Saturday, March 9, 2019

OPDO - ODP- gara Paartii tokkummaa Tophiyaa


OPDO– ODP- gara paartii tokkummaa Tophiyaa amma jijjiiramtuu teenyee eeguu hinqabnu.
Akka dhiyoo tana Dr. Abiy marii sabaaf sablammootaa irratti ibsanitti dhaabni maqaa Oromootin socho’u ODP kuni yeroo gabaabaa booda gara dhaaba – ‘paartii tokkuma Tophiyaa’ (Ethiopian unity party) jijjiirama.
OPDOn saba Oromoo yeroo meeqa gante?
1. Gaafa hundeeffamtu TPLF haajaa ofii ittiin guuttachuuf saba Oromoo gowwoomsuf waggoota gara 28 caalu dura Adeetitti hundeeffamte. Yeroon san hundeessitoonni booji’amtoota saba Oromoo gananii halagaa filatan. Isaanis har’as hedduun isaanii dhaabuma kana keessa jiru.
2. Bara 1992 yeroo TPLF ABO fi saba Oromoo balleessuf murteessitus waliin ta’uudhan murtii san waggoota 27 hojiirra oolchaa turan. Yeroo sanitti adda durummaadhan qabeenya Oromoo alagaa waliin ta’uudhan saamaa, saamsisaa turan. Har’as warri saamaa ture suni aangomarra jira.
3. Bara 2018 keessa OPDOn yeroo gara ODP jijjiiramtu saba Oromootis waadaa haaraa seente. Ammaa achi alaabas, asxaas, kaayyos, hojiidhanis saba Oromootis dalagna jedhanii hayyootaf qabsaa’ota hedduu sobatanii deeggarsa dur hinqabne fi isaanis hinmalle argatan. Garuu waadaa galan san gananii ummata sobanii qabeenya Oromoo lafa Oromoo, fi Finfinnee fi naannaa ishii dabarsanii kunoo alagaadhaf kennaa jiran.
4. Oromoo osoo mirgi afaanii, aadaa, lafaa fi walqixxummaa isaa hineegamin alagaa gammachiisuf jecha dhaaba maqaa Oromootin jiru kana diiganii ammas yeroo lammataatif alagaatti galuuf murteeffatan. Kanas saba Oromootin mariidhan osoo hintaane ormaan mari’atanii tasa mediyaarraa dhagaye Oromoon. OPDO gara paartii Tokkummaa Tophiyaa jijjiiramuu jechuun Oromoon mirga afaanii, aada fi lafaa gaafachaa jiru kana gonkumaa kaasuu hindanda’u. Qabsoo isaanii gaafas biyya takka, afaan tokko, aadaa tokko waan ta’uuf. Qabeenya oromoo ammallee alagaan hamoommachaafii jiru kana guututti kennuufii jechuudha.
Kanaafuu OPDO-ODP kan taate gara paartii tokkummaa tophiyaa osoo hinjijjiiramin miseensonni dhaabichaa dura dhaabbachuu qabu, ummannis ofiin of ijaarun murteessadha. Gaafa ODPn maqaa Oromootin paartii Tophiyaa ijaaru eegun rakkoo dhala.


Wednesday, February 27, 2019

Waggaa 150 booda ammas akka haaratti nu buqqisuuf - Finfinnee


Waca dhimma abbummaa Finfinnee laalchisee deemaa jiru kuni waan akka salphaatti FB qofarratti dubbannee bira dabarru ta’uu hinqabnu. Jarri Habashaa kuni bara Sahile Sillaasee Oromoo Tuulamaa Naannaa Finfinnee kana buqqisuudhaf bara dheeraa deddeebi’ee waraanaa ture. Tokkummaan yeroo san ture fi ciminni Gdaa yeroo sanii jabaa waan tureef Gaammen, Kuusni fi Raabni qolatee ofirraa dhoowwaa ture.

Akka humnaan hindandeenye waan baraniif bara Minilik tooftaa biyyoota qaroomaniirraa argatan. Meeshaa waraanaa yeroo sanitti hammayyaa (qawwee) fi mala ittiin Oromoo qoodan. Oromootti siqanii soddoomanii mufoo xixiqqoo Oromoo jidduu jirutti fayyadamuudhan jidduu seenan.

