Thursday, July 27, 2017

Bishaan miila ga'e mataa hinhanqatu

BISHAAN MIILA GA’E MATAA HIN HANQATUU !
DHUKAASNII ELEMOO…QEERROO HIN HANQATU !

SEENAA  Y.G (2005) kutaa 2ffaa
Qabsoon Oromoo wareegama ulfaataan asi ga’ee, kana booda ragaa eenyullee hin barbaadu. Dhiiga ilmaan isaan waa hundaa mirkaneessaa jira. Wareegamni Ulfaataan baafamaa jiru, guyyaa irraa gara guyyaatti injifannoon Ummata Oromoo ka hin hafnee ta’uu mirkaneessaa jira. Har’a diina ilaallee tarkaanfataa hin jirru. Diina dursinee jirra. Diinatu sochii keenya ilaalee sagantaa baafatee waan nuuti gaggeeffannu fashalsuuf dhama’aa jira. Kun injifannoo guddaadha.haa xiqqaatuu haa baayyatu waan kaleessa jennee qunxuranis haa ta’uu raawwachuuf dirqamaa jiru. Sochii har’aa milkeessuuf, Qabsaa’oonni fi Qeerroon Oromoo Biyya keessatti ummata ijaaranii akka yaadaa fi fedhii isaanitti ummati akka irra aanu taasisaa jiru. Kaleessa sochiin Biyya keessaa kun abbaa hin qabu jedhanii Facebookiin Komaandi postii ta’uu kanneen barbaadan danuu turan. Waan diinni amanee lallabuu amanuu dadhabuu isaanii isaanumaaf dhiifnee,  sochii amma Biyya keessatti sagantaa addaan gaggeeffamaa jiran yennaa ilaalan yaadaa fi qalbii isaanii dhugaatti deeffatanii, ga’ee mataa isaanii gumaachuu eegalu jedheen abdadha.
    1.Aantummaan Ummataa Hojiin moo hololaan ?
Wayyaaneen sochii Ummata Oromoon rifattee jirti. Gaaffiin Ummata keessaa ka’uu fi OPDO illee osoo hin hafnee ka’aa jiru tokko ta’aa dhufutti dhibamteetti. Akka kaleessaa tarkaanfii sukkanneessaa san argisiisuu irraa of qabaa jiraachuuf dababaan maal akka ta’ee isaanumaaf dhiifna. Kun sababa mataa isaa qabaatu danda’aa, garuu dhiiga keenyaan harka micciirree gaaffii keenya akka liqimsitu taasisaa jiraachuu keenya mallattoolee hedduu argaa jirra.diinni sochii of-duuba hin deebinee kana ilaalee, hegaree isaaf yaadda’aa jiraachuu osoo arginuu fi sochiin kun eenyun akka qindeeffamu haalaan hubachuu irra dabranii, waan itti jiran akka isaan hin tarkaanfachiifnee amananii yaadaan wal dhabaa wayita jiran kanatti, Biyyoota alaa taa’anii sochii kanatti abbaa ta’uuf warra wixifatan yennaa ilaalluu, nama bara baraan dheedhii ta’an hedduu qabaachuu keenya hubanna. Addatti akkamiin miidiyaa banatanii sochii qeerroo irratti shira hojjatama? waan fedhe ta’uu lubbuun wareegamaa fi jeeqamaa jiru kan ilmaan Oromoo mitii ? sochii kana ABOn yoo qindeesse badii maalii qaba? ABOn duubaan jiraachuu yoo amannee maaltu nutti hanqata? ABOn humna waan akkasii qindeessuu osoo argee anaan alatti qindeessitan jedhee abaaraa? Anaan natti hinfakkaatu . ABOn socha’uu didee jedhamee qeeqama, gaafa socha’uu ammo sochii isaa haalla, kun maalummaa keenya argisiisa?
Isa dhugaa dubbachuuf, waa tokko amanuu nu barbaachisa. Humni qeerroo fi Ummataa maaliif Biyya keessaa ABO jedhanii akka wareegamaa jiran of gaafachuu wayya. Humna biraa isaan qindeessaa , ABO isa dhugaa barbaannaa jedhanii hin dubbatan. Humnuma nama ijaaree fi sochii godhee waammatan. Dhugaa kana ijaan argaa fi dhaga’aa maaliif jallisuu barbaanna? Dhugaan jiru, hojjatanii argamuudhaa ? Dhugumatti mirga ummata keenyaa isa dhugaaf dhaabbanna taanaan , ‘human kamuu waliin maaliif hin dhaabbannu? Halgaan wal ta’uu tarkaanfii sadii of dura darbatamaa, isa kan ofiif maaliif tarkaanfii 6 duubatti tarkaanfanna ? maal dhibeen keenya ? maaliif Ummata kana Hogganuu barbaanna ? maaliif akka habashootaa Ummatuma keenya gaabroomsuuf barbaanna ? yoo dhugaatti jirra ta’ee, dhaaboota siyaasaa Oromoo kamuu balaalrffachuun kan danda’amuu dantaa Oromoo irratti hundaa’anii malee dantaa ofirratti hundaa’anii akka hin taanee beeku barbaachisa. Ummata waa meeqa hubatee fi adda baafatee tarkaanfii isaa ofiin xumurachutti ce’ee wallaalummaatti ilaaluun dadhabiin isa guddaadhaa. Gaafa akkasitti yaadu eegallee siyaasaan kufnee.
