Thursday, July 27, 2017

Bishaan miila ga'e mataa hinhanqatu

BISHAAN MIILA GA’E MATAA HIN HANQATUU !
DHUKAASNII ELEMOO…QEERROO HIN HANQATU !

SEENAA  Y.G (2005) kutaa 2ffaa
Qabsoon Oromoo wareegama ulfaataan asi ga’ee, kana booda ragaa eenyullee hin barbaadu. Dhiiga ilmaan isaan waa hundaa mirkaneessaa jira. Wareegamni Ulfaataan baafamaa jiru, guyyaa irraa gara guyyaatti injifannoon Ummata Oromoo ka hin hafnee ta’uu mirkaneessaa jira. Har’a diina ilaallee tarkaanfataa hin jirru. Diina dursinee jirra. Diinatu sochii keenya ilaalee sagantaa baafatee waan nuuti gaggeeffannu fashalsuuf dhama’aa jira. Kun injifannoo guddaadha.haa xiqqaatuu haa baayyatu waan kaleessa jennee qunxuranis haa ta’uu raawwachuuf dirqamaa jiru. Sochii har’aa milkeessuuf, Qabsaa’oonni fi Qeerroon Oromoo Biyya keessatti ummata ijaaranii akka yaadaa fi fedhii isaanitti ummati akka irra aanu taasisaa jiru. Kaleessa sochiin Biyya keessaa kun abbaa hin qabu jedhanii Facebookiin Komaandi postii ta’uu kanneen barbaadan danuu turan. Waan diinni amanee lallabuu amanuu dadhabuu isaanii isaanumaaf dhiifnee,  sochii amma Biyya keessatti sagantaa addaan gaggeeffamaa jiran yennaa ilaalan yaadaa fi qalbii isaanii dhugaatti deeffatanii, ga’ee mataa isaanii gumaachuu eegalu jedheen abdadha.
    1.Aantummaan Ummataa Hojiin moo hololaan ?
Wayyaaneen sochii Ummata Oromoon rifattee jirti. Gaaffiin Ummata keessaa ka’uu fi OPDO illee osoo hin hafnee ka’aa jiru tokko ta’aa dhufutti dhibamteetti. Akka kaleessaa tarkaanfii sukkanneessaa san argisiisuu irraa of qabaa jiraachuuf dababaan maal akka ta’ee isaanumaaf dhiifna. Kun sababa mataa isaa qabaatu danda’aa, garuu dhiiga keenyaan harka micciirree gaaffii keenya akka liqimsitu taasisaa jiraachuu keenya mallattoolee hedduu argaa jirra.diinni sochii of-duuba hin deebinee kana ilaalee, hegaree isaaf yaadda’aa jiraachuu osoo arginuu fi sochiin kun eenyun akka qindeeffamu haalaan hubachuu irra dabranii, waan itti jiran akka isaan hin tarkaanfachiifnee amananii yaadaan wal dhabaa wayita jiran kanatti, Biyyoota alaa taa’anii sochii kanatti abbaa ta’uuf warra wixifatan yennaa ilaalluu, nama bara baraan dheedhii ta’an hedduu qabaachuu keenya hubanna. Addatti akkamiin miidiyaa banatanii sochii qeerroo irratti shira hojjatama? waan fedhe ta’uu lubbuun wareegamaa fi jeeqamaa jiru kan ilmaan Oromoo mitii ? sochii kana ABOn yoo qindeesse badii maalii qaba? ABOn duubaan jiraachuu yoo amannee maaltu nutti hanqata? ABOn humna waan akkasii qindeessuu osoo argee anaan alatti qindeessitan jedhee abaaraa? Anaan natti hinfakkaatu . ABOn socha’uu didee jedhamee qeeqama, gaafa socha’uu ammo sochii isaa haalla, kun maalummaa keenya argisiisa?
Isa dhugaa dubbachuuf, waa tokko amanuu nu barbaachisa. Humni qeerroo fi Ummataa maaliif Biyya keessaa ABO jedhanii akka wareegamaa jiran of gaafachuu wayya. Humna biraa isaan qindeessaa , ABO isa dhugaa barbaannaa jedhanii hin dubbatan. Humnuma nama ijaaree fi sochii godhee waammatan. Dhugaa kana ijaan argaa fi dhaga’aa maaliif jallisuu barbaanna? Dhugaan jiru, hojjatanii argamuudhaa ? Dhugumatti mirga ummata keenyaa isa dhugaaf dhaabbanna taanaan , ‘human kamuu waliin maaliif hin dhaabbannu? Halgaan wal ta’uu tarkaanfii sadii of dura darbatamaa, isa kan ofiif maaliif tarkaanfii 6 duubatti tarkaanfanna ? maal dhibeen keenya ? maaliif Ummata kana Hogganuu barbaanna ? maaliif akka habashootaa Ummatuma keenya gaabroomsuuf barbaanna ? yoo dhugaatti jirra ta’ee, dhaaboota siyaasaa Oromoo kamuu balaalrffachuun kan danda’amuu dantaa Oromoo irratti hundaa’anii malee dantaa ofirratti hundaa’anii akka hin taanee beeku barbaachisa. Ummata waa meeqa hubatee fi adda baafatee tarkaanfii isaa ofiin xumurachutti ce’ee wallaalummaatti ilaaluun dadhabiin isa guddaadhaa. Gaafa akkasitti yaadu eegallee siyaasaan kufnee.
