SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo diina miti, Oromoonuu duubatti deebisuu hin danda’uu. Oromoon Qabsoo shidamtee dhiisuun qaba jedhee osoo keessaa dhaabbatu yaaleyyuu, sochiin jiru dhaabbachuu hin danda’uu. Maaliif ? jennaan, bara Bilisummaa irraa fagoo jiruuyyuu hin dhaabbannee, Bilisummaatti dhihaatee dhaabbachuu waa hin dandeenyef. Qabsoo Ummata Oromoo maraa hirmaachisu kanarra ga’uuf wareegama Ulfaataa itti kafalle. Amna dheeraa deemne. Sochii har’aa kana uumuuf bu’aa ba’ii fi miidhaa gurguddaa liqimsinee bira dabarre. Har’a akka kaleessaa yoom akka ebaluu …..jennee hawwaa hin jirru. Yoomuma tokko taana ? jennee keessa keenyatti gooma’aa ykn komachaa hin jirru. waan yeroo dheeraaf yaadaa fi barbaachaa turre irra geenyee jirra. Dadhabbii waggaa 30 ol booda waan barbaannu irra geenyee jirra.Qabsoo Ummata Oromoo ykn gaaffiin Oromoo deebii akka hin argannee Oromoon gootummaan argisifachaa fi raggaasifataa jira. Waan barbaannu bira ga’uuf haala nama gammachiisuun daandii eegallee jirra.
Waan eegallee kana yoo kunuunsinee fi caalaatti sochii keenya hundaa dantaa keenya waliin Naamuusaan yoo gaggeeffannee , Injifannoon keenya dhihoodhaa. Dhalli Oromoo waan hubachuu fi jabiinaan irratti hojjachuu qabnuu qabxiilee 4 kaasuun barbaada. Bakka jirrutti halkanii fi guyyaa kan irratti hojjannuu, akka dhuunfaattis sabaattis kan irratti bobbaanu.
1. Hegaree HIWAATOOTAA FI TIGIROOTAA guutummaatti yaaddoo keessa galchuu,
2. Qabsoon keenya dhageetti akka argatuuf, Biyyoota wayyaanee utubaa jiran rifaasisuu
3. OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu, wayyaanee jalaa baasuu
4. Saboota cunqurfamoof jaalala addaa argisiisuudha.jedheen yaada.
1. Hegaree Hiwaatootaa fi Tigirootaa yaaddoo keessa galchuu,,
Akka walii galaatti qabsoon keenya jabaataa deemnaan , wayyaaneen shira saboota nurratti kaasuuf yaaluun fashallaan , tarkaanfiin itti aanu qabeenyaa horataniif yaadda’uutu dhufa.Biyya har’aa dhaadataniif kanarra dantaa dhuunfaa isaanii dursuutu itti fufa. Kun haqa. Qabsoon Ummataa jabaachaa deemnaan, waraanni itti abdatan aantummaan isaa Ummataaf ta’uun mirkanaa’aa akka deemuu ni beeku. Kanaaf, Madda qabeenyaa isaanii fi Kubbaaniyyoota isaanii kanneen ta’aan, Finfinnee, Hawaasaa , Bahirdaar, Adamaa, Dirree dhawaa, kkf irratti jabiinaan hojjachuu nu barbaachisa. Bifa addaan ammo Finfinnee fi Naannoo ishee guutummaatti hojiin alaa gochuun barbaachisaadhaa. Kan har’aa Naannoolee Ollaa keenya ta’an nutti kaasaa jirtuuf, qalbiin keenya gama sanatti akka deebi’uufiidhaa. Kana hubachuu nu feesisa.
2. Qabsoo keenyatti dhageetti Horuuf,
Qabsoon keenya dhageettii argachaa dhufuun haqa. Dhageettin kun kanuma dhaga’anii callisan ta’eera. Kanaaf yaaddeessaa ta’uu beeksiisuuf osoo hin jaalannee , Biyyoota akka Chaayinaa, Ingilizii, Ameerikaa, Jarman, Faransaayii, kkf, akka dammaqan gochuuf Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf itti yaadu barbaachisa. Keessattuu Ingiliziin humna nu fixaa jiru haalaan ijaaraa fi maallaqaan gargaaraa jirti. Ameerikaan gargaartus hanga tokko ibsayyuu irratti baaftii. Ingilizii fi chaayinaan garuu suduudaan dhumuu keenya hayyamanii irratti hojjachaa jiru. Kanaaf Dhabbadhaa jechuuf ykn nu dhaggeeffadhaa jechuuf karaa dheeraa hin yaadinuu itti haa yaadinu.kubaaniyaa Oromiyaa keessaa qaban keessa ijoollee Oromoo 1000 oltu qacaramee hojjata. Kun carraa gaariidhaa dhimma itti haa baanu.