2. Oromummaaf wareegamuu fi hidhamuun garaagarummaa qabaa?
Namoonni ala kanaa maakkiyaatoo habbuqqachaa xiinxala tarrisan waa hedduun isaan taajjabaa jirra. Dhalooti haaraa Biyya keessaa qabsicha finiinsaa jirus, “warri alaa gaafa Oromiyaan Bilisoomtee, qofaatti bakka isiniif tolchina malee Ummata keenyatti hin makamtan” kan jedhaniif waa malee miti. Amma yaadaman waan hin geenyef. Beektoota warri ofiin jedhanillee osoo hin hafnee dogoggora gurguddaa hojjachaa oolan. Mee fakkeenya tokko haa kaafnuu. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Biyya keessaa haqaan falmaa gaggeessaa jiran keessaa , Dhaaba Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Mararaan gaggeeffamaniidha. Hanga har’aatti gaaffii Oromoo irraa hin dhaabbannee. Hedduun isaanii hidhaatti hiraarfamaa jiru. Mana hidhaa wayyaanee waggaa 25 kana keessatti ilamaan Oromoo hidhaan hiraaraa jiran waan isaan wal fakkeessuu qabxii guddaatu jira. Innis Oromummaa isaaniiti. Ilaalcha barbaadan qabaachuu malu. Garuu gaaffii Oromoo kaasaniif hidhaman. Manni hidhaa tokkof tolaa ta’ee isa kaaniif summii ta’uu hin danda’uu. Wayyaaneen Baqqalaa torchi gootee, Miseensoota ABO jedhamanii hidhaman hammattee hin dhiiftuu. Waan isaan irra ga’uu fi manni hidhaa Ilmaan Oromoo hundaaf tokkodha. ABO Ilmaan Oromoo gaaffii ummata isaanii dhageesisuuf jecha mana hidhaa keessa jiran wal caalchisa jedhee hin yaadu. Adeemsa isaa waggaa 30 olii keessatti argees dhaga’ees hin beeku.
Kanarraa kaanee beektoonni fi akitivistoota warri ofiin jedhanii fi xinxaltoonni siyaasaa waan dogoggoran haa kaasu. Obbo mararaan gaafa Biyya alaa deebi’anii hidhaman ABOn Ijoo dubbii isaa irratti, hatattamaan akka hiikaman qaama isa ilaallatu hundaa gaafatee ture. Ibsa kanarraa waa hedduu baranna jedheen yaadaa ture. Garuu namoonni muraasinii jibbaa fi hinaaffaa dhaaba kanarraa qaban fedhii isaanii keessa gaggeeffachuuf, yeroo hundaa obbo Baqqalaa fi obbo Mararaan gootota keenya jedhanii akka hiikaman, Ummatis alattis ta’ee Biyya keessatti hiriiraa fi gaaffii akka gaggeessuu kakaasu. Mee yoo bilchina siyaasaa qabaannee, kun dhugaa saba keenyaaf yaadurraa maddaa? ijoolleen har’aa hidhamaa jirtuu fi waggaa 25 dura hidhamanoo hiikamuu hin qabanii? akkamiin warra kaayyoo tokkof hidhamee akka dantaa keenyaatti sharafnee waan akkasii Ummatatti qabannee dhihaanna ? warrumti alaa haala akkasiin yeroo itti iyyannu , jarri kun tokkummaa hin qabdu nuun hin jedhanii ? Miidyaa adda addaa irratti waan kana hojii koo jennee maxxansaa yennaa oollu, wayyaaneenuu maal nurraa hubattii ? kun dadhabiina guddaadhaa?
Wayyaanee hunda isaanii Oromummaa isaaniin hiitee. Waan isheen hiitee kana akka Qircaa foonii qooddachuuf yaaluun salphina hin ta’uu? warrumti maqaa kaafnee dantaa keenya ittiin ooffannu, mana hidhaa keessa ta’aanii gaaf-tokkollee hidhamuu isaanii qofaaf dubbatanii hin beekan. Bara wayyaanee keessa warra hidhaman hundaaf falmaa jiran . Ummata Oromoof jedhanii akka hidhaman dubbatu. Dhaaba isaaniif hidhamuu dubbatanii hin beekan. ABOnis jarri kun miseensa koo mitii jedhee hidhaan isaanii sirriidhaa jedhee hin beeku. Kanaaf Namoota siyaasaas ta’ee Ummata keenya keessaa diina harka yoo bu’ee, ykn hidhamee, gonkumaa adda hin baasiinaa. Kun dadhabiina siyaasaa irraa madda. Waggaa 150 dura irraa kaasee kanneen Bilisummaa saba keenyaaf jedhanii wareegamanii fi kanneen har’aa wareegaman gidduu garaagarummaan hin jirtu. Bara sana kanneen saba isaaniif osoo falmanii hidhamanii fi har’aa hidhaman gidduu garaagarummaan hin jirtu. Bu’aa isaanii fi hojiin isaanii wal caaluu danda’aa. Garuu Hundumtuu Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof wareegaman. OPDO Oromootti dhukaaftuun ala kanneen jiran jechuu kiyya. Kanaaf Namoota siyaasaa taanee of muudun dura mee waan itti jirru haa ilaallu jechuufan kaasee.

