Wednesday, January 18, 2012

Change of Grand Strategy is a Winning Game

Change of Grand Strategy is a Winning Game.

In the Society, change is inevitable and Society evolves. It is also true for an organization that has been established for a common interest and goal.

I would like to point out some very important part of the process that OLF has taken this recent past in changing the way it has been runing business for 38 years.

As an Oromo I have been observing OLF development with a keen interest.

And I do acknowledge that there have been some progresses with a minimal effort to achieve the long yearning freedom to the Oromo people in the of Ethiopia. I believe this have happened due to inadequate leadership to entertain a new idea (vision), lack of all inclusive, and fear of taking a new approach to reach the intended destination.

Saturday, January 14, 2012

Haala siyaasaa baranee waliin tarkaanfachuun mala marii hinqabne

Addi bilisummaa oromoo haala siyaasaa baranee waliin tarkaanfachuudhaf sagantaa siyaasaa ofii qajeelchee jira. Kunis waan bara dheeradhaaf eegama ture.
asii dubbisaa
Sagantaa Siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo


Thursday, July 28, 2011

Qabsoo Dhala Haaratti Dabarsuu

Ummanni Oromoo abdii dhaabolee siyaasaa irratti gatee rakkoo amma sabni kuni keessa jiru keessaa nu baasa jedhee eega eeguu jalqabee tureera. Haata’u malee garuu dursitootnni bara durii qabsoo tana jalqaban yookan wayitti biyya baasuu, yookan dadhabne jedhanii dhala haaratti kennuu didanii irratti cichanii taa’un qabsoo Oromoo yeroo ammaa maqaanillee akka badaa dhufu godheera.


Kana yoo jedhu maanguddoonni har’aa, kan kaleessa qabsoo Oromoo jalqaban bu’a tokko hinbuufne jechuu koo miti. Sabni Oromoo dammaqee akka qabsoo isaa lola ollaa keessaa irra darbee gara fincila guutuu biyyaa ta’uufi sagantaa siyaasaa karoorfatuuf karaa saaqan, umrii ofii itti gubaniiru. Qabsoon tuni akka ummata bal’aa bira geessu gochuu isaanitiif galata guddaa qabu.

Wednesday, July 6, 2011

Qabsoo Oromoo kanniisa birraa qofaa miti

Qabsoon ilmaan Oromoo kanniisa birraa qofa ta'uu hinqabu. Biyyoota ambaa keessatti baqatanii garuu haala ilmaan Oromoo biyyatti keessa jiraniifi haala nyaaphni dhiibee biyyaa isaan baasee kan hindagatin qabsaa'ota hedduutu jira. Qabsaa'onni kunninis bakkuma jiranii kuun beekomsaan, kuun humnaan, kuun malaan, kuun ogummaadhan, kuun qabeenyan qabsoo Oromoo gama maraan utubuu hindhiifne.
Kuni waadaa saba ofii dagachuu dhabuurraa madda.
Kuni haala kanaan osoo jiru namoonni ani lammata gabrummaa jala hinseenu, amma baqadhee homtuu na hingabroomsu itti fakkaattee, biyyi ormaa biyya isaanii itti fakkaattee akka waan mirga qabanii itti fakkaattee homaa hirmaannaa hingoones hedduudha.

Tuesday, June 7, 2011

Defeating Dictators

A wonderful speech of George Ayittey in Oslo Freedom Forum

Sunday, May 29, 2011

Qeerroo waliin dhaabbachuu


Barreeffama kitaaba QO Eessaa karam jedhu keessatti akkan ibsuuf yaaletti qabsoo Oromoo kan milkaahuu danda’u qabsoon keenya yoo biyya alaatii gara biyyaa seene qofa. Kunis ala keessatti qabsoo faarsuu osoo hintaane biyyatti lammii waliin sochii godhamutu milkaaha. Oromoon amma jaalatus jibbus gara biyya ofii galee saba ofii ijaaree, dhawaatan akka galaanaa diinarra garagaluu qofatu isa baasa. Biyya ofii keessatti of gurmeessudhaan, of ijaarudhaan, afaanifi aadaa ofii guddisaa, ilmaan ofii itti guddisaa nyaapha xiqqoo tana tasuma irra garagaluun mala marii hinqabne. Haga yoomitti biyya halagaa keessa teenyee gadadoo saba keenyaa lakkoofna? Hamma yoomitti biyya ormaa keessa teenyee hawwidhan bilisoomnaa?

