Saturday, March 23, 2019

Araara ABO fi ODP maalif maalif rakkisaa ta'a?

Dhaaboliin kuni lameen Oromiyaa keessatti masaanudha. Dhaabolii waggaa dheeradhaaf tokko kaan balleessuf ifaajaa turani. Osoo filannoon godhamee dhaaboliin kuni lameen waldorgomanii tokko kaan kuffisee aangoo qabachuuf warra hawwani. 
Amala ODP keessa ture bara dheeratifi akkaataa itti ABO isaan ilaalu walumaagalatti morkii walballeessurratti hundaaye qabatanii walitti araaramanii, waraana walitti makanii walmilkeessun salphaa hinta'u. sadarkaa siyaasa biyya keenyaa keessa jirutti hinbaratamne.
Araarri kuni silaa kan milkaahu ABOn ODP waliin osoo hintaane kan waliigalteerra gahuu qabu sadarkaa biyyoolessaa Muummee ministeeraa waliin ta'uun irra ture. Kan ABOn simatamuf sadarkaa naannoo Oromiyaa osoo hintaane akka dhaaba biyyaan falmaa turee tokkotti ta'uutu irra ture. Kunis sadarkaa naannoo tuffiidhaf osoo hintaane dhimmoota nageenyaf kkf kan murteessu, waraanni kuni walitti makamee eessa akka dhaqu kan murteessu mootummaa federaalaa ture.
Dr Abiy akkuma ADO/ODF simatan, akkuma warra Ginbot 7 fi dhaabilee siyaasaa tokko tokko simatan ABO sadarkaa Federaalatitti simachuutu irra ture. Haata'u dhaabolii tokko tokko ABOdhaan alas kan akka ONLF sadarkaa naannootti simataman jiru. Ta'ullee haalli ABO fi ODP adda waan ta'eef kuni silaa Federaalan laalamuutu irra ture. Ammas taanan dhimmi araaraa kuni akka guututti milkaahuf ODP yoo dhuguma araara kana garaadhan itti jiraate obbo Lammaaf Dr Abiy dhimma kiyya jedhanii ofitti fudhatanii fixuu qaban. Namoota aangodhaan sadarkaa gadiirra jiran erganii laalun kuni sirrii miti. Maal kan ormaa qeesiyyuu Ameerikaa bu'anii galchanii mitii?




Wednesday, March 20, 2019

Waggaa 150 booda osoo agarruu ammas lafa naannaa Finfinnee alagaan guurrachaa jira.


