Tuesday, August 1, 2017

DHUKAASNII ELEMOO…QEERROO HIN HANQATU!

SEENAA  Y.G (2005) kutaa 3ffaa
Har’aa, Dhimma Qabsoo keenya irratti kaa dubbachuu qabnuu , yaada tokko qofa. Qabsoo biyya  keessaa wayyaanee hudhee qabee jiruu fi guyyu jabaachaa jiru keessatti qooda nurraa eegamuu akkamiin jabeesinaa ? inni alaas sagalee biyya keessaa dhaga’amuu akkamiin addunyaa dhageesifnaa ? Darbees qabsoo kana keessatti akkamiin qaamaa qalbii gumaacha keenya  hojiin argisiifnaa jennee  akka dhuunfaattis ta’ee garetti, dabrees akka sabaatti wal gaafannee seenaa keenya tolchuu qofaadhaa.  Bilisummaan Oromoo kan hin hafnee ta’uu wareegama Ilmaan Oromoon mirkanaa’ee jira. Har’a yerootti waamichaan wal sardinuu miti. Inni Biyya alaa jiru waan irraa eegamuu hundaa raawwachuun dirqama. Inni biyya keessaa sochii jiru caalaatti jabeessuuf karaa isaaf danda’amee hundaan qabsoo kanaaf tinnisuu gaafata. 
Dhalli Oromoo hololaan jeeqamuu fi sodaachuu, akkasumas yaadda’uu keessaa ba’ee, waan gochuu qabu hundaa raawwachuuf gama hundaan of qopheessuu qaba. Qabsoo Biyya keessaa gama hundaan finiinaa jiru, carraa Oromoo boriif ykn hegaree Oromoof murteessaadhaa. Waan amma jiru irraa dubatti deebinaan, barabaraanu lafaa hin kaanu. Wareegama Ulfaataa yoo nu gaafatellee kafallee keessa dabruun dirqama. Kana booda wareegama hegaree keenyaaf baafnuutuu, isa dubatti deebinee kafallurraa xiqqaata. Kanaaf , dhalli Oromoo waan hegaree Oromoof barbaachisu ajaja tokkollee osoo hin eeganee raawwachuuf of qopheessuun barbaachisaadhaa.
Har’a warra haqa qabnuu osoo hin taanee basaastotatu hegaree isaaniif yaadda’uu qaba. Bakki har’a irra jirru hedduu amansiisaa fi duubatti kan hin daabineedha. Kana eenyullee amanee itti seenuu qaba. Wayyaaneef obsii fi yeroon kennamee daangaa isaa dabree, ofiin dubbachuu eegaleera. Gola wayyaanee kamuu keessa ni jirra.
Qindoominni qabsoo biyya keessaa wayyaanee human buusisee jira. Ummata kana duubatti deebisuun akka hin danda’amnee wayyaanee dura addunyaan hubattee furmaata hatattamaa waan jedhan eegalanii jiru. Wareegamni gootoonni keenya bifa hundaan baasaa jiran, wayyaanee qawween amantu boquu cabsisiisaa jira. Humnaan ummata Oromoo dura dhaabbachuun hegaree keenyaaf hin toluu jedhanii bakka lamaa fi saditti qoodamanii sababaa adda addaan wal hidhaa jiru. Haala walii gala ijaan daawwachaa jirru waliin of qopheessuu fi hojii keenya hegaree illee daballee waliin hojjachuun hedduu hedduu barbaachisaadhaa.
1. Ilamaan Oromoo Biyya keessaa fi ala jiran, dirree siyaasaa irratti wal falmuu dhiisanii, qaama siyaasaa hundaaf abboomamuun barbaachisaadhaa. Hangamuu wal irraa fagaatanii jiran, waan gochuuf yaadan waliin mari’achuun hedduu barbaachisaadhaa. Waan wal gufachiisuu irraa of qusachuun, wareegama biyya keessaa kafalamaa jiruuf kabajaa qabaachuu ta’uu mirkaneessuudhaa.
2. Akka beekumsaa fi dandeettitti gurmaa’anii waan gumaachuu barbaadan, Qabsaa’oota dhugaan qabsoo kana gaggeessaa jiran fi qaamoota siyaasaan mari’achaa waliin tarkaanfachuun murteessaadhaa.
3. Abbootiin seeraa fi dhaabbileen mirga dhala namaa adda addaa, falmaa dirree mana murtii addunyaa fi biyya keessaa, akkasumas, falmaa seeraa Oromoon boruu gaggeeffatuuf qaamoota siyaasaan waliin mari’atanii qophii bal’aa gochuu isaan barbaachisa.
4. Beektoota, xinxaltoota, akitivistoonni kkf hundi fiigicha dhuunfaa fi nam-tokkee irraa dhaabbatanii sagantaa siyaasaa walii gala gaggeeffamaa jiru keessatti hammatamanii sochii isaanii bu’aa Oromoo irratti qindeeffachuu qabu.
5. Miidiyaaleen hundinuu galii qabsoo Oromoo shaffisaan tarkaanfataa jiruuf dursa kennanii akksumas, dhaabbilee siyaasaa sagantaa walii galaan gaggeeffamaa jiru waliin hidhata godhatanii haala hojiilee diina irratti hojjataman haala gidduu galeessummaa eeggateen gaggeeffachuun dirqama taati. Odeeffannoo walii laachuu fi quba wal qabsiisuuf adeemsa miidiyaa keenyaa gama tokkotti lucceesinee qabsoo biyya keessaaf dursa kenninee hojjachuu fi qindeeffachuu gaafata.
6. Ilmaan Oromoo qabsoo gaggeeffamu keessatti qooda yoon fudhee bu’aan buusa ykn qabsoo kanatti yoon deebi’ee gumaacha olaanaan gumaacha jedhee kan itti amanuu hundaa ifatti qaamoota isaan ilaallatuun mari’atanii, qabsoo daa’immanii fi maanguddoon gootummaan wareegama itti baasaa jiranitti kabajaa horuuf haa hojjannu.
7. Dhalli Oromoo hundi haxxummaa barachuu qaba. Iccitii eeguu fi human ofii golguuf, gama hundaan wali jaarree humna waliif ta’uuf halkanii guyyaa hojjachuu nu barbaachisa.
8. Sochiin Biyya keessaa kana caalaa hammaachaa fi ulfaachaa deemuun waan hin hafnee. Kanaaf gamanumaa gama hundaan of qopheessuu barbaachisaadhaa
9. Qabsoo walii galaa waan hin hafnee. Sochii kana keessa garuu dogoggorri bifa kamiituu akka hin jiraanneef, sochii miiraan guutamanii gaggeessan irraa of qusachuu.
10. Humnaan jabaachaa dhufuun keenya diina abdii kutannaatti ceesisuu danda’aa. Abdii kutannaa booda saboota nutti kaasuu fi shira hojjachuun itti fufu mala. Kanaaf xiyyeeffannaa keenya adda baafannee hanga dhumaatti, humna rukuchuu qabnuu balleessuudhaa. Shiraa fi dabnii saboota bicuu jiraachuu mala. Haata’uuti, isaaniin dadhabsuun mootumicha kuffisuu hin taatuu. Sirnicha kaasuuf, hidduuma sirnichaa ciruutu furmaata.
11. Hojjattoonni fi abbootiin qabeenyaa qaamaa qalbiin qophaa’uun dansaadhaa. Sa’aatii dhumaa irratti maal gochuu akka qaban akka dansaatti beeku qabu. Qabeenyaa ykn yoon midaakaa dhabee jedhanii moggaa dhaabbatanii ilaaluun wal taajjabbii boriif akka teessu bekuu qaban.

