Thursday, June 29, 2017

Lafa Oromoo saamun eenyufuu hinhayyamamu

Lafa Oromoo saamun eenyumaafillee hinhayyamamu
Yeroo ammaa kana qotee bulaa Oromoo irraa lafa saamun seeran ala, dhara, cubbuudha, dhiibbafi miidhadha jenene mediyaa argame mararratti lallabaa jirra, namuu yaaddoofi sodaa tokko malee dubbata.
Ofii lafa qotee bulaa kan gatiin mi’aaye, kan saamanii manaafi iddoo daldalaa irratti ijaarataa jira keessattuu lafa Finfinnee marsee jiru ta’uu ifaadha.
Kanarraa kan ka’e abbaan biyyuummaa Finfinnee kan oromooti, kan qotee bulaa irraa fudhatame saniiti jennee afaan guunnee dubbanna.
Warri Galaan, Warri Ganuu, Warri Alloo, Warri Qaalluu (Qaalittii) war, Warri Tufaa Munaa, Warri Abeebee Tufaa, warri Gullallee, warri Bulbulaa, Gosti Oromoo Tuumaa sadeenii walumaagalatti Naannaa Finfinnee san qubatee ture lafa isaa qofa osoo hintaane gosa isaa, sanyi isaa dhabe.
Kanallee Masterplaniin yeroo lama itti dhufe. Masterplaniin inni jalqabaa bara 1879 (waggaa 137 har’aa) itti dhufe. Gaafas qawwee qabatee warri Minilik Oromoo lafarraa duguugee kaan ajjeesee, kaan gubee, kaan jaji’ee qayee isaatirraa buqqisee lafa maqaa jijjiiree “Addis Ababaa” jedhee itti moggaase. Oromoo harka kennuu didee SHAGGAR jedhee maqaa masoo itti baase.
Masterplaniin lammeessoo immoo bara 2015 keessa itti deebi'e. Hedduu kanattis irraa hindhaabbanne.
Lafa buqqa’uun Oromoo qofaratti hinjalqabamne. Saboonni gabrummaa jalatti kufan hedduun isaanii akkanuma lafa ofii dhaban. Garuu jaarraa 21 keessatti guyyaa adiidhan lafa isaanitirraa buqqa’anii yoo darbaman fuula AU, fuula UN fi US akkasumas EU fuulduratti nama dinquu danda’a. Waajjiraalen gargaarsa fi bakka buutonni motummoota addunyaa Finfinnee keessaa waajjira qaban akka waan hinagarree ija qabatanii gurra qabatanii callisan.
Oromoo fagoo jiru yoo gosa isaa saamamaa jiru, biyya isaa ciramaa jiru kanaaf jedhee iyyee ajjeefamu akkan waan hinagarree callisan.
Kan isaanii (alagaan) callise qofti nama hindinqu. Oromoonis kan saamicha qabeenyafi saamicha lafaa kanatti hirmaachaa jiran lakkoofsa hinqaban. Warri biyya keessaa malaammaltummadhan Tigree waliin hiriiranii daldaltoota lafaa ta’anii qotee bulaa sossobanii, dorsisanii, boruu mootummaan sirraa fudhataa gurguri jedhanii lafa sanyii isaanii qircacha jiran hedduudha. Oromoon alarraa galanii saamicha Tigree kanatti hirmaataa jiran (Disapora) hedduutu jira. Yeroo biraa qabsaa’aa fakkatu, isaan malee waayen qabsoo oromoo hinta’u asumaan immoo Burayyuu, Sandaafa, Dukam, Galaan, Finfinnee keessaa lafa saamichaan gurguramaa jiru kana saaman. Diinni gaafa saamu waliin saamu.
DHDUO (OPDO) akka waan gaarii gootee barsiisotafi hojjettoota Oromoo ta’aniif lafan qooda jetti. Ajab! Lafti kuni kan eenyuti qoodanii? Eenyurraa fuudhanii, eenyuf kennuu? Inni saamichaa mitii? Yoo Oromoo ta’e saamun isaaf hayyamama jechuudhaa?
Gaafii hunduu akka waan hinbeeknee irra utaalu kana mee haa kaafnu. Oromoo yoo ta’e lafa qotee bulaa Ollaa Finfinnee saamun isaaf hayyamamaa? Maasaa Xaafii abbaa tokkoo keessatti mana ijaarrachuu eenyutu isaanif hayyame? Samicha addaa burree hinqabu.

