Sunday, March 4, 2018

Qabsoo Oromoo - Hiree Tophiyaa


Gaafa Bitooteessa 2, 2018 waggaa dheeraa booda siyaasaa biyya Tophiyaa keessatti waan haaran mul'ate. Kunis Paarlaaman biyyattii dhimma walmormisiisaa tokkorratti walmormee murtiin isaa meediyaa addunyaa guute.

San caalaa wanni nama dinqu garuu waan kana dura ta'ee hinbeekne, paarlaamaa biyyattii harka 100 paartin mootummaa qabate jiru kana bakka bu'an irraa abdii kutatuu dhiisee ummanni guyyaa kana dursee bakka buutota bilbilaan cinquu isaati. Kuni seenaa mootummaa kanaa keessatti kan baratamee miti. Biyyoota gara dhiyaa kana malee biyya keenyatti bakka buutota san ummanni keenya, bakka nu bu'an jedhee waan amantii irraa hinqabneef isaanuu dubbisuu hinbarbaadu, dhimma kiyya paarlaamaa keessatti naaf dubbatu jedhee abdii irra hinkaahun ture.

Haata'u malee namni hedduun guyyaa Bitootessa 2, 2018 akka murteessatti eegaa ture. Namni hedduunis waan eege dhabee, labsiin yeroo muddama (LYM) cubbuudhanis ta'u darbee, namni hedduun waan lama balaaleffate:

-  Paarlaamaa san kan dursu af-yaa'in Abbaa Duulaa Gammadaa lakkoofsa waliin dhahuudhan murtii kufe darbe jedhe

- Namoonni Oromoo ta'anii LYM kuni Oromoo fixuuf akka barbusagalee kennanitti aare

 Wanni tokko garuu dursee adda bahuu qaba. LYM kana DHDUOn akka dhaabatti mormite moo namoota muraasatu keessaa morme?

Namni tokko tokko DHDUON akka dhaabatti LYM kana akka mormite, haata'u malee namoonni tokko tokko maqaa dhahuudhan DHDUO keessaa akka diina cinaa hiriiran akka labsii kana deeggaran dubbatu. Dubbiin kuni dhugaarraa fagoodha. Sababiin isaas:

- DHDUOn osoo LYM kana mormite ta'ee Lammaafi Dr. Abiyyi gadi bahanii Agaazin ajaja komand postiin yeroo Naqamte, Dambi Doollofi bakka adda addaatti ummata fixu balaaleffachuufi nuti Agaazii kana hinaffeerre, naannoo keenyas too’achuu hindadhabne jechuutu irra ture.

- Miseensonni paarlaamaa Oromoo hundumtuu (178) DHDUO bakka bu’uudhan filatamanii achi jiru. Isaan keessa tokkichuu dhaaba mormituu bakka hinbu’an. Kan calaqqisiisanis ejjennoo dhaaba isaaniti. Kanaafuu, osoo DHDUOn dhugumaan LYM kuni akka kufu barbaaddi ta’ee silaa miseensoni kuni hundumtuu guyyaa murteessaa kana walgayicha hafuu hinqaban ture. Amma garuu harka irra caalan walgayicha hafan. Iilmi Tigree tokko manatti hinhafne. Kan sagalee labsii kana kuffisuuf kennus hedduu ta’a ture tokko tokko diinaf bitamanis.

- Odeeffannoo hamma ammaa jiruun guyyaa labsiin kuni murtaahu dursee Lammaaf Dr. Abiyyi akkasumas koree olaanon DHDUO bakka bu’oota kana walitti qabanii akka LYM kana dabarsan gaafachaa turan. Waldoorsisaafi walitti dheekkamaa turan.

Kana hundumaa walitti qabnee yoo laallu namoonni tokko tokko DHDUO keessaa LYM kana mormanis DHDUOn akka dhaabatti labsii kana hinmormine. Wanni nama dhibu garuu labsiin kun MNO aangoo inni qabu mulqee hojii maleeyyii kan isaan godhu ta’uu isaati. Osoo kana beekan labsii kana dabarsuun isaanii immoo DHDUOn dhaaba saba Oromoo caalaa ABUT/TPLF jiraachisuuf dalagdu ta’uu mul’isa ykn ajaja ABUT ala homaa gochuu dhaaba hindandeenye ta’uu addeessa.

Oromoon qabsoon isaa sadarkaa addunyaan isa dhaggeeffattu kana kan gahe, qalbii siyaasaa addunyaa hawwatu kana dhaqqabe qabsoo DHDUOn gaggeessiteen osoo hintaane qeerron lubbuu ofii kaffaleeni. DHDUOn gaafa qeerron, qarreen, jaarsaa jaartin bahanii karaarratti Agaazin fixu diina waliin dhaabatanii qeerroo yakkaa turuu isaanii hindagatamu. ABUT Oromiyaa keessatti humna dhabuu ofii gaafa beektu hogga DHDUO qeerrodhaan gitan dargaggeeyyii as baaftee ummata Oromoo afaanin itti fakkeessuu eegalte. Oromoonis filannoo biraa wan dhabeef, hoggantoonnii KFO waan hidhaa jiraniif, dhaabolii ala jiran irraa eegee waan dhabeef DHDUO jijjiiramtee kan Oromoo ta’uu hawwee fudhate. Haat’u malee garuu fuuldureen Oromoo hiikkan isaa kara DHDUOtiin akka hindhufne ifa baheera. Ummanni Oromootis bakka murteessatti eegee DHDUO akka humna hinqabne ykn murannoo hinqabne ykn durumayuu sabaaf hinijaaramin ifatti argeera.

Karaa biraatin eega hogganni KFO hidhaadhaa bahanii as kan duraan DHDUO duuba hiriire marti hoggantoota KFO gaafachuu, deeggaruufi ummanni simannaan jara kanaaf godhe DHDUO abdii ummanni na deeggare jedhu jalaa buusee akka warruma irraa dhalattetti galtuuf akeeke fakkaata.