2. Oromummaaf wareegamuu fi hidhamuun garaagarummaa qabaa?
Namoonni ala kanaa maakkiyaatoo habbuqqachaa xiinxala tarrisan waa hedduun isaan taajjabaa jirra. Dhalooti haaraa Biyya keessaa qabsicha finiinsaa jirus, “warri alaa gaafa Oromiyaan Bilisoomtee, qofaatti bakka isiniif tolchina malee Ummata keenyatti hin makamtan” kan jedhaniif waa malee miti. Amma yaadaman waan hin geenyef. Beektoota warri ofiin jedhanillee osoo hin hafnee dogoggora gurguddaa hojjachaa oolan. Mee fakkeenya tokko haa kaafnuu. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Biyya keessaa haqaan falmaa gaggeessaa jiran keessaa , Dhaaba Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Mararaan gaggeeffamaniidha. Hanga har’aatti gaaffii Oromoo irraa hin dhaabbannee. Hedduun isaanii hidhaatti hiraarfamaa jiru. Mana hidhaa wayyaanee waggaa 25 kana keessatti ilamaan Oromoo hidhaan hiraaraa jiran waan isaan wal fakkeessuu qabxii guddaatu jira. Innis Oromummaa isaaniiti. Ilaalcha barbaadan qabaachuu malu. Garuu gaaffii Oromoo kaasaniif hidhaman. Manni hidhaa tokkof tolaa ta’ee isa kaaniif summii ta’uu hin danda’uu. Wayyaaneen Baqqalaa torchi gootee, Miseensoota ABO jedhamanii hidhaman hammattee hin dhiiftuu. Waan isaan irra ga’uu fi manni hidhaa Ilmaan Oromoo hundaaf tokkodha. ABO Ilmaan Oromoo gaaffii ummata isaanii dhageesisuuf jecha mana hidhaa keessa jiran wal caalchisa jedhee hin yaadu. Adeemsa isaa waggaa 30 olii keessatti argees dhaga’ees hin beeku.
Kanarraa kaanee beektoonni fi akitivistoota warri ofiin jedhanii fi xinxaltoonni siyaasaa waan dogoggoran haa kaasu. Obbo mararaan gaafa Biyya alaa deebi’anii hidhaman ABOn Ijoo dubbii isaa irratti, hatattamaan akka hiikaman qaama isa ilaallatu hundaa gaafatee ture. Ibsa kanarraa waa hedduu baranna jedheen yaadaa ture. Garuu namoonni muraasinii jibbaa fi hinaaffaa dhaaba kanarraa qaban fedhii isaanii keessa gaggeeffachuuf, yeroo hundaa obbo Baqqalaa fi obbo Mararaan gootota keenya jedhanii akka hiikaman, Ummatis alattis ta’ee Biyya keessatti hiriiraa fi gaaffii akka gaggeessuu kakaasu. Mee yoo bilchina siyaasaa qabaannee, kun dhugaa saba keenyaaf yaadurraa maddaa? ijoolleen har’aa hidhamaa jirtuu fi waggaa 25 dura hidhamanoo hiikamuu hin qabanii? akkamiin warra kaayyoo tokkof hidhamee akka dantaa keenyaatti sharafnee waan akkasii Ummatatti qabannee dhihaanna ? warrumti alaa haala akkasiin yeroo itti iyyannu , jarri kun tokkummaa hin qabdu nuun hin jedhanii ? Miidyaa adda addaa irratti waan kana hojii koo jennee maxxansaa yennaa oollu, wayyaaneenuu maal nurraa hubattii ? kun dadhabiina guddaadhaa?
Wayyaanee hunda isaanii Oromummaa isaaniin hiitee. Waan isheen hiitee kana akka Qircaa foonii qooddachuuf yaaluun salphina hin ta’uu? warrumti maqaa kaafnee dantaa keenya ittiin ooffannu, mana hidhaa keessa ta’aanii gaaf-tokkollee hidhamuu isaanii qofaaf dubbatanii hin beekan. Bara wayyaanee keessa warra hidhaman hundaaf falmaa jiran . Ummata Oromoof jedhanii akka hidhaman dubbatu. Dhaaba isaaniif hidhamuu dubbatanii hin beekan. ABOnis jarri kun miseensa koo mitii jedhee hidhaan isaanii sirriidhaa jedhee hin beeku. Kanaaf Namoota siyaasaas ta’ee Ummata keenya keessaa diina harka yoo bu’ee, ykn hidhamee, gonkumaa adda hin baasiinaa. Kun dadhabiina siyaasaa irraa madda. Waggaa 150 dura irraa kaasee kanneen Bilisummaa saba keenyaaf jedhanii wareegamanii fi kanneen har’aa wareegaman gidduu garaagarummaan hin jirtu. Bara sana kanneen saba isaaniif osoo falmanii hidhamanii fi har’aa hidhaman gidduu garaagarummaan hin jirtu. Bu’aa isaanii fi hojiin isaanii wal caaluu danda’aa. Garuu Hundumtuu Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof wareegaman. OPDO Oromootti dhukaaftuun ala kanneen jiran jechuu kiyya. Kanaaf Namoota siyaasaa taanee of muudun dura mee waan itti jirru haa ilaallu jechuufan kaasee.

