Akkuma dhagahaa jirru hoggantoonni keenya mana hidhaa jiraniifi qeerron biyyaa dhaamsa mala qabsoo torbee dhufu kanarraa eegalee itti fufu nuuf dhaamaa jiru. Qaammee 1 hamma birraa 2.gabaa lagachuu.
Gabaa lagachuun kuni garauu tobeen takkittiin tuni gahaa hinta'u. Miidhaa dhaqqabsuudhaf, torbee tokko osoo hintaane ji'a lamaaf gaba lagachuu qabna. Torbeen tokko miidhan dhaqqabsu xiqqaadha..
Kunis yeroo gabaa ayyaana lama kan walbira dhufe, gama muslimaatifi gama qaammee walqabatee gabaa bittaa fi gurgurtaa deemuf hedu kana diduudhan hagabsuun mala qabsooti.
kana jechuun meeshaa kamuu bituu fi gurguruu dhiisudhaan diinagdee biyyattii laamshessuudha. Oromoos ta'ee warri Ollaa keenyaa kanarratti akka hirmaatan yaamicha cimsinee itti fuuf qabna.
Warri Afrikaa kibbaa yeroo qabsoo isaanii apartaayid xumura itti godhan mala itti fayyadaman keessaa inni hangafti gabaa lagachuudhani. Kunis awutobisii fi gaajjiba dhiisanii miilan deemudhaan, suuqii kamirraahuu meeshaa bituu diduudhani. Kuni ji'a muraasa booda diinagdee biyyattii waan dugda kuteef mootummaan appartaydii hidhamtoota hiikee, Mandeellaa faa waliin haasayee akka furmaata fidu godhe.
Warri Indiyaa bara durii yeroo homaa humna lolanii Ingiliiz jalaa bahuu hinqabne sanitti malli ittiin lolan tokko diinarraa bittaa gurgurtaa dhiisufi diina dubbisuu diduudhani. Yeroo muraasa booda diinni nama isa dubbisu dhabee, diinagdeen yoo laamshahu osoo hinjaalatin biyya isaanii deebiseef.
Oromiyaa diinagdee biyya saniitif lafee dugdaati. Kunis nyatas ta'ee meeshaa ala ergamu harka caalan kan dhufu Oromiyaarrati. Ilmaan keenya fixaa, lafa keenyarraa nu buqqisaa, kaan hidhaatti affeelaa, akka waan namaa gadi taanee nu lakkaahaa, saba kaan waliin dubbannee rakkoo hiikan yoo jedhan nu tuffatanii bira yeroo darbaa jiran kanatti malli marii hinqabne gabaa hagabsuufi diinagdee biyya sanii kan nuuf hinoolle, kan raraasa bitee ilmaan keenya fixaa jiru kana diduun murteessadha.
Gabaan addaan cite jechuun diinagdeen biyyattii kan duraanuu daaqaa jiru kuni laafe jechuudha. Kunimmoo wayyaanen waan akka barbaadde diinagdema keenyatti fayyadamtee nuun fixaa jirtu jalaa miila guurudha. Kana yoo ta'emmoo qabsoon keenya tarkaafii lama fuulduratti deema.
Gabaa diduun daldaltoota keenya miidha yaanni jedhu kuni hafuu qaba. Daldaltoonni yeroo ummanni keenya dhumaa jirutti qabeenya isanira kasaaraa xiqqootu gaha. Kuunimmoo lubbuu ofiituu nidhabe. qabeenyi boru waan deebi'u. Lubbuun namaa garuu lamuu hindeebitu. Kanaafuu haasa'a akkasii san dhiifnee cimnee gabaa lagachuun murteessadha.
keessattuu ummanni magaalota gurguddoo kan akka Adaamafi Finfinnee yeroo ummanni keenya dhumu taa'anii akka waan homtuu hindhaltinii laalan kuni gaafa nyaata dhaban osoo hinjaalatin gadi bahanii mootummaa isaan hagabse san balaaleffatan. Kuni tooftaa ittiin humna dabalannus ta'a.
Qabsoon yeroo ammaa kana yoomuu caalaa saffisuun murteessadha. Nannoo Amaaraa yeroo sochiin cimee itti fufu kanatti Oromiyaas sochii cimaa gochuun Wayyaanee asiifi achiin mudduun murteessadha. Nannoo Amaaraa yeroo mana hidhaan cabsanii ummata ofii hiiksisan kanatti tarkaffii fakkaataa fudhachuun hedduu murteessadha.
Hogganoonni keenya yaamichi godhanis saffisaan, ta'uu qaba. hedduudhan diinaf boqannaa kennaa, yeroo kennaa, hafuura baafachiisaa ta'uun saba keenya miidha, diinni akka nutti qophaahu godha.
Wednesday, August 31, 2016
Friday, August 26, 2016
Ajaja Hoggontootaa fudhachuu - gadda mul'isuu
Akkuma ajajni hoggantoota mana hidhaa jiran Baqqalaa Garbaa fi warri waliin jiran irraa darbeen dhiira dubara osoo hinjedhin fudhachuudhan, rifeensa ofii haddatanii gurraacha uffachuun gadda ofii mul'isaa jiru.
