Haala amma biyyi teenya Oromiyaan keessa jirtu hedduu nama yaddeessa.
Diinni keessaf alaan itti bobba'ee jira. Lammiin wal gaarreeffachuun, Somaalen ollaa nutti duulun, ergamtoonni saba kibbaa seenaa Oromoo xureessun... kan amma mul'atu keessaa isa muraasa.
Barri 2017 yeroo bari'u haalli jiru inuu Oromootti hammaate. Diinni ilmaan Oromoo manguddoota, dargaggoo, ilmaan boru ol guddattu mana barumsaa hanqisee kaampii leenjii geessun gaagga'uutti jira. yoo akka isaanii sabni Oromoo rifatee akka lamuu qabsoo kanatti hindeebine gochuufi. Darggaggoonis ta'ee maanguddoon dhiibbaa diinatif akka harka hinkennine ifaadha. Kana wayyaanenis sirriitti hubattee jirti.
karaa biraatin yeroo ammaa somaalee maallaqa kennuudhan akka isaa ummata harka duwwaa jirurratti duulan gochaa jiru. Toftaa wayyaanee kan bara dheeraa, diina ollaa nutti bituuf falmii gara isaanitirraa gara biraa akka jallattu gochuu toftaa dulloomaa fayyadamaa jirti.
Addunyaan osoo gurra qabaattee dhageessi ta'ee haalli amma saba Oromoo irratti gahaa jiru sadarkaa sanyii duguuggaa bira darbee jira. Sabni keenya guyyaa guyyaan akka baalaa harca'aa jira.
Kana keessa TV ESAT jedhamu harcaatuwwan saboota kibbaa keessaa qaxaruudhan seenaa Oromoo maqaa xurreessii gaggeessaa jira. ESAT TV Ginbot 7 yoo ta'u warri Oromoodhaf dhaabbanna jedhan kan Ginboot 7 waliin waliigaltee qabanillee kana dubbacchuu waan danda'an hinfakkaatu. ODF kan Ginbot 7 waliin dalagu yeroo seenaa saba inni bakkan bu'a jedhuu jallisanii maqa balleessan, arrabsan waa tokko dubbachuu dadhabuun isaa hedduu nama maalalchiisa.
Sabni keenya yeroo ammaa roorroo hammatte keessa jira. Mootummaa tokko yoo kufuutti dhiyaatu too'achuu dadhabu, ummata gama maraan miidhaa itti guddisa. waan isa sodaatanii irraa dhaabbatan se'ee ummata hidhaaf ajjeechaa hammeessa.
Kuni garuu kufaatii isaa daddafsiisa malee hinoolchu.
Roorron hammaattus, diinni baayyatus bilisummaan hinooltu.
Sabni keenya biyyaa qabsoo isaa ittuma jabeessuu qaba. Yooo qabsoo kana irraa xiqqeesse jarri kana caalaa sanyii nu fixxi, roorroo hamaatu dhufa. Kanaaf duubatti deebi'uun miidhaa kana caale waan fiduuf itti mudduu qofatu mala.
Warri biyya alaa jirrus hamilee saba keenyatii jennee, waan xixiqqorratti wal qoccoluu dhiifnee walitti dhufnee jabeessuu, irkisuufi deeggaruu qabna. Maal nu dhibeedhan yoo duubatti deebine seenan nu gaafata. Namni martuu asiifi achi waan hinjirre afarsuu dhiisee egeree saba isaatif yaadee waan saba walitti fidee jabeessurratti hojjechuu qaba. Namuu boru waan hara dalaguuf seenan isa gaafata. Itti gaafatama seenaa jala haa baanu. walitti dhufnee ummata keenya biyyatti dhumaa jiru saniif jennee irree keenya haa jabeessinu. Hamilee saba keenyaa haa tiksinu!
Roorron hammaatus diinni bayyatus sabni keenya boru injifachuun isaa hinooluu, haa jabaannu!
Monday, January 23, 2017
Friday, December 23, 2016
Itti Deebina!
ይደገማል!
Itti deebina!
