Sunday, June 26, 2016

"ABO IRRAA OF FAGEESSINEERRAA" LEENCOO BAATII- ODF

Gaafif deebii Leencoo Baatii gaafa 25.06.2016 Getachew Reda waliin Aljazeera irratti taasisan har'a 26.06.2016 irra deebi'ee laalen jira.
Waan achi keessaa na dinqe gaafii gara dhumaa dhiyaate irratti deebii Leencon kenne:
Gaafii san gabaabsee yoo kaaye-
Gaafata, gaazexeessa-- ODF gara Tophiyaa dhufanii siyaasaa gaggeessuf mul'ata (vision) akkamii qabu isa jedhuuf
Deebii Lencoo- mootummaan haala mijessee carraa dhaabotii siyaasaa, namoota hidhaman hiikuu kkf eega jedhee booda,
Gaazexeessan Getachew dhaan mul'ata kanarraa rakkoo qabuu jedhee yoo gaafatu deebin Getachew:

Getachew Reda - dura mana ofii qulqulleessuu qaban, eega jedhee booda dabalataan - "They have to distance themselv from teriorist organisation OLF..." hiikan isaas "dhaaba shorarkeessaa ABO irraa of fageessuu qaban" kan jedhu yoo lafa kaahu
Leencon dafee- " we have distnaced ourselvs from OLF" hiikan isaa "ABO irraa of fageessineerra" jedhe.

DEEBII LEECOO BAATII
"ABO IRRAA OF FAGEESSINEERRA" LEENCOO BAATII - ADO

Leencoo Baatii asitti waan laman si taajjabe:
1- ABO kaleessa atumti itti Af-naqii (spoksperson) turte "teriorist ykn shororkeessaa" yoo jedhamu "ABO irraa of fageessineerra" yoo jettu eeyyen shororkeessadha, kanaaf irraa of fageessine jechuu keeti mirkaneessa. Kana ballaanillee ragaa baha. Dhuguma siif ABOn shororkeessadha?
2- Ummata Oromoo fi ummata addunyaa fulleetti ji'a lama dura dhaabotin afran Oromoo waliif gallee guyyaa muraasa keessatti waan irrratti waliif galle isin beeksifna jettanii labsitanii akkuma aadaa keessanii hamma birraan bari'uu waan eegdaniif nullee isinuma eegaa jirra. Wayyanen walii galtee keessan kana hindhageenye seetan moo waliigatee san diigdanii jirtan. Akkamitti ji'a lama dura ABO waliin hojjechuuf waliigaltee godhaa asiin immoo ABO irraa of fageessine jettani?

Dur durii tokko na yaadachiise:

Bara dur jedhan saroonni ollaa wal yaamanii lamuu lammataa kutaa ormaa hineeggannuu, qayee oromaa hinkajeelluu, mana namaas hineegnu koottuu nifincillaa jedhanii mari'atan. Saroonni martuu itti waliif galanii akkamitti fincilla jedhanii osoo marii gubbaa jiranuu, saroota keessa warri kan tokkoo gadi bahee "Kitaa buchi, buchi..." jedhee yoo yaamu Kitaan achumatti saroottan kaan gatee gara warra isaa fiigich keessaa qurxe...

Yaa warra ADO - kana dura Wayyaanee amantanii osoo hayyoonni Oromoo isin akeekkachiisan hima didaa taatanii gara biyyaa galtanii wayyaanenis isin salphiftee isin ariitee alatti isin deebifte.

San booda kadhaa Wayyyaanee irraa abdii kutannaan amma immoo dhaabolii Oromoo waliin dalagna jettanii waliif galle nuun jettan. Walii galtee keessanis hagam jabaa akka ta'e ganama kana irra deebinee Aljazeera irraa hubanne.