Fuuldureen Oromiyaafi saba Oromoo harka DHDUO osoo hintaane harka qeerroo jira. Hoggantoota KFOtis yoo feete ABUT deebiftee hidhuu dandeessi. Kanaaf hireen saba Oromotif hafe qeerroo qofa.

wanti yeroo hedduu dagatamu tokko garuu DHDUO bakka bu'anii Prezidaantii, Af-yaa'ii fi ministeera kan ta'an kuni kan tajaajilan wayyaanee ta'ullee addunyaan akka waan Oromoodhaf dhaabbataniif bakka bu'iinsi isaanii Oromoorran miidhaa guddaa qaba. Addunyaan Oromoon dhugumaan bakka bu'oota mootummaa kana keessaa qabdi kan jedhu hedduu Oromoo miidhara. Sababiin isaas akkuma agarru isaan garaa ofiitif qofa wayyaanedhaaf ergamu malee mirga Oromoo prezidaantin, Af-yaa'ii fi ministaroonni suni yoo dubbatan hinagarre.

Karaa biraatin ABUT tapha siyaasaa biyyoota dhiyaa kana waliin baroote 1970 fi 1980 keessa taphattee itti milkoofte kan gama Rusiyaafi Ameerikaa jidduudhaa waa buufachuu sanitti deebitee jirti fakkaata (cold war). Torbee kana ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Tophiyaa daawwachuu dhaqaa jiru. Torbee dhufu immoo ministeerri haajaa alaa Rusiyaa biyya Tophiyaa daawwatu. Biyyi Toophiyaa daandii murteessarra jirti. Kana keessatti haala siyaasaa gaafa Afrikaa yeroo ammaa kana keessaa jiru keessatti namuu gahee ofii qabaachuu barbaada. Kanaaf hiree Tophiyaa fuulduraatis kan murtaahu ummata biyyattii san qofaanii miti. ABUT tooftaa dur itti qaroomten Rusiyaa fi Chaaynaa qabattee Ameerikaa dorsisuun akka ishiin barbaadde akka deeggaran gochuuf yaalti. Kuni immoo sakaallaa qabsoo Oromootif saboota Topphiyaa hundaati.

 Bitootessi seenaa biyya sanii keessatti murteessadha. Torbeewwan as deeman Bitootessa bara 2018 keessaa kuni seenaa biyyattii saniitif murteessadha. Yookan ABUT wabii yakka kana dura hojjetteef akka itti hingaafatamneef argattee hiikkon dhufa yookan Ruusiyaaf Chaaynaa qabattee ammaa achi komand poostidhaan biyya san bittuuf yaalti. 

Haata’u malee Oromoo abshaalomuu qaba. Qabsoo kana kophaa osoo hintaane saboota biraatis itti gurmeeffatee diddaa lagannaa gabaa, diddaa hojii dhaabuu kkf diinagdee biyya sanii dugda kutuu qaba. San booda waraanni biyya sanii dubbii jijjiiruu jalqaba. San booda walitti garagaluun dhufuu mala. Fuuldureen Oromiyaa hiikkoo argachuu mala. Kunimmoo fuulduree Tophiyaatifis murteessadha.


Tuesday, February 13, 2018

Qabsoo Oromoo - hiikkaa yeroo dheerraa

Akkuma argaa jirru yeroo ammaa Wayyaanen hidhamtootan hiika jettee waadaa galtee jirti.
Haata'u malee ummata walitti qabdee jimlaadhan hiite keessaa takka takkaan gadi dhiifti. Namoota adda baaftee kaan sababa itti barbaaddee hidhaa tursiifti.
Karaa biraatin jijjiirama fidaa kan jirru nuyi, karaa seeratiin rakkina hiikuf socho'aa jirra jedhee kan dubbatu warra DHDUOti. Akka isaanitti suutu suuta jijjiirama fiduu waan danda'aniif mormiin, diddaa fi fincilli biraa hinbarbaachsiu.
Haala qabataamdhan jiru yoo laalle immoo yeroo ammaa kana yoomuu caalaa ummata daangaa Somaalerraa buqqa'an kaampii keessatti wayyaanen rasaasan fixaa jirti. Oromoon maal fida jettee ummata xiiqii keessa galchaa jirti. Hidhamtoota silaa hiikuf waadaa galtes hiikuu dhiiftee sababa adda addaa tarreessaa jirti.
Gaafin amma jirtu garuu wayyaanen kadhaadhan ykn akka DHDUOn jedhu kana karaa nagaatin rakkina kana hiikuf fedhii qabdii isa jedhu.
Hojii Wayyaaneen hojjechaa jirtu yoo laalle yeroo ammaa kana rakkina biyya keessatti dhalate kana karaa nagaa hiikti abdiin jedhu hinjiru. Fincila, diddaa, lagannaa gabaa gochuudhan osoo ummanni keenyas hinmiidhamin duraa duuban haala itti fufiinsan qabuun dhiibbaa gochuun hedduu murtessadha. Kana hinta'u taanan garuu wayyaanen guyyaa guyyaadhan ummata keenya fixaa, jijjiiramni eegnu sunillee hindhufu.


Friday, October 27, 2017

Sochii yeroo ammaa

Asnake T Erko
Saba keenya kaleessa Ambotti  dhumeef gadda guddaatu nutti dhagahame. Hedduu keessi keenya booye. Qabsootti sabni jiru duuti kan hinoolle ta’us haala kanaan karaarratti namni keenya rasaasa diinatiin yoo dhumu arguun heddu nama gaddisiisa.
Eega haala Ambotti kalee ta’e kanarratti namoonni yaada adda addaa FB gubbaatti yoo kennan arga. Namni kuuni:
-          DhDUO/Foolsii Oromiyaa balaaleffata
-          Namni kuun humna dhabuu keenya balaaleffata
-          Namni kuun waldhagahuu dhabuu keenyatu wareegama hinbarbaachifne kana fide jedha. Yaadonni biroos jiru.
Wayyaanen gara Debretsiyoonin yaada ofii dabarfattee jirti. Ammaa achis akka nama keenya fixuu hedan akeekanii, dhaadataniiru.