Kanarra darbeef haala adda addaatin gadda ofii warri mul'isaa jira jiru. Kuni maal fayyada laata warri jedhan jiru. Kanarra darbees aadaa Oromoo keessatti rifeensa haaddachuufi gurraacha uffachuun gadda hinibsu warri jedhanii aadaa xiinxalanis jiru.
Akka koo Hoggantoonni keenya mana hidhaa jiran hamma amma ajajoota cimoo dabarsan keessaa lameen hunda irra caalan:
1. Hagayya 06 bara 2016 guutuu Oromiayaa keessatti hiriira yaamaniif magaalota Oromiyaa 200 ol keessatti hiriirudhaan ummanni Oromoo ajaja fudhachuu ofiitifi tokkuma ofii mul'iseera.
2. Haggayya 25 -27 bara 2016 guyyaa gaddaa ta'ee akka yaadatamufi mataa haaddannee gurraacha uffannee akka warra wareegamn yaadannu dhaamsa isaan dabarsaniif ummanni kunoo deebii boonsaa keennaa jira. Warri dhiiraa kan gaafa warri irraa du'eyyuu mataa ofii haadee hinbeekne ajaja kana fudhatee haddateera. Dubartoonni rifeensa ofii waggaa meeqa kunuunsan akkasumas deebi'anii argachuuf waggaa hedduu jalaa fixu haddatanii murannoo ofii mul'isaniiru.
nuti amma kuni aadaa Oromoo keessa jira moo hinjiru isa jedhu osoo hinjedhin dura waan laaluu qabnutu jira. Innis Hoggantoota irraa ajaja fudhatee wal duuba deemuu mul'isuu irra darbee warra maatin jalaa wareegameefis hamilee hedduu kenna.
kana qofaa miti, hoggantoonni keenya mana hidhaa jiran kuni akka ummanni isaan isaan dhageeffataa jiru kan ittiin hubataniifi akka ummanni isaan dhagahus kan ittiin madaalani.
Akkuma yaadannu seenaa keessatti Mandeelan kan ummata ofii bilisa baase qawwee qabatee waan loleef osoo hintaane mana hidhaa keessa taa'ee hoggana cimaa waan kenneefi.
Kanaaf hundi keenyayyuu hogganoota keenya bira dhaabbachuudhan wal kakaafnee tokkummaa keenya haa mul'fnu, diinas ta'ee lammiitti murannoo qabnu haa agarsiifnu!
Hoggantoottonni kunis kanatti aansee ajaja cimaa qabsoo saba keenyaa tarkaanfii tokko fulduratti deemsisu akka kennan abdii qaba!
Tokkummaan ummanni keenya Fayyisaa Lelisaa (Major General) cinaa dhaabbachuun agarsiisaa jira, lammii gammachiisee, diina rifachiisee, halagaa dinqisiisera.
Hoggantoota keenya Obbo Baqqalaa Garbaatifi warri haftan:
Ajaja fudhanneerra
Rifeensa haddanneerra
Gurraacha uffanneerra
Gufufaa (Gaddaa) jirra
Ajaja itti aanu isinirraa eegaa jirra!

Thursday, August 25, 2016
Kitaabni QO Eessaa Karam eBook ta'ee bahe
Kitaabni Qabsoon Oromoo Eessaa Karam
gaafii dubbiftoonni yeroo dheeraf akka salphaatti argachuuf nu gaafachaa turaniin ebook (digital book) ta'ee baheera.
Kunis Amazon.com eega seentanii booda eega maqaa kitaabichaatin barbaaddanii booda mobile, ipad, PC fi kkf irratti buufachuu ykn dowload gochuu dandeessu. Kunis kindle app qabachun salphaatti akka dubbiftaniis isin gargaara.
Qabsoon Oromoo Eessaa Karam maxxansaa fooyya'e kan birraa bara 2016 bahe maxxansaa 4ssoo dha.
Amazon.com keessaa bitachuu dandeessu.
Tuesday, August 23, 2016
Hammeenya Chaaynan Biyya keenyarratti Raawwattu
Abbaa Seenaa irraa
Ameerikaan, Ummati ammi kun
miidhamuu ijaan osoo argituu maaliif wayyaanee gargaartii ? kan jedhu gaaffii
namoota hedduuti . Ameerikaan dantaa ishee irraa kaatee waa tokko akka
murteessitu kan hubatus danuudha. Dantaa kana irraa ka’uun, wayyaanee irraan
dhibbaa tokkollee akka hin geesifnee wayyaaneenu bareechitee beekti. Kanaaf hammeenyi
ishee daangaa dhabee, dhiigni ilmaan cunqurfamoo akka bishaanii dhangala’uu taasifama.
