Wednesday, September 29, 2010

Hamma Cufatanii nidanqarfatu

Hamma cufatanii nidanqarfatu

Mootummaa Biyya Alaatitti (Government in Exile)
Biyyi yeroo alagaadhan bitamaa turtu rakkoolee keessatiif saaxila baati. Kunillee jiddu galeessummaan dhabamuudhan waldhagahuufi waliif abboomamuutu hir'achaa deema. Namuu kan sodaatu dhabaa deemee waan walitti qabanirra waan dhuunfaa ykn dhaaba tokkoo qofarratti xiyyeeffachuutu bal'achaa deema. Bulchiinsa saba kana walitti qindeessee, dhaabolii jidduu walitti bu'iinsa jiru hiikaa, gara nyaaphaa akka fuulleffatan godhu jiraachuu qaba. Yookan seera dhablummaa (anarchy) ummata diigaa deema. Kuni immoo gabrummaa umrii dheeressaa deema:

Thursday, May 27, 2010

Good report, but what follows?

Ethiopian election unfair, declared EU observers. But the main question is will they take action or is it business as usual?

read more here

Tuesday, March 23, 2010

Kan nagaa sabaa jibbu moraa qofa!

Oromoon yoo eebbisu xumura irratti 'moraa irrattan muree, muraa muri'jedha. Kunillee kan eebba nagaa san jibbu balleessuf jedhamee akka ta'e wal nama hingaafachiisu.
yeroo ammaa kana dhaaboliin siyaasaa oromoo keessattuu ABO-wwan walitti deebi'anii dhaaba tokkicha diigan san ijaarrachuudhaf carraaqaa jiraachuu isaanii halagaafi firrillee gurra qisee dhageeffata.
Kuun eegee dhabee, ifatee soba jedhee kan dhiise ta'us kan obsafi abdii qabu inuma hordofaa jira. Fiiri gammadee, halagaan/diinni immoo fashalsuuf kufee ka'aa jiraachuun dhoksaa miti. Yeroo kana warra haata'u jedhanii dhaaba kana deebisanii ijaaruf carraaqaa jiran oromoota dhimmi saba isaanii garaa nyaatte.
kan kana fashalsee oromoota wal nyaachisaa jiraachuu fedhu immoo warra wallola kana keessa gabaan baatefi carraa aangoo harcaatuu bakka namni dhabametti argataniifi eeggatani. Ilmi moraan yoomuu hinguddatu, haata'u malee gufuu ta'uun inuma mul'ata.
namoonni akkasii kunniin harcaatun tuni nu jalaa baati jedhanii asii achii namoota dammaqsaa yoo jiran kuun immoo araaraf qalbii isaatin hojjeta.
kan nagaa sabaa jibbu moraa qofa jennee yoo abaarre cubbuu miti!
Yoo dhaabni gara gara bahe kuni walitti deebi'ee of jabeesse sabaaf abdii ta'a-waan ummanni hawwus dhiyoo ta'aa deema.
muraa irrattan muree muraa muri!
Galmoo

Wednesday, May 27, 2009

Qabsoon Oromoo

Ammatti maaltu nuuf mala!

sochii siyaasaa Gaafa Afrikaa yoo laalan yeroon ammaa tuni yeroo morkii xiyyeeffannaa itti argachuuf dorgoman fakkaatti.
Wayyaanen ilaalcha fi xiyyeeffannaa Ameerikaa moo'attee akkuma duraa sababa makaraarsitootaa kanaan fayyadamtee aangoo of harka tursiisudhaaf keessattuu filannoo itti aanus harkatti qabachuudhaf fiigichatti jirti. yoomuu caalaa haalli addunyaa jalaa waldhayaa haa jiraatu malee mormitoota ishii muddan waan hinqabneef yaaddoo guddoo hinqabdu.
Dhaabileen siyaasaa habashaa yoomuu caalaa waldiigaa jiru. Kana dura tasuma ka'anii aangorratti deebi'uudhaf wanni isaan hineegin isaan mudatus diiggan hammana hinjedhamne isaan hedduu gale. Ofii walharcaasurra darbanii garuu ammaaf abdii homaa hinjiru. Ta'us hamma Toophiyaa keessatti sabni biraa angoo qabatu Wayyanumti irra turuu filatu.
Dhaaboliin siyaasaa Oromoo yeroo ammaa kana wal falmiirra darbanii waliin hojjechuuf oduurra waan darbe hinjiru. Hawwiin tokko tokko jiraatus firiin mul'achuuf bara fixa. Ammaaf sabni Oromoo hidhaa, gadadoo Wayyaannee jalatti gaaga'amaa jiran. Qabsoon oromoo hafuurri kan bade kana mul'isuuf waa sochii biyya keessatti kan godhu guddoo feesisa. yookan jiraachun qabsoo kanaa hafuura qofaa ta'ee hafa.
Walgahiiwwan birraa kanaa hoo maal waan haaraa nuuf fidu laata?
Diigamuurra dabarree ijaaramuu jalqabnaa laata?
yeroo gaarii
Simbirroo

Sunday, April 12, 2009

Eessaa Karam

Kitaabni magaalarra oolera!




Seenaa Qabsoo Oromoo xiinxaluudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture xinxaluudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru xiinxaluudhan,
Mala Marii isiniif dhiyeessa.