Callisuu hinqabnu!
Weerarri lafa naannaa Finfinnee akkamitti deemaa jira?
Eenyutu lafa qotee bulaa alagaadhaf dabarsaa ture, ammas itti jira?
1.       Dallaalli qote bulaa hagabsee lafa qotee bulaa gurguree harka caalaa ofii fudhachuu barate ummatarra deemee olola itti bana. Lafti keessan yeroo dhiyootti isinirraa fudhatamuu hedaa, investimentiidhaf kennamee mootummaa birrii xiqqoodhan isinirraa fudhachurra isinumti yoo dursitanii gurgurattan wayyaa, gatii fooyyee isiniif kenninaa jedhee qotee bulaa ololaan booji’an.
2.       Qotee bulaan lafti irraa saamamaa bahe ammas narraa kan hafte fudhatamti sodaa jedhuun waan isaan jedhan kana fudhatee qarshii xiqoodhan lafa ofii gurgura. Qarshiin suni ji’a takka isaan hinjiraachiftu. Tola dhabuurra jedhanii malee.
3.       Lafa gurguramu kana kaare meetira 500 qarshii kuma shantamatti gurgura (fakkeenya qabatamaa naannaa Dukam fi Bishootuu, Galaan, Sulultaa kkf irraa kanan odeeffadhe).
4.       San booda Gandi ykn Qabaleen matta’aa qarshii kuma kudhan fudhatee nama bitate kana akka jiraataa ganada saniitti galmeessa. Qarshii xiqqoo yoo dabalan akka waggaa san dura gibira lafa sanitti gabbaaraa turaniittis galmaahu. Kana qofa miti akka waan iddirii achii keessa turanii godhanii achittis matta’aadhan galmaahu.
5.       Namni lafa bitate lafatti dallaa ijaarudhaan, mana xiqqoo irratti qillisa. Hedduun isaanii nama rakkataa mana hinqabne barbaadanii itti galchu. Ofii Finfinnee jiraatu waan ta’eef. Kuun gatii xiqqaadhan kireessa.
6.       Kanatti aansee warra bulchiinsa magaalaa dhaqee kaartan naaf haa kennamu jedhee achiiyis matta’aadhan baafatan. Yoo kaartaa argachuuf milkaahuu baate immoo manni koo diigame jedhee iyyee wacee bakka biraa naaf haa kennamu jedhee abbaa lafa seeraa ta’a. Warra manni irraa diigame jedhamee lafti bakka haa buufamuuf jedhama. Akka amma Laga Xaafoo deemaa jiru kana jechuudha. Warra lafa saame yakkaan gaafatamuun hafee lafti biraa bakka buufamaaf.
Yaa ODP yoo rabbii keessan sodaattan ta’e hattoota lafa qotee bulaa gurgurachaa jirtu:
1.       Dallaala lafaa
2.       Bulchitoota gandaa hattuuwwan
3.       Bulchiinsa magaalaa hattuuwwan  qulqulleessaa.
San osoo hinqulqulleessin lafa saamicha hindhaabsifna jechuun ofiin taphachuudha. Eegasii lafa saamee nama qabateef yoo irraa diigame bakka buusufiin mataa isaa yakka. Lafa eenyuti bakka bu’aaf? Maalif? Namni kuni kana mara qoratee mala lafa qabatuun argachaa jira waan ta’eef lafti biraatis bakka bu’aaf taanan saamichi lafaa inuma itti fufa.  Lafa qarshii kuma 50 bitan kana sobanii dallaa itti godhanii yoo karaa qaxxaamuraatin kaartaa itti baafatan immoo qarshii milliyoona tokkoo hamma miliyoona sadii akkuma tessuma laafaatin gurguratu. Kana hundaa kan godhu dalaalota lafaati. Qotee bulaa qarshii kuma 50 lafa ofii dhabe isaan milyoonatti gurguru.
Rakkoo hiddaan buqqisan malee hinhiikkatu.
Dhimma kana akka salphaatti laalun hinbarbaachisu. Habashaan akkanatti hamoommatee lafa saamichaaf guyyaa adiidhan lola kaasaa jiru kuni akkanumatti hindhaabbatu. Waggaa 150 booda osoo agarruu ammas lafa Finfinnee guurrachaa jiru. Ummanni keenya callisuu hinqabu.

Tuesday, March 19, 2019

ዛሬ ስለ ፊንፊኔ ኣንድ ለማለት ፈለግን!

ከተወሰኑት ዓመታት በፊት በኢሳት ቲቪ ብዙ ጉድ መስማት ጀመርን። በኤርምያስ ኢልማ ለገሰ ዋቅጅራ በኩል በፊንፊኔ ዙሪያ ያለው የመሬት ቅርምትና ኣሳዛኝ የሶስት መቶ ሺህ ህዝብ መፈናቀል (ይህም የሰላሳ ቀበሌዎች ስሌት) ተተረከልን። እኛም ማንም ከዚያን በፊት በኣሃዝ ቀምሮ የነገረን ስላልነበር በኣግራሞት፣ በሃዘኔታ ኣዳመጥን፤ ኣነበብን።
ይሁን እንጂ የተነገረን እውነታ በድንገት ያመለጠ፣ ለፖለቲካ ፍጆታ ተብሎ እንጂ ከልብ በመነጨ ሃዘኔታ ኣልነበረም። ከፊንፊኔ ዙሪያ የተፈናቀሉ ኦሮሞዎች ከሶስት መቶ ሺህ እንደሚበልጡ የምናቀው ሲሆን ያንን ያህል ህዝብ ከቤቱና ከቄዬው ሲፈናቀል ምንም ያልመሰለው መንጋ ዛሬ እነዚያ ኦሮሞች በተፈናቀሉት ቄዬና ማሳ ላይ ኣጥር ኣጥረው ኣጥሩ ህገ ወጥ ነውና ይፍረስ ሲባል እዬዬውን ኣስቀድሞ ያቀልጣል።
ለመሆኑ የነዚያን ተፈናቃይ ገበሬ በሃዘኔታ ሲነግረን የነበረ መንጋ በምን ሞራልና ስብዕና ነው ዛሬ ለገ ጣፎ፣ ሱሊልታ፣ ሰበታ ወዘተ ህገ ወጥ ኣጥሮች ኣይፈርሱም ብሎ የሚጮሀው?
ይልቁንም ኦዴፓዎች ለህዝባችሁ ታመኑና የደረሰውን ግፍ በዝርዝር ኣስረዱን። ለናንተም ሃጢኣት መታጠቢያ ይሆናችሁ ዘንድና ለወራሪ መንጋውም ይገባው አንደሁ ብለን። ነገሩ የፈረሰውን ቄዬ የእልማን ገላን፣ የኢልማን ጉለሌ፣ የኢልማን ሳዴን ቱላማ በቁጥር እናውቃለን!
ቸር ይግጠመን!

