Waliin dhabbannu humna taana, humna waliif taanu diina keenyarra oolla!
Egaa akkuma hundi keenyaa agarru diinni saba Oromoo hangafti har'a Wayyaannee ta'uun wal nama hingaafachiisu.
Wayyaanenis kan saba Oromoo cabsite waan Oromoon sodaatef ykn barnoota dhabeef ykn heddumina dhabeef osoo hintaane mala baafachuudhani. Malli isaan waggaa 30 dura dangaa Ertiraa taa'anii mala humna Oromoo ittiin adda facaasan baafatan suni waan xiqqaa hinturre.
Dhaaba maqaa Oromootin dhaabanii, ofiimmoo humna dhoowwanii akka barbaadanitti yeroo barbaadanitti nama Oromoof osoo hintaane isaaf hojjetu qofa achi teechisuun DHDUO fi ummata adda tiksaa turaniiru.
kanarraa kan ka'e sabni Oromoo hubannaan inni DHDUOdhaf qabaachaa ture warra alagaaf hojjetu jedheeti. Nama achi keessaa saba isaatif quuqame dafanii qorannoodhan achii ari'uun hidhuufi ajjeesun Wayyaanen hamma ammaa milkooftee turet. Milkiin suni garuu amma xumuramaa jira fakkaata.
Yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo DHDUO keessaa kan saba isaatif quuqaman baayyachaa waan dhufaniif dhaabni kuni quuqqaa saba isaa dubbachaa waan dhufeef sabboontotnni hedduun itti makamaa waan dhufaniif guyyoota kurna darban keessa qaxxaamura seenaa agarre. Ummannis yoo dhuguma saba keenya bira dhaabbattan isin bira jirra jedhee afaan guutee dubbate.
Amma kan hafe kaa DHDUO waan jedhan san hojiin mul'isuu qofa.
Hamma kana duraa kan agarre DHDUO waan ummata ofii shakkuuf ykn sodaatuf marii kamuu hinhayyamu ture, fedha ummataa hineegu ture. Halli amma jijjiiramaa jiru kuni garuu DHDUOdhaaf carraa hinargamne uumee jira. Hiree guyyaa rakkina dhalate kanaan walitti qabatee uumame kanatti fayyadamuun DHDUOn ummata ofiitif amanamoo, saba ofiitif quuqamoo ta'uu isaanii hojiidhan mul'isuu qabu.
Kana godhanii argamnaan sabni keenya yeroo ammaa dhaabolii siyaasaa isa sobaa bahan kana waan ifateef gara DHDUO goree biyya ofii wanni hindhuufanneef hinjiru. Dhaabonni siyaasaa ibsa sobaa baasudhaan, waamicha ofii keessa hinjirre yaamudhaan hamma ammaa uummanni keenya filannoo biraa waan dhabeef owwaachafii ture, amma garuu isaan ifatee jira. Dhaaboliin siyaasaa hedduun seenaa ta'anii hafaa jiru. Sababiin isaas yeroo ummanni dhugumaan rakkatee diinni itti taphate kana waan of biraa dhabeef.
DHDUO carraa lafa duwwaa argatte kanaan fayyadamuudhan moo'annoo seenaa argachuu danda'u ta'a. kunis kan ta'uuf:
- caasaa biyyattii keessatti harkaa qabu
- humna namaa homtuu gaaf Afrikaa keessatti hinqabne harkaa qabu
- Foolisii, waraana akkasumas miseensota qabu
- dargaggoota biyyaa kan carraa argameen saba isaatif qabsaa'uu barbaadu harkaa qabu
kanatti fayyadamuudhan DHDUO wayyaanee jalaa suuta suuta loo'aa deemuu danda'u. Keessattuu carraa rakkoo dhalatee kanaan saba ofii madeessan araarfachuudhan jalqabuu qabu. Namoota hidhaman aangoo isaanii jala jiran hiikuu. Wayyaanen akka saba isaanitiin walitti isaan buusuf hojjettu beekudhaan harka wayaa jalaatin saba isanii ijaarun mala marii hinqabne.
Silas yoo hamma fedhan wayyaanedhaaf amanamoo ta'anillee wayyaanen isaan shakkitee ykn ari'uu ykn hidhuu ykn ajjeesuu hindhiiftuu seenaa hojjechuun boruuf dhala ofiitif waan lafa kaahudha.