Kitaabni kuni magaalarra oolera.
ajajachuuf :
tulluugalmoo@yahoo.com quunnamaa!

Thursday, April 2, 2009

Halagaan bara meeqa nu bituuf?

Halagaan waggaa meeqa Oromoo hacuucudhaaf karoorfataa jiraa?

Oromoon gaafa dura hacuuccaa Yohannisifi Minilik jalatti kufu namni waggaa meeqa akka Oromoon hacuucamaa jiraatu tilmaame har’a hinjiru ta’a. Haata’u malee namni bara 1991 haala siyaasa biyya sanii beeke garuu wayyaanen waggaa hedduuf akka biyya san qabattee turuu hindandeenye tilmaame hedduudha. Namni hedduun Wayyaanen waggaa 2-3 caalaa biyya san qabattee akka turuu hindandeenye tilmaame. Sababiwwan akka wayyaanen osoo hinturin kuftu nama tilmaamsisee ture keessayis
Keessattuu sabni Oromoo yoomuu caalaa dammaquu
Si’aayina Dhaabileen Oromoo yeroo san qaban
Sochii dargaggoonni Oromoo godhan
Sabni xiqqoon saba bal’aa kana qabachuun hindandeessu-akka galaanaa irra garagaraa amantii jedhufi kkf ture.
Kanarrti hundaayee namni hedduun doggoggora tilmaamee ture. Ta’us har’a wayyaanen biyya Oromoo eega qabattee kunoo waggaa 20f deemti. Ammas yeroo dhiyootti gadhiisisuuf haala jiru argaa jirra nu martuu.

Sabni mil.3 hincaalle har’a saba mil. 40 caalu dhiittee bituun nama dhagaye hundaa amanuu dhoowwa. Kana amanee fudhatu nama keessa keenya sirriitti hubatee beeku qofa. Innis Habashaan bara Minilik akkamitti Oromoo qabatee ture isa jedhutti nu deebisa

Abshaalumaadhan biyyoota Awurooppaa waliin waliigaltee gochuudhan meeshaa yeroo saniif kan Oromootirra caalu argachuu isaanii
Oromoo keessaa jabaa qabatanii Oromoo wal rukuchiisudhaan (fkn Gobana Daacee)
Kaan faarsaa fira fakkeeffachuudhan kaan rukutuudhan (fkn Kumsaa Morodaa)
Oromoo jidduutti shakkiifi mamii uumanii wal amantii dhoowwudhaan bara san qofa osoo hintaane baranaafuu milkaa’an.

Bara 1992 namni maqaa isaa hinyaadanne tokko haasa’a waayee fuuldrua biyya sanii laalchisee godhe keessatti- “dirqama waggaa 100 dhufuuf hojjetan kennineefiira”- jedhe.

Oromoodhafis alagaan waan inni waggaa dhibba darbe gargar isa fageessaa ture kennee tureeyii? Amma hoo haala keenya nu jala deemee hordofaa maal taanurratti osoo hintaane maal walgoonurratti akka xiyyeeffanuuf hojii nuuf baasaa jiraa diinni?

Bara ammaa kanas wayyaanen Oromumaan Oromoo hacuuccee qabachaa jirti. Kunis tooftuma waggaa 100 dura akaakayyooni isaanii ittiin Oromoo qabatanii turanitti fayyadamuudhan:

DHDUO ijaaranii saba Oromoo irratti bobbaasudhaan
Kaan faarsaa kaan abaarudhaan, balleessudhaan, hidhuufi ajjeesudhaan
Abshaalomaan gargaarsa biyyoota biraa irraa argachuudhan
Qabeenya keenya buna, warqii, lafa Oromoo gurgurachuudhan meeshaa waraanaa bitachuudhan
Hayyoota siyaasaa qaxaratee Oromoo qorachiisee tooftaa waggaa dhibba biraa ittiin Oromoo bulchu Oromuma keessa taa’ee itti malachuudhan; haala baraa waliin jijjiirrachaa mala baafachaa Oromoodhaf immoo dirqama inni ofirratti hinbeekne kennaafii jira.

Haala amma jirru kanaan Oromoon dirqama diinni qopheessef dhiisee karoora mataa ofii bafatee socho’uuf hagam qophaaye?

Diinni Oromoo karaa teknolojii ammayyaa fayyadamuudhan PALTALK/internet forum gara garaatin haala irra jirru hordofuudhan osoo horii guddoo hinbaasin haala Oromoon keessa oolu hubata. Eessa akka jiru beekee ‘isaanuu fagoo jiruu-walabaarurra hintarree’ jechuun hafuura dheeraa bafatee tooftaa bara fuulduraa akkamitti akka Oromoo wal nyaachisee waliin xaxu qopheessa. Diinni namaa kan yaadda’u yoo namni haala irra jiru wallaale qofa.

Kana keessaa bahuuf Oromoon beekaa, hayyuu, baayee qaba. Garuu waldhagahuu qaba.
Leenca lolaa, goota hedduu qaba- garuu karaa kan akeekufi kan qajeelchu jiraachuu qaba.

OROMOO! Diinni keenya fuulduratti bara meeqa nu bituuf akka qiyyaafachaa jiru beeknayii?
Kutaa biraatin walitti deebina.

Simbirroo

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...