Ameerikaan dantaa ishee naannichatti gama hunaan eegisiisuuf jecha , wayyaanee irra harka qabuun waan haqaati. Bara
1991 yeroo wayyaaneen Ameerikaa fi Ingilizii waliin mari’attu, Dolaara tokko
Birri shan akka galchituu fi waggaa 20tti , Dolaara tokko birrii 20 akka
geesiftuu waadaa seenuu warra keessa beekuutu dubbata. kanaaf karaa boroo ABO
wal ga’iin ala godhan . Wayyaaneen Ameerikaa irraa waatokko wayita barbaaddu
ykn akka itti hin dubbannee yennaa feetu, warra chaayinaa waliin waliigaltee
adda addaa mallatteessitee midiyaan torban tokko guutuu odeessiti. Yeroo kana Ameerikaan
rifattee harka gargaarsaa hiixattiif. Kun tapha wayyaaneeti. YKN
dippilomaatoota Chaayinaa fi Raashiyaa simachuun Ameerikaa doorsifti. Kun
shiroota wayyaanee lakkofsa hin qabnee keessaa isa xiqqoodha. Chaayinaan yeroo
dorsiftu akkasuma.
Ameerikaa fi chaayinaa keessaa
kamtu haalaan nu miidhaa jiraa ? yoo jennee, hedduun keenya, Ameerikaa jennee
murteessina. Irra jireessi namootaa deebii akkasii ka kennaniif, chaayinaan
Ameerikaa caalaa dhibbaa geesisuu hin dandeessuu yaada jedhu irraa ta’uu mala. Ol
aantummaa Ameerikaa ilaalu irraas ta’uu danda’a. Yoo dubbii gadi fageessinee
ilaallee garuu, Ameerikaan miidhama keenya ilaaltee callisuu ishee fi wayyaanee
irra harka qabu isheetiin nu miidhaa jirti. Ameerikaan yoo baayyatee adeemsa
akkasii fi gatii dolaara ishee ol kaasuun dantaa adda addaa argachuun nu miitii
ta’aa. Investaroota dhuunfaa warra fakkaataniin warqee fi alabuuda muraasa nu
saamuu dandeessi. dhugumatti addunyaa irraa sagalee qabduun dhageetti qabaachuu
dandeessi. garuu sagalaeen isaan addunyaa irratti qaban akka kaleessaa miti.
humni chaayinaa fi raashiyaa jabaataa dhufeera. Nurratti mitii Biyyoota biraa
irrattuu murteeleen fudhachaa jiran yennaa ilaalluu Ameerikaan waan barbaaddu
gochuun kaleessa beekamtuu har’aa amma tokko laafataa jira. Har’a chaayinaa fi
raashiyaan addunyaa kana osoo hin beekamnee of harka galchuuf adeemsi itti
jiran hedduu nama yaaddeessa. Dadhabuun ameerikaa akkuma yeroo fudhatuu,
guddinni isaanis yeroo fudhatama malee kan hafuu miti. Dinagdeen isaanii
haalaan guddachaa jira. Kunis yaaddoo hegareeti. Isaan walii isaanii irratti
siyaasaa dhalootaan wal geeddaruu fi guddaachaa deemuun wal hordofu. Dhalooti
isaanii borii ykn waggaa 30, 50, 70 boodaa akkamiin addunyaa kana saamuu fi
saamsisu irratti hojjatu. Hegaree ummatoota isaani yaadanii shira meeqa hojjatan.
Nuuti ammoo kan har’aayyuu of harkaa dhabnee rakkachaa jirra.Afrikaan waan
qabdutti akka fayyadamuu hin eegallee fi qabeenyaan biyya isaanii yoo yeratee
Afirikaatii saamuuf , Afrikaanoota siyaasaan wal nyaachisu. Dimokiraasii Biyya
isaanii fi afriikaa hiiikkaa isaallee wal caalchisu. Beektoota ishee biyyaa
yaasisuu. Hiyyummaan adabu.kun shira . akka
hojii rimmaatii
Chaayinaan har’aa addunyaa kana
tu’achuuf haalli itti deemaa jirtu haalaan yaaddeessaadha. Humni maallaqa ishee
Doolaaraan gadii akka hin taanee, labsamuufii haa hafuu malee, waan murtii irra
ga’ee jiruudha. Chaayinaan addunyaa kana tu’achuuf, irra jireessaan faallaa
ameerikaan tarkaanfataa jirti. Ameerikaan siyaasa keessaa fi humna ittisaan
itti seentee waan barbaaddu raawwattii. Chaayinaan ammoo faallaa kanaa Dingadee
fi Teekinolojiin itti seentee, Biyyoota hundaa saamtee, Ummata ishee
Biliyoonaan lakkaa’amuu guddisuuf tattaaffatti. Adeemsa chaayina addunyaa irraa
yeroo biraa itti deebina. Har’aa garuu akkamiin miidhaa nurraan ga’aa akka
jirtuu fi eenyullee xiyyeeffannaa keessa galcheenii akka hin jirree
yaadachiisuun barbaada., garuu akka Rimmaa deemtee nu miidhu irraa akka
dhaabbattu ykn akka itti dammaqinee jirru hubachiisuun dandaadhaa.