DHDUOn carraa argame kanatti fayyadamuudhan osoo dargaggon Oromoo abdii isaanirraa hinfixatin dhaaba Oromoo ta'uu danda'uu qaban.
Yoo DHDUOn garuu carraa kanatti fayyadamuu dadhabdee sodaadhan carraa kana dabarsite, sabni Oromoo silas yeroo dhiyoo keessatti waan tokkorra gahuun isaa hinooluu, garuu seenan isaan gaafachuus hinoolu.
DHDUO carraa akkanaa lammate deebitee hinargamtu waan ta'eef itti fayyadamaa. Yoo saba keenya cinaa dhaabbatanii salphina kana keessaa baasuf karaa akeektan deeggarsi mara keenyaa isin waliin jira.
Thursday, September 21, 2017
Friday, September 15, 2017
Yeroon Oromoo gaheera --- injifannoon dhiyaatera
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo diina miti, Oromoonuu duubatti deebisuu hin danda’uu. Oromoon Qabsoo shidamtee dhiisuun qaba jedhee osoo keessaa dhaabbatu yaaleyyuu, sochiin jiru dhaabbachuu hin danda’uu. Maaliif ? jennaan, bara Bilisummaa irraa fagoo jiruuyyuu hin dhaabbannee, Bilisummaatti dhihaatee dhaabbachuu waa hin dandeenyef. Qabsoo Ummata Oromoo maraa hirmaachisu kanarra ga’uuf wareegama Ulfaataa itti kafalle. Amna dheeraa deemne. Sochii har’aa kana uumuuf bu’aa ba’ii fi miidhaa gurguddaa liqimsinee bira dabarre. Har’a akka kaleessaa yoom akka ebaluu …..jennee hawwaa hin jirru. Yoomuma tokko taana ? jennee keessa keenyatti gooma’aa ykn komachaa hin jirru. waan yeroo dheeraaf yaadaa fi barbaachaa turre irra geenyee jirra. Dadhabbii waggaa 30 ol booda waan barbaannu irra geenyee jirra.Qabsoo Ummata Oromoo ykn gaaffiin Oromoo deebii akka hin argannee Oromoon gootummaan argisifachaa fi raggaasifataa jira. Waan barbaannu bira ga’uuf haala nama gammachiisuun daandii eegallee jirra.
Waan eegallee kana yoo kunuunsinee fi caalaatti sochii keenya hundaa dantaa keenya waliin Naamuusaan yoo gaggeeffannee , Injifannoon keenya dhihoodhaa. Dhalli Oromoo waan hubachuu fi jabiinaan irratti hojjachuu qabnuu qabxiilee 4 kaasuun barbaada. Bakka jirrutti halkanii fi guyyaa kan irratti hojjannuu, akka dhuunfaattis sabaattis kan irratti bobbaanu.
1. Hegaree HIWAATOOTAA FI TIGIROOTAA guutummaatti yaaddoo keessa galchuu,
2. Qabsoon keenya dhageetti akka argatuuf, Biyyoota wayyaanee utubaa jiran rifaasisuu
3. OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu, wayyaanee jalaa baasuu
4. Saboota cunqurfamoof jaalala addaa argisiisuudha.jedheen yaada.
1. Hegaree Hiwaatootaa fi Tigirootaa yaaddoo keessa galchuu,,
Akka walii galaatti qabsoon keenya jabaataa deemnaan , wayyaaneen shira saboota nurratti kaasuuf yaaluun fashallaan , tarkaanfiin itti aanu qabeenyaa horataniif yaadda’uutu dhufa.Biyya har’aa dhaadataniif kanarra dantaa dhuunfaa isaanii dursuutu itti fufa. Kun haqa. Qabsoon Ummataa jabaachaa deemnaan, waraanni itti abdatan aantummaan isaa Ummataaf ta’uun mirkanaa’aa akka deemuu ni beeku. Kanaaf, Madda qabeenyaa isaanii fi Kubbaaniyyoota isaanii kanneen ta’aan, Finfinnee, Hawaasaa , Bahirdaar, Adamaa, Dirree dhawaa, kkf irratti jabiinaan hojjachuu nu barbaachisa. Bifa addaan ammo Finfinnee fi Naannoo ishee guutummaatti hojiin alaa gochuun barbaachisaadhaa. Kan har’aa Naannoolee Ollaa keenya ta’an nutti kaasaa jirtuuf, qalbiin keenya gama sanatti akka deebi’uufiidhaa. Kana hubachuu nu feesisa.