Oromoon qabsoo jalqabe kanatti lubbuu fi qabeenya hedduu dhabeera. Qabsoon fiixee hindeebinerra geessee jirti. Qeyeen nama hedduu buqqa'eera. Ilmaan keenya hedduun lubbuu itti dhabaniiru.
wayyaanen hamma saba keenya tuffatte hiitee eega tumaa baateen booda T-shirt itti hindeebinu jedhu itti uwwiftee isin eebbifne jettee gadi baafte.
Kan kumaatamaan lakkahaman ammalee hidhaa jiru. Kuni kan oduu TV isaanii irratti mul'isan kuni akka jiilchuf mul'isuuti.
Eenyutu kanaaf jiilee dhiisa. Eeenyutu eenyuu gadi ta'ee gabrummaa fudhatee sodaatee jiraata. Ammaa achi immoo inuu hamma duruu caalaa akka haalli hammaatu ifaadha. Sabni Oromoo saba jiiluu miti. Saba sodaatee jiille itti hindeebinu jedhee harka kennuu miti. Kana mallattoo kalee AMbotti mul'ate ragaadha.
Yaa saba Oromoo harka kennuun inuu dhumaatifi miidhaa caalaa fida. Diinni qabeenya keenya saamuudhaf karoorfate kuni yoomuu nuuf hinahu. Yoomuu nu hindhiisu. sanyi keenya balleessuf akka ka'e ifaadha.
Kanaaf deebin kutatatanii waan qabaniin ka'uudha. Yoomuu diina kokkee qabuu qofatu mala ta'a. Diinni gaafa kokkee qabne osoo hinjaalatin nu waliin dubbachuuf ka'a.
Kanaaf qabsoon jalqabame kuni duubatti deebi'uun kan wareegama caalaa nu baasisu waan ta'eef jabaannee itti fufuu qofatu mala ta'a.
Kanaaf warri T-shirt nuuf qophaahurratti kana nuuf barreessaa:
ይደገማል!
Itti deebina!
Friday, December 16, 2016
KFO - xiyyeeffannaa argachuu qaba
akka kootti hoggantoonni KFO kan hidhaman dhugumaan bakka dhqan dhabanii osoo hintaane, waan hoggana tokkorraa barbaachisu waan guutaniif. Isaanis ummata ofii jidduutti argamuudhan, waliin hidhamuudhan waliin du'uu murteeffatan.
yeroo hedduu mootummooni Awuropafi Ameerika kuni partii mormitootaa waliin dubbannu kan sirriitti gurmaaye dhabne jedhu. dhaabolii siyaasaa keenya kan biyya alaatti wal qoodan kanniin akka sababaa dhiyeessu.
Gaafin koo garuu dhaabni siyaasaa Oromoo Kongresiin Federalistii Oromoo osoo ummata ofii gurmeessee waliin hidhamaa jiruu maalif dhaabolii biyya alaatti walqoodan kana qofarratti xiyyeefatan kana jedhu.
Isaan qofaa miti, nullee yeroo hedduu walqooduu dhaabolii siyaasaa keessattuu ABO ala kanatti ta'u kanarratti qofa xiyyeeffachuudhan akka waan qabsoo bittinnooftee haasofna.
Mee koottaa akkana haa yaannuu:
Amma dhaaboliin kunniin cimanii wal ijaaranii qabsoo ummataa cinaa hiriiranii kan ammatti uammata jidduu jiru, kan hidhamee miidhamaa jiru KFO haa jajjabeessinuu.
Dhaabolii keenya ala kana jiraniinis akkasitti ummata keessan biratti hojiidhan muldhadhaa jennee haa gorsinuu!
OFC deserves attention!
The take of the weekend - OFC deserves attention!
We observe that the western countries which have interest in Ethiopia usually blames the opposition for not being serious and well organised. Some often mentions that there is no seious opposition political party to deal with. They magnify the weakness of opposition parties deliberating mainaly on political parties based in abroad.
As far as Oromo political parties are concerned, we have a solid polical party in Ethiopia, Oromo Federalist Congress which showed strong leadership. The leaders showed their strength and dedication by not running from resposiblity, stand detamined and get arrested. Marara Gudina and Bekele Garba are good examples of leadership who stand with their people even if they could go to abroad and seek asylum like many did.