Walitti qabnee yoo laallee:
-          DhDUO/Foolisiin Oromiayaa hiriira amma ta’aa jiru nu hinbarbaachisu jechaa turan. Tarii karaa biraatin yoo Wayyanen ummata keenya fixxu irraa qoluuf ammatti humna hinqabnuu baatanii hindhuminaa jechuus ta’a.  Dhugumatti Osoo kaleessa foolisiin Oromiyaa waraana Wayyaanee hidhate san dura dhaabbatee nama hamma tokko ajeesuu danda’us miidhaa guddaa gama Oromootin gaha. Hidhannaa wal hinmadaalle waan ta’eef.
-          Karaa biraatin hiriira amma ta’aa jiru kana hambisuuf yaamicha hedduutu godhame, garuu dhaabsisuun hindanda’amne. Sababiin isaas waan diinni ummata keenya kakaasef osoo hintaane ummanni gubannaan inni qabu waan irraan gateef. Ummanni yoo diinni balbala isaa duraan saamee fe’ee dabarsu laalee dhiisuu waan dadhabeefi. Gubannaan, hidhaan, ajjeechan daangaa darbee gabrummaa baachuu dhadhabeeti. Saba gabrummaa baachuu na gahe jedhe dhoowwan hindhaabu.
-          Wayyaanen karaa biraa hiriira bahamu kanarratti jeequmsa kaasuf gara waldhabdee sabaaf sablammootaa jijjiiruf, walitti bu’iinsa amantii gochuuf hedduu akka ifaajaa jirtus argaa jirra. Yeroo ammaa hiriirri kuni futtaafatee yoo itti fufe gara hintaane, homtuu too’achuu hindandeenyetti deemuus mala. Kuni Wayyaanedhaaf guyyaa baasuu mala.

Maal taana ree? Akka yaada koo:
-          Haala yeroo ammaa kana keessatti DhDUOn ummata keenya hamma gandaatti dammaqiinsa kennuu. Kunis kaabinee hattuu achitti ummata saamaa jirtu buqqisanii ummanni namoota isa dursan akka filatan gochuu. San booda dammaqiinsa qabsoon kuni kan sabaaf sablammota biraa waliin osoo hintaane kallaatiidhan kana Wayyaanee waliinii ta’uusaa, kan amantii osoo hintaane kan Wayyaanee waliin ta’uusaa ummata keenya odeeffannoon hindhaqqbne, keessattuu fagoo jiru sirriitti hubachiisuu
-          DhDUOn milishaaf foolisii ofii hidhachiisuu, ummanni akka hidhatu hiree kennuu, kan dur irraa hiika turaniif deebisuufii. Raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan saba keenya ta’e dammaqsuuf aka saba isaa bira dhaabbatu gochuu.
-          San booda akkaatan itti fincilli ka’u kan naannaa tokkoo qofti ka’ee dhumu osoo hintaane giddu galeessumaadhan akeekamee walbira guutuu Oromiyaa finciluu. Innis hojii dhaabuu, gabaa lagachuu, karaa cufuu kkf karaa miidhaa saba keenyarraan osoo hingeenye waldhageettidhaan sochii Wayyaanee dhaabu gochuu. San booda yeroo gabaabaa keessatti kan hara wayyaanen nu fixaa dhaadattu kuni jijjiirama, Tophiyaa dinnagdeen ishii gaafa dhabbatu diinni osoo hinjaalatin harka kennaa deema.
-          Kana gochuuf immoo wal balaaleffachuu dhiifnee namuu hamma qabuuf beekun wal utubuun heddu murteessadha. Aangoo hinargamin kanaaf dursanii maqaa walxurreessuu dhiisun hedduu murteessadha. Saba keenya diinni marsee jiru kana laalun, boruuf yaadun hedduu murteessadha. Dhugaa jirurratti hundaa’anii socha’uun hedduu gaaridha. Humna diinaa beekanii akkaataa barbaachisuun socho’uun gamnummaadha.
-     Biyyota alaa kanattis saba keenya cinaa dhaabbachuudhan akka haala jiru kana addunyaan hubatu karaa xalayaa, midiyaafi hiriiran hojjechuun hedduu barbaachisa.

Waaqni qalbii nuuf haa kennu, saba keenyaf waliigaltee haa kennu, diina keenya haa doomsu!

