Friday, October 27, 2017

Sochii yeroo ammaa

Asnake T Erko
Saba keenya kaleessa Ambotti  dhumeef gadda guddaatu nutti dhagahame. Hedduu keessi keenya booye. Qabsootti sabni jiru duuti kan hinoolle ta’us haala kanaan karaarratti namni keenya rasaasa diinatiin yoo dhumu arguun heddu nama gaddisiisa.
Eega haala Ambotti kalee ta’e kanarratti namoonni yaada adda addaa FB gubbaatti yoo kennan arga. Namni kuuni:
-          DhDUO/Foolsii Oromiyaa balaaleffata
-          Namni kuun humna dhabuu keenya balaaleffata
-          Namni kuun waldhagahuu dhabuu keenyatu wareegama hinbarbaachifne kana fide jedha. Yaadonni biroos jiru.
Wayyaanen gara Debretsiyoonin yaada ofii dabarfattee jirti. Ammaa achis akka nama keenya fixuu hedan akeekanii, dhaadataniiru.

Walitti qabnee yoo laallee:
-          DhDUO/Foolisiin Oromiayaa hiriira amma ta’aa jiru nu hinbarbaachisu jechaa turan. Tarii karaa biraatin yoo Wayyanen ummata keenya fixxu irraa qoluuf ammatti humna hinqabnuu baatanii hindhuminaa jechuus ta’a.  Dhugumatti Osoo kaleessa foolisiin Oromiyaa waraana Wayyaanee hidhate san dura dhaabbatee nama hamma tokko ajeesuu danda’us miidhaa guddaa gama Oromootin gaha. Hidhannaa wal hinmadaalle waan ta’eef.
-          Karaa biraatin hiriira amma ta’aa jiru kana hambisuuf yaamicha hedduutu godhame, garuu dhaabsisuun hindanda’amne. Sababiin isaas waan diinni ummata keenya kakaasef osoo hintaane ummanni gubannaan inni qabu waan irraan gateef. Ummanni yoo diinni balbala isaa duraan saamee fe’ee dabarsu laalee dhiisuu waan dadhabeefi. Gubannaan, hidhaan, ajjeechan daangaa darbee gabrummaa baachuu dhadhabeeti. Saba gabrummaa baachuu na gahe jedhe dhoowwan hindhaabu.
-          Wayyaanen karaa biraa hiriira bahamu kanarratti jeequmsa kaasuf gara waldhabdee sabaaf sablammootaa jijjiiruf, walitti bu’iinsa amantii gochuuf hedduu akka ifaajaa jirtus argaa jirra. Yeroo ammaa hiriirri kuni futtaafatee yoo itti fufe gara hintaane, homtuu too’achuu hindandeenyetti deemuus mala. Kuni Wayyaanedhaaf guyyaa baasuu mala.

Maal taana ree? Akka yaada koo:
-          Haala yeroo ammaa kana keessatti DhDUOn ummata keenya hamma gandaatti dammaqiinsa kennuu. Kunis kaabinee hattuu achitti ummata saamaa jirtu buqqisanii ummanni namoota isa dursan akka filatan gochuu. San booda dammaqiinsa qabsoon kuni kan sabaaf sablammota biraa waliin osoo hintaane kallaatiidhan kana Wayyaanee waliinii ta’uusaa, kan amantii osoo hintaane kan Wayyaanee waliin ta’uusaa ummata keenya odeeffannoon hindhaqqbne, keessattuu fagoo jiru sirriitti hubachiisuu
-          DhDUOn milishaaf foolisii ofii hidhachiisuu, ummanni akka hidhatu hiree kennuu, kan dur irraa hiika turaniif deebisuufii. Raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan saba keenya ta’e dammaqsuuf aka saba isaa bira dhaabbatu gochuu.
-          San booda akkaatan itti fincilli ka’u kan naannaa tokkoo qofti ka’ee dhumu osoo hintaane giddu galeessumaadhan akeekamee walbira guutuu Oromiyaa finciluu. Innis hojii dhaabuu, gabaa lagachuu, karaa cufuu kkf karaa miidhaa saba keenyarraan osoo hingeenye waldhageettidhaan sochii Wayyaanee dhaabu gochuu. San booda yeroo gabaabaa keessatti kan hara wayyaanen nu fixaa dhaadattu kuni jijjiirama, Tophiyaa dinnagdeen ishii gaafa dhabbatu diinni osoo hinjaalatin harka kennaa deema.
-          Kana gochuuf immoo wal balaaleffachuu dhiifnee namuu hamma qabuuf beekun wal utubuun heddu murteessadha. Aangoo hinargamin kanaaf dursanii maqaa walxurreessuu dhiisun hedduu murteessadha. Saba keenya diinni marsee jiru kana laalun, boruuf yaadun hedduu murteessadha. Dhugaa jirurratti hundaa’anii socha’uun hedduu gaaridha. Humna diinaa beekanii akkaataa barbaachisuun socho’uun gamnummaadha.
-     Biyyota alaa kanattis saba keenya cinaa dhaabbachuudhan akka haala jiru kana addunyaan hubatu karaa xalayaa, midiyaafi hiriiran hojjechuun hedduu barbaachisa.