Dhimmi kana mediyaan keenya hinqaana’inaa, yoo mana saamichaan ijaarame qabaattanis himatanii cubbuu bahuu wayyaa. Kaasaa haa hasofnuu. Boru rakkoo qabaa. 

Finfinnee

Dhimma Fifinnee laalchisee tibba kana haasaa oo'adha. Akkuma yaadannu mootummaan Wayyaanee ji'a lama dura beekaa oduu loote fakkeessee labsii dhimma Finfinnee (faydaa addaa Finfinnee) jedhu gadi lakkisee ture.
Kunillee miira Oromoo laaluf ilaalcha jiru tilmaamuf ture. Biyya keessattis ta'ee biyya alaaltitti dhimma abbummaa Finfinnee laalchisee marii bal'aan ta'aa ture. Ammas irra deebi'ee gaafa 26.06.2017 labsii mana marii Ministeerota baase isa jedhuun "Faayidaa addaa Oromoon Finfinnee" irraa qabu jedhanii baasan haasaa'aa tibbanaa ta'eera.
Mediyaa adda addaa irratti gaggeeffamu irraa akka laallutti Oromoon yoo DHDUO hinta'in hunduu Finfinnee irraa faydiaa addaa osoo hintaane Finfinnee mataan ishii kan Oromoo ta'uudha. Biyya ofii irraa dantaa addaa maal eegganna inni jedhu bakka maratti gaafii kaasaa jira.

Oromoon wayyaanee waliin falmiin qabu dhimma Finfinnee qofaa miti. Osoo wayyaanen Finfinnee keenya gooteyyuu Oromoon deebii argate jechuu miti.
Oromoo har'a:
1- Ummanni kumaatamaan lakkaahamu ajjeefamee jira
2- Lammiiwwan keenya kumaatamaan hidhaa jiru
3- Barataan hedduun mana barumsaatii ari'amanii jiru
4- Qotee bulaan keenya kumaatamaan lakkaahamu lafa isaa irraa buqqa'ee ormi lafa isaa gurgurachaa jira.
5- Hoggantoonni Oromoo hidhaa jiru. Kan mirga Oromoo dubbate hundi hidhaatti guurama.

Oromoon mirga ofii seeran gaafate marti ykn ajjeefamuu ykn hidhamuutu isa mudata.

Osoo haalli kuni akkanatti jiruu har'a Oromoo waayee masterplan Finfinnee qofaa dubbachuu hinqabu. Mirgi addaas ta'ee abbaan biyyummaa nuti Finfinneerraa qabnu dhuma qabsoo keenyatii miti. labsii ofii kana keessatti Wayyaanen ammas yoo barbaachise qotee bulaa keenya akka lafa isaanii irraa buqqa'an ifa godheera.
Lafti naannoo Finfinnees ta'ee bakka biraa buqqisaa jirti. Biyya keenya osoma ijaan agarruu saamamaa jirra. Wayyaanen dhimma xixiqqoo yeroo yeroon nuun qopheessaa akka nuti isarraa wacnu godhaa turti, waan ofii barbaaddu godhaa deemti.
Gaafin Oromoo har'a waayee mirga xixiqqoo osoo hintaane gaafii abbaa biyyumaati. Saba keenya ficcisiifnee, ummata hidhaatti gannee har'a mirga xixiqqoo qofarratti wacuun keenya hiikkaa hinqabu.
Ummanni Oromoo walqabatee ka'ee mirga abbaa biyyummaatif falmachuu qaba. Akkuma qabsoo biyyoota biraa dhumee dhumarratti mirga ofii argata.

Friday, June 16, 2017

Sochii Oromoo biyya alaa maaltu sakaalaa?