Qabsoon Oromoo eessa akka ga’ee jiruu fi ani eessan jiraa ? jedhanii of gaafachuun murteessaadhaa.Hololli kamuu qabsoo kana boodatti hin harkisu. Waan miidiyaa fi facebookiin gaggeeffamu ilaaltanii tokkummaatu dhibee jettanii wal hin nyaatiinaa. Qabsoon Oromoo human cichoomiina qabuun karaa isaa irra bu’ee tarkaanfataa jira. Dhaloota hololaan hiikamuu hin ijaarree. Qabsoon dhaaloota duraa irraa gama barbaachisuun dhaalameera. Dhaloota itti aanutti dabreera. Akka nama Bilisummaa qabuu Angoo wal harkaa fudhuu warra mootummaa adda addaa ilaaltanii of hin cinqiinaa, qabsootti jirra. Dhaloota har’aa waan barbaade wayyaanee irratti raawwataa jiruuf maddi isaa maalii ? jedhaa of gaafadhaatii , bakka qabsoon kun ga’ee jiruun wal qixxeessaa .Osoo isin xiinxalaa fi akitivistoota jettanii of mookisitanii waa hundi dhumachuuf jiraa. Hololootaa kamuu hin dhaggeeffatiinaa . Wayyaaneen Qabsoo Ummata kanaa bara isheenu jabaa turte duraa dhaabbachuu hin dandeenyee yeroo laafachaa jirrutti dura dhaabbannaa ? jedhanii of ilaalaa jiranii waan itti jirtan irraa duubatti hin deebi’inaa. Inni hololuus mee itti haa fufu. Nuutis dhugaa qabannee itti fufna. Nuuti dhugaa qabannee ol baana. Inni hololuu ammo…waci biyya alaa qabsoo keenyaaf hundee miti. Dameellee miti. Baala harca’eedhaa jabaadhaa ! kutaa 3ffaan itti fufa.