3. OPDO wayyaanee jalaa baasuu :
Shirri wayyaanee hangafummaan karaa OPDO raawwatamaa jira. Akkasuma kufaatii wayyaanee OPDO keessaan ta’uu akka maluu carraa hedduutu jira. sa’aatii dhumaattu taatu, OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu wayyaanee jalaa baasuun murteessaadhaa. Humnaanis ta’uu jaalalaan. Gorsaanis ta’uu, akeekkachiisaan. OPDOn qabsoon jabaachaa deemnaan galagaluun ishee hin hafu. Yeroo sanatti waan itti fayyadamuu dandeenyu hedduudhaa qalbiidhaa qabaadhaa. OPDO wayyaaneetti galagalchuun , ammuma qabsoon keenya jabaachaa deemee laafachaa deema.waan fagoottii hin argannee dhihootti argachuuf nu gargaara. Wayyaaneen OPDO qabattee seenuun ni dhaabbata. Dachee keenya keessatti argamuuf sababaa dhabdii. Kanaaf qabsoo keenya jabeeffachaa OPDO jalaa diiganii ofitti dabalachaa deemuun hedduu dansaa ta’aa. Inumaa duubarra wayyaaneen kufuu akka qabuu caalaatti kan barbaadan isaan ta’uu. Yoo ijifannee, Ummata keenya biraa galata argattu. Yoo wayyaaneen jiraattee ammo…….kanaaf kufaatii wayyaaneef hojjchuun waan hin hafnee. Kanaaf dantaa keenya ilaallachaa tarkaanfanna taanaan, isa qabsoo Ummataatti amanee ofitti dabalaa deemuun, waan nu laaffisuu hedduu qaba.
4. Saboota Cunqurfamoo ilaalchisaa :
Saboonni Oromiyaa keessa jiran yaadda’uun hin hafu. Wayyaaneen kanneen akka somaalee, adaree kkf Oromoon isin liqimsaa jechuun hin hafu. Kanaaf dantaa keenya dursina taanaan diina xiqqeessuun furmaata waan ta’uuf, Saboota hundaaf jaalala addaa kennuffin barbaachisaadhaa. Inumaa isaaniif wabii akka taanutti irrattti haa hojjannu.
Walumaa galatti wayyaaneen hojii nutti heddummeessuu yaalaa jirti. Kana malees, Hiwaatoonni saboota biraan nu rukuchuuf yaalaa jiru. Injifatamaniyyuu saboota biroon nu rukuchuu barbaadu.kasaaraa saboota biraan nurratti hojjachuu barbaadu. Kanaaf Oromoon kan yeroo kamirryyuu caalaa waa afuritti dhimma ba’uu qaba.
A. Baayyina isaatti dhimma ba’uu:
Baayyinni keenya lakkoofsaan qofa ibsamuu hin qabu. Hojiidhaanis akkasuma mirkanaa’uu qaba. Kanaaf baayyina keenyatti dhimma baanee, humnaan diinaa ol ta’uu mirkaneessuu qabnaa. Kunis kan ibsamu qabsoo eegalamee keessatti qooda fudhachuu kan ammaarraa daran jabeessuudhaan ta’aa
B. Oromoon Marti qe’ee isaa qulqulleessuu:
Waliif birmachuun akka jirutti ta’ee, Oromoon bakka jirutti qe’ee isaa qulqulleessuuf humnaa fi dandeetti akka itti qabuu beeksiisu qaba. Lafa isaa yoo dhuunfatee akkaataa itti of bulchuu irratti wal dhaggeeffatee itti fufuf qophaa’uu fi wal qopheessuu qaba.qe’ee keenya qulqulleessuu, diina wal harkaa fuudhanii mana isaatti qajeelchuu.
C. Toftaa sochii warraaqisaa wal faana gaggeessuu :
Wayyaanee rifaatuu kan seensisee jiru, Ummati Oromoo yeroo gabaabaa keessatti wal faanaa qabsoo gaggeeffachuu ykn qindeeffachuu danda’uurra ga’uudhaa. Kun jabiina keenya. Sochii har’aa itti jirru irraa gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabnuu.wareegama ulfaataa baasuu filachuu nu wayya. Kanaaf qabsoon kun gama hundaan gaggeeffamuun itti fufu qaba. Bifa isaa gegeeddaruu fi bakka isaa gaggeeddaruun , xiyyeeffannaa isaanii cabsuu ni danda’ama. Guutummaa Oromiyaa ergaan takkaa ka’uun filatamaadhaa. Yoo haala gara garaan mijatuu didee yoo xiqqaatee bakkootiin sadii qindaa’uu danda’uu. Gonkumaa diinaaf yeroo laachuun barbaaachisaa miti.
Qabsoon Oromoo kanarra jabaachuuf jira. Diina qofaa osoo hin taanee nuuti mataa keenya gama hundaan qophaa’uu barbaachisa. Toftaa adda addaa qopheessuu qabnaa. Haa jabaannu . gama hundaan itti haa qophoofnuu. Finfinnee irriiba dhawwuus haa eegalluu.
Hundeen gabronfataa achii . ITTI QIYYAAFADHAA.
HORAA BULAA !
No comments:
Post a Comment