Monday, May 9, 2011

Oromoo ammallee

Oromoon ammallee taa'ee wal hamachuudhan yeroon ofii fixuu hinqabu. Dhalli haaran qabsoon waa buusa jedhee eegee dhabee, ifatee jira.
Waayee qabsoo midiyaadhan itti lallabamu malee qabatamaan wal nyaachurra darbamee wanni mul'ate hinjiru. itti qabanii yoo laalan tafkiin ija qabdi jedu. Itti qabnee yoo laalle dhaaboleen alagaa kan kaleessa qabsoo isaanii jalqaban dhageettii addunyaa argachaa jiru. Biyyoonni humna qaban ofitti qabanii dubbisu, maal isinii goonu jedhanii qarqaaru.
Nuti hoo Oromoon maalif alagaa irraa marartee dhabne?
Sabanii isaatif ofii waliif marartee waan dhabneef ta'a jedheen yaada.
Dhalli Oromoo har'a biyya keessatti yoo guyyaa guyyaadhan ajjeefamu, hidhamu, reebamu marartee tokko hinqabnuuf. Kanas kan mul'isu isaanif jennee waliif obsinee fuula gara nyaaphaa deebisuu dadhabuu keenyarrati.
Osoo marartee saba keenyaf qabaannee wal hinyaannu, haalli sabni keessa jiru nutti dhagahama, nu adoocha, nu guba, nu waadda ture. Teenyee ofii wal nyaachudhaaf yeroo hinqabnu. Ammaa achi walirratti duuludhaaf daqiiqaa tokkollee kan nu hafe hinjiru. Yoo boru hinbeeknee, kan har'a garaadhaf du'u ta'e malee.
Kan yoo sabni isaa ajjeefamu gammadu waan jiru hinfakkaatu, kan qalbiin fayyaa hintaane malee.
Oromoon ammallee, taa'ee walirratti bobba'uu hinqabu-diinarratti malee!
Galmoo

Sunday, February 6, 2011

Biyya Gadaa Oromiyaa

Biyya Gadaa Oromiyaa kan akka seera, aadaa fi sirnaan walbulchaa ture diinni cabsuun seenaa bara dheeratii miti. waggoota dhibba dura seera Gadaatin Oromoo walbulchaa turuu qorattoonni seenaa nibsu. warri bulchiinsa kanaan ammallee walbulchaa jiran jiru.
Gadaan bara durii akki itti ijaarame akkaataa caasaa umriitini. Kunillee urmii 8 gadi warri jiran damee tokko jalatti, warri waggaa 8-16 Gaammee jalatti akkasuma waggaa saddeeti saddeetin dirqamaafi gahee qodame. Haala kanaan ijaarsi jiru ummata hundaa ammachuudhan sirna bulchiinsaa qaba.

Thursday, January 20, 2011

BIYYA GADAA OROMIYAA DEEBISANII IJAARUU

Kutaa tokko
Galmoo G.

Biyyi Oromiyaa eega gabrummaa baroota jalatti baroota 1880 moota keessa kufee kaasee mormiin sadarkaa gara agraatitti godhamaa ture. Haata’u malee haala qindaayefi grumaayen akka biyya mirga ofii falmatutti qabsoon kan eegalame baroota 1960 moota keessa. Kunis sochii ijoollee Baalee (kan Waaqoo Guututin hogganame), sochii Salaalee (Agarii Tulluutin) namoota dhuufadhaan sirna Hayla sillaasee morman dabalatee qindoomina Waldaa Gargaarsa Maccaa fi Tuulama hangafoota yoo jenne dhugaadhan alaa miti.

Kanaan alatti sochiin akka dhaaba siyaasatitti godhame dhaabolii akka Adda Bilisummaa Biyyoolessa Toophiyaa (ENLF), Dhaabbata Wallaansoo Bilisummaa Ummata Oromoo (OOPLS) fi ABOn angafoota dhaabolii siyaasaa maqaa Oromootin dhaabatani. Dhaaboliin kunniin kan hundeeffaman akkuma beekamu sochii san dura godhamaa turan kan akka sochii Maccaa fi Tuulamaa kkf irratti hundaahaniiti. Hundeeffama ABOtiif jalqabni Maccafi Tuulama jedhanii namoonni kaayanis nijiru.

Egaa hawwii qabsaa’otaa irraa haala ka’een sochiin akka barbaadan deemuu haabatu malee baroota jalqaba 1970 moota keessa dhaaboliin asii olitti jalqabaman kuni sochii ijoollee Baalee kan gara Oromoo Abbo jijjiirame malee hundumaa ABO tu dhuufataa deeme. ABO akka dhaaba siyaasaa qofa osoo hintaane akka ayyaana amantii tokkotti saba Oromoo biratti fudhatamuun isaa dursitoota isaatif aangorratti aangoo kennaa deeme. Kanarraa kan ka’een namoonni tokko tokko olaantummaa agarsiisaa deemnan mormiin keessaa isaa mudate. Haalota akkanaa kanarraa kan ka’ee namoonni sochii keessa turan irraa bahanii dhaaba mataa ofii ijaarrachuu jalqaban. Kunis ABIO (IFLO) kan amma AWDO ta’e IBSO, ABUO, AWO kkf maqaa dhahuun nidanda’ama. Dhaaboliin kunniin ABO tti mufatanii, sochii inni godhaa jirufi ture akka haala qajeellotti adeemaa hinjirre haa balaaleffatan malee humna sochii godhu tokko ta’anii waan fooyya’aa ummata Oromoo agrsiisan hinjiru.