Waaqni qalbii nuuf haa kennu, saba keenyaf waliigaltee haa kennu, diina keenya haa doomsu!

Monday, October 2, 2017

DHDUO Irreecha Barii

Asnake T Erko

Torbee darbe keessa waayen DHDUO dhimma oo’aa ta’ee turre. Dhimma irreechaa nu jalaa booressa jennee waan yaaddofneef mee waayee kana Irreecha barii walitti haa deebinu waliin jechuu keenya niyaadattu. Keessattuu garee biyya keessaa Lammaa Magarsa akka Irreecha 2017 irratti Hora Arsadiitti akka haasa’u fedha qaban fi garee keessattuu biyya alaafi keessaa kan Lammaan irreecharratti haasa’uu hinqabu jedhan jidduu mormii cimaatu ture. Ani warra akka irreecharratti hinhaasofne jedhe san keessaa tokko. Ammas gaabbii hinqabu. Seera Gadaan tume tiksuun mala marii hinqabne waan ta’eef.
Kunis kan agarsiisu DHDUO siyaasa Oromoo keessatti ajandaa ta’uu danda’uu isaati. Ji’oota muraasa dura dhimmi DHDUO ajandaa Oromoo ta’ee namni akka DHDUO haasa’u bakkee isaanis kennu hinjiru ture. Har’a garuu dhimmi kuni bakka argachaa dhufeera. Siyaasatu amala akkanaa qaba.
Haata’u malee garuu DHDUO duuchumaan haa deeggarru jechuu dura sirriitti gargar baafnee haa laallu. DHDUO kuni kami? Maal ture? Har’a hoo maalirra jira jennee adda yoo baafnee deeggaruuf dhiisudhaaf, mormiidhaf deebi’aadhaaf ifa nuuf ta’a.
Akkan ani itti hubadhutti DHDUO kuni lama:
1-      DHDUO Wayyaanef dalaguuf socho’u
2-      DHDUO saba Oromoof dalaguuf socho’u
Mee tokko tokkoon haa laallu:
  1. DHDUO Wayyaanee
DHDUO ummamni isaa Aadeti (Tigray) keessa yoo ta’u akka hayyoonni siyaasaa ibsaa turan kan hundeeffame ABO fi Wayyaanen waan waliigaluu dadhabaniif wayyaanen ummata Oromoo qabachuuf bakka bu’aa isaanii uuman. DHDUO nis baroota dheeradhaaf ajajuma Wayyaanee kana fiixaa baasaa, ummata keenya miidhaa turuun waan halamuu miti.
Waggoota 25 darbaniif saba keenyarratti shira xaxaa, morka dhaabolii Oromoo seenanii waan isaan mormu hundaa wayyaanedhaan ajaja itti kennamuun saba kenya hiisisaa, biyyaa baasaa, kaan ajjeesaa turaniiru. Hojii hojjetan kanaaf immoo akka badhaasa qabeenya ummataa saamanii jiru. DHDUO adda durummaadhan hogganaa warri ture, gosaan Oromoo qoodudhaan lafa Oromoo garee tokkof qoodudhaan garee kaan buqqisuudhaf saba Oromoo akka wal shakku godhaniiru.
Kana bira darbee magaalota xixiqqoo kan akka Sandaafaa faa guututti diinatti gurgurataniiru. Ofii saamaa warra isaan falme immoo matta’aa sababa jedhuun ari’aa turaniiru. San bira darbee gareedhan walqoodudhaan wayyaanedhaaf dabarsanii wal kennuudhan saba keenya ficcisiisaa turaniiru. Hamma har’aa ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti affeelamaa jiran kana Wayyaanen kophaa ofii qabdee hinhiine, kan hidhee hiisise DHDUOdha. Kan kanaa ala isaan aagoo itti hinqabne hoggantoota olaanoo dhaaba mormitootaa garuu DHDUO hidhuuf hiikus hindanda’u, kana sirriitti hubatamuu qaba. DHDUOnis garuu tapha san keessaa ala hinturre.
Wayyaanen saboota biroo afaan Oromoo beekan nu keessatti guddatan ramaduudhan, akka isaanif caalaa amanamoo ta’an waan baraniif hedduu itti fayyadamanii jiru. Kan yoon jedhu sabaan Oromoos ta’ee kan nu ficcisiisaa ture hinjiru jechuu miti.