2. Qabsoo keenyatti dhageetti Horuuf,
Qabsoon keenya dhageettii argachaa dhufuun haqa. Dhageettin kun kanuma dhaga’anii callisan ta’eera. Kanaaf yaaddeessaa ta’uu beeksiisuuf osoo hin jaalannee , Biyyoota akka Chaayinaa, Ingilizii, Ameerikaa, Jarman, Faransaayii, kkf, akka dammaqan gochuuf Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf itti yaadu barbaachisa. Keessattuu Ingiliziin humna nu fixaa jiru haalaan ijaaraa fi maallaqaan gargaaraa jirti. Ameerikaan gargaartus hanga tokko ibsayyuu irratti baaftii. Ingilizii fi chaayinaan garuu suduudaan dhumuu keenya hayyamanii irratti hojjachaa jiru. Kanaaf Dhabbadhaa jechuuf ykn nu dhaggeeffadhaa jechuuf karaa dheeraa hin yaadinuu itti haa yaadinu.kubaaniyaa Oromiyaa keessaa qaban keessa ijoollee Oromoo 1000 oltu qacaramee hojjata. Kun carraa gaariidhaa dhimma itti haa baanu.
3. OPDO wayyaanee jalaa baasuu :
Shirri wayyaanee hangafummaan karaa OPDO raawwatamaa jira. Akkasuma kufaatii wayyaanee OPDO keessaan ta’uu akka maluu carraa hedduutu jira. sa’aatii dhumaattu taatu, OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu wayyaanee jalaa baasuun murteessaadhaa. Humnaanis ta’uu jaalalaan. Gorsaanis ta’uu, akeekkachiisaan. OPDOn qabsoon jabaachaa deemnaan galagaluun ishee hin hafu. Yeroo sanatti waan itti fayyadamuu dandeenyu hedduudhaa qalbiidhaa qabaadhaa. OPDO wayyaaneetti galagalchuun , ammuma qabsoon keenya jabaachaa deemee laafachaa deema.waan fagoottii hin argannee dhihootti argachuuf nu gargaara. Wayyaaneen OPDO qabattee seenuun ni dhaabbata. Dachee keenya keessatti argamuuf sababaa dhabdii. Kanaaf qabsoo keenya jabeeffachaa OPDO jalaa diiganii ofitti dabalachaa deemuun hedduu dansaa ta’aa. Inumaa duubarra wayyaaneen kufuu akka qabuu caalaatti kan barbaadan isaan ta’uu. Yoo ijifannee, Ummata keenya biraa galata argattu. Yoo wayyaaneen jiraattee ammo…….kanaaf kufaatii wayyaaneef hojjchuun waan hin hafnee. Kanaaf dantaa keenya ilaallachaa tarkaanfanna taanaan, isa qabsoo Ummataatti amanee ofitti dabalaa deemuun, waan nu laaffisuu hedduu qaba.
4. Saboota Cunqurfamoo ilaalchisaa :
Saboonni Oromiyaa keessa jiran yaadda’uun hin hafu. Wayyaaneen kanneen akka somaalee, adaree kkf Oromoon isin liqimsaa jechuun hin hafu. Kanaaf dantaa keenya dursina taanaan diina xiqqeessuun furmaata waan ta’uuf, Saboota hundaaf jaalala addaa kennuffin barbaachisaadhaa. Inumaa isaaniif wabii akka taanutti irrattti haa hojjannu.
Walumaa galatti wayyaaneen hojii nutti heddummeessuu yaalaa jirti. Kana malees, Hiwaatoonni saboota biraan nu rukuchuuf yaalaa jiru. Injifatamaniyyuu saboota biroon nu rukuchuu barbaadu.kasaaraa saboota biraan nurratti hojjachuu barbaadu. Kanaaf Oromoon kan yeroo kamirryyuu caalaa waa afuritti dhimma ba’uu qaba.