TPLF have detained the leadership and executive members as well as members of the party to just weaken it. OFC still showed the right leadership, stand strong with the struggle of the people.
My question is then, why the West, EU and US blame the weakness of opposition party and lack of seriousness while there exists a party, registered and within the constution, is standing and struggling peacefully? Why we only see the weakness of political parties based in abroad and blame lack of serious opposition parties?
I think Oromo elites also should wake up and give reconition to OFC and support what they are doing. The leaders of OFC are paying ultimate sacrifice in the struggle for freedom.
We have to show the west that the leadership is back home and working with the people. If they are serious about helping in bringing peace to the country, there is a responsible and well organised party and they sould deal with it.
To our political parties based in abroad, learn a lesson from OFC and be among your people and for your people and not stand against everything moving.
Monday, December 5, 2016
Booredha haa jennu!
Ummanni Oromoo
waggaa har’aa Sadaasa 2015 irraa eegalee waan takkaa hinyaadamin mul’ise.
Akkanatti walfaana ka’a jedhee lammiinis, diinnis hineegne.
Akkuma
rooba tasa roobee, galaana tasa gaaraa garagalee, diinarra jige. Lammiin
gammadee, diinni rifatee baarage. Ummata keenyas jimlaadhan fixaa jira.
Ummannnis kutannoodhan sodaa malee harka duwwaa qawwee dura dhaabbate.
Warri biyya
ambaa keessa jirrus haalli hamma ammaa ittiin lammii keenya bira dhabbanne
gaaruma ture. Gareen duur walitti hindhufne saba ofiitif jechuudhan wal bira
dhaabbatanii tokkummaa mul’isuun alagaa hedduu rifachiise.
Haata’u
malee tibba darbe kana waan xixiqqoorratti kaanee maqaa walii xureessfi wal
yakkuun mul’ate saba keenya hamilee kan tuqu. Warra haadha fi abbaa ofii dhabe,
haadha ilmaan ofii qabsooo kanarratti dhabde, warra obbolaa ofii dhabe, warra
qeyeen isaa buqqa’e, goota lubbuu ofii wareege kan akka Muktaar Huseen faa,
gootota barattoota Gincifi walisotti qawwee fuuldura uleedhan dhaabbattee
addunyaa dinqisiifte san laaluu qabna.
Maal
biyyanna Booordha haa jennuu…
Warra jiruu
ofii dhiisee muka gale, kan qeyee ofii lagate san laaluu qabnaa.
Maal biyyanna
ilmaa osoo jiruu hinargin Irreecharratti akkasitti harca’an, kan Baalee
Roobeetti dhuman, kan Arsiitti dhuman, kan Booranatti dhuman, kan Gujiitti
dhuman, kana Harargeetti dhuman, kan dhiya Oromiyaa, kan walloo fi jiddu
galeessa oromiyaatti akkasitti harca’an san sammuu keenya dagachuu danda’aa?
Saba keenya
akkasitti dhume san osoo agarruu, akkamitti waan xixiqqoodhaf haaloo qabannee
yeroo keenya walirratti fixna? Akkamitti humnaa fi qabeenya keenya diinarratti
bobbaasuu dhiifnee yeroo qabnuun maqaa wal faaludhaan balleessina?
Maal dhiiroo
Booornen hinjiruu? Booren dhiiraa hinjiruu? Booren dubartii hinjiruu? Safuun
saba keenya dhumeef qabnu hinjiruu? Safuun saba keenya hidhaa keessatti
affeelamaa jiruu hinbadee?
Dhiiroo mee
boru ganama yoo kaanuu, Booree saba kootii haa jennu. Maqaa walballeessuu haa
lagannu. Kan maqaa saba ofii balleessu nama diinaf hojjetu malee kan saba isaaf
dhukkubsatuu miti. Like fi share gochuufii haa dhiifnu, hamilee isaaf kennuu
haa dhiifnu, faarsuu haa dhiifnu!
Yoo sabni
keenya dhumaa jiru kan diiggaa gaggeessu diina saba keenyati. Kanaafuu diinaf
gumaachuu dhiifnee waaqaf lafaaf jennee saba keenya bira haa dhabannu. Yoo
birallee dhaabachuu dadhabne diina saba keenyatiif hojjechuu haa dhiifnu.