DHDUO dawoo godhachuudhan warri saba keenya saamaa, hiisisaa, ajjeesisaa kaan biyyaa baasaa turan yakka sanirraa halkanuma takkatti bilisa bahan jechuun badiidha. Warri isaan hiisisan, biyyaa baasan ajjeesisan akkasumas maatif qabeenya isaanirraa buqqisan suni ammallee kuun baqarra, kuun mana hidhaa, kuun akka qabeenya ofii dhabee hiyyoometti kuun ajjeefamee dhugaa isaan dhabetti waan jiruuf DHDUOn akka ummanni deeggaru barbaannan sirritti of qulqulleesanii, yakkamaaf shakkamaa of keessaa baasuu qaban. Sirritti ummata ofii hubachiisuu danda’uu qaban. Kana hingodhan taanan garuu xurii fi gumaa warra nama fixee ofirratti baatanii ummatatti seenun salphaa miti.
  1. DHDUO saba Oromootif dalaguuf socho’u
Akkuma argaa jirru ji’oota muraasaa as DHDUO keessatti waan haasa’amee hinbeekne, waan godhamee hinbeekne yoo jedhaniif godhanis agarreerra. Hamma dubbatan gochuus baatan hamma tokko kan dalagan mul’ateera. Irreechi isa keessaa tokko. Gareen DHDUO amma harkaa qabu kuni haalli itti deemaan jiru haala abdii keenu fakkaata. Haata’u malee garuu garee olitti ibsame kan ummata ficcisiisaa turan kana of keessaa dhaban jechuu miti.
Egaa gareen amma aangorra jiru, kan Lammaa Magarsaatin hogganamu kuni dursee yakkamtoota of keessaa qulqulleessee malaaf suutan ummata ofii hidhachiisaa, Milishaa ummata keenya fixaa jirtu, kan dabballummaan dogoggoraa baratan, farra ummataa malee tola ummataa hingorfamin san diigudhaan caasaa Gadaa Oromoo deebisanii ijaarudhaan saba isaanii kiisuu qabu.
Ummata hidhan kan aangoo itti qaban hundaa hiikun jalqaba dubbiiti. Kan hamma ammaa hiikan kuni gahaa miti. Sabni Oromoo biyya isaarratti waan mirga isaa gaafateef hidhame malee hatee miti. Kuni martuu hiikamuu qaba. Kan isaan aangoo itti hinqabne akka jiranis hubachuu qabna. Garuu warra kanas hiiksisuuf dhiibbaa gochu qabu. Diinnis yoo isaan kana godhan callisee waan hinlaallef ummata keenya hidhachiisuun mala gaaridha.
Qabeenya Oromoo sababa Investimentiitin alagaan guurrate kana ummataaf deebisiisun waan salphaa ta’uus baatu ummanni yoo hidhachaa deeme akka qabeenya naannaa ofii too’atu gochuun itti deemuu danda’u. Sabni keenya dhaabolii siyaasaa biyya alaa taa’anii dhaamsa qofa itti dhaamaniif ibsa tarreessan ifatee jira. Carraan amma biyyatti saba dammaqe kana miira isaa eeganii akka mirga isaa kabajchiifatu gochuu eenyuyyuu caalaa DHDUO garee lammeessoo kana harka jira.
DHDUO gareen lammeesson kuni yoo dhuguma alagaa caalaa ummata ofii amanee sagantaa saba isaa tajaajiluufi mirga saba isaa eegsisuurratti xiyyeeffate warra isaan morman hedduu hawwatuuf gargaarsa argachuu salphaadha.
Kana ta’uuf garuu caasaa diinaf ijaarame, kana biyya keessafi biyya alaa kanattis dantaadhaf jedhee saba isaa gurguruuf Wayyaanen ijaarratte suni diigamuu qaba. Yakkamtoonni yakki isaanii galmaayee guyyaan itti gaafataman akka jiru baruu qabu. Kana yoo hintaane ta’ee walumatti qabaadhan DHDUO deeggaruu qabna jedhamee iyyamu ta’e kan kana dura maqaa dhaaba kanaatin miidhame hedduun waan jiruuf gaara dhiibuu ta’a. Alaaf biyya keessattis DHDUO dura kan dhaabbatu hedduu ta’a. DHDUO garuu ammas carraa guddaa qaba:
      Caasaa foolisifi ummataa hamma gandaa harkaa qabu
      Dhaaboliin siyaasaa Oromoo harca’aa dhufaniru, ummanni abdii irraa kutateera
      Sabni dammaqee seenaa duriin osoo hintaane hojii har’a arguun amanuu jalqabeera.
DHDUO akkanatti yoo adda baafnee laalle malee duuchumaan haa deeggarru jedhanii yoo namni morme wal abaarun sirna miti. Ani kanan jedha, isini hoo?



