Monday, March 18, 2019

Olola walirratti banuu laalchisee

Olola namarratti deemaa jiru laalchisee:
Namoota Alamuu Simee aangorraa gadhiisuu qaba jedhanii xalayaa gara Obbo Lammaa faatti barreessan argeen waa jechuu yaade:
1. Waggoota lama sadi dura Asmaraatti ABO-Shaneen irra deebi’ee yeroo Jaal Daud Ibsaa hoggana dhaaba ofii godhee muuduu warri ala kana jiru xiinxaltoonni siyaasaa akkamitti kuni ta’a jedhanii balaaleffataa turan. Dhaaba tokkoof hoggana kan filu miseensota dhaaba sanii qofaa, namni biraa miseensa hintaane kana murteessufii hindanda’uu gaafa jennuun arrabsoo roobsaa turan. Mediyaatti bahanii dhaadatanii balaaleffannaa gaggeessan. Wanni jijjiiran hinjiru.
2. Waggaa tokko lama dura Dr Abiyyi gaafa ODP hoggana ta’ee filatamu, keessattuu ala kanarraa waca guddaatu ture. Lammaa malee Abiyyi ta’uu hindanda’u kan jedhurraa keessa darbanii arrabsaa turan. Haata’u malee garuu wanni jijjiiran hinjiru. Dhaaba tokkoof hoggana ofii kan murteeffatu dhaabichuma. Gaarif jabaa ofii kan beeku dhaabicha.
3. Kan lameen kanarraayis osoo hinbaratin ammallee Dr Alamuu Simee aangoo itti gaafatama ODP irraa haa ka’u jechuudhan xalayaadhan gaafataa jiran. San irra darbanii arraboo akka dhuunfatitti maatinillee osoo hinhafin, oromummaa isaatis mulqanii habashadha jechuun maq-balleessin itti jiru. Gareen kuni ammallee waan hinhubatin tokko jira. Hoggana dhaaba tokkoo kan jijjiiru dhaabicha qofa. Yoo Dr Alamuu Simee yakka dalage immoo tartiiban dhaabichi gaafata. Wacaaf arrabsoon akka waa hinjijjiirre gareen kuni waan waa barataa jiru hinfakkaatu. Yoo jaarsummaa gufachiise jedhamellee Silaa gabaasa guutuu gama lachuu badii qabu ummataaf ibsaniiti akka ummanni hubatu godhan malee badii hundaa nama tokkorra kaahun akkuma Dr Abiyyi fi Jaal Daud akka hinfilamne jechaa turan san ta’a.
4. Dhugaadhan yoo laalle immoo ODP keessa kan Dr Alamuu caalaa lafa Oromoo gurgurate hinjiruu? Warri Laga Xaafoo guutuu dureeyyii kilabii ijaarratuuf qotee bulaa kaasee kenne maaf maqaa dhokata? Gandummaaf amantiidhan walfooyuu yoo taate malee ololli madaallii hinqabne kuni Oromoo qooduu fida. Yakkamtoota ODP yaa gaafatman yoo jedhame hunduu akka badii isaanii osoo gandaaf amantiidhan harka walirra hinqabin haa tarreeffaman. Gaafas mataa olaanan Kumaa, Abbaa Duulaa fi Juneeydirraa eegaluu qaba. Itti aansee warra saba keenya diinan waliin hidhee fixaa bayetti dhufa. Yoo ammaaf kuni hinka’u jedhame immoo yakki Dr Alamuu Simee kophaatti dalage hinjiruu wacni maqa balleessii dhaabachuu qaba.
5. Mediyaan uummataa jedhamus fedhaaf hawwii namtokkeef maqaa nama balleessurraa gara safuu mediyaatitti deebi’uu qaba. Yookan ummata adda qooduf fanfansa yoo itti fufe qilee of liccisiisa, ammas karuma sanirra jira. Akkuma ESAT abaaraa jirru boru kunis hireen isaa sanuma ta’a jechuudha. What is FAKE NEWS? Maqa balleessin mataan isaa fake news warra jedhamu sani jechuudha. Yakka ODP guutuu namni tokko hinfudhatu. ODP qeeqaa oolla, sirnas qaba. Maqaa nama tokkoo balleessun garuu aada maleedha. OPDO/ODP baduu qabdi jenneellee barreessaa baane. Amma garuu sanirra taranii biyya bulchan. Kan nuti adabuu dandeenyun yakki hojjetan qabatamadhan dhiyaatee filannoo sagalee keenya isaan dhoowwachuudha. Sunuu kan sanirra fooyyee filannu yoo jiraate!

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...