Ummanni Oromoo ADO dhaaf deebii kana qaba:

1- Yoo saphattanii hafuu feetani malee ABO shororkeessaa miti - Ummata Oromoo dhiifama gaafadhaa, jecha keessan "ABO irraa of fageessine " jettan kanallee ifatti sirreessaa
2- Ummanni Oromoo ABO akka dhaaba tokkoo osoo hintaane akka hafuura rabbiii kan hamma ammaa nama tokkorrallee hinbu'in ykn hinqubatin , nama maraa dalagsiisaa jirutti laala. Kanaaf ragaan yeroo fincilli ka'e Hoggantoota ABO irraa bahee, abdii kutatee osoo jiruu, alaabaa ABO mallatoo Fincila Diddaa Gabrummaa godhachuun bakka alaabaa dhabetillee waraqarratti halluu dibuun qabatee hirira bahee mul'iseera. Kanaaf ABOn shororkeessaa yoo ta'e ummanni Oromoo marti shororkeessaa jedhamuuf deema. Kana waan ta'eef ifatti ejjennaa malkaa lamaa kana dhiisatii ejjennoo keessan sirreessaa. Yoo kana ta'uu baate, ummata Oromoo irraa of fageessun gara Wayyaanee of dhiyeessun OPDO dhafuu homaa hinbaanee, isin sanii gadi ta'uuf deemtan.

Yoo diddan:
Akkuma saree Kitaa san salphina keessa jiraattan. Wayyaanee birattis, ummatta Oromoo birattis.

kanaaf:
ADO ummata Oromoo dhiifama gaafachuu qaba. Kana hingodhu taanan ummta Oromoo sobaa jira jechuudha.

Thursday, June 23, 2016

Eega biyyaa na baaftee kanarra maal na gootaa?

«Daraddaraa kobootaa, eega biyyaa na baaftee kanarra maal na goota?» jedhee sirba warri Tuulamaa. Namni eega dhiibee qeyee ofiitii nama baasee san caalaa wanti nama miidhu hinjiru jedhee amana.
Halagaan maal nu godhe, maal nurraan gahe?

-          Ajjechaa
-          Hidhaa
-          Reebicha
-          Saamicha qabeenyaa
-          Lafa keenyarraa nu bqqisuu
-          Abbootii qabeenyaa saamuu
-          Ijoollee mana barumsaa ari’uu
-          Mirga saba Oromoo dhoowwachuu
-          Hiyyummaan akka ummata fixu gochuu
-          Dargaggoon akka biyyaa baqatan gochuu
-          Saba Oromoo xiqqeessuf hir’isaa deemuu
-          Lafa keenya irraa nu mulqanii ofii itti qubachuu
-          Beelan akka ummanni miidhamee hinmormine gochuu
-          Oromoo salphisuu, tuffachuu fi dharaan yakkuu, saba biraatin walitti buusuu

Egaa yaa Oromoo miidhan halagaan nurraan gahe kuni keessaa hamma xiqqoodha. Halagaan kanumarra hamma sanyii keenya duguugee hinjiran jedhee taa’utti eegna? Kanumarra maal hamma nu dhaganitti callifna. Yoo daa’ima kalee dhalate nu duratti gombisanii nutti dhaadatan maalif rafna?

Hamma yoomitti eegan? Maaf callifna? Kuun humnaan, kuun beekumsaan, kuun qabeenyan jaarsa fi jaartinis waan qabaniin gadi baanee diina godaansisuu qabnan jedha. Isin hoo maal jettu?


Tuesday, June 21, 2016

Qabsoon keenya eenyurratti?

