Har’aa
Gootummaan Biyya keessatti argaa fi dhaga’aa jirru, akka sabaatti itti boonna.
Gammachuun nu mirqaansaa jira.Dhiigni wareegamtootaa bilaashatti akka hin
hafnee nu abdachiisa. Qabsaa’oonni Umurii isaanii guutuu saba kanaaf of kennan
keessi isaanii boqonnaa argachuun haqa. Dadhabbiin isaanii sadarkaa kanarra
ga’uutti ni gammadu. Dhalooti qabsoo kana dhaalaa jirus, rakkoo hedduu keessa
dabranii har’arra ga’utti hamilee guddaa keessa jiru. Gumaa ka nu baasuu kumaa
kitilaan horachuu keenyatti , abdiin guutameerra. Qabsoo akka nama tokkotti
gaggeeffamaa jiru kanarra ga’uuf, wareegama waa hundaa itti baafneerra. Akka sabaatti,
Har’arra dhaabbannee hegaree keenya wayita tilmaamnuu, hegareen keenya shakkii
tokko malee harka keenya jiraachuu ifatti mirkaneeffanna. Waan barbaannee yeroo
barbaanneetti raawwachuu akka dandeenyu dhugeeffanna. Kana tikifannee isa
caalutti tarkaanfachuun ammoo murtee keenyadha.
Qabsoon
gaggeeffachaa jirru sadarkaa irra ga’ee beekuuf, xiinxalaa ykn beektoota
barbaachaa hin dhaqinuu. Yeroon isaa dabreera. Dhala Oromoo hundatu deebii itti
kennuu danda’aa.kana ibsuuf karaa walitti hin dhiphifnuu. Nuuti Gootoonni waan
hojjatan qofa dubbachuuf wayita sardamnutti Ijoolleen Qubee Lubbuu nu wareeguuf
wal danquu qalbifachuu nu feesisa. Dhaloota gonkumaa Imaanaa abbootii isaa hin
sharfnee ijaaree jiraachuu ijaan argaa jirra. Qabsoon har’aa sadarkaa sabaatti
gaggeeffamaa jiru, addatti bara 2000 irraa kaasee haalaan jabaachaa dhufee,
dhaloota hin boorofnee dhalchee jira. yoo xiqqaatee labsii yeroo gabaabaadhaan,
ykn waamicha yeroo gabaabaadhaan kaayyoo tokkof hiriirsuu fi Hogganamuu irra
geenyee jirra. Kanarra ga’uuf adeemsa dheeraa deemamee jira. Ilmaan Oromoo
qaqqaalii itti dhabneerra. Qabeenyaa fi beekumsa akkasumas, humna dhala Oromoo
itti dhabneerra. Kanaaf kabajaa qabnaa. Kanaaf waan bubuutuu irra , waan
gurguddaa faarsuu jaalanna.
Qabsoo
keessatti bu’aa ba’ii hedduutu jira. Bu’aa ba’ii kana dandamatanii Qabsoo kana
asiin ga’uun waan laafaa miti. Qabsoo keessatti Ummata Ijaaruun bakka ol aanaa
qaba. Humna ummataa qopheessuun murteessaadhaa. Oromoon har’aa kana mirkaneeffatee
jira. Dhalootaa fi saba diinaaf duubatti hin jennee ummachuuf yeroo gaafata.
Kanas Oromoon sadarkaa dhumaarra ga’eera. Ilmaan Oromoo dachee kana irra jiran ,
kanneen diina jala jiran dabalatee, Oromoon mirgi isaa sarbamee jiraachuu
irratti waliif galu. Irra jireessi ammoo mirga Oromoon sarbamee kana waan
barbaachisu kafalee deeffachuuf kunoo murannoon hiriiree jiraachuu Biyya
keessaa mirkanaa’ee jira. Biyya keessatti kaabaa kibba, bahaa dhihaatti dhaamsi
waliif dabree gootummaan raawwatamaa jiru, Qabsoon boqonnaa haaraatti ce’ee,
Injifannootti dhihaachaa jiraachuu nu mirkaneessa.
Oromoon
har’aa tokkummaa dhabnee jedhee of hin qeequ. Hin gaabbu. Humna wal hin buusuu.
Kana irra aannee, irra jireessa Ummata keenyaa waamicha ifaan hiriirsuu
dandeenye jirra. Deebiin argatamee kun ammo Tokkummaa nuuti hawwiinu dhugoomuu
mirkaneessa. Oromoon Biyya Aabbaa isaa irratti falmachaa jira. Biyya biraa
deemee bilisa of hin baasuu. Kanaaf kan ofirraa kaasuu ykn ofirraa baasuu diina
qofaadhaa. Kana ega raawwatee booda Biyya isaa irratti bilisummaa isaa labsata.