Monday, October 2, 2017

DHDUO Irreecha Barii

Asnake T Erko

Torbee darbe keessa waayen DHDUO dhimma oo’aa ta’ee turre. Dhimma irreechaa nu jalaa booressa jennee waan yaaddofneef mee waayee kana Irreecha barii walitti haa deebinu waliin jechuu keenya niyaadattu. Keessattuu garee biyya keessaa Lammaa Magarsa akka Irreecha 2017 irratti Hora Arsadiitti akka haasa’u fedha qaban fi garee keessattuu biyya alaafi keessaa kan Lammaan irreecharratti haasa’uu hinqabu jedhan jidduu mormii cimaatu ture. Ani warra akka irreecharratti hinhaasofne jedhe san keessaa tokko. Ammas gaabbii hinqabu. Seera Gadaan tume tiksuun mala marii hinqabne waan ta’eef.
Kunis kan agarsiisu DHDUO siyaasa Oromoo keessatti ajandaa ta’uu danda’uu isaati. Ji’oota muraasa dura dhimmi DHDUO ajandaa Oromoo ta’ee namni akka DHDUO haasa’u bakkee isaanis kennu hinjiru ture. Har’a garuu dhimmi kuni bakka argachaa dhufeera. Siyaasatu amala akkanaa qaba.
Haata’u malee garuu DHDUO duuchumaan haa deeggarru jechuu dura sirriitti gargar baafnee haa laallu. DHDUO kuni kami? Maal ture? Har’a hoo maalirra jira jennee adda yoo baafnee deeggaruuf dhiisudhaaf, mormiidhaf deebi’aadhaaf ifa nuuf ta’a.
Akkan ani itti hubadhutti DHDUO kuni lama:
1-      DHDUO Wayyaanef dalaguuf socho’u
2-      DHDUO saba Oromoof dalaguuf socho’u
Mee tokko tokkoon haa laallu:
  1. DHDUO Wayyaanee
DHDUO ummamni isaa Aadeti (Tigray) keessa yoo ta’u akka hayyoonni siyaasaa ibsaa turan kan hundeeffame ABO fi Wayyaanen waan waliigaluu dadhabaniif wayyaanen ummata Oromoo qabachuuf bakka bu’aa isaanii uuman. DHDUO nis baroota dheeradhaaf ajajuma Wayyaanee kana fiixaa baasaa, ummata keenya miidhaa turuun waan halamuu miti.
Waggoota 25 darbaniif saba keenyarratti shira xaxaa, morka dhaabolii Oromoo seenanii waan isaan mormu hundaa wayyaanedhaan ajaja itti kennamuun saba kenya hiisisaa, biyyaa baasaa, kaan ajjeesaa turaniiru. Hojii hojjetan kanaaf immoo akka badhaasa qabeenya ummataa saamanii jiru. DHDUO adda durummaadhan hogganaa warri ture, gosaan Oromoo qoodudhaan lafa Oromoo garee tokkof qoodudhaan garee kaan buqqisuudhaf saba Oromoo akka wal shakku godhaniiru.
Kana bira darbee magaalota xixiqqoo kan akka Sandaafaa faa guututti diinatti gurgurataniiru. Ofii saamaa warra isaan falme immoo matta’aa sababa jedhuun ari’aa turaniiru. San bira darbee gareedhan walqoodudhaan wayyaanedhaaf dabarsanii wal kennuudhan saba keenya ficcisiisaa turaniiru. Hamma har’aa ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti affeelamaa jiran kana Wayyaanen kophaa ofii qabdee hinhiine, kan hidhee hiisise DHDUOdha. Kan kanaa ala isaan aagoo itti hinqabne hoggantoota olaanoo dhaaba mormitootaa garuu DHDUO hidhuuf hiikus hindanda’u, kana sirriitti hubatamuu qaba. DHDUOnis garuu tapha san keessaa ala hinturre.
Wayyaanen saboota biroo afaan Oromoo beekan nu keessatti guddatan ramaduudhan, akka isaanif caalaa amanamoo ta’an waan baraniif hedduu itti fayyadamanii jiru. Kan yoon jedhu sabaan Oromoos ta’ee kan nu ficcisiisaa ture hinjiru jechuu miti.
DHDUO dawoo godhachuudhan warri saba keenya saamaa, hiisisaa, ajjeesisaa kaan biyyaa baasaa turan yakka sanirraa halkanuma takkatti bilisa bahan jechuun badiidha. Warri isaan hiisisan, biyyaa baasan ajjeesisan akkasumas maatif qabeenya isaanirraa buqqisan suni ammallee kuun baqarra, kuun mana hidhaa, kuun akka qabeenya ofii dhabee hiyyoometti kuun ajjeefamee dhugaa isaan dhabetti waan jiruuf DHDUOn akka ummanni deeggaru barbaannan sirritti of qulqulleesanii, yakkamaaf shakkamaa of keessaa baasuu qaban. Sirritti ummata ofii hubachiisuu danda’uu qaban. Kana hingodhan taanan garuu xurii fi gumaa warra nama fixee ofirratti baatanii ummatatti seenun salphaa miti.
  1. DHDUO saba Oromootif dalaguuf socho’u
Akkuma argaa jirru ji’oota muraasaa as DHDUO keessatti waan haasa’amee hinbeekne, waan godhamee hinbeekne yoo jedhaniif godhanis agarreerra. Hamma dubbatan gochuus baatan hamma tokko kan dalagan mul’ateera. Irreechi isa keessaa tokko. Gareen DHDUO amma harkaa qabu kuni haalli itti deemaan jiru haala abdii keenu fakkaata. Haata’u malee garuu garee olitti ibsame kan ummata ficcisiisaa turan kana of keessaa dhaban jechuu miti.
Egaa gareen amma aangorra jiru, kan Lammaa Magarsaatin hogganamu kuni dursee yakkamtoota of keessaa qulqulleessee malaaf suutan ummata ofii hidhachiisaa, Milishaa ummata keenya fixaa jirtu, kan dabballummaan dogoggoraa baratan, farra ummataa malee tola ummataa hingorfamin san diigudhaan caasaa Gadaa Oromoo deebisanii ijaarudhaan saba isaanii kiisuu qabu.
Ummata hidhan kan aangoo itti qaban hundaa hiikun jalqaba dubbiiti. Kan hamma ammaa hiikan kuni gahaa miti. Sabni Oromoo biyya isaarratti waan mirga isaa gaafateef hidhame malee hatee miti. Kuni martuu hiikamuu qaba. Kan isaan aangoo itti hinqabne akka jiranis hubachuu qabna. Garuu warra kanas hiiksisuuf dhiibbaa gochu qabu. Diinnis yoo isaan kana godhan callisee waan hinlaallef ummata keenya hidhachiisuun mala gaaridha.
Qabeenya Oromoo sababa Investimentiitin alagaan guurrate kana ummataaf deebisiisun waan salphaa ta’uus baatu ummanni yoo hidhachaa deeme akka qabeenya naannaa ofii too’atu gochuun itti deemuu danda’u. Sabni keenya dhaabolii siyaasaa biyya alaa taa’anii dhaamsa qofa itti dhaamaniif ibsa tarreessan ifatee jira. Carraan amma biyyatti saba dammaqe kana miira isaa eeganii akka mirga isaa kabajchiifatu gochuu eenyuyyuu caalaa DHDUO garee lammeessoo kana harka jira.
DHDUO gareen lammeesson kuni yoo dhuguma alagaa caalaa ummata ofii amanee sagantaa saba isaa tajaajiluufi mirga saba isaa eegsisuurratti xiyyeeffate warra isaan morman hedduu hawwatuuf gargaarsa argachuu salphaadha.
Kana ta’uuf garuu caasaa diinaf ijaarame, kana biyya keessafi biyya alaa kanattis dantaadhaf jedhee saba isaa gurguruuf Wayyaanen ijaarratte suni diigamuu qaba. Yakkamtoonni yakki isaanii galmaayee guyyaan itti gaafataman akka jiru baruu qabu. Kana yoo hintaane ta’ee walumatti qabaadhan DHDUO deeggaruu qabna jedhamee iyyamu ta’e kan kana dura maqaa dhaaba kanaatin miidhame hedduun waan jiruuf gaara dhiibuu ta’a. Alaaf biyya keessattis DHDUO dura kan dhaabbatu hedduu ta’a. DHDUO garuu ammas carraa guddaa qaba:
      Caasaa foolisifi ummataa hamma gandaa harkaa qabu
      Dhaaboliin siyaasaa Oromoo harca’aa dhufaniru, ummanni abdii irraa kutateera
      Sabni dammaqee seenaa duriin osoo hintaane hojii har’a arguun amanuu jalqabeera.
DHDUO akkanatti yoo adda baafnee laalle malee duuchumaan haa deeggarru jedhanii yoo namni morme wal abaarun sirna miti. Ani kanan jedha, isini hoo?