A. Baayyina isaatti dhimma ba’uu:
Baayyinni keenya lakkoofsaan qofa ibsamuu hin qabu. Hojiidhaanis akkasuma mirkanaa’uu qaba. Kanaaf baayyina keenyatti dhimma baanee, humnaan diinaa ol ta’uu mirkaneessuu qabnaa. Kunis kan ibsamu qabsoo eegalamee keessatti qooda fudhachuu kan ammaarraa daran jabeessuudhaan ta’aa
B. Oromoon Marti qe’ee isaa qulqulleessuu:
Waliif birmachuun akka jirutti ta’ee, Oromoon bakka jirutti qe’ee isaa qulqulleessuuf humnaa fi dandeetti akka itti qabuu beeksiisu qaba. Lafa isaa yoo dhuunfatee akkaataa itti of bulchuu irratti wal dhaggeeffatee itti fufuf qophaa’uu fi wal qopheessuu qaba.qe’ee keenya qulqulleessuu, diina wal harkaa fuudhanii mana isaatti qajeelchuu.
C. Toftaa sochii warraaqisaa wal faana gaggeessuu :
Wayyaanee rifaatuu kan seensisee jiru, Ummati Oromoo yeroo gabaabaa keessatti wal faanaa qabsoo gaggeeffachuu ykn qindeeffachuu danda’uurra ga’uudhaa. Kun jabiina keenya. Sochii har’aa itti jirru irraa gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabnuu.wareegama ulfaataa baasuu filachuu nu wayya. Kanaaf qabsoon kun gama hundaan gaggeeffamuun itti fufu qaba. Bifa isaa gegeeddaruu fi bakka isaa gaggeeddaruun , xiyyeeffannaa isaanii cabsuu ni danda’ama. Guutummaa Oromiyaa ergaan takkaa ka’uun filatamaadhaa. Yoo haala gara garaan mijatuu didee yoo xiqqaatee bakkootiin sadii qindaa’uu danda’uu. Gonkumaa diinaaf yeroo laachuun barbaaachisaa miti.
Qabsoon Oromoo kanarra jabaachuuf jira. Diina qofaa osoo hin taanee nuuti mataa keenya gama hundaan qophaa’uu barbaachisa. Toftaa adda addaa qopheessuu qabnaa. Haa jabaannu . gama hundaan itti haa qophoofnuu. Finfinnee irriiba dhawwuus haa eegalluu.
Hundeen gabronfataa achii . ITTI QIYYAAFADHAA.
HORAA BULAA !
Monday, September 11, 2017
Yeroo Oromiyaa baraarru yoomuu caalaa amma!
Asnaaqaa T. Irkoo tin
Miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaatifi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtaniif;
Osoo teenyee dubbii fagootti laalluu rakkinni maatii
keessaniif keenya biras gaheera, yeroo biyyaaf firroottan akkasumas maatii keessan
cinaa dhaabbatan amma!
Tigroonni gorsaafi deeggarsa biyyoota hedduurraa argataniin,
akkasumas qabeenyuma biyya Oromootin gorsitoota bitatanii aangorra turuufi
biyya Oromoo balleessuf tooftaa qiyyaafatanii argaa jirra, jirtu.
Hamma ammaa namuu rakkoo halaalatti na bira hingeessu se’ee
taa’ee fagootti laalaa ture. Oromoonis OPDO, ABO, OFC kkf jedhee garaa garummaa
siyaasaa ofiitin farra nagayaa, ergamtuu alagaa waliin jedhee wal arrabsaa
tureera.
Haata’u malee garuu tooftan Tigroonni amma Oromoo cabsuuf
harka sadaffaa Sumaalota nutti bitte kuni haala hamaadha. Akkuma biyyi Sumaalee
badde san nus balleessuf mala fi tooftaa hamaa qabatanii dhufan. Akkaatan
adeemsa isaa suuta suuta gara lola amantii akka jijjiiramuu gochuuf haala
deemaa jiruus odeffannoo jirurraa hubachuun nidanda’ama.
Tigroonni Sumaalee cinaa dhaabbachuudhan waraana Oromoofi
saboota biraa bobbaasudhaan suuta suuta gara jiddu gala biyyaa seenaa akka
deeman gochuuf qeeyyafattee jirti.
Haala amma deemaa jiru kanaan, yeroo dhiyootti waraanni
Tigrootaa Sumaalee duuba dhokachuudhan godinoota adda addaa rukutaa, ummata
keenya fixaa biyya Oromoo waraana hindhaabbanne keessa galchuuf deemu.