Tuesday, July 25, 2017

Uummata gidirsuun qabssoo hin domsuu

Harmee Sabboonaa irraa
Motummaan wantoota uummannii waloodhaan itti fayadamuu kan akka karaa ,dhabbata fayyaa ,manneen barnootaa fi kanneen fakaatan ittiin babalsuuf gibiraa fi qaraxaa bifaa addaa addaatiin uummataa hirraa sasaba. Kan mootummaan itoophiyaa /wayyaaneen/ gochaa jirttuu garuu faallaa dhugaa kanaatii. Gibiraa fi qaraxii uummatarrattii fe’amee guramuus otoo misoomaa waloo hirraa hin ooliin, wayyaneedhaan qisasamaattii kan jiru.
Motummaan wayyaanee gaaffii uummataatiin dirqamee misoma waloo murasa kan hojechuuf  yaale  gibiraa uummata hirraa saamaa jiruun otoo hin taanee qarshii liqiidhaan bankotaa chayinaa hirraa liqefatunii. Kuniimmoo dhalootii dhufu  liqiin tagoogamee akkaa mataa ol hin qabannee  gidirsuudhaaf karorfatanii waan ittii deemaa jiranidhaa.
 Yeroo ammaa kanattiimmoo uummata mirga namummaa isaa sarbuun akka fedhanittii ajjeesaa, hidhaa, ar’ataa jiran. Warreen rakkoo kana mara dandammatanii jireenyaa mo’achuuf wixifatanimmoo motummaan wayyaanee gibiraa garmalee itti fe’udhaan golgaa gibiraatiin uumataa saamuu eegaleera.
 Qabsoon diddaa gabruummaa oromiyaa keessattii finiinuu ergaa eegalee as mootummaan wayyaanee  gibira fi qaraxaa gahaa Oromiyaa hirraa argachuu akkaa hin dandeenye olola. Gidduu kanaammoo, gibiraa akkii timamaa isaallee hin beekamne,baasii fi galii daldalttootaan kan wal hin madallee, kaan yoo qabeenyumtii isaan qabanillee gurgurame gibirichaa of hirraa baasuu hin dandeenyee dachaa dhibbentaa dibbaa 4 fi dhibbaa 5 ittii ramaduun uummata samuuf karoorfatee hojii hirraa olchaa jirtii.
Mootummaan wayyaanee inni gibiraa gar malee uummata hirraattii fe’ee gidiraa jiruu kun dhabattootii daldalaa wayyaanee kan akka EFFORT gibiraa fi qaraxaa isaan hirraa barbaachisuu kafalaa jiruu? TASUMAA.  EFFORT maqaa naannoo Tigraay debisanii ijaaruu jedhuun waggootaa 25 duraa mahaalaqqa uummata hirraa wayyaaneen saamaa turte dolaara miliyoonaa 100n hunda’ee. Har’a garuu dhabatii daldalaa wayyaanee kun qabeenya uumataa saamuun kapitalaa kafalamuu/paid capital/ qofa dolarraa biliyoona 3 caaluu geesifatera.



Dhabbati daldala wayyaanee EFFORT gara kampaniwwaan 60 caalan dhunfattii qabatee jiruu kessaa mesfiin industrial injineeriing, worshaa simintoo masoboo,kampanii atobisii salaam,biiraa dashiin, warshaa huccuu almedaa fi kanneen kaanis dinagddee biyyattii dhunfachuun olantummaa siyaasaa fi dinagdee wayyaanee mirkaneessaa jiruu.
 Mootummaan wayyaanee daldaltootaa xixiqqaa shiroo yokaan buna danfisanii gurgurachuun maatii hedduu bulchaan gibiraa garmalee hirrattii fe’ee hiraarsaa jiruu, dhabbatoota daldalaa isaa kanneen sadarkaa gurguddaattii socho’an lakobsaanis danuu ta’an gibiras ta’e qaraxa  santima tokkoo kafalchisaa hin jiru.
 Konkolatawwan gurguddoo dhabata EFFORT fi meshaa fe’aniiru jedhamanii maqaan effort hirratt dhahamee eenyuu abbaa isaatuu ittii bu’a,? Kana qofaa mitii maaltuu kellaa hirrat sakata’a ? Daldaltoonnii Tigree fi kanneen rayyaa itisaa maqaa dhabata kanaatiin yoo barbadaan sayiranii konkolataa isanii dhagesisaa kanneen kan akkaa karaa gadhisaan gochuun  bufataa doonii jibuutii kaasanii  otoo  gibiraa fi qaraxaa hin kafaliin, otoo keellaan itti hin cufamiin masaas jedhanii bakkaa barbadaaniin gahatu. Warren dhabata kana hirat gaffii kasan ammoo maqaa biro itii maxansuun manneen hidhat darbatamaniru. Kana qofaa mitii gazexessonnii dhimma kompaniwaan Effort jala jiran hirrati qorannoo qazexessummaa (investigative journalist) gegessuf yaalan adaba cimaadhaaf saxilamaniru.
Mottummaan wayyaanee dhabata offii hundeffate kampaniwwan gurgudoo kan akka EFERT fi Kubaniya Alamuddii fi maqaa daldaltoota  dhunfaatiin kanneen wayaaneef daldalan qaraxaa fi gibira gurguddaa kafaluu malan of cinaatti dhistee daldalaa xixiqaa jirenya guyyuu isaa mo’achuuf bu’a ba’iin jiraataan gibira  wanni isaan of harka qabanillee yoo gurgurame kafaluu hin dandeenyee itii ramaduun oliif gadii oofuun wayyaaneen hundeshetii wa’ee uummataa Tigree malee kanneen kaaniif dantaa kan hin qabne ta’uu caalaattii mirkaneessa.
Umanii otoo ajjeffamuu, hidhamuu, ar’atamuu, har’as, maqaa labsii yeroo hatatamatiin wayyaneen gidirfamaa otoo jiruu cal hinjennee, gabaa lagachuun, suuqii isaa cufuun wal dadamaqsuun gibira gar malee wayyaneen hirrattii feete  du’aas hidhamaas ar’atamaas, falmachuu isaa itiifufeera.
  