“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE” JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN

SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas,  addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu , of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti gaafatamoo ta’uuf jiru.
Kaleessa Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira.
Baroonni fi guyyaan adeemsa isaanii hin dhaabnee. Shirri Oromoo irratti hojjatamu hin dhaabbannee. Hidhaa ajjeechaan Ummata kana irratti raawwatamuu jabaatee itti fufeera. Oromoo dachee irraa dhabamsiisuuf hammenyi hojjatamuu daran jabaateera. Hin dhaabbannee. Oromoonis Qabsoo gabrummaa of irraa darbachuuf gaggeessuu gonkumaa hin dhabnee. Gootummaa isaan Shira diinaa irra aanee, dhugaa isaa mul’ifachuuf wareegama ulfaataa kafaluu itti fufee jira.
Qabsoon Oromoo hanga bara 2015tti diina dandamachuu fi diinarraa aanuuf hedduu hojjachuu akka qabnuu nu akeekaa ture. Sun wareegama Ilamaan Oromoo kafalaniin sadarkaa isaa ol butatee jira. Kaleessa diinni hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya ukkaamsuuf yaaluu, hidhaa fi ajjeechaan isaa hegaree isaaf akka hin tollee ifatti itti mul’isee, Qabsoon Oromoo sadarkaa murteessaa irra ga’ee jira. Bu’aa ba’iin qabsoon Oromoo keessa dabree akka laayyootti ykn akka dantaa ofitti kan dubbatanii mitii. Ofirra gootummaa raawwatameef bakka kennanii , imaanaa warra wareegamanii bakkaan ga’uuf waadaa haaraa yeroo itti seennudhaa.
Har’aa Oromoon sodaa tokkollee hin qabu. Hamma fedhee hidhamee ajjeefamuu, hiraarfamee biyyaa godaansifamuu, qabsoon isaa jabaacaa ka deemuu malee, gonkumaa kan hin dhaabbannee ta’uu humna addunyaa kanarraa kamiifuu ifa ta’eera. Wayyaaneef har’aa sodaa tokkollee hin qabnuu. Nagaa dursuuf jechaa wareegama Ilmaan keenyaa fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, ajjeechaa ajjeechaan deebisuuf yeroo itti fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, guyyaa saafaa ayyoo keenyaa fi abboo keenya awwaallannee jirra. Kun itti fufaa fi dhiisaa isaa wayyaaneetu ofiif jedhee murteessa malee , deebiin isaa ummata Oromoo harka hin jiru.
Gaangeen takaallaa kutattee , jennaan, Ofittuu gabaabsitee jedhanii, mammaakisuma oromooti. Gaangeen takkaallaa keessaa ba’uuf jettee takkaallaa yoo kuttee, takaallaa sanumaan gabaabsanii deebisanii hidhuu. Duraan haada bal’aa ka qabduu gabaabsitee of dhiphiftee. Sochiis ta’ee jireenya of dhorkite. Wayyaaneenis akkasuma. Wayyaaneen waan kanaan duuba raawwattuu hundaan, gatii baasuu ofitti dabalaa yoo deemtee malee, Ilmaan Oromoo wareegamanii Biyya isaanii Bilisoomsuuf murteeffatan irratti dhiibbaa bulchiitu tokkollee hin qabduu. Wayyaaneen guyyuu waa hundaa ofitti dhiphisaa jirti. Wayyaaneen mukarra teessee muka hamachuu hanga hin dhiifneetti,  hegereen ishee badaa deema.
Namoonni tokko tokko yaaddoo qaban. Waraana ishee nurratti bobbaaftee nu ficisiiftii kanneen jedhan hedduudhaa. Garuu wayyaaneen kana raawwachuun dura Oromiyaaa keessaa bara baraaf ba’uu murteeffachuu qabdii. Wayyaaneen kana booda waraanaan Ummata kana dorsiisuun mataa isaa , gatii guddaa ishee kafalsiisa. Waraanaan mitii shirri karaa somaalee Ummata keenya miidhuuf gaggeessitee, waan Oromoo keessatti Umeeyyuu ishee rifaasisee jira. Addatti Ummati kabajamaan kun, ijaa ba’uuf jarjaru dhiisuu isaatti rifatanii jiru. Sochiin wayyaanee kamuu kana booda kufaatii ishee kan shaffeesisu malee, kan ishee jiraachiisuu hin ta’uu. Shirri kamuu kufaatii wayyaanee ariifachiisa.
Kanaaf wayyaaneen sochii Oromoo dura dhaabbachuu irra , yeroo lama sadii dhaabbatee yaaduu qabdi. Qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabu. Hin deebi’uus. Wareegama itti kafalleef gumaa argachuu qabana. Gumaan keenya Bilisummaa qofaadhaa. Oromoon dhiiga isaan Biyya itoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu mirkaneeffachaa jira. Kun ammo galma isaa osoo hin ga’iin hin dhaabbatu. Dhaabbatees nagaaf hn tolu. BAKKI IRRA JIRRU, DUUBATTI DEEBINUS NUUF BADIIDHAA. KANARRA TARKAANFACHUUTU NUUF WAYYAA QABA.Waraana nutti dulchiftii fi hidhaa fi ajjeechaa nutti hammeessitii jennee waa hundaa keessa qabachuun barbaachisaa miti. Kanarra mudduu qabna. Fallisaa kanuma.

