Sunday, August 27, 2017

DHALOOTI GUMAA” HUNDEE GADI DHAABEERA

SEENAA  Y.G (2005)

Har’aa Gootummaan Biyya keessatti argaa fi dhaga’aa jirru, akka sabaatti itti boonna. Gammachuun nu mirqaansaa jira.Dhiigni wareegamtootaa bilaashatti akka hin hafnee nu abdachiisa. Qabsaa’oonni Umurii isaanii guutuu saba kanaaf of kennan keessi isaanii boqonnaa argachuun haqa. Dadhabbiin isaanii sadarkaa kanarra ga’uutti ni gammadu. Dhalooti qabsoo kana dhaalaa jirus, rakkoo hedduu keessa dabranii har’arra ga’utti hamilee guddaa keessa jiru. Gumaa ka nu baasuu kumaa kitilaan horachuu keenyatti , abdiin guutameerra. Qabsoo akka nama tokkotti gaggeeffamaa jiru kanarra ga’uuf, wareegama waa hundaa itti baafneerra. Akka sabaatti, Har’arra dhaabbannee hegaree keenya wayita tilmaamnuu, hegareen keenya shakkii tokko malee harka keenya jiraachuu ifatti mirkaneeffanna. Waan barbaannee yeroo barbaanneetti raawwachuu akka dandeenyu dhugeeffanna. Kana tikifannee isa caalutti tarkaanfachuun ammoo murtee keenyadha.
Qabsoon gaggeeffachaa jirru sadarkaa irra ga’ee beekuuf, xiinxalaa ykn beektoota barbaachaa hin dhaqinuu. Yeroon isaa dabreera. Dhala Oromoo hundatu deebii itti kennuu danda’aa.kana ibsuuf karaa walitti hin dhiphifnuu. Nuuti Gootoonni waan hojjatan qofa dubbachuuf wayita sardamnutti Ijoolleen Qubee Lubbuu nu wareeguuf wal danquu qalbifachuu nu feesisa. Dhaloota gonkumaa Imaanaa abbootii isaa hin sharfnee ijaaree jiraachuu ijaan argaa jirra. Qabsoon har’aa sadarkaa sabaatti gaggeeffamaa jiru, addatti bara 2000 irraa kaasee haalaan jabaachaa dhufee, dhaloota hin boorofnee dhalchee jira. yoo xiqqaatee labsii yeroo gabaabaadhaan, ykn waamicha yeroo gabaabaadhaan kaayyoo tokkof hiriirsuu fi Hogganamuu irra geenyee jirra. Kanarra ga’uuf adeemsa dheeraa deemamee jira. Ilmaan Oromoo qaqqaalii itti dhabneerra. Qabeenyaa fi beekumsa akkasumas, humna dhala Oromoo itti dhabneerra. Kanaaf kabajaa qabnaa. Kanaaf waan bubuutuu irra , waan gurguddaa faarsuu jaalanna.
Qabsoo keessatti bu’aa ba’ii hedduutu jira. Bu’aa ba’ii kana dandamatanii Qabsoo kana asiin ga’uun waan laafaa miti. Qabsoo keessatti Ummata Ijaaruun bakka ol aanaa qaba. Humna ummataa qopheessuun murteessaadhaa. Oromoon har’aa kana mirkaneeffatee jira. Dhalootaa fi saba diinaaf duubatti hin jennee ummachuuf yeroo gaafata. Kanas Oromoon sadarkaa dhumaarra ga’eera. Ilmaan Oromoo dachee kana irra jiran , kanneen diina jala jiran dabalatee, Oromoon mirgi isaa sarbamee jiraachuu irratti waliif galu. Irra jireessi ammoo mirga Oromoon sarbamee kana waan barbaachisu kafalee deeffachuuf kunoo murannoon hiriiree jiraachuu Biyya keessaa mirkanaa’ee jira. Biyya keessatti kaabaa kibba, bahaa dhihaatti dhaamsi waliif dabree gootummaan raawwatamaa jiru, Qabsoon boqonnaa haaraatti ce’ee, Injifannootti dhihaachaa jiraachuu nu mirkaneessa.