Wednesday, July 19, 2017

BISHAAN MIILA GA’EE ... MATAA HIN HANQATUU


DHUKAASNII ELEMOO,,,QEERROO HIN HANQATU !

SEENAA  Y.G (2005) kutaa 1ffaa
Jalqaba, Mata duree kiyyan akka dansaatti isiniif ibsa .1. “Bishaan miila ga’ee , Miila hin hanqatu” kanan jedhee, Qabsoo   Oromoo Namoota muraasaan eegalamee, sadarkaa sabaatti guddachaa dhufuu qofa osoo hin taanee, Guutuu Oromiyaa haguugaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu dursaa naaf hubadhaa. Kana malees, Qabsoon Oromoo Gootoota muraasaan eegalamtee, Gootoota kumaantama horachaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu qalbifadhaa. 2. “Dhukaasii Elemoo,,Qeerroo hin hanqatuu” Qabsoo Oromoof dhukaasii Elemoo kan jalqabaatii jechuun rakkisaa ta’uus, Ega gabrummaatti kufnee kaasee, dhukaasii diina ofirraa kaasuuf dhukaafamu waggaa 150 ol ta’eera. Haa ta’uutii kan Elemoo seenaa qabeessa. Oromoon akka gurmuutti ykn akka dhaaba siyaasaatti Gabroonfataa ofirraa kaasuuf sochii eegaleef dhukaasii Jaal Elemoo Qilxuu ka jalqabaatii. Jalqabbiin sun, dhiibbaa diinni nu irratti taasisaa jiruu fi Biyya abbaa keenyaa irratti mirga ofirraa ittisu qabnuun, Diinaan Dirqamnee Dhukaasaa Qeerrootti ce’uuf , yoo isarra dabrees,  Dhukaasa Ummata Oromoo maraatti tarkaanfachuuf yeroon nu haftee gabaabdudhaa. Badiin diinaa Elemoo dhukaasaaf dirqisiiftee, Qeerroo fi Qarree Oromoo dhukaasaatti ceesisuuf sa’atiin achii gadi lakkaa’aa jirti. Kun waan hin hafnee. Bishaan miila ga’ee mataa bira geenyaan, liqifamuutu dhufa. Dhukaasii Elemoo Qeerrootti tarkaanfannaan xumura gabrummaa ta’uun ifa . kana diinaa fi firaaf akka gaaritti ibsuufii barbaachisaafan filadhee.
Bara 2000 kaasee Fincilli Xumura Gabrummaadhaa dhaloota haaraan eegalamee, amma Qeerroon sochii hundaa dhunfatutti , isa Boodas Qeerroo fi Qarreen Qabsaa’oota Qabsoon siila’aniin Hogganamanii diinaa wayita raasaa turanitti, gama diinaanis, firaanis yaadaa fi ilaalcha hedduutu dhihaachaa ture. Namoonni waan kun itti hin fufu jedhanii eegalee, Qabsoo Ijoollee keenyaa marmaranii hanga kiishaa isaanii keessa naqachuuf yaalanitti arganeerra.
Dhugaadhaa wareegama hedduu jabaa kafalaa jirra. Garummoo filmaata biraa hin qabnuu. Har’aa nuutu wareegama baasaa jirrun onneen nu madoofti ta’aa. Boruu garuu gama keenyaan gammachuu ta’ee, gama diinaan gubannaa ta’aa. Kunimmoo waanuma arguuf teenyuudhaa.diinni qabsoo Biyya keessaa gaggeeffamaa jiruun waa hedduu itti maxxansee fi xureessee akka barbaadutti dhiheesseera. Oromoonni iji isaanii hanguma ilaaltu yaadanis, qabsoo irraa fagaatanii jiraachuu isaanii osoo hin qeeqiin, warra dhiiga itti lolaasaa jiruu fi lafee itti cabsaa jiran irratti waa hedduu dubbataniiru.Waggaa sadan kana waan dubbatamee fi katabamee seenaatu ol kaa’ee jira. Waan sun hundumtuu afarfamee garuu, kan hin tarkaanfatu jedhamee tarkaanfatee, kan hin badaa jedhamee lubbuu qabaatee, kan ni laafata jedhamee jabaatee diina morma hudhee jiru ta’uu yennaa argan maaluma jedhu laata ?
Kaayyoon barruu kiyya har’aa dubbii kakaasuuf miti. Har’as seenaatu raawwatamuuf jiraa, waan kaleessaa irraa baradhaatii , dhaloota har’aa of laachaa jiruuf kabajaa qabaadhaa jechuufi. Mana ho’aa keessa teenyee xiinxalaa fi yaada baatii tokkof illee hin turree gumaachuu irraa akka of qusannee waan ijaaraatti ceenuu hubachiisuufi.