Thursday, January 13, 2011

Dhaaba siyaasaa ta'uudhaf ulaagan jiraa?

Hamma ammaa dhaaboliin siyaasaa Oromoo hundeeffamuu isaanii gabaarra oolchuu malee akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabotii bata 1970 moota keessa hundaaffaman qofa. Kunillee hundee fi akkamitti akka hundeeffaman kan beekaman dhaabota akka ATBUO, ABO, AWDO dha.
Baroota 1990 keessa dhabooleen siyaasaa sadeen tokko haa hundeeffamman malee kuun akkuma tasaa kan gadi bahani. Keessattuu mufoo tasa ABO keessatti dhalateen dhaaboliin siyaasaa hundeeffaman kaayyofi galti isaanii kanuma ABO sanirraa waan gara gara isaan baasu hinmul'atu. Hedduun isaanii waan dhaaba jiru sanirraa haaraa fidan jiraatee osoo hintaane waldhabdee namoota jidduu jiru qofatu uumama isaanitiif sababa yoo jenne dhugaarraa fagoo miti.

Sunday, December 19, 2010

Ummanni Oromoo Dhaabota siyaasaa irraa maal eega?

Dhaaboliin siyaasaa Oromoo dhugumaan haala ummanni keenya keessa jiru xiinxaluun tarkaanfii haala uummanni keenyaa keessa jiru waliin deemu fudhachuu qaban malee bara baraan abjuu hinguunne itti himuu ummanni dhagahuu ifatee jira.
Ummanni keenya amma maal barbaada?

  • Dhaaba waa fidu malee dhaaba seenafi hawwii itti himuu miti.
  • Dhaaba waa godhu malee ka’aa jedhee kaasee yoo uummanni rukutamu akka ofii waa godhee kan dhaadatuu miti
  • Dhaaba ammatti mala baasee salphinna sabni Oromoo yeroo ammaa kanatti keessa jiru keessaa isa baasuu malee baraan dhaadannoo dhageessisaa kan jiraatuu miti.
  • Qabeenya biyya keenyaa yoo nyaaphni itti bobba’ee kaan saamee kaan gurguratu kan alaa taa’ee oduu himu osoo hintaane kan ummata cinaa dhaabbatee falmu fedha.
  • Dhaaba waan dhaabateef hojiin mul’isu malee maqaa qofaaf ijaaramee yoo birraan bari’u biyyoota ormaa irra naanna’uun Oromoo irraa horii gurrachaa jiraatuu miti.
  • Dhaaba saba ofii cinaa dhaabatee diina yoo xiqqaatee xiqqaate irraa dorsisu malee kan ala taa’ee intarnetiidhaan ibsa baasuu miti.
  • Haala amma itti fayyadamaa jiran kanaan, dhaaboliin raadiyoo ofiitin labsii hedduu tarreessun sabaaf badii malee tolli inni fide hinjiru.

Thursday, December 9, 2010

Gaafifi deebii kitaaba ' QO Eessaa karama' iarratti - VOA waliin

Guyyaa 08.12.2010 Raadiyoo VOA Afaan Oromoo waayee jaarsummaa araara dhaabota Oromoo jidduutti ta'a jiru ilaalchisee barreessitoota kitaabota waayee Qabsoo Oromoo waliin marii taasisanii turan. Qophii Dirree Dimokiraasii jedhumarratti waayee kitaaba Qabsoon Oromoo Eessaa Karama jedhu keessatti haala adeemsa qabsoo Oromoo mariin torbee lamaaf itti fufu jalqabame.

Anis kitaaba kana barreessuf waan kakaase akkasumas bu'urri waldhibdee dhaabota Oromoo maal akka ta'e akka qorannaafi xiinxala kootti qabsoon Oromoo karam qajeeluu akka qabu waanan kitaaba kana keessatti barreesse eeren jira.
xurree asii gadii kana keessaa dhageeffachuu dandeessu.

Kutaa lammeessoo VOA-gaafifi deebii

Tuesday, November 9, 2010

Yaada nama 'Eessaa Karam' dubbiserraa

GAAFII:
Duraan dursee nagaan koo kabajamaani fi kan Oromummaa iddoo jirtutti si haaga’u kan jedhu Ani Qananiisaa T. Dabalaa yeroo ta’u, Dhimmi ani irratti siif barreesudhaaf murteessef yeroo kitaaba kee kan Qabsoon Oromoo Eessaa karam jedhu dubbisaa turetti yaada beekaa ture tokko kan garuu akka kitaaba kana irratti tuqametti xinnoo isa ani beeku sana woliin wolitti narraa buunan caldhisee dubbisee bira darbuurra mee yaada kana barreesichaa ibsee hook an jedhu yaadeti. Innis waa’ee dhimma kitaabicha fuula 95 keeyyata dhummaa irratti ibsame ta’a.
Kunis akkana jedha Sabni Oromoo gosa qaba ergii jedheen booda akkaataa tartiiba hangafummaa fi qixusuutin akka isaan bakka shanitti qoodamaniif atis immoo akka barreeffama keetif madda Gammachu 1994 irraa argatteetti lafa keewwame.

Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...