“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE” JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN

SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas,  addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu , of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti gaafatamoo ta’uuf jiru.
Kaleessa Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira.
Baroonni fi guyyaan adeemsa isaanii hin dhaabnee. Shirri Oromoo irratti hojjatamu hin dhaabbannee. Hidhaa ajjeechaan Ummata kana irratti raawwatamuu jabaatee itti fufeera. Oromoo dachee irraa dhabamsiisuuf hammenyi hojjatamuu daran jabaateera. Hin dhaabbannee. Oromoonis Qabsoo gabrummaa of irraa darbachuuf gaggeessuu gonkumaa hin dhabnee. Gootummaa isaan Shira diinaa irra aanee, dhugaa isaa mul’ifachuuf wareegama ulfaataa kafaluu itti fufee jira.
Qabsoon Oromoo hanga bara 2015tti diina dandamachuu fi diinarraa aanuuf hedduu hojjachuu akka qabnuu nu akeekaa ture. Sun wareegama Ilamaan Oromoo kafalaniin sadarkaa isaa ol butatee jira. Kaleessa diinni hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya ukkaamsuuf yaaluu, hidhaa fi ajjeechaan isaa hegaree isaaf akka hin tollee ifatti itti mul’isee, Qabsoon Oromoo sadarkaa murteessaa irra ga’ee jira. Bu’aa ba’iin qabsoon Oromoo keessa dabree akka laayyootti ykn akka dantaa ofitti kan dubbatanii mitii. Ofirra gootummaa raawwatameef bakka kennanii , imaanaa warra wareegamanii bakkaan ga’uuf waadaa haaraa yeroo itti seennudhaa.
Har’aa Oromoon sodaa tokkollee hin qabu. Hamma fedhee hidhamee ajjeefamuu, hiraarfamee biyyaa godaansifamuu, qabsoon isaa jabaacaa ka deemuu malee, gonkumaa kan hin dhaabbannee ta’uu humna addunyaa kanarraa kamiifuu ifa ta’eera. Wayyaaneef har’aa sodaa tokkollee hin qabnuu. Nagaa dursuuf jechaa wareegama Ilmaan keenyaa fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, ajjeechaa ajjeechaan deebisuuf yeroo itti fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, guyyaa saafaa ayyoo keenyaa fi abboo keenya awwaallannee jirra. Kun itti fufaa fi dhiisaa isaa wayyaaneetu ofiif jedhee murteessa malee , deebiin isaa ummata Oromoo harka hin jiru.
Gaangeen takaallaa kutattee , jennaan, Ofittuu gabaabsitee jedhanii, mammaakisuma oromooti. Gaangeen takkaallaa keessaa ba’uuf jettee takkaallaa yoo kuttee, takaallaa sanumaan gabaabsanii deebisanii hidhuu. Duraan haada bal’aa ka qabduu gabaabsitee of dhiphiftee. Sochiis ta’ee jireenya of dhorkite. Wayyaaneenis akkasuma. Wayyaaneen waan kanaan duuba raawwattuu hundaan, gatii baasuu ofitti dabalaa yoo deemtee malee, Ilmaan Oromoo wareegamanii Biyya isaanii Bilisoomsuuf murteeffatan irratti dhiibbaa bulchiitu tokkollee hin qabduu. Wayyaaneen guyyuu waa hundaa ofitti dhiphisaa jirti. Wayyaaneen mukarra teessee muka hamachuu hanga hin dhiifneetti,  hegereen ishee badaa deema.
Namoonni tokko tokko yaaddoo qaban. Waraana ishee nurratti bobbaaftee nu ficisiiftii kanneen jedhan hedduudhaa. Garuu wayyaaneen kana raawwachuun dura Oromiyaaa keessaa bara baraaf ba’uu murteeffachuu qabdii. Wayyaaneen kana booda waraanaan Ummata kana dorsiisuun mataa isaa , gatii guddaa ishee kafalsiisa. Waraanaan mitii shirri karaa somaalee Ummata keenya miidhuuf gaggeessitee, waan Oromoo keessatti Umeeyyuu ishee rifaasisee jira. Addatti Ummati kabajamaan kun, ijaa ba’uuf jarjaru dhiisuu isaatti rifatanii jiru. Sochiin wayyaanee kamuu kana booda kufaatii ishee kan shaffeesisu malee, kan ishee jiraachiisuu hin ta’uu. Shirri kamuu kufaatii wayyaanee ariifachiisa.
Kanaaf wayyaaneen sochii Oromoo dura dhaabbachuu irra , yeroo lama sadii dhaabbatee yaaduu qabdi. Qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabu. Hin deebi’uus. Wareegama itti kafalleef gumaa argachuu qabana. Gumaan keenya Bilisummaa qofaadhaa. Oromoon dhiiga isaan Biyya itoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu mirkaneeffachaa jira. Kun ammo galma isaa osoo hin ga’iin hin dhaabbatu. Dhaabbatees nagaaf hn tolu. BAKKI IRRA JIRRU, DUUBATTI DEEBINUS NUUF BADIIDHAA. KANARRA TARKAANFACHUUTU NUUF WAYYAA QABA.Waraana nutti dulchiftii fi hidhaa fi ajjeechaa nutti hammeessitii jennee waa hundaa keessa qabachuun barbaachisaa miti. Kanarra mudduu qabna. Fallisaa kanuma.