Addatti bara 2015 kaasee daa’immanii kaasee hanga maanguddoo ganna 70tti wareegama kafalaa jiran. Kun eenyun illee gaddisiisuun hin hafu. Garuu ammas furmaata biraa hin qabnuu. Bilisummaan wareegama malee argamtuu gonkumaa eessallee hin jirtu. Kanaaf ammallee wareegama ulfaataa kafaluun keenya hin hafu. Wareegamnii kun jabiinaa fi wal jala yaa’uu keenyaan hanqifamuu mala. Garuu waan hin hafnee. Yeroos Yaadoota ka’anii turan kaasuun barbaada. kan diinni miidiyaa fi sabaa himaalee irratti dubbatu osoo hin taanee, ofiima keenya waan ofiin jennee turre keessaa:-
1.       Lubbuu ijoollee maa ficcisiisuu ?
2.      Fiixa ba’iinsa hin qabu , har’aa ho’ee boruu qabbanaa’aa
3.      Sochiin Qeerroo Abbaa hin qabuu !!!haadha itti barbaannaa ,,,,kk
4.       Dhaloota keenya hidhaatti fixanii..
5.      Tapha ijoolleetii ,,,
6.      Dhaloota barnoota irraa kutaa jiruu ,,, kkf jedhamanii jiru. Qabxiilee muraasa kana maaliif kaafnee ? jennee mee haa eegallu . gaaffiin akkasii jalqaba irratti kan ka’uu, dantaa ofii dursuuf jedhameeti. Inni lammaffaa, Naamuusaa fi kabajaa eenyuf akka qabanillee wallaaluu irraati. Inni sadaffaan, Qabsoo keessaa fagaatanii madaala tilmaamaa ykn xiinxalaa keessa gangalachuun qabsootti fudhachuu irraati. Kun deebii gababaa ta’aa. Deebii qabatamaan ammo waan yeroo san jedhamee fi waan qabatamaa amma jiru wal bira qabnii ilaaluudhaa.
FINCILLI MATAA FI GURRA ITTI GUGUDDIFNEE KUN MAAL UUMEE ?
1.      Fincila saba keenyaatti aanee ka dhufee, wareegama isaan kafalaniidha. Wareegamnii kun garuu firii Gootummaa sadarkaa addunyaatti galmeesiseen dabree jira. Har’aa wareegamni ulfaataan sun, dudda wayyaanee cabsee akka teesse dubbattu taasisseera. Taa’anii haasa’uutti aanee ciisanii haasa’uutu dhufa. Kunimmoo dhawaataan itti fufa. Wayyaaneen kaleessa barcuma paarlaamaa dhibbeentaa 99% mo’adhee kan jettee addunyaatti gabaafattee biyyee kan nyaatee wareegama ijoollee kanaanii . wayyaanee kana dubbattee waggaa 1 booda guutuu Oromiyaa keessatti Seenaan sun hundi addunyaatti kan mul’ifame.kun wareegamuun lammiilee keenyaa sun firii akka godhatee nu argisiisa.
2.      Wayyaanee maallaqa biliyoonaan ramaddee kan irratti hojjachaa turtee qabsoo Oromoo ABOn durfamu, akka fedhii namoota muraasaa fi garee tokkotti fudhachiisuuf amma dandeesse ifaajjaa jiraattee. Maallaqi daldaltoota siyaasaa bitanii Biyyoota of cinaa hiriirsuu waan laayyoo miti. Garuu kun hundi dhiiga ijoollee keenyaan dhiqamee ifatti ba’eera. Gaaffii qabsaa’oonni barootaaf kaasaa fi itti wareegamaa jiraatanii fi jiran , kan namoota muraasaa osoo hin taanee, kan Ummata Oromoo ta’uu fi Ummati Oromoo ABOn akka isa bulchuu akka barbaadan ifatti kan ittin mirkaneeffamee fudhatama argateedha.