Booredha
haa jennu. Booree lammii haa qabaannu!
Booredha!
Monday, November 14, 2016
Atlantaa dhaqeen jira, nagaan galeen jira – waanan arge kunoo
Oromo leadership convention in
Atlana, Georgia Nov 11-13, 2016
Yaa'ii hoggontoota Oromoo
Atlantaatti Jorjiyaa sadaasa 11-13, 2016
Atlantaa dhaqeen jira, nagaan
galeen jira – waanan arge kunoo
Gaafa 10.11.2016 Bergen Norway irraa
abdii fi hawwii guddadhan gara Atlantaa kanan deeme. Sa'aatii gara 15
eegan karaarra turen boodan Atlantaa gahe. Dirree xiyyaarratti
Taksiin qabanne akka hiree kan Oromoo ture. Innis yoosuma nagaa nu
fuudhee akka yaa'ii kanaas dhufne nu gaafate. Nutis akka yaa'ii
kanaaf abdiidhan dhufne itti himne. Inni Jiraataa Atlanataa yoo ta'u
akka yaa'ii kanarratti himraatuf kaan gaafanne. Innis akka galmaayee
bakka teessumaa galma keessatti argate, garuu haati manaa isaa bakka
waan hinargatiniif maal akka godhu wallaale lachummaa akka hinhafne
nuuf hime.
Dafee yoona cimina nama kanaan
dinqisiifadhe. Haadha manaa ofiitif akkana dhimmuun isaa, kora
kanarrtti dubarstoonni barbaachisummaa isaanii nu qaabsise.
Hinhafinaa, walirras ta'u teenya malee ishiinis alatti hinhaftuu
jenneenii wal eebbisfnee gargar baane.
Akkuma Hoteela Hilton Atlanta Airport
geenyen siree keenya bakka nuuf kennanii namoota dubbsiuuf gadi
yaane. Hoteelli suni kan foqii 17 qabu yoo ta'u hedduu bal'aadhas.
Lafti marti Oromoodha. Hoteelli guutun Oromoo dubbata. Ani gama koon
bara 1991 akka gaafa Gullallee jirruu tokko natti fakkaate. Miira koo
keessa waan deddeebi'e. Meeqa laata kan gaafa san achi ture kan hiree
har'aa kana argatee as jiru jedheen yaade. Meeqa bosona seenee hafe,
meeqatu eegasii hidhaa jira, meeqatu du'e, meeqa as buuten dhabame,
meeqa qeyeen isaa diigamtee, meeqa maatin faca'e?.... yaanni kuni
fudhatee naan lixe.
Kanan gaafas Gullalleeti arge lameen
tokko akkan asittis argu abdadheen hiriyoota koo duriitin nagaan wal
gaafachuutti dabarre. Nama achi jiru san keessaa yoo xiqqaate harka
60 ol waanan beekuf meeqa akkan nagaan gaafadhee dhiisu wallaalen,
osoon waliin hingayin gallee rafne. Rafnus Atlanataafi Norway garaa
garummaa sa'aatii 6 waan qabaniif sa'aa 4 caalaa rafuu hindandeenye.
Halkani iyya indaaqqoo kaanee namoota ka'an waliin haasa'uun waan
hamma achi turre san hundaa goone.
Bariisaa gaafa 11.11.2016 ganamaan
sa'aa 8 irraa kaanee walitti yaane; hamma sa'aa tokkoo (1 pm) dura
sagantaa waan hinjalqabaminiif namni walitti dhufee nagaan wal
gaafachuuf hiree bal'aa argate.
Namni yoo sagantaan banamu eegee, abdii
fi hawwii guddaan galma guute. Namni affeerame 300 yoo ta'u kan dhufe
550 akka ta'efi hunduu akka bakka argate nuuf himan. Akkuma banameen
akkan eebbisu waltajjiirratti na affeeran. Anis akkuma aadaa keenya
manguddoo aadaa barbasiisee na guddise Obbo Bariisoo Guraaroo
(Kanadarra dhufe) affeere. Innis hayyoota amantii biraa waliin
ta'uudhan eebba nu habbuuqachiisee, milkaayaa nuun jedhe.