Ummanni Oromoo akka baay’ina isaa ofirraa hafee ormaafuu nitaha ture. Garuu qabeenya keenyafi baay’ina nama keenyaa akkasumas humnafi beekumsa keenya qindeessinee faayidaa saba keenyaf oolchuun rakkoo guddaa nutti ta’e. Kunis kan ta’uu danda’eef sababii adda addaa qabaata. Sababiiwwan san teenyee injiruu dhifnee ammaa maal gochuu qabna kan jedhurratti xiyyeeffachuu qabna.

Alagaan bara dheeradhaaf nu bulchaa turuun isaafi carraa addaan fageenya lafa keenyaa akkasumas afaan keenya afaan hojii osoo hinta’in turuun isaa Oromoon akka waan gara gara ta’eetti diinni akka nu himu dandii saaqef. Egaa garaa garummaan akkanaa kuni jiraachun bal’inaaf guddina keenya agarsiisus diinni akka kanatti fayyadamee siyaasaa qoodamaa nu jidduutti hinuumne itti dammaquun nu barbaachisa.  Dhugaa biyya alaa kana jiru saba keenya hubachiisun sirriitii barbaachisa. Dhugaa dubbachuun barbaachisaadha.

Sochii yeroo ammaa Qeerroo gochuu jalqabe kuni kan nama rafe mara dammaqsaa jiru waan ta’eef itti jabaachuu qabu. Sochii walirraa hincinne gochuun barbaachisaadha. Warri biyya alaa jirru teenyee isaan laaluu osoo hintaane humnaan, hamileedhan, addunyaatti iyyachuudhan cinaa dhaabbachuutu nurraa eegama.
Qeerron yoo ka’e galaa qopheessufii qabna, cinaa dhaabbachuu qabna, gurmuu ta’uufii qabna.

Hamilee waliif ta’uun salphina sabni keenya keessa jiru keessaa baasuu qabna. Kaanan, sochaanan, lolannaan gabrummaan hundeen ishii tortoraadha, yoosuu buqqaati!


Monday, May 9, 2011

Oromoo ammallee

Oromoon ammallee taa'ee wal hamachuudhan yeroon ofii fixuu hinqabu. Dhalli haaran qabsoon waa buusa jedhee eegee dhabee, ifatee jira.
Waayee qabsoo midiyaadhan itti lallabamu malee qabatamaan wal nyaachurra darbamee wanni mul'ate hinjiru. itti qabanii yoo laalan tafkiin ija qabdi jedu. Itti qabnee yoo laalle dhaaboleen alagaa kan kaleessa qabsoo isaanii jalqaban dhageettii addunyaa argachaa jiru. Biyyoonni humna qaban ofitti qabanii dubbisu, maal isinii goonu jedhanii qarqaaru.
Nuti hoo Oromoon maalif alagaa irraa marartee dhabne?
Sabanii isaatif ofii waliif marartee waan dhabneef ta'a jedheen yaada.
Dhalli Oromoo har'a biyya keessatti yoo guyyaa guyyaadhan ajjeefamu, hidhamu, reebamu marartee tokko hinqabnuuf. Kanas kan mul'isu isaanif jennee waliif obsinee fuula gara nyaaphaa deebisuu dadhabuu keenyarrati.
Osoo marartee saba keenyaf qabaannee wal hinyaannu, haalli sabni keessa jiru nutti dhagahama, nu adoocha, nu guba, nu waadda ture. Teenyee ofii wal nyaachudhaaf yeroo hinqabnu. Ammaa achi walirratti duuludhaaf daqiiqaa tokkollee kan nu hafe hinjiru. Yoo boru hinbeeknee, kan har'a garaadhaf du'u ta'e malee.
Kan yoo sabni isaa ajjeefamu gammadu waan jiru hinfakkaatu, kan qalbiin fayyaa hintaane malee.
Oromoon ammallee, taa'ee walirratti bobba'uu hinqabu-diinarratti malee!
Galmoo