Wayyaaneen shiraan dorgomaa hin
qabdu. Nuuti ammoo shira kana dadhabna. Wayyaanee shira irratti hojjatanii
kuffisuutu danda’ama. Wayyaaneen oromiyaa keessatti OPDO tti hirkattee jirti.
OPDO kana jalaa dhahuun furmaata. Biyyoota adda addaatti hirkattee dallaaloota
siyaasaa bittee siyaasa taphatti kana jalaa kaasuun dansaadha. Walumaa galatti
shira wayyaanee qophixeessuu hojjachuun barbaachisaadhaa. Kana namni hin yaadu
osoo hin taanee irratti hin hojjannuu haa sirreeffannu. Wayyaaneen Biyyoota
akka Chaayinaa , Raashiyaa , Ameerikaa , Ingilizii, Jarman , Saa’udii ,
Farnsaayii , kkf fakkaatan gama hundaan keessattu gama dingadee fi
Investimantiin Tigiraayii fi naannoolee kan biraa keessa osoo hin qubsiisiin
maaliif Oromiyaa keessa akka qubatan taasiftii ? jarri kun shira wayyaanee,
wayyaaneen jiraachuu baannaan akka badanitti guutamanii jiru . kana harkaa
baasuu barbaachisa. kana karaa dandeenyeen amansiisuu, yoo didan rifaasisuutu
qoricha. Chaayinaan har’aa Itoophiyaa irraa liqii doolaara Biliyoona 50 ol
qabdii. Wayyaanoonni kana waa lamaaf raawwatu. Tokko , maallaqa pirojekitii
dhuunfaa isaanitti geeddaratan argatu. 2ffaan ammoo Biyyoonni liqeessan kun
jaallatamus jibbamuus, jiraachuu wayyaaneef falmu. Dhumaatiin ummataa gonkumaa
itti hin dhaga’amu.
Chaayinaan har’aa ijoollee
kumoota dhibbaan lakkaa’aman Oromiyaa keessatti barnoota malee hanbiftee jirti,
warshaa fi kubbaaniyyoonni chaayina ijoollee baadiyyaa godaansisuuN, maatii
irraa kutTee gatii gadi aanaan itti
taphachaa jirti. wayyaaneen akka dhuunfaatti dingdeen badhaatee malee akka
Biyyaatti hin jirtu. Chaayinaan garuu saamicha maqaa liqiin gaggeeffattuuf
jeettee, pirojaktoota adda addaa uumtee wayyaanee jiraachisaa jirti. Chaayinaan
wayyaanee caalaa Oromiyaa saamaniiru. Maallaqa liqii kan deebisaa jiru
qabeenyaa Oromiyaatii. Chaayinaan Oromiyaa keessaa saamicha gaggeessitu gara
biyyasheetti dabarsuuf karaa Jibuutii Dooniin dhiheessaa jirtu, kan amma dirree
kubBaa ga’uu faa’aa akka ta’ee dubbatamaa jira. Saamicha kana ariifachiisuuf,
baaburri haaraan ijaaramaa jiru hedduu kan nama raajuudha. Kun hundi qabeenyaa
saamamuu deeddeebisuuf qophaa’aa jira. Karaa mombaasaa wanni yaadamaa jiru ,
karaa maluu keniyaa kan karoorfamee gaggeessffamaa jiru harki 80 chaayinaan
gara biyyattitti waan fidduu fi baaftu irratti xiyyeeffatanii hojajtamaa jiran.
Daandiin baaburaa guutummaa Biyyattii keessatti hojjatamaa jiran kaampaaniilee
fi warshaalee chaayinaa tajaajiluuf yaadamaniiti.
Yeroo ammaa kana lammiilee
chaayinaa Itoophiyaa keessa jiran lakkoofsaan Afirikaa irraa tokkoffaadha.
Harki 98 mana hidhaa keessaa kanneen dhufaniiidha. Galii argataniin mootummaan
biyya isaanitti deebisee isaan ijaara. Guruuppiin ijaaramanii jiru. akkuma IMXA
wayyaanee. qabeenyaa keenya duguuganii fixaa jiru . chaayinaan Biyyoo diimaa
keenyaa halakanii fi guyyaa biyya isheetti guuraa jirti. Albuuda adda addaa
wayyaaneenu meeshaa hin beeknee galchitee qorannoo soda malee gaggeessuun lafee
keenya qofatti nu hanbisaa jirti. Anarra warri ogummaa isaaniin waan bira
ga’aan ifa baasuu jedheen abdadha.
Chaayinaan , Tigiraayi
keessatti pirojekitii saatalaayitii “TIG-SAT”
jedhamu samiitti erguuf jirtu, warri
tigiree Yoo xiqqaatee Afirikaa harka 80 akka tu’achuu akka danda’anitti hojjataafi
jiru . keessattu Gaanfi afiriikaa , boruu akkuma Arab fi Naayil saati
Gibitsifaa’aa irraa kireeffatu, Tigiraayi irraa kireeffachuuf taa’uu.