Gaafa jalqabaa kana sagantaan nuuf
ibsamee san booda gareedhan adda qoodamnee kutaa kutaa keessatti
bu'ura yaa'ii kanarratti marii goone.
As keessatti ijoo yaa'ii Atlantaa
charatarii Oromoo qopheessuu, gargaarsa sadarkaa addunyaatti gama
giddu galeessa ta'een qindeessu fi dippilomaasii akka giddu
galeessummaan gaggeessamuuf qindeessuu ta'uun nuuf ibsame.
Chartarii ykn seera Oromoo kanaafis
bu'urri Gadaa Oromoo ta'uun nuuf ibsame. Gadaa akka ka'umsatti
fudhatamuu isaa akka nama Gadaa Oromoo qorataa jiruu tokkotti
gammachuufi hawwii guddaa na keessatti uume.
Eega marii keenya gaafa duraa galgala
xumurreen booda galmatti deebinee gareen hunduu marii ofii cuunfaa
isaa dhiyeesse. Galgaluma kanas wixinee seera (wixineen charterii
qophaayee nuuf qoodame).
Gaafa 12.11.2016
Ganamaan sagataan banamee innis
yaadannoo guyyaa qabsoo akka haaratti Gincitti jalqabame gochuun
ture.
Guyyaa kana eebba jaarsoliin ture. Ansi
hiree argadheen eebbiseen ture.
Gaafa kana guyyaa guutuu wixinee
qophaaye kana irratti galma keessatti akkasumas garee gareedhan marii
goonee cuunfaa marii keenyaa waliif ibsaa turre.
Yeroo kanatti ogeeyyoni seera fi
namoonni ogummaa wixinee seeraa qopheessuf qaban hedduun irratti
hirmaataniiru. Wixineen kuni duranaaf ummataaf waan dhiyaatuf amma
asirratti hinibsu. Ta'u s qabxiilee biyya tokko bulchuuf barbaachisu
maraa of keessaa qaba. Bakka hanqates akka dabalu manni eeree jira.
Marii gareedhan qoodamnee goonu
kanarratti namni harki sagaltamaa ol abdii fi hawwiidhan akkaataa
wixneen egeree Oromoon ittiin akeekamu kanarratti yaada osoo of
hinqusatin kennaa ture. Ta'us namni xiqqaan wixineen kuni
hinbarbaachisu, kan qopheessuu malus warra waggaa 40 ol qabsoorra
ture jedhan. Namni obsaan yaada isaanis dhaggeeffate. Namuu dhaabas
ta'ee namoota maqaa dhahuun qeequn hinturre. Namuu akkamitti wal
arrabsoo foyyeeffannee wal gorfannee waliin deemna isa jedhurratti
yaada kennaa ture. Walaloo tokko kan qeeqa dhaaba siyaasaa ykn
hoggantootaa of keessaa qabu yoo dhiyaatu, namni galma keessa jiru
hedduun dallanne, yoosuu dhaabsifamee warri waltajjii gaggeessus
dhiifama gaafate. Innis kan ta'e osoo hingulaalin waan dhiyaatefi.
Asirraa hagam akka sabni keenya foyya'e na hubachiise. Wal arrabsuun
kan barri irra darbe ta'uu, kan nu baasu waltuffii dhiifnee,
mariidhan garaa garummaa yaadaa qabnurratti mari'achuu qofa.
Guyyaa 13.11.2016
Guyyaa kana walitti qabaadhan wixinee
seeraa qophaaye, dhimma gargarsafi dhimma dippilomaasii irratti yaada
cuunfaa dhiyaate.
San booda yaada ummataaf ibsame (press
release) dubbifamee manaan mirkaneeffame. Wixineen kunis akka
caalatti fooyya'ee chartarii ta'u itti waliif galame (akka dokumentii
bu'uraatti). Kana jechuunis qindeessitoonni yaada fooyyessaa manarraa
dhiyaate kana dabaluun hawaasota Oromoo biyya jiran maratti
mari'achiisun akka foyyeesan, namuu yaada qabu akka itti dabaluuf
hiree argatu walitti dhaammanne, san booda charterii Oromoo ta'ee
dhiyaatu waliifgalame.