3.      Mootootii hundaa irra diinni innikkaa Oromoo wayyaanee ta’uu kan itti mirkaneeffattee, qabsoo ummata oromoo goolessummaan wal qabsiisanii dhabamsiisuuf sochii taasifteedhaa. ABOn shororkeessaa addunyaa ta’ee, akka Biin laadeen akka barbaadamuu fi Ummati Oromoo akka Iraaqii fi Afaagaanstaan akka tumamanii dhumaniif shirri baroota dheeraaf hojjataa jiraatte salphaa miti. Warri wayyaaneetti maxxananii fi bitamanii jiran waan kana hangam gadi fageessanii akka ilaalanii jiran naaf hin galu. Wayyaaneen diina keenya ishee dumaati. Amaarri fi warri kaan Biyyuma keenya irratti nu cabsu uyaalan. Wayyaaneen garuu addunyaa irraa nu dhabamsiisuu ykn addunyaa nutti dulchisuu yaaltee jirti . kun yoomillee seenaa sana keenya keessaa hin badu. Sammuu dhala Oromoo hundaa keessaas hin badu.egaa Qeerroo fi Qarree seenaa wayyaanee xuraa’aa akkasii addunyaa irratti saaxilanii qabsoon Oromoo gaaffi abbaa Biyyummaa malee kan shororkeessummaa akka hin taanee, ABOn kallacha qabsoo Oromoo ta’uu mirkaneessan.
4.      Waggoota dheeraaf addunyaa irratti sabni Oromoo kaleessa sirna mataa isaa qabaachaa akka turee fi gabrummaa jalatti akka kufee jiru, aadaa fi jireenya hawaasummaa mataa isaa akka qabu , gaaffiin Oromoo addunyaa irratti fudhatame akka argatee kan ittin mirkaneeffame, Sabni Oromoo saba of bulchu akka ture kan mirkaneessu sirni gadaa UNESCO tti hatattamaan akka gadi ba’uu kan taasisan seenaama ijoollee keenyaa ilaalcha tuffii hedduun irratti ka’ee kanaati. Waan addunyaa kana irratti ta’uu hundaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitu of harkaa qaba. Dhaabbati mootummoota gamtoomanii ammoo addunyaa kana irratti waan jiru hundaaf ragaa isaa kan qindeeffatuu  fi mirkaneeffatu karaa UNESCO kanaatii . kanaaf dhiigi ijoollee keenyaa Gootummaa akkasii galmeessee dabree jira. Qabxiileen kun sadarkaa addunyaatti kan ilaallee qofaadhaa. Sadarkaa wayyaaneetti ammo lakkofsayyuuu hin qabu.
Mee waanuma gabaabaa kana irraa maal baranna. Tilmaama kaleessa lallabaa turree fi haala qabatamaa har’aa keessa jirru, addatti seenaa bifa haaraa Biyya keessatti argaa fi dhaga’aa jirru kana waliin yennaa madaallu , gara fuula duraatti akkam ta’uu qabnaa ? jennee of gaafannaa laata? ? moo, waan yeroos kaafnee xibaarree dhiifnee, waan eegalamee sun saganteeffamee kan gaggeeffamaa jiru ta’uu amannee qooda fudhachutti ceena. ? sochiin kun qindaa’aa ta’uu fi umurii qabaachuu qofaa osoo hin taanee xumura wayyaanee akka tolchuu ragaa hedduu ammaaf tarrisuu hin dandeenye of harkaa qabaafan kaasaa jiraa. Kan dabree abbaa salphisee fi ol kaasee taajjabaa, waan boriif of qopheessuun barbaachisaadhaa.
Sodaa fi shakkii tokkollee hin qabnuu . wayyaaneef dhumateera. Siyaasii yeroo isaatti kufuun waan hin hafnee. Har’a jabiina wayyaaneen osoo hin taanee sagantaa harka keenya jiru irraa wayyaaneen jiraachaa jirti. Wareegamni keenya hanga har’aa gumaa baasutti akka hin geddaramneef , waan eeggachuu qabnuu fi dantaa siyaasaa keenya ilaallachuu irraa ta’uu mala. Qawwee hidhachiifamuunis adeemsuma keenyaa tolchuuf, qawwee qooduun duuba maal akka jiru hubachuu irraa ta’uu malaa haa obsinu. qabsoo keenya irratti shakkinu hin qabnu. Tarkaanfii barbaannu bakka barbaannutti fudhannuu addunyaan akka nurra hin ilaallee beekna. Gara keessaattis ta’ee alaatti gumaa ba’uun dhihaachaa jira. Oromoon kana gochuuf mirga guutuu itti qaba. Kutaa 2ffaan itti fufa.
HORAA BULAA !


