Lafa Oromoo saamun eenyumaafillee hinhayyamamu
Yeroo ammaa kana qotee bulaa Oromoo irraa lafa saamun seeran
ala, dhara, cubbuudha, dhiibbafi miidhadha jenene mediyaa argame mararratti
lallabaa jirra, namuu yaaddoofi sodaa tokko malee dubbata.
Ofii lafa qotee bulaa kan gatiin mi’aaye, kan saamanii manaafi
iddoo daldalaa irratti ijaarataa jira keessattuu lafa Finfinnee marsee jiru ta’uu
ifaadha.
Kanarraa kan ka’e abbaan biyyuummaa Finfinnee kan oromooti,
kan qotee bulaa irraa fudhatame saniiti jennee afaan guunnee dubbanna.
Warri Galaan, Warri Ganuu, Warri Alloo, Warri Qaalluu
(Qaalittii) war, Warri Tufaa Munaa, Warri Abeebee Tufaa, warri Gullallee, warri
Bulbulaa, Gosti Oromoo Tuumaa sadeenii walumaagalatti Naannaa Finfinnee san
qubatee ture lafa isaa qofa osoo hintaane gosa isaa, sanyi isaa dhabe.
Kanallee
Masterplaniin yeroo lama itti dhufe. Masterplaniin inni jalqabaa bara 1879
(waggaa 137 har’aa) itti dhufe. Gaafas qawwee qabatee warri Minilik Oromoo
lafarraa duguugee kaan ajjeesee, kaan gubee, kaan jaji’ee qayee isaatirraa
buqqisee lafa maqaa jijjiiree “Addis Ababaa” jedhee itti moggaase. Oromoo harka
kennuu didee SHAGGAR jedhee maqaa masoo itti baase.
Masterplaniin lammeessoo immoo bara 2015 keessa itti deebi'e. Hedduu kanattis irraa hindhaabbanne.
Masterplaniin lammeessoo immoo bara 2015 keessa itti deebi'e. Hedduu kanattis irraa hindhaabbanne.
Lafa buqqa’uun
Oromoo qofaratti hinjalqabamne. Saboonni gabrummaa jalatti kufan hedduun
isaanii akkanuma lafa ofii dhaban. Garuu jaarraa 21 keessatti guyyaa adiidhan
lafa isaanitirraa buqqa’anii yoo darbaman fuula AU, fuula UN fi US akkasumas EU
fuulduratti nama dinquu danda’a. Waajjiraalen gargaarsa fi bakka buutonni
motummoota addunyaa Finfinnee keessaa waajjira qaban akka waan hinagarree ija
qabatanii gurra qabatanii callisan.
Oromoo
fagoo jiru yoo gosa isaa saamamaa jiru, biyya isaa ciramaa jiru kanaaf jedhee
iyyee ajjeefamu akkan waan hinagarree callisan.
Kan isaanii
(alagaan) callise qofti nama hindinqu. Oromoonis kan saamicha qabeenyafi
saamicha lafaa kanatti hirmaachaa jiran lakkoofsa hinqaban. Warri biyya keessaa
malaammaltummadhan Tigree waliin hiriiranii daldaltoota lafaa ta’anii qotee
bulaa sossobanii, dorsisanii, boruu mootummaan sirraa fudhataa gurguri jedhanii
lafa sanyii isaanii qircacha jiran hedduudha. Oromoon alarraa galanii saamicha
Tigree kanatti hirmaataa jiran (Disapora) hedduutu jira. Yeroo biraa qabsaa’aa
fakkatu, isaan malee waayen qabsoo oromoo hinta’u asumaan immoo Burayyuu,
Sandaafa, Dukam, Galaan, Finfinnee keessaa lafa saamichaan gurguramaa jiru kana
saaman. Diinni gaafa saamu waliin saamu.
DHDUO
(OPDO) akka waan gaarii gootee barsiisotafi hojjettoota Oromoo ta’aniif lafan
qooda jetti. Ajab! Lafti kuni kan eenyuti qoodanii? Eenyurraa fuudhanii, eenyuf
kennuu? Inni saamichaa mitii? Yoo Oromoo ta’e saamun isaaf hayyamama
jechuudhaa?
Gaafii
hunduu akka waan hinbeeknee irra utaalu kana mee haa kaafnu. Oromoo yoo ta’e lafa
qotee bulaa Ollaa Finfinnee saamun isaaf hayyamamaa? Maasaa Xaafii abbaa tokkoo
keessatti mana ijaarrachuu eenyutu isaanif hayyame? Samicha addaa burree
hinqabu.
Dhimmi kana
mediyaan keenya hinqaana’inaa, yoo mana saamichaan ijaarame qabaattanis
himatanii cubbuu bahuu wayyaa. Kaasaa haa hasofnuu. Boru rakkoo qabaa.