Oromoo humna isaa caasaa Gadaatin ijaarame san jidduu dubbii galchan. Meeshaa ammayyaatti fayyadamuudhan addaan nu qoodanii nu rukutan. Oromoo Finfinneedhaa tola hinbuqqifne. Tufaa Munaa fi Sooraa Loomee, Warri Galaan, Gullallee dhugumaan waraanaf waantedhaan qawwee dura dhaabbatanii faradoo ofii koranii hamma dhumaa lolanii jabaan keessaa xuruurfamee kuun qawweedhan kuun fannifamee ajjeefame. Gaafas kan akkas jedhan:

«Diinni nu marsee – Farda kee kooraa irraa hinhiikin, luugama afaanii hinbaasin»

Akka waraanni habashaa isaanirra caalaa dhufe yoo argan ijoollef maanguddoo godaansisanii isa dhumaa faradoo ofiitin Finfinneetti deebi’uudhan habashaa lafarraa duguuganis waan baayinaan caalamaniif qawwee dhabaniif dhuman. Waraanni gaafsii tokkolee hindeebine. Oromoota gaafas Finfinnee irraa diina qoluudhaf Finfinnee keessatti wareegaman maanguddootarraa seenaa isaanii qorannee kaahuu qabna. Seenaa keenya Finfinnee nuti siirriitti hindhageenya. Dhoksaaf dhoowwaa waan tureef hammam jarri kuni akka nu fixan dhalli ammaa sirriitti hinhubanne.

Seenaa dhugaa dhoksanii waan turaniif keessa darbanii waan godhan saniif yakkaan osoo itti gaafatamuu qabanuu amma biyyuu teenya jechuu qaba.

Habashoonni lubbuun jiraniif kan darbanis yakka ilmaan Tuulama irratti Finfinnee keessatti raawwataniif seeratti nuuf haa dhiyaatan jechuun murteessadha. Yoos bakkatti deebi’anii. Seenaa warri Ingiliiz oolmaa waraanaa Finfinnee achitti argamuudhan barreessan fi warri gaafas lubbuun ture kaaye nuuf ragaadha.

Kana maraa waan callifneef warri safuu hinbeekne, kabajaa hinbeekne kuni har’a Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Sabata, Furii, Duukam, Bishooftuu, Galaan, Sululta, Buraayyuu, Aqaaqii, kkf ijaarsa seeran alaatin suuta suuta dhuunfachaa jiran. Kana diigun hojii jalqbaa yoo ta’u oromootan qubasiisun isa lammeessoti.

Oromoo seenaa miidhaa nurra gahe ilmaan keenya haa barsiifnuu. Meediyaalen keenya hayyootaf maanguddoota haa dubbisanii.

Lafa seeran ala saamamne osoo oolee hinbulin qotee bulaa Finfinneetif haa deebi’uu. Kooyyee Faccaa fii kkf manneen ijaaraman qotee bulaa keenya lafti isaa saamameef haa deebi’uu. Kana nullee irratti haa dhumnuu. Kana immoo teenyee mootummaa qofarraa eeguu hinqabnu. Tooftadhaan lafa keenya amma deeffachuun murteessadha.

Kana yoo bubbulchine jarri nutti malachaa jirti. Waan darbe dhiifnefi dhiifama jennaan yakkamtoonni safuu hinbeekne qeyee keenyaa nu buqqisuuf qaanii malee keenya jechaa jirti.

Dammaqi Oromoo, Dammaqi qeerroo!