Oromoon har’aa tokkummaa dhabnee jedhee of hin qeequ. Hin gaabbu. Humna wal hin buusuu. Kana irra aannee, irra jireessa Ummata keenyaa waamicha ifaan hiriirsuu dandeenye jirra. Deebiin argatamee kun ammo Tokkummaa nuuti hawwiinu dhugoomuu mirkaneessa. Oromoon Biyya Aabbaa isaa irratti falmachaa jira. Biyya biraa deemee bilisa of hin baasuu. Kanaaf kan ofirraa kaasuu ykn ofirraa baasuu diina qofaadhaa. Kana ega raawwatee booda Biyya isaa irratti bilisummaa isaa labsata. Seeraa fi heera isaa deeffata. Ofiin of Bulcha. Akka ammaa argaa jirrutti OPDO FI AGAAZII ari’ee Bilisummaa isaa labsata. Qabeenyaa isaa irratti abbummaa waan qabuuf barbaade cufee , barbaaduu banee abbummaa isaa ittin ibsata. Qabeenyaa keenya irratti nuutu abbaadhaa. Manakoo cufachuu fi dhiisuun mirgaa fi dirqama kiyya. Beela’uu fi dheebochuu of irratti murteessee Bilisummaa kiyya deeffachuuf murachuun mirga kiyya malee, abbaan fedhee dhuftee kan nurratti ajajju miti. Kanatu biyya keessatti dhugoomaa  jira. Qabeenyaa keenya cufuun ykn dhaabuun mirga keenya akkuma ta’ee, banuufis mirga guutuu akka itti qabnuu, hubachiisuun  hojii nu eeggatuudhaa.Qabsoo keessatti jarjartiin haalaan hamtuudhaa. Naamuusa har’aa arginuu kanaan masakamanii waa hundaa diina hubachiisaa deemanii tarkaanfii isa dhumaaf of qopheessuun haalaan barbaachisaadhaa. Yeroo hundaa karaa wareegama ol aanaa nu hin kafalsiifnee filannee deemuun hedduu barbaachisaadhaa. Wayyaanee caalaatti waan saaxilutti afeeraa, injifannoo galmeesisaa deemuun gootummaadhaa.
Har’aa hidhaa fi ajjeechaan qaama nuuf ta’ee itti seenerra. Kaleessa ammo akkas hin turre. Dhalootaa fi saba akkasii ijaaruu irratti yeroon fudhatamee waan taphaa mitii. Ifaajjii qabaatuus milkaa’eera. Ummati keenya sadarkaa amma irra jiru irraa duubatti akka hin deebinee tikifachuun  hedduu barbaachisaadhaa. Har’aa diinatu dhiphataa jira malee Oromoo miti. Wayyaaneen humna qofaan jirtii. Siyaasaan fixattee jirti. Humna kana humnumaan irra aanna. Humna kana ummachuuf ammoo adeemsi fagoon deemamee milkaa’aa jira. Ummata waliif birmatu ijaaruun yeroo fudhateera. Durumaanu kan wayyaanee irraa fagoo jiru mitii, kan wayyaaneetti dhihoo jiru iyyuu haala jiru hubateera. Wareegamaa fi sochiin keenya gama kamiinuu fi qaama kamiinuu fudhatama argateera. Gabrummaa jala jiraachuun keenya mirkanaa’ee jira. Gabrummaa kana jalaa ba’uuf sochiin goonu hundumtuu kabajaa qabaata malee shororkeessaa nu hin jechiisiisu.
Dhalooti haaraan gama kamiinu haa ta’uu, yeroo barbaadeetti waan barbaade gochuun ifa ta’eera. Ummati yeroo barbaanneetti nu waliin dhaabbachuu akka danda’uu mirkaneffanneerra. Ummati Oromoo Mirga abbaa Biyyummaaf qabsoo hadhooftuu sa’aatii dhumaattillee kan duuba hin deebinee ta’uun mirkanaa’eera. Kun injifannoo guddaadhaa. Dhalooti Gumaa Ummata isaaf ba’uu kanatti ni jajjabaata. Saboonni biraa akka nu waliin dhaabbatan jalqabbii argaa jirra. Shirri wayyaanee saboota biraa nutti kaasuu fashaleera. Saboonni aantummaa isaanii nu ibsan ni caalu.
Har’aa tilmaamaan dubbachaa hin jirru. bakka ga’uu qabnurra geenyee jirra. Kan itti aanuu ammo qaamuuma isa ilaallatuutu sagantaa baasa. Sochiin Ummataa garuu sochii itti aanuuf isa hundee akka ta’ee beekuutu barbaachisa. Kaleessa isa diina waliin dhaabbatee karaa irraa maqisuuf murtee tokko hin qabnuu ture. Har’aa garuu sanarra dabarree kan obboleessa isaaf hin taanee Oromoof hin ta’uu jennee adabaa jirra. Kunimmoo bal’inaan itti fufuuf jira. Diinaan adeemsa keenya hubachiisaa deemuun kaleessa maaliif guyyaa tokkotti hin haxaanuu jennee qophii malee akka dubbannu nu akeekeera. Diina gara itti haxaa’anuu beeku barbaachisa. Har’aa waan dursa kennamuufii qabuuf dursa kennu irratti wal dhaga’uu keenyatti  ykn waliif gallee dhaabbachuu keenya nama boonsa. Qabsoo keessatti wanti hundii duubaa fi dura qabdii. Ummata qaamaa qalbiin hin qophofnee ykn dhiiguma arguu rifatu qabattee lolatti seenuun dansaa miti. Ummata qabsoo wareegama barbaadu irratti waliin hin dhaabbannee qabattee qabsoo dhumaatti seenuun kufaatii hordofsiisa.  Beektoota baayyee qabanaa jennee,  waan xumura ta’uu jalqabarra ta’ee malee yoo jennee badii keessaa hin baanee hordofsiisa. Ummata qawwee argee hin beekneetti ykn gadi ba’ee sirna isa hacuucuu balaaleffachuu sodaatu keessa taatee lola bane malee yoo jettee ummata ficcisiifta. humna umurii isaa guutuu hidhannoon socha’uu fi ummata qawwee har’aa qabatee itti bobbaasuun injifachuuf miti. Hawaasa addatti dhaloota qalbii tokko keessa jiru osoo hin ijaariin lollee malee jechuun kasaaraa isaatu caalaa. Kanaaf har’aa gama hundaan Tumsi waliif taasifamaa jiru, gadi fageenyaan kan irratti hojjatamaa ture ta’uu beekuutu barbaachisa.