Qabsoon Oromoo eessa akka ga’ee jiruu fi ani eessan jiraa ? jedhanii of gaafachuun murteessaadhaa.Hololli kamuu qabsoo kana boodatti hin harkisu. Waan miidiyaa fi facebookiin gaggeeffamu ilaaltanii tokkummaatu dhibee jettanii wal hin nyaatiinaa. Qabsoon Oromoo human cichoomiina qabuun karaa isaa irra bu’ee tarkaanfataa jira. Dhaloota hololaan hiikamuu hin ijaarree. Qabsoon dhaaloota duraa irraa gama barbaachisuun dhaalameera. Dhaloota itti aanutti dabreera. Akka nama Bilisummaa qabuu Angoo wal harkaa fudhuu warra mootummaa adda addaa ilaaltanii of hin cinqiinaa, qabsootti jirra. Dhaloota har’aa waan barbaade wayyaanee irratti raawwataa jiruuf maddi isaa maalii ? jedhaa of gaafadhaatii , bakka qabsoon kun ga’ee jiruun wal qixxeessaa .Osoo isin xiinxalaa fi akitivistoota jettanii of mookisitanii waa hundi dhumachuuf jiraa. Hololootaa kamuu hin dhaggeeffatiinaa . Wayyaaneen Qabsoo Ummata kanaa bara isheenu jabaa turte duraa dhaabbachuu hin dandeenyee yeroo laafachaa jirrutti dura dhaabbannaa ? jedhanii of ilaalaa jiranii waan itti jirtan irraa duubatti hin deebi’inaa. Inni hololuus mee itti haa fufu. Nuutis dhugaa qabannee itti fufna. Nuuti dhugaa qabannee ol baana. Inni hololuu ammo…waci biyya alaa qabsoo keenyaaf hundee miti. Dameellee miti. Baala harca’eedhaa jabaadhaa ! kutaa 3ffaan itti fufa.

No comments:

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...