Yeroo ammaa kana Oromoon akka qabsoo mirga abbaa biyyummaa ofii kabachiisuf gochaa jiru walitti himuun hinbarbaachisu.
Lammii dhiisatii halagaanuu beekee itti walii galeera. Oromoon muratee akka ka'e daa'imti kalee dhalattellee beektee, sirba qabsootif mataa raafti. Hiddi Oromoo maraa asiifi achii diinni waan nurratti raawataa jiru kana yoo argu gubatee, aaree, gadoo fi xiiqii seenee jira.
Nuti ilma namaa mitii? Diinni keenya hoo namumaa miti? Maarree maaf bara baraan dhaanamuu, dhumuu, ajjeefamuu, hidhamuu if kolaafamuu lammii keenyaa qofa lallabna? Yeroo tokko wal faana kaanee aka galaanaa irra dhangalaanee, dhumnee nyaapha keenys fixnee, mirga keenya hineegisifnuu kan jedhu gaafii xiqqaaf guddaan kaasu.

Maaltu karaa dura nu dhabbate ree?

Akkuma beekamu, yeroo hundaa lammiin waliif galee, biyyi itti wal ta'ee diinatti yoo bobba'e milkiin fagoo miti. Diinni namaa beekamee, fuullee tokkoon yoo itti bobba'an mirga ofii kabachiisun akka fagoo hintaane ifa.
Yeroo amma Oromoon diina lama qaba. Diina keessa fi diina alaa. Diinni keessaa kana Oromoo ta'ee har'aaf waa argachuuf jedhee, nyaatee buluuf jedhee Oromoo gurguree, afaan alagaa dubbatee nu saamaa jiru. Diinni lammeesson immoo Wayyaanee bara 100 nu bituuf karoorfatee, biyyoota dhiyaa waliin waliif galee, waan isaan barbaadan guutefii, qabeenyuma keenyan diina nutti bitaa nu bulchuu fedhu.
Diina keenya fuullee kan ta'e Wayyaanee beeknee itti bobba'uf marii godhachuuf, abaarree balleessuf, darbannee waraanuf, ariinee qabuuf, mari'annee itti bobba'uuf sakaallaa kan nutti ta'e bitamtoota Oromoo ta'anii Oromoo gurguraa jirani. Marii keenya diinatti himaa, qabeenya keenya diina waliin nu saamaa, diinaf mala dhahaa, jalatti nu ajeesaa, nu qabaa, nu hiisisaa akka Wayyaanen aangorra turtu warri godhu ergamtoota maqaa Oromootin soch'an kana.

Diina keenyatti bobbaane milkaahuf ergamtoota diinaa of keessaa qulqulleessun hedduu barbaachisaadha. Yoo kana hingoonu ta'e garuu ifaajen keenya kan bara baraa lafumatti hafa. Inuu of ajjeesisuuf lammii keenya dhalata boruuf abdannu of jalaa harcaasuu ta'a.

Dargaggoon keenya barataan, kan boruuf ol guddatee biyya keenya guddisu dhumaa jira. Abdiin boruuf qabnu nu jalaa harca'aa jira. Nuti diina keenyaf, warra diina keenyaf hojjetuuf yeroo naatoo horannu, isaan garuu dhalataa, ilma ol guddtu nu jalaa ajjeessaa jiru. Boruu keenya suuta suuta xiqqeessaa jiru. Kan Human Rights Watch gabaase nama 400 ajjeefamuu ta'ullee dhugumaan namni dhume, kan hidhamee caccabsan, kan ammas hidhaa jiruuf waan irra gahuu danda'u hinbeekne lakkoofsi isaanii hedduudha.

Kanaaf maal haa goonu ree?

Akka ani laalutti OPDO jiru hundi diina jedhee hinfudhadhu. Sochii hamma ammaa ta'e kana keessatti OPDO wareegama eenyumaa caalaa kaffalan jiru waan ta'eef. Ta'ullee garuu sadarkaa gara garaa irratti bobba'uun yeroo ammaa kan sabni keenya akka diina jala bulu warri godhan akkuma lubbuu obbolaa keenyaa gaaga'an kan isaanis gaaga'amuu yoo beekanii gocha diinaa kanarraa dhaabsifamuu baatan, qabsoon nuti goonu bu'aa hinfidu. Qabsoo keenyaf kan oduu qofa ta'aa ol guddataa keenya, ijoollee teenya diina gabbaraa, ajjeefamuu keenya qofa himachaa jiraachuf deemna jechuudha.