Walumaa galatti karaa nuti eegallee jirru, xumura irra ga’uu mul’isaa jira. Miidhaan wayyaanee ummata keenya guutummaatti kaasuuf foolachaa jira. Sochii kanatti ka nu galchuu badima diinaati. Filannoo biraa hin qabnu. Sochii kanatti seennaan ammo galii keenya mirkaneeffachuu qabnaa malee, dogoggorri umamee, warra kolfaa taanee, diinni akka nurratti sirbituu taasisuun fafa. Wayyaanee Ihaadeeg gonkumaa sadarkaa of amanurra hin jiru. Miidiyaan of mookisaa jiru. Nuutu isaan irra jabaataa jira. Isaan akka siyaasaatti ol ba’anii gadi deebi’aa jiru. Nuuti ammo ol ka’aa jirra. Kanaaf bakka yaadinee malee duubatti hin deebinu. Dheekkamsi keenya wayyaaneef ga’aadhaa haa jabaannu.
Waan qabsoo keenya laaffisan hundaa irraa of haa qusannu. Gama hundaan itti gaafatamummaan nutti haa dhaga’amuu. Kanaaf qabsoo Oromoo Gootoota Oromoon gaggeeffamaa jiru cinaa dhaabbattee, bilisummaa kee dhadhamtee mi’eeffachuuf of qopheessi. Dhimma kee ofiin raawwadhuu. Waan maraa manatti hin dheeggatiin. Seenaa ijoollee keef himtuu hojjadhuu. Yeroo isaatuu ga’aa jiraa, kanaafan DHUKAASII ELEMOO QEERROO HIN HAQATUU JEDHEE! Dhugaan dubbachaan jira. Sochiin kun ka warra muratootii. Kan warra umurii guutuu qabsichatti cichanii dhaloota haaraa Qeerroo, Qarree, jajjabee, Qeerreensoo, human furgaatuu, qabbaneessituu, Ibsituu, finciltuu,kkf jedhanii dhaloota akka sibiilaa gadi dhaabaniiti. Hin socha’u! Hin daddaaqamuu? Boodatti hin deebi’uu! Hin laafatuu!! Abdan hin dhaabbatu! Hanga ijikee agartuu qofaa hin yaadiin! waan ta’uuf jiru gonkumaa sammuukeen kan tilmaamtuu  mitii. Ceephuu hegaree har’aa buufadhuu sochii finiinu keessatti of bobbaasii.
Horaa bulaa!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...