Morkkin jireenya hawaasummaa, sochii siyaasaf diinagdee keessatti hedduu barbaachisaadha. Morkii gaarii, kan waloo, kan jibba hinqabne, kan wal gitaa waan barbaachisu.
Haata’u malee sochii Oromoo biyya alaa jiru kana biratti keessattuu sochii siyaasaa keessatti morkii waliin osoo hintaane tokko badee ana qofa jiraata morkii jedhu fakkaata. Akkaatan maqaa itti walxureessuu, akkaataa waan maraa anatu godhe malee namni biraa keessa hinjiru jechuu, warra biraa akka jibbamu gochuuf yaaluu, diinaf wal saaxiluu jiru yoo laalle hedduu nama yaaddessa.
Mee morka bara darbe kana dhaabota siyaa Oromoo jidduu jiru haa laallu. Kanumatu irraa mul’ata.
Mee ijaarsa ykn gurmuuwwan ijaaraman haa laallu
Mee mediyaa Oromoo haa laallu
Mee namoota jalee gareewwan kanaa ta’anii nama arbsaa oolan haa laallu waan boruuf ijarsa ta’u osoo hintaane waan lamuu walitti hindeebinu fakkeessuf yaalu.
Egaa gabaabumatti sochii biyya alaa kan bu’aa hedduu ummata keenyaf buusuu danda’u kanatu inaaffaa walirratti ta’ee sakaalee qabee taa’a. Tokko yoo waa hojjete tokko dura gora. Tokko yoo mala haaraa fide kuun jalaa kuffisa, waanuma waliigalteen hinjirreef malee sababa gahaallee hinqabu. TV tokkoo diinni yoo uggure kuun itti gammada-diina waliin itti gammada.
Egaa inaafatu sochii biyya alaa kana sakaalee, lugamee qabe.
 Malli hoo maali ree?
 Sochii biyya Oromiyaa keessatti ta’aa jiru kana laalchisee:
 Mee koottaa akkana haa goonuu!
Anatu ummata dhammaqse
Anatu ummata fincilaaf kakaase 
jenne kanarratti walqoccoloo haa dhiifnuu.
Ummanni ofumaaf isa gahee, gidiraa, cubbuu, miidhaa, hidhaaf ajjeechan isa kaasee jenne dhugaa ofitti haa himnuu.
San booda ammas nu eegaa jennee ummata keenya sakaaluu haa dhiifnuu.
Ummanni akka ofirratti hirkatee qabsoo ofii gaggeessu haa jajjabeessinuu.
Anatu dhufee bilisa si baasa jenneetis ummata abdii hinjirre kennuufii haa dhiifnuu.
Humna diinagdee walitti qabnee saba keenya bira ha dhaabbannuu!
Jabaadhaa, ka'aa jennee karaa duraa haa gorruu. Yoo dandeenya ta'e ala kana teenyee aangoo tarii boru dhuftuuf wal nyaachuu haa dhiifnuu.
Yoo dhiira/Qeerroo/Qarree/dubartii dhugaa taane gallee ummata bira haa dhaabbannuu.
Yoo lugna taane immoo afaan keenya haa qabannuu.
Internetii irraa lola haa dhiifnuu.
Tarii yoo waaqni qalbii nuuf kenne tajaajila interneetii kana waan ummata keenya jabaassu, waan dipilomaasii gargaaruf haa oolchinuu.
Walbarsiisuf haa itti fayyadamnuu. Sammuu keenya qaruuf itti dhimma haa baanuu. Aadaa fi duudhaa keenya kan oromuu dharra'ee barataa jiru kana walirraa haa barannuu. Aadaa fi duudhaa keenya diinni itti bobba’ee balleessuf deemu kana ittiin haa qolannuu.
Mee koottaa akkana haa goonuu!
Ummanni keenya akka ofirratti irkatee lolatu haa deeggarruu.
Yaa Waaqi nama ummata badii malee dhumaa jiru kana dura dhaabbatu ati bisaasessi, balleessi, tasa buqqisi.... Amiin!
Hoo bishaan kee fidi wayaa koo!