Chaanaaloonni har’aa Itooophiyaa baayyifamaa jiran karoora wayyaanee madda
galii boriif tolfachaa jirtuudhaa. Oromiyaanis boruu irraa kireeffatti. Saatalaayitiin
lokaalii kun, “TIG-SAT” qofaa osoo
hin taanee, teekinoolojii midiyaa televizyinii fi raadiyoo akka ukkaamsu, humna
Intarneetaa guutummaatti kan balleessuudha. Kana irratti haalaan hojjachaa
jiru. TIG-AIRWAY jechuuf jiru. TIG-MOBIL gabaa irra jira. Finfinneen
har’a nama dhuunfaatti osoo hin hafnee waan guyyuu dubbatuu fi katabuu akka
hordofan kan taasisan chaayinaadhaa. Meeshaa loltoonni eessa akka jiran osoo
hin hafnee hojjtee kan kenneef chaayinaadha. Sulultaa irratti maqaa
saatalaayitii jedhuun shira hojjachaa jiran addunyaatu beeka. Isnaayiparii
har’a lammiileen keenya mataa ittin facaasaa jiran guutummaatti kan bitamee
karaa Siyyuum masfina chaayinaa irraati. Manneen hidhaa keessatti meeshaalee
teekinolojiin torcher gadhan kan kenneef chaayidhaa.
Kubbaaniyyoonni fi warshaaleen
chaayinaa Oromiyaa keessatti ramadaman hundi isaanii bakka albuudii adda addaa
lafa keessaa jiru irratti dha. Jarri habaaboo homishnaa jedhanii kan hojjtan
waan biraati. Simntoo baafnaa jedhanii kan oomishan kan biraati. Hammeenyi kun
hundii chaayinaadhaan lammiilee keenya irratti raawwatamaa jira. Kana caalaa
yeroon dubbii haalaan dubbannu ni dhufa. Ilmaan Oromoo BIYYAA ALAA JIRTAN ,
mormii wayita dhageesiftan gama tokkon qofaa hin ilaaliinaa. Gama hundaan
ilaalaa. Beektoonni keenya baruma baraan gadaa qorachuu irra, waan har’aa nu
balleessaa jiru irratti qorannoo gaggeessaa fala kaa’aa. Yaada gumaachaa . Chaayinaan
miidiyaalee oromoo hundaa cufsiisuuf halakanii fi guyyaa hojjachaa jirti.
Finfinnee kaasee hanga Adaamaatti Industirii zoonii chaayinaa ijaaruuf jedhamee
Ilmaan Oromoo meeqatu buqqaa’aa jira ? warshaa simintoo chaayinaa Aqaaqitti
dhaabbatee, DOLAARA miliyoona 300n ijaaramee keessaa maal argannee. Mootummaan
naannoo oromiyaa maal argatee ? warshaan sun ilmaan Oromoo kumootaan
lakkaa’aman aaraa fi dhukkeen miidhaa hin jiruu ?chaayinaan Golgaa mootummaa
wayyaanee taatee hojjachaa jirti. Meeshaa militarii guutummaatti dhiheessaa
jirti. Dawaa seeraan alaa torchariif itti fayyadaman isaatu wayyaaneef
dhiheessa. Meeshaalee sagalee ittin waraaban mi’oota adda addaa waliin
hojjachuun waajjiraa fi bakkoota adda addaatti ilmaan cunqurfamuu hiisisaa fi
ajjeesisaa kan jiran isaanii . kanaafan Hojiin chaayinaa fi Rimmaa tokko
jedhee. Chaayinaan haalaan nu miidhaa jirti.kana hubachiisuun dansaadhaa.
Ameerikaa qofatti himuun ga’aa hin ta’uu. Chaayinaatti aanee kan wayyaanee
goobsaa jiru , saa’uudii Allaamuddiin tajaajilamaa jirtuudhaa. Hindiinis akkasuma.
Dantaa keenya ilaallee Ameerikaa fi chaayinaa gidduu taphachuunis karaa qabaa
itti haa yaadinuu.
Monday, August 22, 2016
Kitaabni Qabsoon Oromoo Eessaa Karam ebook (digital) maxxanfame
Kitaabni Qabsoon Oromoo Eessaa Karam
gaafii dubbiftoonni yeroo dheeraf akka salphaatti argachuuf nu gaafachaa turaniin ebook (digital book) ta'ee baheera.
Kunis Amazon.com eega seentanii booda eega maqaa kitaabichaatin barbaaddanii booda mobile, ipad, PC fi kkf irratti buufachuu ykn dowload gochuu dandeessu. kunis kindle app qabachhun salphaatti akkka dubbiftaniis isin gargaara.