Ummata yaa'ii kanarratti argame:
Hoggantoota hawaasaa biyyoota gara
garaa
Manguddoota biyyaa
Hayyoota amantii gara garaa
Hayyoota Oromoo
Waldaa Dargaggoota
Waldaalee dubartootaa
Namoota dhuufaadhaan
Dhaabilee siyaasaa gara 9 ta'anirraa
bakka bu'oota
Dhaabni siyaasaa tokko hafuun isaa ifa
ture.
MAALIFAN ATLAANTAA DHAQE?
Ani Atlaantaa kanan dhaqeef warra biyya
alaa jirruuf osoo hintaane warra biyya jiru, kan walitti dhufee hiree
ofiitirraati mari'atee addunyaa dhageessisuuf carraa hinqabneefi.
Yeroo ammaa kana Awuropas ta'ee Ameerikaan Oromoon maal akka
barbaadu, saboota ollaa isaa jiran waliin akkamitti akka buluu
barbaadufi kkf waan gaafachaa jiraniif sabni hiree qabu walitti
dhufee charter akkanaa kana qopheessee dhiyyeessun mala marii
hinqabne. Duranaaf yoo biyya arganne immoo kan ummanni Oromoo
foyyeeffatu ta'a.
Wanni akka salphaatti laalamuu hinqabne
saba keenya biyyatti dhumaa jiru kana deeggarsa addunyaa arganmsiisuf
osoo biyya keenya argannee waan gochuuf deemnu ibsuufin murteessadha.
Kanaaf charteriin Oromoo Atlanataa kuni hedduu barbaachisaa jedhee
natti dhagama. Kanaafan karaa dheeraa kutee Atlaantaa, Jirjiyaa
dhaqe.
Waan qindeessitoonnii hojii itti
aanu keessatti fooyyessuu qaban:
- Eega bu'urri Heera fi seera keenyaa Gadaa ta'ee, hayyoota gadaa dabalataan affeerun sirriitti bilchiisun barbaachisaadha.
- Hayyoota seeraa bakka gara garaa dabaluun
- Waldeelee amantii irraa keessatti dabaluun
- waldaalee durbartootafi dargaggoo keessaa itti dabaluun. Hirmaannan dubartootaa hedduu barbaachisaadha.
- Hirmaannan Ameerikaafi kanaadaa gaarii yoo ta'u Awuropparraa hedduu hinturre. Kanaaf yaa'in akkanaa gara Awuroppafi Eeshiyaattis qophaayee dhimmi kuni bal'inaan akka irratti matri'atamu akka hiree argatan
- warra hafe dabalachuuf irra caala garaa bal'achuun dhimma biyyaa waan ta'eef hamma danda'ameen ifaajuu isaanirraa eegama.
Dhaabotiin siyaasaa:
Yaa'ii kanarratti hirmaannan dhaabolii
siyaasaa akka dhuunfatti gaarii ture. Ta'us dhaaboliin kuni hunduu
waan ABO irraa fottoqanii of ijaaraniif ofii isaanitiif walitti
dhufanii waliin dalagurratti rakkoo cimaa qabu. Tokkummaa yaadaa kan
sabni Oromoo hawwu kanas fiduuf dhabooliin siyaasaa gufuu ta'u.
Kanaaf hawaasni Oromoo bakka jiruu cimee, walitti dhufee dhaabolii
kana akka wixinee kanaaf hojjetan dhiibbaa gochuu qaba.
Waan abdii namaaf kennu:
- Hoggantoonni hawaasaa kan akkanatti walitti dhufuuf hiree argatanii hinbeekne walitti dhufuun wal baruu akkasumas duranaaf waliin hojjetuuf abdii horatan
- Waldaalen amantii Waaqeffannaa, kiristaanaa fi islaamaa marii addatti yeroo fudhachuun godhaniin duranaafillee haawasa kana daangaa amantii darbee akka tokkummaa sabummaa ofii cimsuuf akka irratti hojjetani waliif galan (interfaith netwrok)
walumaagalatti Yaa'in Oromoo Atlantaa
kuni kan milkiidhan xumurame yoo ta'u jalqaba gaarii itti fufamuu
qabu.