Saturday, May 6, 2017

Eessa jirraa - kutaa 2ssoo

Guyyaa lama dura sabboonummaan Oromummaa keenya laalchisee eessa jirra jechuudhan madalaallii koo baqattoota Oromoo biyya Ormaa jiran kana kaahuf yaalen jira. Achirrattis dhimmi kuni baqataa ykn "Diaspora" warra jedhamu malee warra biyya jiru akka hinlaallanne ibseen jira.

Mee moo Warri biyyaa eessa jiran sabboonummaan Oromummaa isaanii eessa jira isa jedjun kaahuu yaala. Sadarkaan sabboonummaa Oromoo biyya jiruu malirra jira isa jedhu yoo laallu keessattuu sochii waggaa darbee 2016 ragaa hedduu nuuf ta'a.
Darggoota (Qeerroo fi Qarree)
Darggooonni Oromoo keessattii barnoootaf gara Universitii fi koollejjii deeman hedduun gaafa naannaa  ofiitti deebi'an hojii dhabuu dabalatee dammaqiinsi fudhatanii galan hammana hinjedhamu. Haaluma kanaan dargaggo akka ofii kan naannaa jiran waliin ta'uudhan ibidda qabsoo bara 2014 qabsiisan bara 2015 dhumaafi bara 2016 guutuu itti fufuun waan Oromoonis halagaanis hineegin uuman.
Oromoon hedduun yeroo gabaabaa kanatti, Oromoon guutuu biyyaatti mormii akkanaa agarsiisa jedhee hinyaanne. Kan yaades yoo jiraate xiqqaadha. Gubannaa bara dheeraa, xiiqii waggaa hedduu qabatee ture, yoo inni qeyeen isaa samamee kan biraa nyaatu, inni immoo taa'ee beela'u, obsa isaa fixatee fuula rasaasaa dura dhaabbachuuf onnee guutun ka'e.
dargaggoon akkasii osoo jiruu garuu dargaggoon ergamtuu ta'ee saba isaa qabsiisaa hiisisaa jirus lakkofsis xiqqaa ta'us akka jiru dagachuu hinqabnu.

Wayyaanen Oromoo jechuun DHDUO muraasa agartu san qofa seetee Oromoon lugna itti fakkaatee, Yoomuu hinka'u jettee abdii guutudhaan kan keessaa socha'e ajjeessaa, hidhaa, kaan biyyaa baasaa turtus kanumti hafe itti ka'ee tasa irra garagaluun isaa guddoo rifachiise.
Kuni egaa barattoota, barrsiisota akkasumas Oromoota xiiqii qaban bakka adda addaa jiran laallata. Sabbooonummaan isaanii sadarkaa kamirra akka gahe mul'isa.

DhDUO hoo?
DHDUOn akkuma argaa jirru gosa lamatu jira. Inni jalqabaa warra baratee hojii dhabee taa'ee beela'uurra jedhee itti duude. Gareen kuni haala Wayyaanen biyya keenya itti saamaa jirtu saaxiluudhan ummata ofii hubachiisa. Aarii qaba, xiiqii qaba, saba isaatif quuqama. Wayyaan hamma achi keessaa isaan aritutti waan hedduu hojjetu. Yeroo ammaa DHDUO keessa baayyachaa dhufanii Wayyaanen adda isaan baasuu dadhabdee jirtu.

DHDUO gosti lammeesson immoo warra saba biraa ta'an kan afaan Oromoo beekan, ykn Oromoo ta'ee kan qabeenya horatee qabeenya isaaf jedhee mootummaan wayyaanee kuni akka turu fedhu ykn immoo warra dhalootumaan galtuu ta'e. Gareen kuni hamma danda'e amanamtummaadhan Wayyaanedhaaf halkanii guyyaa dalagu. Qabeenya argatan maraa saammatu. Bu'aan isaanii garaa qofa. Boru mootummaan kuni yoo kufe maal taana jedhanii yaaddoo guddaa qabu. Wayyaanen yeroo qarqararra geesse san ummanni itti bahee qabeenya isaanii gubuu waan jalqabee arganiif waan ta'an wallaalanii nama sochii Oromoon godhu keessa jiru hundaa qabsiisuu hiisisuuf hirriiba dhabu. Gareen kuni Wayyaanen kan abdattee bakka maratti yaamtu isaani. Akka isaan qabeenya saamanii godhatanis yeroo ammaa hiree laatus, hammuma saamaa deeman saba isaarraa fagaataa deema waan ta'eef.