Tuesday, July 18, 2017

Eenyutu Dolara Diyasporaatin jiraata?

Ibsa waajirri kominikashinii DHDUO/OPDO har'a baase tokko yoo dubbisu hedduu na dinqe. Innis Diyasporaan akka ummata kakaasee ficcisuuf jedhu, diyasporaan akka dolara walitti qabachuuf ummata sobaa jiru maqaa dhaya.

Yoo itti qabnee laallee garuu dhugaan isaa Mootummaan Wayyaannefi ummata kanas diyasporaan hedduu gargaaraa jira. Maallaqni ala kanaa warra keenyaf erginu kuni mootummaa sanis jiraachisaa jira. Bara darbe gabaasa Mootummaan suni dhiyeesserraa yoo laalle galii sharafa alaa Bunarraa argame dolara biliyoona 2,9 yoo ta'u kan diyasporaa irraa argame garuu dolara biliyoona 4,9.
Kuni deeggarsa mootummoonni biyya alaa kenninafi kan bunaatis walitti dabalatee caale jedhanii ofiifuu gabaasan.
as tuqaa gabaasa laalaa

Kuni osoo haala kanaan jiruu OPDO garuu diyasporaan wal sobee dolara guurrachuuf ummata biyya keessaa jeequmsaaf kakaasa jettee ibsa baafti.

OPDOs ta'ee mootummaan suni lafeen dugdaa diinagdee isaa galii diyasporaan alarraa ergu ta'uu isaanuu hindhosine.
Mee egaa isaanuu osoo jiraachisaa jiruu diyasporaan badiin isaa maali?
Ummata keenya ficcisiisuf gadoo onnee keessatti hambisuuf jedhanii dubbatu. Diyasporaatu galee ummata keenya fixaa jira moo mootummaa kan ofiin jedhu kanatu fixaa jira? Ummanni keenya har'a qawwee kaasee hinlolle, sirnaan seeran mirga ofii gaafatate.

Gibirri seeran ala nutti guddatee jedhee gaafate. Naannon keenya daandin ittiin gadi baanee gallu osoo hinjirre maalif gibira kaffalla jedhee gaafii kaase. Mirga lafa kiyya narraa hinsaamtan jedhee gaafii kaase malee ala kanaa diyasporaan dolara walirraa guurrachuudhaf sochii godheefi miti.

Kanarratti mediyalen keenya afaan maraanuu sirriitti ummata keenya hubachiisuu qabu.
Kijiba OPDO fi Wayyaanee kana saaxiluu qabu. Kan doolara itti hinifaajiniin jiraachaa jiru OPDO/wayyaanedha. Kan waan itti hindafqin nyaachaa jiru wayyaanedha malee diyasporaan dafqee fidee osoo ofii hinyaatin isaanii kennaa jira.

Humna diyasporaa kan Wayyaanen hinhubtin kana ummata hubachiisun barbaachisaadha.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...