Qabsoon Oromoo Eessaa Karam maxxansaa fooyya'e kan birraa bara 2016 bahe maxxansaa 4soo dha.
Amazon.com keessaa biatchuu dandeessu.

Wednesday, August 17, 2016
Biyyi Chaayinaa Wayyaanee waliin nu saamaa jiraa?
Yeroo ammaa
Oromoo Wayyaanee waliin saamaa, fixaa, hiisisaa biyyoota jiran keessaa Chaayinaa gahee guddaa qabdi. Chaayinaan biyya
oromiyaa guututti maqaa warshaa, daandii kkf ijaaruu jedhuun lafa gurguddaa
qabachuun biyya keenya warra qirca godhachaa jira keessaa tokko.
Kana malees
meeshaa waraanaa Wayyaanedhaaf dhiyeessudhaan, gama gorsaa dhimmi nageenya fi kkf deeggarudhaan wayyaaneen meeshaa
waraanaa ittiin ummata keenya fixxu kan dhiyeessu Chaayinaa dha.
Karaa biraatin
teknoolojii ammayaa interneetii fi bilbila too’achuudhan, haaasaa namaa fi waan
namni barreessu too’achuudhaf kan xaxee gargaaru Chaayinaa dha. Chaayinaa nama kumaatamaan
lakkaahamu gara Oromiyaa erguudhan, mootummaan wayyaanee akka waan hinkufnee
umrii dheeradhaaf waliigaltee mallateessan. Kunis liqaa waggaa 50 fi 99 kkf
kennuudhan biyyattii bara dheeradhaaf dhorudhaaf itti bobba’an. Liqaa isaan
kennan kanas Wayyaanen akka gara dhuufaa biyya alaa dhokfachaa jirtu nibeeku.
Biyyi itti dhokfatan keessaa tokko Chaayinaa mataa ishiiti.
Ummanni
Oromoo dhimmi kanarratti dhumaa, saamamaa, hidhamaa akka jiruufi boru gaafa
biyya ofii dhuunfate haalli kuni walitti dhufeenya China waliin ta’urratti
dhiibbaa guddaa akka qabu akeekachiisun mala marii hinqabne.
Maal gochuu
qabna:
-
Xalayaa
barreesudhaan emabaasiwwan china bakka jiranitti galchuudhan boru biyya
keessatti saamicha godhamu kana yoo dhaabuu baatan ummanni Oromoo kan tarkaafii
fudhatu ta’uu ibsuu
-
Hiriira
goonu mararratti china gargaarsa gam-tokkee wayyaanef gootu akka hatatamaan
dhaabdu gaafachuu
-
China
kana dhaabuu baannan wanni gama ogadeen isaan mudate ammas akka isaan mudatu
itti himuu
-
Qabeenya
china Oromiyaa keessaa qabdu akka fakkeenyaa tarkaafii akeekachiisaa fudhachuu
-
Mediyaalen
keenya OMN kkf afaan gara garaatin China deeggarsa gam-tokkee Wayyaanef gochaa
jirtu ummata keenya akka fixaa jiru, kunimmoo boruuf walitti dhufeenya ummata
china fi Oromiyaa jidduu akka hammeessuu ibsuu.
Waan oollee
osoo hinbulle gochuu qabnu.
Mootummaan
wayyaanee gaafa China harka irraa fudhatte facaate jechuudha. Kana gama
China should stop its support to TPLF
Today, many
countries have vital role when TPLF suppress the Oromo people and loot Oromia.
China is one of the countries which support TPLF in all necessary aspects both
economically, military and in technology. The Chinese government has taken huge
land in Oromia for building of a factory, transportation facilities etc.
The main
role of the China in Oromia today is by supporting TPLF with military equipment
and security devices as well as internet technology. These equipment are directly
used to kill, detain and eradicate the Oromo people on their own land.
In addition,
the Chines are at forefront in giving both material and advice in controlling telecommunication
technology. Internet technology is very important in today’s world to motivate,
and initiate people to struggle for their right. The Chinese help TPLF in
controlling both telecommunication and internet communications. They have sent
thousands of its experts to Ethiopia and indirectly take part in huge
suppression of the Oromo people in particular and the Ethiopian people in
general.
Moreover,
the Chinese sign long term agreements of like 50 and 99 years with TPLF
government without considering its consequence for the future Ethiopia. The
loan TPLF is receiving by the name of Ethiopian people today and transferring
to the private accounts in abroad has consequences for tomorrow.
Therefore,
China should be warned not to continue such suppression of Oromo and other
people of Ethiopia.
It is our
duty to let both the Chinese people and government know that:
-
TPLF
dictatorship will soon come to an end
-
That
tomorrow their one sided support to TPLF (Tigrayan minority government) will have impact on the relationship of Oromo people and Chinese people
-
That
we have witnessed that dictators come to an end sooner or later and if China is
not pulling out sooner, this has consequence on their property in Oromia and
whole Ethiopia.
-
That
china should know that the Oromo people are a power tomorrow and more than 90%
of Chinese interest is found in Oromia.