Kanaaf Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi ala jiru waan kana hubatee ijaarsa isaa bifa adda addaan itti fufu akka qabuu waliif dhaamuun barbaachisaadhaa. Hundumtuu ga’ee isaa bakka jirutti ba’uuf of haa qopheessu. Humna Ummataa uamamee keessa kan hin jirre, humna kana jiraachisuuf waan barbaachisu gochuuf of ijaaruu qaba.
Wareegama Biyya keessaa kafalamaa jiru irratti dantaa ofii gaggeeffachuuf yaaluun salphina ofii argisiisa. Waan hin beekneetti ykn waan ta’uuf jiru osoo hin hubannee, waa butachuuf jedhamee adeemsi taasifamu waa hedduu akka nu dhabsiisuu beekuu barbaachisa. gam hundaan , adeemsa walii galaa irratti hirkifannee deemuu akka qabnuu beekuun qabnaa. Wayyaaneen waan gaggeeffamaa jiru kana hidda isaa argachuuf haalaan ifaajjaa jirti. Goknumaa bira hin geessu. Garuu sochiilee kana waan gufachiisuu danda’aan irraa of qusachuun , waan gaggeeffamu kun  akka milkaa’uuf gumaachuu ta’uu haa hubannu. Dhaloota Gumaaf muratee kana milkeessuuf malee gufachiisuuf kan socha’uu diinuma . Dhaloota Gumaa kana kunuunsuun haalaan barbaachisaadhaa. Qabsaa’oota halkanii fi guyyaa ifaajjanii waan kana asi baasaniif gama hundaan gargaarsa gochuun murteessaadhaa.
Marsaa 3ffaan kun yeroosaatti  4ffaa dhalchuun waan hin oollee. Guyyuu garaa jabaachaa deemna. Murannoon keenya dabalaa deema. Gootummaan keenyas akkasuma. Beela’uu fi dheebochuun, rakkachuu fi miidhamuun qaama nu ta’uu qabdii. Gonkumaa karaa eegallee irraa hin deebinuu. Saba keenya guutummaatti qabsoo kana keessatti hirmaachisanii, Qabsoo Ummata Oromootti dhageetti horuun ammallee itti fufa. Hundumtuu qe’ee isaa qulqulleeffachuun isa xumuraa ta’uu malaa of onneechiisaa. Daangaarraa gara gidduu galeessaatti, ykn gudduu galeessarraa gara Daangaatti diina furgaasuun , hammeenyu diinaa irratti hundaa’aa qaamaa qalbii itti qophaa’aa.
Magaalaa fi baadiyyaatti gammachuu hin qabnuu beeksifadhaa. Diinaa fi bitamtootaa gandaa fi bakkuma jirtanitti murannoo keessan bifa adda addaan itti mul’isaa. Sochii Ummata keenyaa kan deeggaree fi kabajee kabajaa tikisaa. Gargaaraallee. Galateeffadhaa. Murtee keenyaaf kabaja kan qabuu kabajaa. Isa didee garuu boqonnaa dhawwaa. Karaa isaa itti argisiisaa. Jarjarree waan aariin raawwannu haalaan nu miidhaa of eeggadhaa. Biyya keenya irratti of kabachiisuun kabajaadhaanii. Isa kabajaa wallaalee yerooma itti eegaa .”DHALOOTI GUMAA ” dhaloota aarii fi jarjartiin socha’uu miti.waan harka keenya keessa jiruun qabsoo keenya finiinsina. QABSOO UMMATAA WALII GALAAF ADEEMSA KEENYA HAA JABEEFFANNU !!! WAAN DURA RAAWWACHUU YKN UMMACHUU QABNUU HAA RAAWWANNU.
HORAA BULAA !!!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...