As keessatti warra hafes hirmaachisuuf
qaama manguddootaa ijaarun hedduu barbaachisaadha. Adeemsa kana
keessatti ani keessaan hafe kan jedhu yoo jiraate komee isaa obsaan
dhaggeeffatanii dhimmaa biyyaa waan ta'eef garaa bal'inaan waliin
mari'achuun milkii duranaatif karaa saaqa.
Warri yaa'ii kanarratti hinhimaatinif
sadarkaan dura dhaabbatan waan darbeef amma achi maqa xurreessii fi
yakkuu dhiiftanii akkaataa hirmaannaa argattanii dhimma saba
keessanii irratti foyyeessitaniif of qopheessaa.
Teenyee wal yakkuufi balaaleffachuun
bu'aa hinqabu.
Atleeti FAYYISAA LEELISAA Ambaasaddara
Oromoo ta'ee moggaafamee jira. Namoonni qabsoo yeroo ammaa hogganaa
jiran, kan akka Baqqalaa Garbaa fa'as irra deddeebi'ee maqaan ka'eera.
Yaa'in Atlanataa (Oromoo Leadership
convention) milkiidhan xumuramee jira. Kanan argee gale.
Imala sa'aa 16 booda reefu nagaan gara
Norway deebi'een jira.
Asnake T Erko (14.11.2016)
Wednesday, November 9, 2016
Kan mariif walitti nu yaamu eessaa dhufaa?
Kan mariif walitti nu yaamu hamma Waaqaa bu'u moo hamma dhalatu eegna?
Akka hamma ammaa argaa jirrutti Waltajjii marii Atlanta (Atlanta leadership convention) kana akka lamatti laalamaa jira.
Oromoo harka irra caalan hirmaachun murteessadha kan jedhu yoo ta'u hammi tokko immoo hirmaachuu hinqabnu, namoota waan kana qopheessan hinbeeknu jedha.
Biyyi Oromiaa sirna Gadaatin bulaa turte bara durii Odaa Roobatitti san booda booda odaawwan ollaa jira kan akka Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Hullee, Odaa Makkoo Bilii kkf waitti dhufanii waggaa saddeeti saddeetin seera tumachaa turan.
Eega Minilik Oromiyaa cabsee qabatee as waggoota 140 oliif akka biyyaatti walitti dhufee akka seera isaa hintumanne, akka dursitoota ofii seeran hinfilanne dhowwame. Wanni hamma ammaa jiru yoo jiraate dhaaboliin siyaasaa gama ofiitin akka mijateefitti miseensota ofii kora yaamaa turan. Kunis kan mara hammate osoo hintaane nama isaanitti tole yaamanii mari'au. Kan gochufis mirga qabu.
Oromoon akka biyyatti, akka sabaatti walitti dhufee maaltu nu baasa jedhee yaddoo qabu, hawwii qabu kan mari'ate keessaa tokko kora Londo keessa Onkololeessa 22 - 23, 2016 godhate.
Kanumatti aasudhaan guyyaa lama booda sadaasa 11 - 13, 2016 Atlantatti waltajjii marii gaggeessuf jedhu.
Egaa haala amma Oromoon biyya isaa keessatti dhumaa jiru kana cinaa dhaabbachuuf, biyya bu'ura yaada tokkummaa qabduuf waa lafa kaahachuuf marii gochuun yoo ture malee waan muddame hinqabu.
Kana keessatti walsaamichi aangoo yoo jiraate tasgabbiidhan namoonni jidduu jiran qabbaneessuu, tasgabbeessuf kan ijaaraa jirru afooshaa osoo hintaane biyya ta'uu yaadachiisun barbaachisaadha.
Oromoon ofiif seera lafa kaahatee, sabaaf sablammoota biyya isaa keessa jiruufis akkaataa waliin buluu hedu yaada lafa kaahun qabsoo keenyaf murteessadha. Kana lafa kaahuf walitti dhufanii marii gochuun jalqaba.
Kanaaf waltajjii marii Atlantaa hirmaachufi yaada bilchaataa dhiyeessun, kan itti fufiinsa qabu gochuun hedduu murteessadha.