We call up
on the Chinese government and people to stop their support to TPLF in all
aspects since TPLF led government of Ethiopia is using their support and
killing hundreds of thousands of Oromo and other Ethiopian people.
Saturday, August 13, 2016
Oromoon of ijaaruu - barbaachsummaa humna qabaachuu
Yeroo ammaa kuni saba Tophiyaa keessa jiruuf keessattuu saba Oromoo kan qabeenya fi eenyummaa ofii samame kanaaf murteessadha.
Kunis qabeenyi Oromoo tigreedhan saamamee qabamee, kuun biyya ambaatif liizii waggaa 99 gurguramee, ummanni keenya qabeenya isaatif jedhee manneen hidhaatti guuramee, kuunis ajjeefameera.
walumaagalatti biyya saamamtee harka ormaa jirtu deeffachuuf Oromoon qabsoo gochaa jira.
Kuni waan akka salphaatti laalamuu miti. Diinni biyya teenya kan ofii godhachuuf murteeffatee, dhala ofii bara baraan akka itti waldabarsan dhaalchisuuf haala mijeeffatee humna qawweetin biyya teenya qabatee jira. Mootummaan Tigree yoo kufe aangoo qofa osoo hintaane qabeenya kanas dhabuu waliin wal qabsiisaniif jiruu fi jireenya ofii dhabuu waliin ilaalu.
Qabeeyan keenya, warqii, buna, lafa keenya, loon keenya hundaa kan ofii godhatanii, kan dide hidhaa fi ajjeessaa osoo addunyaan maal nu dhibe jettee laaltuu kunoo waggaa 25 nu mulqanii wanni hafe xiqqaadha. Seerri addunyaa kan dalagu warra humna waraanaa qabu qofaaf ta'uus ragaa baanerra.
Egaa nama qeyee namaa saamee, qabeenya namaa fudhatee, keessattuu lafa namarraa fudhatee keessa darbee ormatti gurgurate tola kadhaafi sossobaadhan namarraa gala jedhanii yaadun of sobuudha.
Yeroo ammaa Tigreen yoo itti jabaattee Oromoon fincile gara araaraa deebitee qabeenya ofii akka harkaa hinbaanef waliigaltee gochuu malti. Sunis taanan humna malee yoo kan ishumti waraana qabdu ta'e ishuma jalatti buluu jechuudha. Kuni safara Tigreen nuuf keessun jiraachuu jechuudha.
Kanaaf akkan ani yaadu, Oromoon:

- Humna ofii ijaarratu malee qabeenyi ofii akka hindeebine beekuu qaba
- Waraana ijaarratee yoo of qopheesse malee borus osoo biyya ofiituu qabatee akkuma durii Tigreen irraa ari'uu akka dandeessu hubachuu qaba.
- Alagaan lafa keenya waggaa dheeradhaan fudhate kunis yoo nuti humna hinqabaatin akka nu tuffatee lafa keenya kennuu didu beekuu qaba
- Ammumarraa biyyoota lafa keenya seeran ala abbaa lafaa osoo hintaane ormarraa bitateen wal dubbachuu jalqabuu qaba.
- Jaalannus jibbinus yoo humna waraanaa ijaarrachuu baane biyya keenya, lafa keenya, mirga keenya deeffachuu akka hindandeenye beekuu qaba.
- Tigree waraana hidhate, kan qabeenya keenya saamee jiru tolaan biyya keenya akka nuuf hindeebifne tolchee beekuu qaba.
Egaa kana maraa gochuudhaf akka tokko alagaa waliin kuunis kaan waliin karaa gabaabadhaan aangoo qabachuudhaf waliigaltee godhachaa jiru kana osoo hintaane dura walitti dhufee hundee waligaltee (Platform) godhatee sochii gochuun murteessadha.
Kanaaf eenyumtuu akka namni biraa kana godhu wal eeguu osoo hintaane nu martuu itti gaafatama fudhannee dhiibbaa walirratti goonee boru osoo hintaane hara ka'uu qabna.
Kanaaf eenyumtuu akka namni biraa kana godhu wal eeguu osoo hintaane nu martuu itti gaafatama fudhannee dhiibbaa walirratti goonee boru osoo hintaane hara ka'uu qabna.
Mootummaa biyya alaa (Government in exile)
Mootummaa yeroof biyya alaatti ijaarrachuu (government in exile)
Dhimma kanarratti kitaaba Qabsoo Oromoo Eessaa Karam jedhu keessatti waggaa torba dura kanan barreesse haala yeroo ammaa kanaaf barbaachisaa ta'ee waan natti mul'ateef dubbisaa, irratti haa mari'annuu:
Mootummaa Biyya Alaatitti Ijaaruu (Government in Exile)
Oromoon yeroo ammaa abbaa biyyummaa argachuudhaf yeroo qabsoo godhu kanatti ijaarama ofii cimsuuf fi of qopheessuf akkasumas haala qabsoo saffisiisuf mootummaa biyya alaatitti (government in exile) dhaabun mala tokko ta’uu danda’a. Kunis biyyoonni mirgi isaanii sarbame hedduun mala itti fayyadamaa turaniifi jirani. Biyyoota ormaa kan mirgi isaanii waan dhiitameef biyya ofii keessatti mootummaa ijaarratanii biyya ofii bulchuu hindanda’in keessa:
- Burma- mootummaan abbaa irree waraanan biyya isaanii qabannaan motummaa biyya alaatti ijaaran.