Wanni nuti yaaduu qabnu, ebelu rakkatee diinaf hojjeta, wan ilmaanin guddifatu dhabee kkf odeessun nurra hinjiru. Ilmaan eenyuu diinni ajjeesati, kan eenyuu immoo saamicha Oromootin guddatti. Kana warra Oromoo ta'anii Oromoo gurguraa jiranitti, qabeenya Oromoo diina waliin ta'anii saama jiranitti himuudha. Lammi keenya kan ta'e diinarra dura qulqulleeffannee, diina keenya adda baafnee Wayyaanetti gaafa bobbaane qabsoo salphaa ta'a.

Kan nu keessa taa'ee lammii keenya gurguraa qabeenya Oromoo diinan waliin saamee, saamsisaa jiru, boru akka jiraachuu hindandeenye qofa osoo hintaane, har'ayyuu akka balaan irra gahu agarsiisun qabsoon keenyaf murteessadha. Kana hingoonu taanan qabsoo sobaa gaggeessaa jirra jechuudha Bara baraan kuun diina waliin nu gurguraa, kuun diina waliin nu saamaa kuun lubbuu ofii diina gabbaraa, kuunis seenaa dhumaatii saba keenyaa himaa jiraanna jechuudha.

Wednesday, June 1, 2016

Qormaata bahe Wayyaanen maalif yeroon haquu dide?

Akka nu martuu mediyaa gara garaa irraa laalletti qormaata bahe kana laalchisee yaada gara garaatitu dhiyaachaa jira.
Jalqaba wanni beekamuu qabu qormaanni kuni ijoollen Oromoo osoo itti hinqophaayin waan ta'eef akka guyyaan darbee/dheeratee hunduu itti qophaahan gaafin dhiyaachaa ture. Akkan yaadadhutti bilbila warra waajjira barnootaa keessa hojjetanii gama internaatii rabsameen hedduun keenya nama argannee fi hamma dhaqqabne bilbillee "maal, kan qormaata kana fudhachuu hedu ijoollee Oromooti, akkamitti osoo itti hinqophaayin warra naannoo biraa kan waggaa guutuu barataa turan waliin dorgomsiiftu" jechanii turame.

Akka koo mootummaa nama hindhageenya kana bakka kennineefii, beekama kennineefii kanaa gaafachuun hinmalle. Garuu yaada namni hedduun itti waliigalan waan ta'eef ijibbaata gahame.

Egaa warri wajjira barnootaa gaafas didan kuni silaa kan Naannoo Oromiyaa ofiifuu warri gooftaa isaanii jedhan malee aangoo hinqabanii, achiin gahanii, sodaachaa gaafa itti himan jarri aangoo ofii agarsiisuf harkatti didde.

Eegasii korommiin Oromoo kutattee qormaata kana baaftee harka warra mediyaa, keessattuu Facebook irratti dhagahama qabaniitin geesse. Gaafasillee jarri akkuma barte dhugaa miti, qormaanni hinbaane jettee didde.

Gaafa garuu qormaanni bahee gama Facebook gadi lakkifamu amananii qormaata eega ijoollen mana barumsaa seentee jalqabdee booda haqame jedhan.

Akka Ministeerri barnootaa Tophiyaa jedhu kana dursanii qormaata san saaqanii kan bahe jedhame kanaan walbira qabanii laaluu mirga dhabanii miti. Ministeerri barnootaa kan qormaata kana qopheessurratti aangoo olaanaa qabu, kan baasii baasee, nama ramadee qormaata qopheessee rabsu akkamitti wanni hamma kanaa yoo himamu banee laaluf aangoo itti dhaba?