Seeraa fi heera isaa deeffata. Ofiin of Bulcha. Akka ammaa argaa jirrutti OPDO
FI AGAAZII ari’ee Bilisummaa isaa labsata. Qabeenyaa isaa irratti abbummaa waan
qabuuf barbaade cufee , barbaaduu banee abbummaa isaa ittin ibsata. Qabeenyaa
keenya irratti nuutu abbaadhaa. Manakoo cufachuu fi dhiisuun mirgaa fi dirqama
kiyya. Beela’uu fi dheebochuu of irratti murteessee Bilisummaa kiyya
deeffachuuf murachuun mirga kiyya malee, abbaan fedhee dhuftee kan nurratti
ajajju miti. Kanatu biyya keessatti dhugoomaa
jira. Qabeenyaa keenya cufuun ykn dhaabuun mirga keenya akkuma ta’ee,
banuufis mirga guutuu akka itti qabnuu, hubachiisuun hojii nu eeggatuudhaa.Qabsoo keessatti
jarjartiin haalaan hamtuudhaa. Naamuusa har’aa arginuu kanaan masakamanii waa
hundaa diina hubachiisaa deemanii tarkaanfii isa dhumaaf of qopheessuun haalaan
barbaachisaadhaa. Yeroo hundaa karaa wareegama ol aanaa nu hin kafalsiifnee
filannee deemuun hedduu barbaachisaadhaa. Wayyaanee caalaatti waan saaxilutti
afeeraa, injifannoo galmeesisaa deemuun gootummaadhaa.
Har’aa
hidhaa fi ajjeechaan qaama nuuf ta’ee itti seenerra. Kaleessa ammo akkas hin
turre. Dhalootaa fi saba akkasii ijaaruu irratti yeroon fudhatamee waan taphaa
mitii. Ifaajjii qabaatuus milkaa’eera. Ummati keenya sadarkaa amma irra jiru
irraa duubatti akka hin deebinee tikifachuun
hedduu barbaachisaadhaa. Har’aa diinatu dhiphataa jira malee Oromoo
miti. Wayyaaneen humna qofaan jirtii. Siyaasaan fixattee jirti. Humna kana
humnumaan irra aanna. Humna kana ummachuuf ammoo adeemsi fagoon deemamee
milkaa’aa jira. Ummata waliif birmatu ijaaruun yeroo fudhateera. Durumaanu kan
wayyaanee irraa fagoo jiru mitii, kan wayyaaneetti dhihoo jiru iyyuu haala jiru
hubateera. Wareegamaa fi sochiin keenya gama kamiinuu fi qaama kamiinuu
fudhatama argateera. Gabrummaa jala jiraachuun keenya mirkanaa’ee jira.
Gabrummaa kana jalaa ba’uuf sochiin goonu hundumtuu kabajaa qabaata malee
shororkeessaa nu hin jechiisiisu.
Dhalooti
haaraan gama kamiinu haa ta’uu, yeroo barbaadeetti waan barbaade gochuun ifa
ta’eera. Ummati yeroo barbaanneetti nu waliin dhaabbachuu akka danda’uu mirkaneffanneerra.
Ummati Oromoo Mirga abbaa Biyyummaaf qabsoo hadhooftuu sa’aatii dhumaattillee
kan duuba hin deebinee ta’uun mirkanaa’eera. Kun injifannoo guddaadhaa.
Dhalooti Gumaa Ummata isaaf ba’uu kanatti ni jajjabaata. Saboonni biraa akka nu
waliin dhaabbatan jalqabbii argaa jirra. Shirri wayyaanee saboota biraa nutti
kaasuu fashaleera. Saboonni aantummaa isaanii nu ibsan ni caalu.
Har’aa
tilmaamaan dubbachaa hin jirru. bakka ga’uu qabnurra geenyee jirra. Kan itti
aanuu ammo qaamuuma isa ilaallatuutu sagantaa baasa. Sochiin Ummataa garuu
sochii itti aanuuf isa hundee akka ta’ee beekuutu barbaachisa. Kaleessa isa diina
waliin dhaabbatee karaa irraa maqisuuf murtee tokko hin qabnuu ture. Har’aa
garuu sanarra dabarree kan obboleessa isaaf hin taanee Oromoof hin ta’uu jennee
adabaa jirra. Kunimmoo bal’inaan itti fufuuf jira. Diinaan adeemsa keenya
hubachiisaa deemuun kaleessa maaliif guyyaa tokkotti hin haxaanuu jennee qophii
malee akka dubbannu nu akeekeera. Diina gara itti haxaa’anuu beeku barbaachisa.