Garee Oromoo ta'ee qabeenya Oromoo, lafa Oromoo seeran malee saamaa jiru
gareen kuni biyya keessa fi baqataa alaa gales ta'ee yeroo adda addaa qabeenya Oromoo warra saamani. Kuni mammaaksa Amaraa "የአባትህ ቤት ሲዘረፍ አብረህ ዝረፍ" "Manni abbaa keetii yoo saamamu waliin saai"jedhu san warra fayyadamani.

Gareen kuni Oromoota Buraayyutti, Galaanitti, Dukamitti, Bishooftutti, Sandaafatti Sulultaafi kkf lafa abbaa qabu, qeyee nama tokkoo diigee beenyaa gahaa malee Wayyaanerraa bitatee irrtti ijaarrate.
"Yaa warra maasaa xaafii kan abbaa qabu, garuu kan wayyaanen saamame keessatti mana ijaarrattan, kan kooti jettanii harka kiisa keessanii deemtan... Oromoos taatanii, halagaas taatanii.... waan isin taatanii..."
Ammaaf garuu sadarkaa sabboonummaa keessanii gaafanna. Mee mediyarratti gurra nu duuchuu dhisaa ammaaf, kan boruu walitti deebinaa.

Yeroo amma saamicha lafa naannoo Finfinnee yoo dubbannu kan keenya sirumaa hinkaafnu. Ormuu saamaa jiraa Oromoon yoo fudhate maal qaba? jechuudhan dafanii warra afaan nama qabutu baayata. Isa yoo qorattan maasaa xaafii Finfinneen ala jiru keessaa mana qaba.

Sabbonummaan keenya sadarkaa irra gahe yoo laallu jarreen kana numa waliin qabsoo faarsu, numa waliin hiriiraa oolan, numa waliin Wayyaanes abaaru, waaye qabeenya Oromoo yoo ka'u TV fi sab-quunnamtiitti ol bahanii xiinxala kennu. Isaan malee namni dubbatu hinjiru. Dubbiin garuu deemtee gaafa mana maasaa xaafii keessaa qaban bira yoo geessu xiixala ofii irraa jallisu. Mee hunduu of haa gaafannu. Meeqa keenyatu qabeenya Oromoo seeran ala halagaan gurgurataa jiru irraa binnee, ykn seeran ala saamnee keenya godhannee sabboonaa fakkaannee of sobaa jirra.

Sabboonummaan garee kana Oromoota biyya keessaa kan Buraayyuu qubatan, kan Bishooftuufi san dhuunfatan kkf sadarkaa kamirra jiraa. Eenyu kan qabsoo sakaalee qabe? Hunduu of gaafadhu.
Kana yoon jedhu Oromoon Finfinnee fi magaalota naannaa Finfinnee keessatti mana jaarrachuu hindanda'u jechuu kootii miti. Asirratti kanan jedhu warra maasaa xaafii Oromoo akka isaanii irraa saamame keessatti mana ijaarratanii qabsoon keenya gaafa deemtee mana isaanii bira geesse dura dhaabbatani.

Sabboonummaa akkanatti sakatta'amee yoo hinaalalin ofiin taphachuudha. Mee haala Bishoooftuu, Dukam, Galaan, Aqaaqii, Sabbataa, Buraayyuu, Sandaafaa, Sulultaa fi naannaa san maasaa qotee bulaa Oromoo saamudhaan Oromoo meeqatu saamaa jira warri naannaa san jirtan nuuuf barreessaa.
Kana kanan jedhuuf alagaan yoo nu saamu Oromoo meeqatu waliin nu saamaa jira galmee banannee haa galmeessinu.

Sabboonummaan Oromummaa eessa jira kan jedhu kutaa sadeessoodhaan walitti deebina. har'aaf nagaan.
Asnake T Erko

Thursday, May 4, 2017

Eessa jirraa?