Namoonni hedduun Ummati keenyaa Oromiyaa guutuu socha’uu irraa hamileen itti dhaga’amee, Ummata kana qawwee hidhachiisaa jedhanii dubbatu dhageenya. Adeemsa kana hedduu itti yaaduu barbaachisa. Kanarra hojjannee warra wal hin gannee fi walitti hin dhukaafnee ta’u keenya mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Lammiilee keenyaa qawwee diinaaf baatanii jiran gar tokkotti deebisuu qabna. Ummata Oromoo wayyaba qawwee hidhachiisuun dansaa ta’ee, wayyaaneenis waraana ishee keessaa irra jireessii Ilmaanuma Oromoo ta’uu isaanii hubannee maalitti wal akeekaa akka jirru haa hubannu. Wayyaaneen dheekkamsaa fi diddaa keenyaanu lafa geessee jirtii. Hegaree ishee yaaddeessu keessa haa galchiinuu. Isa booda qawwee yoo hidhannees nu hin miidhu.
Wayyaanee gaangee saniin tokkuma . yoo ofiif jettee karaa irraa maqixetti deebitee, hegaree ishee haa tolfattu. Nuuti wareegama dachaa kafallee mirga keenya ni goonfanna. Garuu isa booda waliin jiraannaan gonkumaa waan hin yaadamnee ta’uu isheen itti haa dhiphattu. Ajjeechaa fi hidhaan ishee Araara jaarsummaa irra dabree jira. Ofittummaa fi of tuulummaan isaanii hegaree isaaniif ragaadhaa. Kanaaf Oromoon ofitti boonee waan hojjataa jiru hundaatti jabaachuu qaba. Shira wayyaanee hundatti dhimma baanee mirgaan ni galla. Bilisummaa keenyaa Biyyuma keenya irratti labsanna. Diinatu nurraa deema malee, of tuulummaa fi ofittummaatu nurraa gala malee nuuti bakkatti gallu hin qabnuu. Mana keenya keessa jirraa jabaadhaa. IRREECHII BARANAA KAN MILKII NUUF HAA TA’UU. Oromoo waan uumamakeetti bakkatti deebisuuf bakka jirtutti hojjadhuu. Dhugaa kee bakkatti deebisuuf akka nama dhunfaattis ta’uu walootti hojjadhu. Hegareen keenya ifadhaa. Nuuti ol deemaa jirra. Jireenya keenya tokko jennee eegalla. Kan jireenya isaa fixate maraatuu itt haa dhiphituu jabaadhaa.

HORAA BULAA !

Thursday, September 21, 2017

DHDUO qaxxaamura karaa seenaa irratti

Waliin dhabbannu humna taana, humna waliif taanu diina keenyarra oolla!

Egaa akkuma hundi keenyaa agarru diinni saba Oromoo hangafti har'a Wayyaannee ta'uun wal nama hingaafachiisu.
Wayyaanenis kan saba Oromoo cabsite waan Oromoon sodaatef ykn barnoota dhabeef ykn heddumina dhabeef osoo hintaane mala baafachuudhani. Malli isaan waggaa 30 dura dangaa Ertiraa taa'anii mala humna Oromoo ittiin adda facaasan baafatan suni waan xiqqaa hinturre.
Dhaaba maqaa Oromootin dhaabanii, ofiimmoo humna dhoowwanii akka barbaadanitti yeroo barbaadanitti nama Oromoof osoo hintaane isaaf hojjetu qofa achi teechisuun DHDUO fi ummata adda tiksaa turaniiru.
kanarraa kan ka'e sabni Oromoo hubannaan inni DHDUOdhaf qabaachaa ture warra alagaaf hojjetu jedheeti. Nama achi keessaa saba isaatif quuqame dafanii qorannoodhan achii ari'uun hidhuufi ajjeesun Wayyaanen hamma ammaa milkooftee turet. Milkiin suni garuu amma xumuramaa jira fakkaata.
Yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo DHDUO keessaa kan saba isaatif quuqaman baayyachaa waan dhufaniif dhaabni kuni quuqqaa saba isaa dubbachaa waan dhufeef sabboontotnni hedduun itti makamaa waan dhufaniif guyyoota kurna darban keessa qaxxaamura seenaa agarre. Ummannis yoo dhuguma saba keenya bira dhaabbattan isin bira jirra jedhee afaan guutee dubbate.
Amma kan hafe kaa DHDUO waan jedhan san hojiin mul'isuu qofa.
Hamma kana duraa kan agarre DHDUO waan ummata ofii shakkuuf ykn sodaatuf marii kamuu hinhayyamu ture, fedha ummataa hineegu ture. Halli amma jijjiiramaa jiru kuni garuu DHDUOdhaaf carraa hinargamne uumee jira. Hiree guyyaa rakkina dhalate kanaan walitti qabatee uumame kanatti fayyadamuun DHDUOn ummata ofiitif amanamoo, saba ofiitif quuqamoo ta'uu isaanii hojiidhan mul'isuu qabu.
Kana godhanii argamnaan sabni keenya yeroo ammaa dhaabolii siyaasaa isa sobaa bahan kana waan ifateef gara DHDUO goree biyya ofii wanni hindhuufanneef hinjiru. Dhaabonni siyaasaa ibsa sobaa baasudhaan, waamicha ofii keessa hinjirre yaamudhaan hamma ammaa uummanni keenya filannoo biraa waan dhabeef owwaachafii ture, amma garuu isaan ifatee jira. Dhaaboliin siyaasaa hedduun seenaa ta'anii hafaa jiru. Sababiin isaas yeroo ummanni dhugumaan rakkatee diinni itti taphate kana waan of biraa dhabeef.
DHDUO carraa lafa duwwaa argatte kanaan fayyadamuudhan moo'annoo seenaa argachuu danda'u ta'a. kunis kan ta'uuf:
- caasaa biyyattii keessatti harkaa qabu
- humna namaa homtuu gaaf Afrikaa keessatti hinqabne harkaa qabu
- Foolisii, waraana akkasumas miseensota qabu
- dargaggoota biyyaa kan carraa argameen saba isaatif qabsaa'uu barbaadu harkaa qabu

