Thursday, September 21, 2017

DHDUO qaxxaamura karaa seenaa irratti

Waliin dhabbannu humna taana, humna waliif taanu diina keenyarra oolla!

Egaa akkuma hundi keenyaa agarru diinni saba Oromoo hangafti har'a Wayyaannee ta'uun wal nama hingaafachiisu.
Wayyaanenis kan saba Oromoo cabsite waan Oromoon sodaatef ykn barnoota dhabeef ykn heddumina dhabeef osoo hintaane mala baafachuudhani. Malli isaan waggaa 30 dura dangaa Ertiraa taa'anii mala humna Oromoo ittiin adda facaasan baafatan suni waan xiqqaa hinturre.
Dhaaba maqaa Oromootin dhaabanii, ofiimmoo humna dhoowwanii akka barbaadanitti yeroo barbaadanitti nama Oromoof osoo hintaane isaaf hojjetu qofa achi teechisuun DHDUO fi ummata adda tiksaa turaniiru.
kanarraa kan ka'e sabni Oromoo hubannaan inni DHDUOdhaf qabaachaa ture warra alagaaf hojjetu jedheeti. Nama achi keessaa saba isaatif quuqame dafanii qorannoodhan achii ari'uun hidhuufi ajjeesun Wayyaanen hamma ammaa milkooftee turet. Milkiin suni garuu amma xumuramaa jira fakkaata.
Yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo DHDUO keessaa kan saba isaatif quuqaman baayyachaa waan dhufaniif dhaabni kuni quuqqaa saba isaa dubbachaa waan dhufeef sabboontotnni hedduun itti makamaa waan dhufaniif guyyoota kurna darban keessa qaxxaamura seenaa agarre. Ummannis yoo dhuguma saba keenya bira dhaabbattan isin bira jirra jedhee afaan guutee dubbate.
Amma kan hafe kaa DHDUO waan jedhan san hojiin mul'isuu qofa.
Hamma kana duraa kan agarre DHDUO waan ummata ofii shakkuuf ykn sodaatuf marii kamuu hinhayyamu ture, fedha ummataa hineegu ture. Halli amma jijjiiramaa jiru kuni garuu DHDUOdhaaf carraa hinargamne uumee jira. Hiree guyyaa rakkina dhalate kanaan walitti qabatee uumame kanatti fayyadamuun DHDUOn ummata ofiitif amanamoo, saba ofiitif quuqamoo ta'uu isaanii hojiidhan mul'isuu qabu.
Kana godhanii argamnaan sabni keenya yeroo ammaa dhaabolii siyaasaa isa sobaa bahan kana waan ifateef gara DHDUO goree biyya ofii wanni hindhuufanneef hinjiru. Dhaabonni siyaasaa ibsa sobaa baasudhaan, waamicha ofii keessa hinjirre yaamudhaan hamma ammaa uummanni keenya filannoo biraa waan dhabeef owwaachafii ture, amma garuu isaan ifatee jira. Dhaaboliin siyaasaa hedduun seenaa ta'anii hafaa jiru. Sababiin isaas yeroo ummanni dhugumaan rakkatee diinni itti taphate kana waan of biraa dhabeef.
DHDUO carraa lafa duwwaa argatte kanaan fayyadamuudhan moo'annoo seenaa argachuu danda'u ta'a. kunis kan ta'uuf:
- caasaa biyyattii keessatti harkaa qabu
- humna namaa homtuu gaaf Afrikaa keessatti hinqabne harkaa qabu
- Foolisii, waraana akkasumas miseensota qabu
- dargaggoota biyyaa kan carraa argameen saba isaatif qabsaa'uu barbaadu harkaa qabu

kanatti fayyadamuudhan DHDUO wayyaanee jalaa suuta suuta loo'aa deemuu danda'u. Keessattuu carraa rakkoo dhalatee kanaan saba ofii madeessan araarfachuudhan jalqabuu qabu. Namoota hidhaman aangoo isaanii jala jiran hiikuu. Wayyaanen akka saba isaanitiin walitti isaan buusuf hojjettu beekudhaan harka wayaa jalaatin saba isanii ijaarun mala marii hinqabne.

Silas yoo hamma fedhan wayyaanedhaaf amanamoo ta'anillee wayyaanen isaan shakkitee ykn ari'uu ykn hidhuu ykn ajjeesuu hindhiiftuu seenaa hojjechuun boruuf dhala ofiitif waan lafa kaahudha.

DHDUOn carraa argame kanatti fayyadamuudhan osoo dargaggon Oromoo abdii isaanirraa hinfixatin dhaaba Oromoo ta'uu danda'uu qaban.
Yoo DHDUOn garuu carraa kanatti fayyadamuu dadhabdee sodaadhan carraa kana dabarsite, sabni Oromoo silas yeroo dhiyoo keessatti waan tokkorra gahuun isaa hinooluu, garuu seenan isaan gaafachuus hinoolu.
DHDUO carraa akkanaa lammate deebitee hinargamtu waan ta'eef itti fayyadamaa. Yoo saba keenya cinaa dhaabbatanii salphina kana keessaa baasuf karaa akeektan deeggarsi mara keenyaa isin waliin jira.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...