Saturday, August 18, 2018

Dhaabotiin siyaasaa Oromoo – Waligaltee godhachuu


Dhaabotiin siyaasaa Oromoo kan seenadhaan qofa osoo hintaane amma lubbuudhan jiran walitti dhufanii dhaaba cimaa lama ykn sadi ijaaran hawwii Oromoo hedduuti. Akkuma mediyaa irraa argaa jirrutti Oromoo hawwii ofii kana ibsachuurra darbee walgayiif seeminaara qindeessuudhaan akka walitti dhufan haala mijeessaa jiraachuu agarra. Kana keessa kan ganna dura barattoonni Universitii Finfinnee qindeessan marii jalqaba gaarii ture. Ammas marii mediyaa irratti dhimma kana kaasun warri itti dhimman hedduu galata qabu. Kanatti dabalataan Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) sagantaa ofii kan baranaa dhimma kana godhatee ture. Marii bareedatu gaggeeffame dhaabotiin akka DHDUO keessaa hafanis.
Walitti dhufeenya dhaabotii siyaasaa kana akkanumatti dimshaashaan dubbachuun hiikkoo hinfidu. Hiikkoo kan fidu sirriitti babbaysanii walitti dhufuu dura waan ta’uu qabu laaludha.
Dhaabotiin Oromoo asii gadii kuni yeroo ammaa kana akka dhaabatti walcalanis socha’aa jiru.
1.       ABO shanee Gumii (Jaal Dawud Ibsaa)
2.       ABO Tokkoome (Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa)
3.       ABO QC (Jaal Galaasaa Dilboo)
4.       KFO (Dr Mararaa Guddinaa)
5.       DHDUO (Dr Abiy Ahmed)
6.       ATWO (G. Kamaal Galchuu)
7.       ADO (Obbo Leencoo Lataa)
Dhaaboliin kuni walumatti garuu yoo akka dhaabatti keenye:
1.       ABO
2.       KFO
3.       DHDUO
4.       ATWO
5.       ADO
Dhaabolii kuni shanan walitti dhufanii lama ykn said ta’uu dura garuu hidhaa keessa jiran hiikkachuutu isaan barbaachisa. Dhaaboliin kuni harki irra caalan dhaabolii saboota biraa waliin waliigaltee qabu.
1.       ABO (waliigaltee PAFD- kanasa dhaabolii OLF, ONLF, SNLFt, GPLM, BPLM)  
2.       KFO (Medrek – waliigaltee OFC, ESDP, SEPDC)
3.       DHDUO (EPRDF – dhaabolii- OPDO, TPLF, ANDM, SEPDF)
4.       ATWO (kuni garuu walitti makamuu daabolii sadiiti gaaridha- KWO, ATUO, FIO)
5.       ADO (waliigaltee – Ginbot 7)
Dhaabotiin Oromoo shanan kuni dhaabotii saboota Toophiyaa waliin akkuma olitti kaahame kana waliigaltee godhataniiru. Haata’u malee garuu waliigaltee isaanii kan dhaabota saboota biraa waliin qaban kana dura dhaabotii Oromootin waliif galuu qabu. Waliigalteen isaan amma dhaabotii alagaa waliin qaban kuni yoo kan waliigaltee uumuf hawwan kana kan daangessu ta’e sakaallaa san keessaa bahu qabu. San booda walitti dhufuudhan akka hundee aadaa Oromoo sirna Gadaa ka’uumsa godhachuudhan ijaaramuu danda’u. Dhaabotii xiqqeessudhaan kan walitti makan eega makamanii booda kan ciminaan ijaaraman lameen ykn sadeen agoobara tokko ijaarrachuu danda’u. Egaa Tokkummaa Dimokiraasii Oromoo haaraa ijaaramu kanatu yoo barbaachisaa ta’e dhaaboii halagaa waliin gala.
Yeroo ammaa DHDUOn kan biyya bulchaa jiru EPRDF waliin waliigalteedhan filatameeti. Kuni waliigaltee inni godhurratti haala biyya gaggeessuu irratti maal fida inni jedhamus akka mootummaan kuni ammaaf hindigamne laalun gaaridha. Qorannaa gahaa gochuun akka waliigalteen kuni hindiigamne godha. Dura qorachuuf gareen dhimma kana hojjetu itti dhimmu ijaaramuun hedduu barbaachisaadha.