Monday, March 18, 2019

Olola walirratti banuu laalchisee

Olola namarratti deemaa jiru laalchisee:
Namoota Alamuu Simee aangorraa gadhiisuu qaba jedhanii xalayaa gara Obbo Lammaa faatti barreessan argeen waa jechuu yaade:
1. Waggoota lama sadi dura Asmaraatti ABO-Shaneen irra deebi’ee yeroo Jaal Daud Ibsaa hoggana dhaaba ofii godhee muuduu warri ala kana jiru xiinxaltoonni siyaasaa akkamitti kuni ta’a jedhanii balaaleffataa turan. Dhaaba tokkoof hoggana kan filu miseensota dhaaba sanii qofaa, namni biraa miseensa hintaane kana murteessufii hindanda’uu gaafa jennuun arrabsoo roobsaa turan. Mediyaatti bahanii dhaadatanii balaaleffannaa gaggeessan. Wanni jijjiiran hinjiru.
2. Waggaa tokko lama dura Dr Abiyyi gaafa ODP hoggana ta’ee filatamu, keessattuu ala kanarraa waca guddaatu ture. Lammaa malee Abiyyi ta’uu hindanda’u kan jedhurraa keessa darbanii arrabsaa turan. Haata’u malee garuu wanni jijjiiran hinjiru. Dhaaba tokkoof hoggana ofii kan murteeffatu dhaabichuma. Gaarif jabaa ofii kan beeku dhaabicha.
3. Kan lameen kanarraayis osoo hinbaratin ammallee Dr Alamuu Simee aangoo itti gaafatama ODP irraa haa ka’u jechuudhan xalayaadhan gaafataa jiran. San irra darbanii arraboo akka dhuunfatitti maatinillee osoo hinhafin, oromummaa isaatis mulqanii habashadha jechuun maq-balleessin itti jiru. Gareen kuni ammallee waan hinhubatin tokko jira. Hoggana dhaaba tokkoo kan jijjiiru dhaabicha qofa. Yoo Dr Alamuu Simee yakka dalage immoo tartiiban dhaabichi gaafata. Wacaaf arrabsoon akka waa hinjijjiirre gareen kuni waan waa barataa jiru hinfakkaatu. Yoo jaarsummaa gufachiise jedhamellee Silaa gabaasa guutuu gama lachuu badii qabu ummataaf ibsaniiti akka ummanni hubatu godhan malee badii hundaa nama tokkorra kaahun akkuma Dr Abiyyi fi Jaal Daud akka hinfilamne jechaa turan san ta’a.
4. Dhugaadhan yoo laalle immoo ODP keessa kan Dr Alamuu caalaa lafa Oromoo gurgurate hinjiruu? Warri Laga Xaafoo guutuu dureeyyii kilabii ijaarratuuf qotee bulaa kaasee kenne maaf maqaa dhokata? Gandummaaf amantiidhan walfooyuu yoo taate malee ololli madaallii hinqabne kuni Oromoo qooduu fida. Yakkamtoota ODP yaa gaafatman yoo jedhame hunduu akka badii isaanii osoo gandaaf amantiidhan harka walirra hinqabin haa tarreeffaman. Gaafas mataa olaanan Kumaa, Abbaa Duulaa fi Juneeydirraa eegaluu qaba. Itti aansee warra saba keenya diinan waliin hidhee fixaa bayetti dhufa. Yoo ammaaf kuni hinka’u jedhame immoo yakki Dr Alamuu Simee kophaatti dalage hinjiruu wacni maqa balleessii dhaabachuu qaba.
5. Mediyaan uummataa jedhamus fedhaaf hawwii namtokkeef maqaa nama balleessurraa gara safuu mediyaatitti deebi’uu qaba. Yookan ummata adda qooduf fanfansa yoo itti fufe qilee of liccisiisa, ammas karuma sanirra jira. Akkuma ESAT abaaraa jirru boru kunis hireen isaa sanuma ta’a jechuudha. What is FAKE NEWS? Maqa balleessin mataan isaa fake news warra jedhamu sani jechuudha. Yakka ODP guutuu namni tokko hinfudhatu. ODP qeeqaa oolla, sirnas qaba. Maqaa nama tokkoo balleessun garuu aada maleedha. OPDO/ODP baduu qabdi jenneellee barreessaa baane. Amma garuu sanirra taranii biyya bulchan. Kan nuti adabuu dandeenyun yakki hojjetan qabatamadhan dhiyaatee filannoo sagalee keenya isaan dhoowwachuudha. Sunuu kan sanirra fooyyee filannu yoo jiraate!