- Tibet- biyyi isaanii biyya chaaynatiin waan qabamteef yeroo mormii biyya ofii argachuuf gochaa jiran kanatti mootummaa biyya ormaa keessatti ijaaranii sochii godhan. Dalai Lama hogganaa amantii ta’ullee mootummaa isaanii biyya alaatti bara 1992 dhaabee dhageettii guddaa argataa jira.
- Equatorial Guinea- dhaabni siyaasaa mormitootaa biyya alaatitti mootummaa ijaaree socho’a.

Egaan kanaan alatillee biyyoota mootummaa biyya alaatti ijaarratanii gaafa tokko biyya ofiitti deebi’anii biyya ofii bulchudhaf haala mijeeffachaa jiran keessa:
Abkhazia
Belarusia
Kabinda
Chechen
Serbian Kranjin keessatti argamu.
Abkhazia
Belarusia
Kabinda
Chechen
Serbian Kranjin keessatti argamu.
Akkataa dhaabolii siyaasaa ta’anii socho’uufi mootummaa biyya alaatitti ijaaruu jidduu garaa garummaan jiru, mootummaa biyya alaatti yoo ijaaran addunyaan kan nama fudhattu ta’uu baatus bu’aa hedduu qaba.
Bu’aawwan kana keessayis ijaarama caasaa biyyuumaa qabaachufii akka addunyaan akka biyyaatiitti nama dhageessuf hiree hedduu bana. Biyyoota ormaa yoo quunnamanis maqaa dhaaba siyaasaa tokkootin osoo hintaane maqaa biyya saniitin quunnamu jechuudha. Biyyi keenya ‘Biyya Gadaa Oromiyaa’ addunyaarratti beekkamaa deema. Kaartaan daangaa lafa keenyaa mul’achaa, dhagahamaa deema.
Mootummaan biyya alaatti ijaaramu (government in exile) waan hojjechuu danda’u keessaa:
• Waliigaltee biyyoota biraa waliin godhuu
• Seerafi heera biyyattii foyyessu
• Waraana ijaarrachuufi qabaachuu
• Biyyoota biraa waliin quunnamtii dipiloomaasii horachuu
• Waraqaa eenyummaa saba ofiitif kennuu
• Dhaabolii siyaasaa haaran akka ijaaraman hayyama kennuu
• Sirna dimokiraasiitin of ijaarufi caasaa horachuu
• Filannoo gaggeessuu
• Hoggantoota mootumichaa filachuudhaf filannoo bal’aa gaggeessuu danda’a [35].
Egaa kan asii olitti eeramanan kuni ijoo dubbiiti. Mootummaa biyya alaatti ijaarrachuun waan nu barbaachisuuf keessaa waraanni keenya sochii yoo godhu akka makaraarsitootaa osoo hintaane akka waraana biyya tokkootti akka laalamuf hiree qaba. Garee mormitootaa qofa osoo hintaane warra biyya qabu tokko jedhamuu argata.
Egaa gaafa biyyi teenya mirga ofii gonfatte haala amma keessa jirru kanaan walirratti olola oofaa biyya galuurra haala caasaa biyyummaa qabu tokkoo sirna keenya sirna dimokiraasii addunyaanuu irraa barattee ittiin bulaa jirtu sirna Gadaatin mootummaa ammumarraa ijaarree haala sirna qabu tokkoon falmii keenya karaa barbaachise maraan itti fufuutu caala. Mootummaa jennee biyya keenya yaamufi yaamsisuun waan baay’ee barbaachisaadha.
Kanaaf yeroo ammaa yeroo ummanni keenya biyya keessaa irree fi sagalee tokkoon ka’ee abdii biyya ofii gonfachuu argachaa jiru kanatti Mootummaa biyya alaa ijaarrannee ummata biyya keessaa tumsuun mala marii hinqabne. Dhaaboliin siyaasaa keenyas injifannoo argame anatu fide jedhanii wal saamurra sagalee tokkoo dhimma biyyaa kan itti waliif galame (plate form) tokko jalatti ijaaramanii biyya keenya harkaan gahachuufi akka addunyaan amantii nurratti qabaattun nu gargaara, Mee kanarratti haa mari’annu.

Subscribe to:
Posts (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Maxxansaa haaran fooyya'e yeroo dhiyootti gabaarra oolufi. Kitaaba kana bara 2009 Norway tti bara 2013 immoo Finfinnee mana maxxansa...
-
Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godh...