Kuni soba baratani. Kana dhiisii korjoo filannootuu dursanii bananii guutanii akka barbaadan gochaa hinbaanee maaf biyya soba? Korojoo sanillee taajjabdoota biyya alaa dabalatee foolisii akkasumas ummatta naannoo kan filatamnitu eegaa mitii? Silaa akkamitti ummata akkanatti isaan jibbe kana biratti harka 100 filataman? Eega korojoo filannoo saaqanii laalufi itti dabaluu irraa hir'isuu danda'anii tuni akkamitti isaan dhibdi.

Gaafii guddoon jirtu qormaata san dursanii osoo barattoonni mana barumsaa hindhaqin akka bahe beekanii haquu maalif didan isa jedhu.

Maalif wayyaanen qormaata san dursitee haquu didde?

Akkan ani laalutti gatii siyaasaa ittiin argachuufi warra qormaata kana baase jedhanirratti jibbi akka ummamu gochuufi. Kunis ijoollen qormaata eega eegalteen booda dhaabaa yoo jedhamtu waan jeeqamtufi warri ijoolletis waan wacuu maluuf akka warra kana godhe balaaleffataniif karaa saaquf. Kana jechuunis warri biraa, sabni biraa akka Oromoo balaaleffatuuf siyaasaa shamatachuufi malee dursanii gaafa dilbataa qormaata san haquu danda'an ture.

Kanas kan na jechisiise haala isaan mediyaa irratti dhiyaatanii warra qormaata kana baase itti balaaleffachuufi namni akka balaaleffatuuf yaamicha godhaniraati. Namoota kana rawwaatan ummanni akka balaaleffatu yaamicha goona jedhee dubbate Obbo Shifarraa Shugguxee.

Amma hoo maal fidu ree?
Kanas godhanii waan milkaaye hinfakkaatu. Saboonni biraa, keessattuu warri Finfinnee fincaan ofirratti gadhiisun isaanii waan halamuu miti. Sababiin isaas tibba kana Finfinneetti kan odeeffamu "Lakkaas Oromoo hulluu bajuu new inde?- edaa Oromoon waan maraa harkaa qabaa?" isa jedhu. Akkamitti qormaanni kuni bahee qofa osoo hintaane hagam Oromoo osoo fedhee ganda san keessaa mootummaa san tasa xilleessuu akka danda'u waan itti mul'ise.

Halagaanis keessattuu warri akka ESAT TV faati diinummaa Oromoof qaban mul'isan. Bakka kanatti barattootafi maatii saba biraa, naannoo biraa dubbisanii doggogora isa jedhu mul'isuu yaalan. Naannoo oromiyaa nama hindubbifne. Isaaninis diinni bishaan guutetti hancufa tufa jedhee Oromoon mammaaksa mammaake itti himuudha.

Walumaagalatti Oromoon qormaata kana baasuu isaa, ammas nutu godhe jedhee itti gaafatam fudhachuu isaa gatii siyaasaa guddaa qaba. Aangoo Oromoo mul'isa, jabina Oromoo mul'isa. Garuu of eeggannoon gochuu qabnu namoonni dhuunfaa gahee guddaa qabaatan jiraatanillee itti gaafatama guddaa fudhatee warri ofirratti murteessee qormaata kana baase eenyumaa caalaa galata qabu. Kan gatiis argachuu malu isaan ta'uu qaba. Kana keessatti namoota gahee guddaa qabaatan akka warra si achi qabsaahufis hamilee ta'uuf bakka keennuufin hedduu barbaachisaadha. Sabni Oromoo murattoota tanaaf galata qabaaf. Hawaasonnillee keessattuu kan biyya alaa kana sababeeffachuudhan marii godhanii akkamitti warra jabaate jabeessinee warra laafe kaafna isa jedhurratti haasa'uun hedduu fardiidha.
QABSOON BIYYA JIRTI. HUNDEEN QABSOOTIS DACHEE OROMIYAA AKKA TA'ES DIINA KEENYA HUBACHIISUU QABNA!

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...