Saturday, March 9, 2019

OPDO - ODP- gara Paartii tokkummaa Tophiyaa


OPDO– ODP- gara paartii tokkummaa Tophiyaa amma jijjiiramtuu teenyee eeguu hinqabnu.
Akka dhiyoo tana Dr. Abiy marii sabaaf sablammootaa irratti ibsanitti dhaabni maqaa Oromootin socho’u ODP kuni yeroo gabaabaa booda gara dhaaba – ‘paartii tokkuma Tophiyaa’ (Ethiopian unity party) jijjiirama.
OPDOn saba Oromoo yeroo meeqa gante?
1. Gaafa hundeeffamtu TPLF haajaa ofii ittiin guuttachuuf saba Oromoo gowwoomsuf waggoota gara 28 caalu dura Adeetitti hundeeffamte. Yeroon san hundeessitoonni booji’amtoota saba Oromoo gananii halagaa filatan. Isaanis har’as hedduun isaanii dhaabuma kana keessa jiru.
2. Bara 1992 yeroo TPLF ABO fi saba Oromoo balleessuf murteessitus waliin ta’uudhan murtii san waggoota 27 hojiirra oolchaa turan. Yeroo sanitti adda durummaadhan qabeenya Oromoo alagaa waliin ta’uudhan saamaa, saamsisaa turan. Har’as warri saamaa ture suni aangomarra jira.
3. Bara 2018 keessa OPDOn yeroo gara ODP jijjiiramtu saba Oromootis waadaa haaraa seente. Ammaa achi alaabas, asxaas, kaayyos, hojiidhanis saba Oromootis dalagna jedhanii hayyootaf qabsaa’ota hedduu sobatanii deeggarsa dur hinqabne fi isaanis hinmalle argatan. Garuu waadaa galan san gananii ummata sobanii qabeenya Oromoo lafa Oromoo, fi Finfinnee fi naannaa ishii dabarsanii kunoo alagaadhaf kennaa jiran.
4. Oromoo osoo mirgi afaanii, aadaa, lafaa fi walqixxummaa isaa hineegamin alagaa gammachiisuf jecha dhaaba maqaa Oromootin jiru kana diiganii ammas yeroo lammataatif alagaatti galuuf murteeffatan. Kanas saba Oromootin mariidhan osoo hintaane ormaan mari’atanii tasa mediyaarraa dhagaye Oromoon. OPDO gara paartii Tokkummaa Tophiyaa jijjiiramuu jechuun Oromoon mirga afaanii, aada fi lafaa gaafachaa jiru kana gonkumaa kaasuu hindanda’u. Qabsoo isaanii gaafas biyya takka, afaan tokko, aadaa tokko waan ta’uuf. Qabeenya oromoo ammallee alagaan hamoommachaafii jiru kana guututti kennuufii jechuudha.
Kanaafuu OPDO-ODP kan taate gara paartii tokkummaa tophiyaa osoo hinjijjiiramin miseensonni dhaabichaa dura dhaabbachuu qabu, ummannis ofiin of ijaarun murteessadha. Gaafa ODPn maqaa Oromootin paartii Tophiyaa ijaaru eegun rakkoo dhala.


Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...