Monday, September 11, 2017

Yeroo Oromiyaa baraarru yoomuu caalaa amma!

Asnaaqaa T. Irkoo tin

Miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaatifi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa jirtaniif;

Osoo teenyee dubbii fagootti laalluu rakkinni maatii keessaniif keenya biras gaheera, yeroo biyyaaf firroottan akkasumas maatii keessan cinaa dhaabbatan amma!
Tigroonni gorsaafi deeggarsa biyyoota hedduurraa argataniin, akkasumas qabeenyuma biyya Oromootin gorsitoota bitatanii aangorra turuufi biyya Oromoo balleessuf tooftaa qiyyaafatanii argaa jirra, jirtu.
Hamma ammaa namuu rakkoo halaalatti na bira hingeessu se’ee taa’ee fagootti laalaa ture. Oromoonis OPDO, ABO, OFC kkf jedhee garaa garummaa siyaasaa ofiitin farra nagayaa, ergamtuu alagaa waliin jedhee wal arrabsaa tureera.
Haata’u malee garuu tooftan Tigroonni amma Oromoo cabsuuf harka sadaffaa Sumaalota nutti bitte kuni haala hamaadha. Akkuma biyyi Sumaalee badde san nus balleessuf mala fi tooftaa hamaa qabatanii dhufan. Akkaatan adeemsa isaa suuta suuta gara lola amantii akka jijjiiramuu gochuuf haala deemaa jiruus odeffannoo jirurraa hubachuun nidanda’ama.
Tigroonni Sumaalee cinaa dhaabbachuudhan waraana Oromoofi saboota biraa bobbaasudhaan suuta suuta gara jiddu gala biyyaa seenaa akka deeman gochuuf qeeyyafattee jirti.
Haala amma deemaa jiru kanaan, yeroo dhiyootti waraanni Tigrootaa Sumaalee duuba dhokachuudhan godinoota adda addaa rukutaa, ummata keenya fixaa biyya Oromoo waraana hindhaabbanne keessa galchuuf deemu.
Yeroo kanatti DHDUOn, foolisiin Oromiyaafi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa jirtanis osoo hinyaadatin maatiii keenyaf keessan bira gahaa jira. Yeroo ammaa Harargee, Baale, Gujii fi Boorana keessa daangawwan rukutamaa jiru kana keessa miseensoonni DHDUO, Foolisi Oromiyaafi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa jiran maatin keessan tuqame hinjiruu? Firoottan keessan dhumaa jiran hinjiranii? Takka turee warri haftan kan jiddu gala Oromiyaa keessaa maatiii qabdan biras gaha. Osoo isin mootummaa Tigreetif amanamoo taatanii tajaajiltanii, haala jiru hinhubatin ykn na bira hingahu seetanii teessanuu kan weeraramtan of agartan.
Karaa biraatin maal ilmaan Tigrootaa ummata keessan duratti ciibsitee yoo isin garaftu argaa hinjirruu? Cinnaksanitti, Mi'eessotti darabooowwan keessaan Foolisii Oromiyaa tumaniii yoo harka caccabsan kunoo waan dhoksaa miti. Biyya keessanirratti ilmaan saba bicuu isin salphisaa, xiqqeessaa jirti. Ummata keessan birattis tajaajila halagaaf malee saba keessaniif hinkennitanii jedhamee waqqafamaa jirtu. Egaa kana keessaa filachuun isinitu murteessa.
Kuni haala qabatamaa lafa jirurraa ka’uun waan argaa jirru malee raaga waan dhufaa jiru raagudhaanii miti. Sumaalen deeggarsa raayyaa waraanaa Tigrootafi meeshaa waraanaa gurguddaan deeggaramtee daaangaa qofatti dhaabbachuu hinheddu, haala deemuu jirtuufi waraana duubaa biyya Sumaaletii as ergfachaa jirtuun tooftaa fagoo akka qaban mul’isa.
Yaa miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaa fi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa jirtan, Maati keessanifi biyya Oromiyaa kana baraaruf yeroo murteessaa ta’e kana keessattti walnyaachun hafee balaa aggaamame kana ofirraa qoluun yeroo isaa amma.  
Foolisii Oromiyaafi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa jirtan, kan lammii keessan yoo dhumu adoodudhaan irra gortanii ajjeefamtan, madooftan kabajaa guddaa isiniif qabna, akkuma maatii daangadhaa buqqa’aa jiru deeggarru maatii keessan cinaas dhaabbachuuf qophiidha. Kan motummaa kana ganee saba isaa cinaa dhaabbate martuu Oromoo biiratti akka kabajaa argatu deeggarsa maatii Konsitabel Musxafaa Huseenif godhamerraa agartanii jirtu.
Oromoota miseensa DHDUO, Foolisii Oromiyaafi Waraana Biyyooleessaa keessa jirtan; yeroon isin maatii keessanif Oromoota akkasumas Oromiyaa baraartan amma ta’uu akka hubattan. Gaafa dabarte martuu gaabbee hindeebisu. Wanni sabaaf maatii keessan isiniif caalu hinjiru. Mootummaan nikufa, barri nidarbaa, maatif aanan keessan akkasumas biyyi takka harkaa nama baate deebitee hinargamtu!
Oromoonni hafnes yeroo ammaa kan wal balaaleffachuu ta’uun hafee ilaalcha siyaasaa waliin obsaa saba keenyafi biyya keenya balleessuf diinni tooftaa haaraa nutti baase kana humna tokkoon ofirraa haa qollu.

Waaqayyo Oromoota qalbii haa kennu, wal nu haa dhageessisu!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...