Monday, December 5, 2016

Booredha haa jennu!

Ummanni Oromoo waggaa har’aa Sadaasa 2015 irraa eegalee waan takkaa hinyaadamin mul’ise. Akkanatti walfaana ka’a jedhee lammiinis, diinnis hineegne.
Akkuma rooba tasa roobee, galaana tasa gaaraa garagalee, diinarra jige. Lammiin gammadee, diinni rifatee baarage. Ummata keenyas jimlaadhan fixaa jira. Ummannnis kutannoodhan sodaa malee harka duwwaa qawwee dura dhaabbate.
Warri biyya ambaa keessa jirrus haalli hamma ammaa ittiin lammii keenya bira dhabbanne gaaruma ture. Gareen duur walitti hindhufne saba ofiitif jechuudhan wal bira dhaabbatanii tokkummaa mul’isuun alagaa hedduu rifachiise.
Haata’u malee tibba darbe kana waan xixiqqoorratti kaanee maqaa walii xureessfi wal yakkuun mul’ate saba keenya hamilee kan tuqu. Warra haadha fi abbaa ofii dhabe, haadha ilmaan ofii qabsooo kanarratti dhabde, warra obbolaa ofii dhabe, warra qeyeen isaa buqqa’e, goota lubbuu ofii wareege kan akka Muktaar Huseen faa, gootota barattoota Gincifi walisotti qawwee fuuldura uleedhan dhaabbattee addunyaa dinqisiifte san laaluu qabna.
Maal biyyanna Booordha haa jennuu…
Warra jiruu ofii dhiisee muka gale, kan qeyee ofii lagate san laaluu qabnaa.
Maal biyyanna ilmaa osoo jiruu hinargin Irreecharratti akkasitti harca’an, kan Baalee Roobeetti dhuman, kan Arsiitti dhuman, kan Booranatti dhuman, kan Gujiitti dhuman, kana Harargeetti dhuman, kan dhiya Oromiyaa, kan walloo fi jiddu galeessa oromiyaatti akkasitti harca’an san sammuu keenya dagachuu danda’aa?
Saba keenya akkasitti dhume san osoo agarruu, akkamitti waan xixiqqoodhaf haaloo qabannee yeroo keenya walirratti fixna? Akkamitti humnaa fi qabeenya keenya diinarratti bobbaasuu dhiifnee yeroo qabnuun maqaa wal faaludhaan balleessina?
Maal dhiiroo Booornen hinjiruu? Booren dhiiraa hinjiruu? Booren dubartii hinjiruu? Safuun saba keenya dhumeef qabnu hinjiruu? Safuun saba keenya hidhaa keessatti affeelamaa jiruu hinbadee?
Dhiiroo mee boru ganama yoo kaanuu, Booree saba kootii haa jennu. Maqaa walballeessuu haa lagannu. Kan maqaa saba ofii balleessu nama diinaf hojjetu malee kan saba isaaf dhukkubsatuu miti. Like fi share gochuufii haa dhiifnu, hamilee isaaf kennuu haa dhiifnu, faarsuu haa dhiifnu!
Yoo sabni keenya dhumaa jiru kan diiggaa gaggeessu diina saba keenyati. Kanaafuu diinaf gumaachuu dhiifnee waaqaf lafaaf jennee saba keenya bira haa dhabannu. Yoo birallee dhaabachuu dadhabne diina saba keenyatiif hojjechuu haa dhiifnu.
Booredha haa jennu. Booree lammii haa qabaannu!

Booredha!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...