waliigalan waan ta'eef ijibbaata gahame.

Egaa warri wajjira barnootaa gaafas didan kuni silaa kan Naannoo Oromiyaa ofiifuu warri gooftaa isaanii jedhan malee aangoo hinqabanii, achiin gahanii, sodaachaa gaafa itti himan jarri aangoo ofii agarsiisuf harkatti didde.

Eegasii korommiin Oromoo kutattee qormaata kana baaftee harka warra mediyaa, keessattuu Facebook irratti dhagahama qabaniitin geesse. Gaafasillee jarri akkuma barte dhugaa miti, qormaanni hinbaane jettee didde.

Gaafa garuu qormaanni bahee gama Facebook gadi lakkifamu amananii qormaata eega ijoollen mana barumsaa seentee jalqabdee booda haqame jedhan.

Akka Ministeerri barnootaa Tophiyaa jedhu kana dursanii qormaata san saaqanii kan bahe jedhame kanaan walbira qabanii laaluu mirga dhabanii miti. Ministeerri barnootaa kan qormaata kana qopheessurratti aangoo olaanaa qabu, kan baasii baasee, nama ramadee qormaata qopheessee rabsu akkamitti wanni hamma kanaa yoo himamu banee laaluf aangoo itti dhaba?

Kuni soba baratani. Kana dhiisii korjoo filannootuu dursanii bananii guutanii akka barbaadan gochaa hinbaanee maaf biyya soba? Korojoo sanillee taajjabdoota biyya alaa dabalatee foolisii akkasumas ummatta naannoo kan filatamnitu eegaa mitii? Silaa akkamitti ummata akkanatti isaan jibbe kana biratti harka 100 filataman? Eega korojoo filannoo saaqanii laalufi itti dabaluu irraa hir'isuu danda'anii tuni akkamitti isaan dhibdi.

Gaafii guddoon jirtu qormaata san dursanii osoo barattoonni mana barumsaa hindhaqin akka bahe beekanii haquu maalif didan isa jedhu.

Maalif wayyaanen qormaata san dursitee haquu didde?

Akkan ani laalutti gatii siyaasaa ittiin argachuufi warra qormaata kana baase jedhanirratti jibbi akka ummamu gochuufi. Kunis ijoollen qormaata eega eegalteen booda dhaabaa yoo jedhamtu waan jeeqamtufi warri ijoolletis waan wacuu maluuf akka warra kana godhe balaaleffataniif karaa saaquf. Kana jechuunis warri biraa, sabni biraa akka Oromoo balaaleffatuuf siyaasaa shamatachuufi malee dursanii gaafa dilbataa qormaata san haquu danda'an ture.

Kanas kan na jechisiise haala isaan mediyaa irratti dhiyaatanii warra qormaata kana baase itti balaaleffachuufi namni akka balaaleffatuuf yaamicha godhaniraati. Namoota kana rawwaatan ummanni akka balaaleffatu yaamicha goona jedhee dubbate Obbo Shifarraa Shugguxee.

Amma hoo maal fidu ree?
Kanas godhanii waan milkaaye hinfakkaatu. Saboonni biraa, keessattuu warri Finfinnee fincaan ofirratti gadhiisun isaanii waan halamuu miti. Sababiin isaas tibba kana Finfinneetti kan odeeffamu "Lakkaas Oromoo hulluu bajuu new inde?- edaa Oromoon waan maraa harkaa qabaa?" isa jedhu. Akkamitti qormaanni kuni bahee qofa osoo hintaane hagam Oromoo osoo fedhee ganda san keessaa mootummaa san tasa xilleessuu akka danda'u waan itti mul'ise.

Halagaanis keessattuu warri akka ESAT TV faati diinummaa Oromoof qaban mul'isan. Bakka kanatti barattootafi maatii saba biraa, naannoo biraa dubbisanii doggogora isa jedhu mul'isuu yaalan. Naannoo oromiyaa nama hindubbifne. Isaaninis diinni bishaan guutetti hancufa tufa jedhee Oromoon mammaaksa mammaake itti himuudha.

Walumaagalatti Oromoon qormaata kana baasuu isaa, ammas nutu godhe jedhee itti gaafatam fudhachuu isaa gatii siyaasaa guddaa qaba. Aangoo Oromoo mul'isa, jabina Oromoo mul'isa. Garuu of eeggannoon gochuu qabnu namoonni dhuunfaa gahee guddaa qabaatan jiraatanillee itti gaafatama guddaa fudhatee warri ofirratti murteessee qormaata kana baase eenyumaa caalaa galata qabu. Kan gatiis argachuu malu isaan ta'uu qaba. Kana keessatti namoota gahee guddaa qabaatan akka warra si achi qabsaahufis hamilee ta'uuf bakka keennuufin hedduu barbaachisaadha. Sabni Oromoo murattoota tanaaf galata qabaaf. Hawaasonnillee keessattuu kan biyya alaa kana sababeeffachuudhan marii godhanii akkamitti warra jabaate jabeessinee warra laafe kaafna isa jedhurratti haasa'uun hedduu fardiidha.
QABSOON BIYYA JIRTI. HUNDEEN QABSOOTIS DACHEE OROMIYAA AKKA TA'ES DIINA KEENYA HUBACHIISUU QABNA!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...