Namoonni hedduun Ummati keenyaa Oromiyaa guutuu socha’uu irraa hamileen itti dhaga’amee, Ummata kana qawwee hidhachiisaa jedhanii dubbatu dhageenya. Adeemsa kana hedduu itti yaaduu barbaachisa. Kanarra hojjannee warra wal hin gannee fi walitti hin dhukaafnee ta’u keenya mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Lammiilee keenyaa qawwee diinaaf baatanii jiran gar tokkotti deebisuu qabna. Ummata Oromoo wayyaba qawwee hidhachiisuun dansaa ta’ee, wayyaaneenis waraana ishee keessaa irra jireessii Ilmaanuma Oromoo ta’uu isaanii hubannee maalitti wal akeekaa akka jirru haa hubannu. Wayyaaneen dheekkamsaa fi diddaa keenyaanu lafa geessee jirtii. Hegaree ishee yaaddeessu keessa haa galchiinuu. Isa booda qawwee yoo hidhannees nu hin miidhu.
Wayyaanee gaangee saniin tokkuma . yoo ofiif jettee karaa irraa maqixetti deebitee, hegaree ishee haa tolfattu. Nuuti wareegama dachaa kafallee mirga keenya ni goonfanna. Garuu isa booda waliin jiraannaan gonkumaa waan hin yaadamnee ta’uu isheen itti haa dhiphattu. Ajjeechaa fi hidhaan ishee Araara jaarsummaa irra dabree jira. Ofittummaa fi of tuulummaan isaanii hegaree isaaniif ragaadhaa. Kanaaf Oromoon ofitti boonee waan hojjataa jiru hundaatti jabaachuu qaba. Shira wayyaanee hundatti dhimma baanee mirgaan ni galla. Bilisummaa keenyaa Biyyuma keenya irratti labsanna. Diinatu nurraa deema malee, of tuulummaa fi ofittummaatu nurraa gala malee nuuti bakkatti gallu hin qabnuu. Mana keenya keessa jirraa jabaadhaa. IRREECHII BARANAA KAN MILKII NUUF HAA TA’UU. Oromoo waan uumamakeetti bakkatti deebisuuf bakka jirtutti hojjadhuu. Dhugaa kee bakkatti deebisuuf akka nama dhunfaattis ta’uu walootti hojjadhu. Hegareen keenya ifadhaa. Nuuti ol deemaa jirra. Jireenya keenya tokko jennee eegalla. Kan jireenya isaa fixate maraatuu itt haa dhiphituu jabaadhaa.

HORAA BULAA !

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...