Kana hingoonu yoo ta'e hamma eenyu nu yaamutti eegna? Waaqaa bu'ee mariif nu yaama moo hamma kan nu yaamu dhalatutti eegna?
Biyya Oromiyaa kan bilisoomte arguu barbaanna yoo ta'e, kan qabsoofnu biyyaaf malee aangoo walsaamuf yoo ta'uu baate, marii Oromoon eessattuu godhu deeggaruuf hirmaachuu qabna, yoo wanni jallate jiraate sirreessuu, qajeelchuu qabna malee hafaa jechuun miti.
Waaqni Oromoo waliin haata'u!
Akka hamma ammaa argaa jirrutti Waltajjii marii Atlanta (Atlanta leadership convention) kana akka lamatti laalamaa jira.
Oromoo harka irra caalan hirmaachun murteessadha kan jedhu yoo ta'u hammi tokko immoo hirmaachuu hinqabnu, namoota waan kana qopheessan hinbeeknu jedha.
Biyyi Oromiaa sirna Gadaatin bulaa turte bara durii Odaa Roobatitti san booda booda odaawwan ollaa jira kan akka Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Hullee, Odaa Makkoo Bilii kkf waitti dhufanii waggaa saddeeti saddeetin seera tumachaa turan.
Eega Minilik Oromiyaa cabsee qabatee as waggoota 140 oliif akka biyyaatti walitti dhufee akka seera isaa hintumanne, akka dursitoota ofii seeran hinfilanne dhowwame. Wanni hamma ammaa jiru yoo jiraate dhaaboliin siyaasaa gama ofiitin akka mijateefitti miseensota ofii kora yaamaa turan. Kunis kan mara hammate osoo hintaane nama isaanitti tole yaamanii mari'au. Kan gochufis mirga qabu.
Oromoon akka biyyatti, akka sabaatti walitti dhufee maaltu nu baasa jedhee yaddoo qabu, hawwii qabu kan mari'ate keessaa tokko kora Londo keessa Onkololeessa 22 - 23, 2016 godhate.
Kanumatti aasudhaan guyyaa lama booda sadaasa 11 - 13, 2016 Atlantatti waltajjii marii gaggeessuf jedhu.
Egaa haala amma Oromoon biyya isaa keessatti dhumaa jiru kana cinaa dhaabbachuuf, biyya bu'ura yaada tokkummaa qabduuf waa lafa kaahachuuf marii gochuun yoo ture malee waan muddame hinqabu.
Kana keessatti walsaamichi aangoo yoo jiraate tasgabbiidhan namoonni jidduu jiran qabbaneessuu, tasgabbeessuf kan ijaaraa jirru afooshaa osoo hintaane biyya ta'uu yaadachiisun barbaachisaadha.
Oromoon ofiif seera lafa kaahatee, sabaaf sablammoota biyya isaa keessa jiruufis akkaataa waliin buluu hedu yaada lafa kaahun qabsoo keenyaf murteessadha. Kana lafa kaahuf walitti dhufanii marii gochuun jalqaba.
Kanaaf waltajjii marii Atlantaa hirmaachufi yaada bilchaataa dhiyeessun, kan itti fufiinsa qabu gochuun hedduu murteessadha.
Kana hingoonu yoo ta'e hamma eenyu nu yaamutti eegna? Waaqaa bu'ee mariif nu yaama moo hamma kan nu yaamu dhalatutti eegna?
Biyya Oromiyaa kan bilisoomte arguu barbaanna yoo ta'e, kan qabsoofnu biyyaaf malee aangoo walsaamuf yoo ta'uu baate, marii Oromoon eessattuu godhu deeggaruuf hirmaachuu qabna, yoo wanni jallate jiraate sirreessuu, qajeelchuu qabna malee hafaa jechuun miti.
Waaqni Oromoo waliin haata'u!
Subscribe to:
Posts (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Kutaa duraa Sabboonummaa Oromummaa hagam guddate? Sabboonummaan Oromummaa yoom dhalate jennee walgaafachuun waan barbaachisu natti hinfa...
-
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...