Thursday, July 5, 2018

Oromoodhaf falli mariifi jaarsummaadha


Mirga Oromoo argate eegaa, ofiifis mariidhan
Yeroo ammaa kana Oromoo mirga dur argatee hinbeekne argachaa dhufuun isaa waan halamuu miti. Yoo xiqqaate Oromoon harki caalan hidhaadhaa bahuun bu’aa tokko. Hanqinoonni hedduun akkuma jirutti ta’us bu’aan argame kuni waan xiqqaa miti.
Bu’aa hara argame kuni immoo lubbuuf dhiiga ijoollee Oromootin argame malee dhaaba siyaasaa tokkoon miti. Sabni Oromoo akka sabaatti tokkummaadhan ka’ee kan diina cinaa hiriires kan lammii cinaa hiriires walitti diigee irra oolee moo’ate.
Haata’u malee bu’aa lubbuun ijoollee Oromoo - QEERROOn waggoota sadan darban kana qofa kuma jahaa ol ta’u itti dhabne kana wal saamun mul’achaa jira. Dhaaboliin Oromoo anatu kana fide, anatu abbaa mirgaati isa jedhurratti ifatti walirratti duulaa jiru. Kunimmoo dhumaatii har’allee Oromoota gara dhiyaa fi bahaatin gaggeeffamaa jiruuf sababa ta’uu Oromoon tolcheeti beeka. Keessattuu waliigaltee dhabuun DhDUO fi ABO shanee jidduu jiru ummata keenya jeeqaa jira, jeequfis jira. Kana immoo ummanni Oromoo marti sagalee tokkoon dhaabolii kana lakkii jechuu qaba. Nu gahe jedhanii maanguddoon walitti fidanii dubbii kana ammumatti yoo goolabuu baatan ummata keenya dur wayyaanen fixaa turte har’ammoo ofiif waloluu henna jechuudha. Diinni keenyas tana keessa carraa argatee mataa ol qabachuuf ta’a jechuudha.
Hiikkon nuti qabnu akka saba Oromootti Jaarsummaa aadaa keenyaa kan alagaan nuuf taa’u osoo hintaane kan nuti ofii taa’annu godhachuu qabna. Dhimma kana waan hunda dura Abbootin Gadaa Oromoo walitti dhufanii osoo oolanii hinbulin hiikkaa akka argatuuf ifaajuu qabu.
Dhaaba siyaasaa jaarsummaa didee ykn murtii maanguddoo kanniinii dide kamuu ummataaf ifa ta’uu qaba. Yoos jeequmsi hafee kan Oromoo dide ifatti beekamee ummanni dura dhaabbata jechuudha.
Hammasii garuu gareen kamuu olola hinbarbaachifne walirratti oofurraa of qusachuun hedduu barbaachisaadha.
Siinqen teenya baatee lola dhaabsisuudhan mirga addaa qaban san addunyaatti mullisuu qabu. Abbaan Gadaa labsii dabarsee bakka ummanni keenya itti dhiigaa jiru kana dhaquudhan lola dhaabsisuun hedduun barbaachisaadha. Guyyaa guyyaadhan dhiigni Oromoo bakka kamittuu jigu dhaabbachuu qaba. Kan dur dhumnee hedduu nu miidhaa jira, nu gubaa jiraata. Ammaa achi sabni oromoo rakkoo ofii rakkoo ofii hiikkachaa gaafa Afrikaatis akkasumas addunyaadhafis hiikkoo ta’uu qaba malee ofii beekamtiifi waan xixiqqoorratti wal lolaa diinaf lammata karaa saaquu hinqabnu.
Abbootii Gadaa dhimma kanarratti deeggaruu qabna, jabeessuu qabna, bira dhaabbachuu qabna.
Abbootin gadaas dhimma kanaaf dursu kennu jedheen yaada!

Kitaabni Qabsoon Oromoo Eessaa Karam gabaarra oole


QABSOON OROMOO EESSAA KARAM
Barreessan - Asnaaqaa T.Irkoo (T. G)
 Maxxansa 4ssoo WAxabajjii 2018

Kitaabni kuni maxxansaa haaran gabaarra oolera!
Maxxansaa 4ssoo haala yeroo waliin walsimatee fooyya’e.



Maxxansaa jalqabaa kitaabichaa bara 2009 Norway, bara 2013 fi 2014 Finfinneetti maxxanfamee hedduu gurguramee ture.