Har’aa waan dursa kennamuufii qabuuf dursa kennu irratti wal dhaga’uu
keenyatti ykn waliif gallee dhaabbachuu
keenya nama boonsa. Qabsoo keessatti wanti hundii duubaa fi dura qabdii. Ummata
qaamaa qalbiin hin qophofnee ykn dhiiguma arguu rifatu qabattee lolatti seenuun
dansaa miti. Ummata qabsoo wareegama barbaadu irratti waliin hin dhaabbannee
qabattee qabsoo dhumaatti seenuun kufaatii hordofsiisa. Beektoota baayyee qabanaa jennee, waan xumura ta’uu jalqabarra ta’ee malee yoo
jennee badii keessaa hin baanee hordofsiisa. Ummata qawwee argee hin beekneetti
ykn gadi ba’ee sirna isa hacuucuu balaaleffachuu sodaatu keessa taatee lola
bane malee yoo jettee ummata ficcisiifta. humna umurii isaa guutuu hidhannoon
socha’uu fi ummata qawwee har’aa qabatee itti bobbaasuun injifachuuf miti.
Hawaasa addatti dhaloota qalbii tokko keessa jiru osoo hin ijaariin lollee
malee jechuun kasaaraa isaatu caalaa. Kanaaf har’aa gama hundaan Tumsi waliif
taasifamaa jiru, gadi fageenyaan kan irratti hojjatamaa ture ta’uu beekuutu
barbaachisa.
Kanaaf
Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi ala jiru waan kana hubatee ijaarsa isaa bifa
adda addaan itti fufu akka qabuu waliif dhaamuun barbaachisaadhaa. Hundumtuu
ga’ee isaa bakka jirutti ba’uuf of haa qopheessu. Humna Ummataa uamamee keessa
kan hin jirre, humna kana jiraachisuuf waan barbaachisu gochuuf of ijaaruu
qaba.
Wareegama
Biyya keessaa kafalamaa jiru irratti dantaa ofii gaggeeffachuuf yaaluun salphina
ofii argisiisa. Waan hin beekneetti ykn waan ta’uuf jiru osoo hin hubannee, waa
butachuuf jedhamee adeemsi taasifamu waa hedduu akka nu dhabsiisuu beekuu
barbaachisa. gam hundaan , adeemsa walii galaa irratti hirkifannee deemuu akka
qabnuu beekuun qabnaa. Wayyaaneen waan gaggeeffamaa jiru kana hidda isaa
argachuuf haalaan ifaajjaa jirti. Goknumaa bira hin geessu. Garuu sochiilee
kana waan gufachiisuu danda’aan irraa of qusachuun , waan gaggeeffamu kun akka milkaa’uuf gumaachuu ta’uu haa hubannu.
Dhaloota Gumaaf muratee kana milkeessuuf malee gufachiisuuf kan socha’uu
diinuma . Dhaloota Gumaa kana kunuunsuun haalaan barbaachisaadhaa. Qabsaa’oota
halkanii fi guyyaa ifaajjanii waan kana asi baasaniif gama hundaan gargaarsa
gochuun murteessaadhaa.
Marsaa 3ffaan kun yeroosaatti 4ffaa dhalchuun waan hin oollee. Guyyuu garaa
jabaachaa deemna. Murannoon keenya dabalaa deema. Gootummaan keenyas akkasuma.
Beela’uu fi dheebochuun, rakkachuu fi miidhamuun qaama nu ta’uu qabdii.
Gonkumaa karaa eegallee irraa hin deebinuu. Saba keenya guutummaatti qabsoo
kana keessatti hirmaachisanii, Qabsoo Ummata Oromootti dhageetti horuun
ammallee itti fufa. Hundumtuu qe’ee isaa qulqulleeffachuun isa xumuraa ta’uu
malaa of onneechiisaa. Daangaarraa gara gidduu galeessaatti, ykn gudduu
galeessarraa gara Daangaatti diina furgaasuun , hammeenyu diinaa irratti
hundaa’aa qaamaa qalbii itti qophaa’aa.
Magaalaa
fi baadiyyaatti gammachuu hin qabnuu beeksifadhaa. Diinaa fi bitamtootaa gandaa
fi bakkuma jirtanitti murannoo keessan bifa adda addaan itti mul’isaa. Sochii
Ummata keenyaa kan deeggaree fi kabajee kabajaa tikisaa. Gargaaraallee.
Galateeffadhaa. Murtee keenyaaf kabaja kan qabuu kabajaa. Isa didee garuu
boqonnaa dhawwaa. Karaa isaa itti argisiisaa. Jarjarree waan aariin raawwannu
haalaan nu miidhaa of eeggadhaa. Biyya keenya irratti of kabachiisuun
kabajaadhaanii. Isa kabajaa wallaalee yerooma itti eegaa .”DHALOOTI GUMAA ” dhaloota aarii fi jarjartiin socha’uu miti.waan harka
keenya keessa jiruun qabsoo keenya finiinsina. QABSOO UMMATAA WALII GALAAF
ADEEMSA KEENYA HAA JABEEFFANNU !!! WAAN DURA RAAWWACHUU YKN UMMACHUU QABNUU HAA
RAAWWANNU.
HORAA BULAA !!!