kanatti fayyadamuudhan DHDUO wayyaanee jalaa suuta suuta loo'aa deemuu danda'u. Keessattuu carraa rakkoo dhalatee kanaan saba ofii madeessan araarfachuudhan jalqabuu qabu. Namoota hidhaman aangoo isaanii jala jiran hiikuu. Wayyaanen akka saba isaanitiin walitti isaan buusuf hojjettu beekudhaan harka wayaa jalaatin saba isanii ijaarun mala marii hinqabne.

Silas yoo hamma fedhan wayyaanedhaaf amanamoo ta'anillee wayyaanen isaan shakkitee ykn ari'uu ykn hidhuu ykn ajjeesuu hindhiiftuu seenaa hojjechuun boruuf dhala ofiitif waan lafa kaahudha.

DHDUOn carraa argame kanatti fayyadamuudhan osoo dargaggon Oromoo abdii isaanirraa hinfixatin dhaaba Oromoo ta'uu danda'uu qaban.
Yoo DHDUOn garuu carraa kanatti fayyadamuu dadhabdee sodaadhan carraa kana dabarsite, sabni Oromoo silas yeroo dhiyoo keessatti waan tokkorra gahuun isaa hinooluu, garuu seenan isaan gaafachuus hinoolu.
DHDUO carraa akkanaa lammate deebitee hinargamtu waan ta'eef itti fayyadamaa. Yoo saba keenya cinaa dhaabbatanii salphina kana keessaa baasuf karaa akeektan deeggarsi mara keenyaa isin waliin jira.

Friday, September 15, 2017

Yeroon Oromoo gaheera --- injifannoon dhiyaatera

SEENAA  Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo diina miti, Oromoonuu duubatti deebisuu hin danda’uu. Oromoon Qabsoo shidamtee dhiisuun qaba jedhee osoo keessaa dhaabbatu yaaleyyuu, sochiin jiru dhaabbachuu hin danda’uu. Maaliif ? jennaan, bara Bilisummaa irraa fagoo jiruuyyuu hin dhaabbannee, Bilisummaatti dhihaatee dhaabbachuu waa hin dandeenyef. Qabsoo Ummata Oromoo maraa hirmaachisu kanarra ga’uuf wareegama Ulfaataa itti kafalle. Amna dheeraa deemne. Sochii har’aa kana uumuuf bu’aa ba’ii fi miidhaa gurguddaa liqimsinee bira dabarre. Har’a akka kaleessaa yoom akka ebaluu …..jennee hawwaa hin jirru. Yoomuma tokko taana ? jennee keessa keenyatti gooma’aa ykn komachaa hin jirru. waan yeroo dheeraaf yaadaa fi barbaachaa turre irra geenyee jirra. Dadhabbii waggaa 30 ol booda waan barbaannu irra geenyee jirra.Qabsoo Ummata Oromoo ykn gaaffiin Oromoo deebii akka hin argannee Oromoon gootummaan argisifachaa fi raggaasifataa jira. Waan barbaannu bira ga’uuf haala nama gammachiisuun daandii eegallee jirra.
Waan eegallee kana yoo kunuunsinee fi caalaatti sochii keenya hundaa dantaa keenya waliin Naamuusaan yoo gaggeeffannee , Injifannoon keenya dhihoodhaa. Dhalli Oromoo waan hubachuu fi jabiinaan irratti hojjachuu qabnuu qabxiilee  4 kaasuun barbaada. Bakka jirrutti halkanii fi guyyaa kan irratti hojjannuu, akka dhuunfaattis sabaattis kan irratti bobbaanu.
1. Hegaree HIWAATOOTAA FI TIGIROOTAA  guutummaatti yaaddoo keessa galchuu,
2. Qabsoon keenya dhageetti akka argatuuf, Biyyoota wayyaanee utubaa jiran rifaasisuu
3. OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu, wayyaanee jalaa baasuu 
4. Saboota cunqurfamoof jaalala addaa argisiisuudha.jedheen yaada.

1. Hegaree Hiwaatootaa fi Tigirootaa yaaddoo keessa galchuu,,
Akka walii galaatti qabsoon keenya jabaataa deemnaan , wayyaaneen shira saboota nurratti kaasuuf yaaluun fashallaan , tarkaanfiin itti aanu qabeenyaa horataniif yaadda’uutu dhufa.Biyya har’aa dhaadataniif kanarra dantaa dhuunfaa isaanii dursuutu itti fufa. Kun haqa. Qabsoon Ummataa jabaachaa deemnaan, waraanni itti abdatan aantummaan isaa Ummataaf ta’uun mirkanaa’aa akka deemuu ni beeku. Kanaaf, Madda qabeenyaa isaanii fi Kubbaaniyyoota isaanii kanneen ta’aan, Finfinnee, Hawaasaa , Bahirdaar, Adamaa, Dirree dhawaa, kkf irratti jabiinaan hojjachuu nu barbaachisa. Bifa addaan ammo Finfinnee fi Naannoo ishee guutummaatti hojiin alaa gochuun barbaachisaadhaa. Kan har’aa Naannoolee Ollaa keenya ta’an nutti kaasaa jirtuuf, qalbiin keenya gama sanatti akka deebi’uufiidhaa. Kana hubachuu nu feesisa. 