Kitaabichis:
Seenaa Qabsoo Oromoo qorachuudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture yaadachuudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru kan durii waliin walbira qabuudhan,
Haala siyaasaa Oromoo mariif isiniif dhiyeessa.

Kitaabni kuni gabaarra oolera.

Kitaabicha Manneen kitaabaa Finfinnee fi Adaamaa argattu. 
Warri raabsuu barbaaddan:
Karaa asii gadii kanaan nu quunnamuu dandeessan:
 +251910423762
+251931289238
hordofaa@gmail.com
+4799151829
gipheedhugumaa2008@gmail.com
Qabsoon Oromoo Eessaa karam


Sunday, May 27, 2018

Biyya teenya deeffachuuf Kora Oromoo barbaachisa


Biyyi takka jiraachuf lafa, ummata, afaan, aadaa, seenaa kkf qabaachun bu'ura dubbiiti. San booda immoo biyya san kan bulchuuf sirna ittiin bulchu qabaachun immoo jiraachuu biyya saniitif hundeedha.
Oromiyaan waggaa gara 150 harka alagaatin bulaa turuu waan hedduu ragaa barbaadun nama barbaachisuu miti, waan addunyaan marti beektu waan ta'eef. 
Waggaa dhibbaa ol akka Oromoon fedhutti osoo hintaane akka halagaan fedhuttif isaanif tolutti qajeelchanii nu bulchaa turuun isaanii gaafii hinqabu. Oromoonis alagaadhan buluuf qabeenya isaa samamu kanarratti falmaachaa turuun waan hedduun keenya keessatti guddanne.
Egaa falmaan biyya Oromiyaa deebisanii ijaarrachuu suni deemee amma waan fiixerra gahe fakkaata. Biyyi Oromiyaa akka gaafa waggaa 150 dura Gadaadhan bulaa turtee san amma immoo Gadaan haala hammayyoomen qaramee ittiin buluun sirna namni hedduun hawwu.
Yeroo diinni nu bulchaa ture waan dhabne keessaa:
- Gadaa
- Biyya keenya
- Qabeenya keenya
- Aadaa keenya
- Afaan keenya
- Amantii keenya
- Siyaasaa mataa keenyaa fi kkf

Amma biyya keenya deebifnee ijaarranna ykn harka halagaa jalaa baafnee ofiin of bulchina jennee ifaajee bara dheeraa, lubbuu qaqqaalii hedduu itti dhabne. Kuun jiruuf ofii, maatii ofii, bultii ofii itti dhabe. Kuun biyyaa bahee badheerratti dhume, kuun biyya keessatti manneen hidhaatitti affeelamaa ture, jiras. Gadadoon ummata keenyarra gahaa turu waan duranaaf seena barreessitooni galmeessanii kaahan ta'a.
Amma garuu yeroo murteessaa irra geenyee jirra. Innis yeroo alagaa harkaa biyya keenya deeffachaa jirutti. Kanarra gahuudhaf wareegama kaffalames nu martuu nibeekna.
Gadaan keenyas deebi'aa jiraachuu mallattoo heddutu jira. Biyya keenyas nu harkatti deebi'uus karaarra jira. Qabeenya keenya ammas halagaatu harkaa qaba. Kana deeffachuuf hojii cimaa barbaachisa. Aadaa, afaan, amantii keenya kan bade deeffachuuf murannoodhan hojjechuu nu feesisa. Walumaagalatti biyya keenya deebifnee ijaaruf tokkummaadhan akka biyyaatti gurmaahuu nu feesisa. Tokkummaadhan gurmaahuu jechuun dhaabilee keenya kan siyaasaa fi hawaasummaa gurmuu tokkoo waayee biyya keenyatirratti waliif galuun waan hundaa dursa. Kanaaf kora Oromummaa yaammachuun mala boru osoo hintaane har'a godhachuu qabnu.
Biyya Oromiyaa deebifnee ijaarrachuuf dura Oromiyaa akkamii isa jedhurratti waliif galuun murteessadha.
1. Oromiyaa biyya akkamii ijaarranna?
2. Ollaa keenya waliin akkamitti bulla?
3- Saboota nu keessa jiran waliin akkamitti bulla?
4. Saboota biyya Tophiyaa keessa jiran waliin akkamitti bulla?
5. Qabeenya keenya akkamitti deeffanna?
6. Qoodamni qabeenya keenya mootummaa federaalaa keessatti akkam ta'a?
7. Nageenya biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
8. Daangaa biyya keenyaa akkamitti tikfanna?
9. Rakkoo wal jidduu jiraatu akkamitti hiikkanna?
10. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo bakka bu'an dhimma Oromoo irratti yoo xiqqaate ulaagaa akkamii qabaachuu qabu?
11. Gadaa keenya akkamitti deeffanna?
12. Aadaa, afaan, amantii kkf nu jalaa bade akkamitti deeffanna? Oromoo akkamitti waldanda'ee waliin bula?
13. Dhaaboliin siyaasaa Oromoo kan saba biraa ykn biyyaa waliin yoo waliin galan dantaa Oromoo dabarsanii akka hinkennine maaltu akka ulaagaa lafa taa'a?