Yeroo kanatti DHDUOn, foolisiin Oromiyaafi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtanis osoo hinyaadatin maatiii keenyaf keessan bira
gahaa jira. Yeroo ammaa Harargee, Baale, Gujii fi Boorana keessa daangawwan
rukutamaa jiru kana keessa miseensoonni DHDUO, Foolisi Oromiyaafi Oromoota
Waraana Biyyooleessaa keessa jiran maatin keessan tuqame hinjiruu? Firoottan
keessan dhumaa jiran hinjiranii? Takka turee warri haftan kan jiddu gala
Oromiyaa keessaa maatiii qabdan biras gaha. Osoo isin mootummaa Tigreetif
amanamoo taatanii tajaajiltanii, haala jiru hinhubatin ykn na bira hingahu
seetanii teessanuu kan weeraramtan of agartan.
Karaa biraatin maal ilmaan Tigrootaa ummata keessan duratti ciibsitee yoo isin garaftu argaa hinjirruu? Cinnaksanitti, Mi'eessotti darabooowwan keessaan Foolisii Oromiyaa tumaniii yoo harka caccabsan kunoo waan dhoksaa miti. Biyya keessanirratti ilmaan saba bicuu isin salphisaa, xiqqeessaa jirti. Ummata keessan birattis tajaajila halagaaf malee saba keessaniif hinkennitanii jedhamee waqqafamaa jirtu. Egaa kana keessaa filachuun isinitu murteessa.
Karaa biraatin maal ilmaan Tigrootaa ummata keessan duratti ciibsitee yoo isin garaftu argaa hinjirruu? Cinnaksanitti, Mi'eessotti darabooowwan keessaan Foolisii Oromiyaa tumaniii yoo harka caccabsan kunoo waan dhoksaa miti. Biyya keessanirratti ilmaan saba bicuu isin salphisaa, xiqqeessaa jirti. Ummata keessan birattis tajaajila halagaaf malee saba keessaniif hinkennitanii jedhamee waqqafamaa jirtu. Egaa kana keessaa filachuun isinitu murteessa.
Kuni haala qabatamaa lafa jirurraa ka’uun waan argaa jirru
malee raaga waan dhufaa jiru raagudhaanii miti. Sumaalen deeggarsa raayyaa
waraanaa Tigrootafi meeshaa waraanaa gurguddaan deeggaramtee daaangaa qofatti
dhaabbachuu hinheddu, haala deemuu jirtuufi waraana duubaa biyya Sumaaletii as
ergfachaa jirtuun tooftaa fagoo akka qaban mul’isa.
Yaa miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaa fi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtan, Maati keessanifi biyya Oromiyaa kana baraaruf
yeroo murteessaa ta’e kana keessattti walnyaachun hafee balaa aggaamame kana
ofirraa qoluun yeroo isaa amma.
Foolisii Oromiyaafi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa
jirtan, kan lammii keessan yoo dhumu adoodudhaan irra gortanii ajjeefamtan,
madooftan kabajaa guddaa isiniif qabna, akkuma maatii daangadhaa buqqa’aa jiru
deeggarru maatii keessan cinaas dhaabbachuuf qophiidha. Kan motummaa kana ganee
saba isaa cinaa dhaabbate martuu Oromoo biiratti akka kabajaa argatu deeggarsa
maatii Konsitabel Musxafaa Huseenif godhamerraa agartanii jirtu.
Oromoota miseensa DHDUO, Foolisii Oromiyaafi Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtan; yeroon isin maatii keessanif Oromoota akkasumas
Oromiyaa baraartan amma ta’uu akka hubattan. Gaafa dabarte martuu gaabbee
hindeebisu. Wanni sabaaf maatii keessan isiniif caalu hinjiru. Mootummaan
nikufa, barri nidarbaa, maatif aanan keessan akkasumas biyyi takka harkaa nama
baate deebitee hinargamtu!
Oromoonni hafnes yeroo ammaa kan wal balaaleffachuu ta’uun
hafee ilaalcha siyaasaa waliin obsaa saba keenyafi biyya keenya balleessuf
diinni tooftaa haaraa nutti baase kana humna tokkoon ofirraa haa qollu.
Waaqayyo Oromoota qalbii haa kennu, wal nu haa dhageessisu!
Subscribe to:
Posts (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...