2. Qabsoo keenyatti dhageetti Horuuf,
Qabsoon keenya dhageettii argachaa dhufuun haqa. Dhageettin kun kanuma dhaga’anii callisan ta’eera. Kanaaf yaaddeessaa ta’uu beeksiisuuf osoo hin jaalannee , Biyyoota akka Chaayinaa, Ingilizii, Ameerikaa, Jarman, Faransaayii, kkf, akka dammaqan gochuuf Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf itti yaadu barbaachisa. Keessattuu Ingiliziin humna nu fixaa jiru haalaan ijaaraa fi maallaqaan gargaaraa jirti. Ameerikaan gargaartus hanga tokko ibsayyuu irratti baaftii. Ingilizii fi chaayinaan garuu suduudaan dhumuu keenya hayyamanii irratti hojjachaa jiru. Kanaaf Dhabbadhaa jechuuf ykn nu dhaggeeffadhaa jechuuf karaa dheeraa hin yaadinuu itti haa yaadinu.kubaaniyaa Oromiyaa keessaa qaban keessa ijoollee Oromoo 1000 oltu qacaramee hojjata. Kun carraa gaariidhaa dhimma itti haa baanu.
3. OPDO wayyaanee jalaa baasuu :
Shirri wayyaanee hangafummaan karaa OPDO raawwatamaa jira. Akkasuma kufaatii wayyaanee OPDO keessaan ta’uu akka maluu carraa hedduutu jira. sa’aatii dhumaattu taatu, OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu wayyaanee jalaa baasuun murteessaadhaa. Humnaanis ta’uu jaalalaan. Gorsaanis ta’uu, akeekkachiisaan. OPDOn qabsoon jabaachaa deemnaan galagaluun ishee hin hafu. Yeroo sanatti waan itti fayyadamuu dandeenyu hedduudhaa qalbiidhaa qabaadhaa. OPDO wayyaaneetti galagalchuun , ammuma qabsoon keenya jabaachaa deemee laafachaa deema.waan fagoottii hin argannee dhihootti argachuuf nu gargaara. Wayyaaneen OPDO qabattee seenuun ni dhaabbata. Dachee keenya keessatti argamuuf sababaa dhabdii. Kanaaf qabsoo keenya jabeeffachaa OPDO jalaa diiganii ofitti dabalachaa deemuun hedduu dansaa ta’aa. Inumaa duubarra wayyaaneen kufuu akka qabuu caalaatti kan barbaadan isaan ta’uu. Yoo ijifannee, Ummata keenya biraa galata argattu. Yoo wayyaaneen jiraattee ammo…….kanaaf kufaatii wayyaaneef hojjchuun waan hin hafnee. Kanaaf dantaa keenya ilaallachaa tarkaanfanna taanaan, isa qabsoo Ummataatti amanee ofitti dabalaa deemuun, waan nu laaffisuu hedduu qaba.
4. Saboota Cunqurfamoo ilaalchisaa :
Saboonni Oromiyaa keessa jiran yaadda’uun hin hafu. Wayyaaneen kanneen akka somaalee, adaree kkf Oromoon isin liqimsaa jechuun hin hafu. Kanaaf dantaa keenya dursina taanaan diina xiqqeessuun furmaata waan ta’uuf, Saboota hundaaf jaalala addaa kennuffin barbaachisaadhaa. Inumaa isaaniif wabii akka taanutti irrattti haa hojjannu.
Walumaa galatti wayyaaneen hojii nutti heddummeessuu yaalaa jirti. Kana malees, Hiwaatoonni saboota biraan nu rukuchuuf yaalaa jiru. Injifatamaniyyuu saboota biroon nu rukuchuu barbaadu.kasaaraa saboota biraan nurratti hojjachuu barbaadu. Kanaaf Oromoon kan yeroo kamirryyuu caalaa waa afuritti dhimma ba’uu qaba.

A. Baayyina isaatti dhimma ba’uu:
Baayyinni keenya lakkoofsaan qofa ibsamuu hin qabu. Hojiidhaanis akkasuma mirkanaa’uu qaba. Kanaaf baayyina keenyatti dhimma baanee, humnaan diinaa ol ta’uu mirkaneessuu qabnaa. Kunis kan ibsamu qabsoo eegalamee keessatti qooda fudhachuu kan ammaarraa daran jabeessuudhaan ta’aa
B. Oromoon Marti qe’ee isaa qulqulleessuu:
Waliif birmachuun akka jirutti ta’ee, Oromoon bakka jirutti qe’ee isaa qulqulleessuuf humnaa fi dandeetti akka itti qabuu beeksiisu qaba. Lafa isaa yoo dhuunfatee akkaataa itti of bulchuu irratti  wal dhaggeeffatee itti fufuf qophaa’uu fi wal qopheessuu qaba.qe’ee keenya qulqulleessuu, diina wal harkaa fuudhanii mana isaatti qajeelchuu.
C. Toftaa sochii warraaqisaa wal faana gaggeessuu :
Wayyaanee rifaatuu kan seensisee jiru, Ummati Oromoo yeroo gabaabaa keessatti wal faanaa qabsoo gaggeeffachuu ykn qindeeffachuu danda’uurra ga’uudhaa. Kun jabiina keenya. Sochii har’aa itti jirru irraa gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabnuu.wareegama ulfaataa baasuu filachuu nu wayya. Kanaaf qabsoon kun gama hundaan gaggeeffamuun itti fufu qaba. Bifa isaa gegeeddaruu fi bakka isaa gaggeeddaruun , xiyyeeffannaa isaanii cabsuu ni danda’ama. Guutummaa Oromiyaa ergaan takkaa ka’uun filatamaadhaa. Yoo haala gara garaan mijatuu didee yoo xiqqaatee bakkootiin sadii qindaa’uu danda’uu. Gonkumaa diinaaf yeroo laachuun barbaaachisaa miti.
Qabsoon Oromoo kanarra jabaachuuf jira. Diina qofaa osoo hin taanee nuuti mataa keenya gama hundaan qophaa’uu barbaachisa. Toftaa adda addaa qopheessuu qabnaa. Haa jabaannu . gama hundaan itti haa qophoofnuu. Finfinnee irriiba dhawwuus haa eegalluu. 
Hundeen gabronfataa achii . ITTI QIYYAAFADHAA. 
HORAA BULAA !

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...