Gaafilee murteessoo kana fakkaatan hedduu deebii kennuufii qabnu kan biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf murteessoo ta'an jiru. Kana irratti hundaa'udhaan, tokkummaa qeyee Oromoo eega ijaaramee booda qabsoo biyya keenya deebifnee ijaaruu irratti bobbaana.
Kuni akka dhufuuf kan ummanni gaafii dhiyeessuu qabu malee dhaaboliin siyaasaa nuuf guutan jennee waan teenyee eegnu miti.
Yeroo dhaaboliin siyaasaa gaafilee bu'uraa dhiisanii maqaaf waliigaltee bu'ura hinqabne takkaaf lamaan godhatan wanni Oromoon diduufis gaafileen bu'uraa waan deebii hinarganneefi. Gaafilee bu'uraa kanaaf deebii kennuuf dhaabilee siyaasaa lama ykn sadi qofti waliigaluun gahaa miti. Oromoon hundi kan keessatti hirmaatan, yaada nama hundaatuu kan keessummeessu korri Oromummaa kan biyya oromoo deebisee ijaaruu qindaahuu qaba. Kanallee warri Abbootii Gadaan abbummaadhan qopheessuu qabu. Yoo kana ta'uu baate biyya keenya deebifnee ijaarrachuuf alagaa nu saamuf nullee fixaa jiru ofirraa dhaabuf bara dheeraa nu gaafata. Qabsoon lubbuu qaalin itti kaffalame kunis badheetti hafee allaattin nyaachuu malti. Kanaafuu walitti wacuu dhiifnee Kora Oromummaa godhachuun murteessadha. kuni yaada dhuunfaa kotiti.


Thursday, May 24, 2018

Kitaabni kuni yeroo gabaabatti gabaarra oola

QABSOON OROMOO EESSAA KARAM
Barreessan - Asnaaqaa T.Irkoo (T. Goolee)

Maxxansa 4ssoo Caamsaa 2018

Kitaabni kuni maxxansaa haaran yeroo gabaabatti gabaarra oolufi!
Maxxansaa 4ssoo haala yeroo waliin walsimatee fooyya’e gabaarra oolufi.

Maxxansaa jalqabaa kitaabichaa bara 2009 Norway, bara 2013 fi 2014 Finfinneetti maxxanfamee hedduu gurguramee ture.


Kitaabichis:
Seenaa Qabsoo Oromoo qorachuudhan
Qabsoo Oromoo kan biyyoota biraatin walbira qabuudhan
Gadaan akkamitti Oromoo akka bulchaa ture yaadachuudhan
Haala yeroo ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromootifi ummanni Oromoon biyyattifi alatillee keessa jiru kan durii waliin walbira qabuudhan,
Haala siyaasaa Oromoo mariif isiniif dhiyeessa.


Kitaabni kuni Yeroo gabaabatti gabaarra oolufi.

Warri raabsuu barbaaddan:
Karaa asii gadii kanaan nu quunnamuu dandeessan:
                hordofaa@gmail.com
              +4799151829
               gipheedhugumaa2008@gmail.com

              +251910423762

Qabsoon Oromoo Eessaa karam

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...