Kutaa duraa
Sabboonummaa Oromummaa hagam guddate?
Sabboonummaan Oromummaa yoom dhalate jennee walgaafachuun waan barbaachisu natti hinfakkaatu. Sababiin isaas gaafa Oromoon umamerraa qabee sabboonummaanOromummaa waan jiruuf. Sabboonummaan of ta’uu, waan ofiitti amanuu, waan ofii kan ormaa caalchisuu, waan ofii xiqqeessuu dhiisuu, nama ofii jajjabeessuu, mirga ofii kabachiisuu, waloo qabaachuu, daangaa gosaa darbanii Oromummaa dursuu, biyya Oromoo akka kan ofiitti laaluu, aadaa Oromoo hundaa kabajaa kennuu, ganda koo malees Oromoon jira, innis dhiiga kiyya jedhanii jaalachuu, kabajuu, akka hireen ani argadhe argatuuf jajjabeessuu, wal jaalachuu akka sabaafi biyyatti yaadudha. Kunis Hundee jiruuf jireenya Oromoo kan ta’e Gadaa akka madda aadaa keenyatti laaludha.
Eegan waayee sabboonummaa fi hundee Oromummaa hammana jedheen booda sabboonummaan eessaa ka’ee eessa jira jennee haalaallu:
Sabboonummaa Oromummaa gaafa durii, Oromo Odaa tokko jalatti bulu, Odaa Roobaa malee Odaan biraa hinjirre, Oromoon Waaqa gurraachatti bulu, kan amantiin biraa hinjirre, gaafa Oromoon gosa hinheddumaatin, gaafa maanguddoon Oromoo Odaatti walgeessee waan bade hundaa qajeelchitu, gaafa Oromoon xinnaa guddaan wal dhagahu, gaafa yaamee waliif owwaatu, gaafa Oromoon «Dubbiin tan dhugaati, dhugaan kan Waaqati» jedhu san  - guutuu turte.
Sabboonummaan Oromummaa eenyummaa jechuudha. Oromoon eenyu akka ta’e beekee osoo daangaa kamiinuu wal hinqoodin, kaan ofitti aansee, kaan ofirraa hinfaccinsin, hinfageessin, hunduu saba kooti, Oromiyaan biyya kooti jedhee itti bulu sani. Oromummaan Oromoo maraa akka obbolaa ofii laaluu jechuudha. Kana yoo jennu jabaas, laafas, beekas, wallaalas dheeras gabaabas, kan addunyaatti beekames kan qeyee ofii qofatti beekamus hundumaa kiyya jedhanii fudhachuudha.
Sabboonummaan Oromoo sadarkaa kam gaye ree?
Oromoon akka olitti ibsame kana gaafa babal’achaa hindhufin, gaafa walitti dhiyaatee jiru, gaafa Odaatti walitti dhufee mari’atu garaa garummaa jirus yoosuu hiikkata. Haata’u malee garuu waggoota 150 as eega diinan cabee, amantii biraan, aadaa biraa akka fudhatu godhamee, afaan fi aadaa Ormaa jalatti akka bulu godhamee as Oromoon sabboonummaan isaa akka cabu akka xiqqaatu taasifamee jira. Kanaaf ragaan Oromoon eenyummaafi sabboonummaa Oromummaa isaa eeggatee irraatti du’aa ture jiraatus kan of ganee, ani Amaara ofiin jechuu jalqabe akka jiru eerun nidanda’ama. Kuunis ani Oromoo miti jedhee amantiidhan of yaamuu jalqabes jira. Kan maqaa kutaatin of yaamuu jalqabes jira. Ani Oromoodha jechuu dhiisee ani Shawadha, ani Wallagga, ani Sidaamodha kkf ofiin jechaa tures jira.
Yeroo Oromoon Oromummaa ofii dura amantii, kutaa lafaa kkf of yaamuu jalqabe kanatti eenymmaan gadi kufee lafa tuqe. Mee giraafii asi gadii Kanaan haalalu


Akka madaallii kootitti bara Minilik biyya Oromoo qabaterraa kaasee sabboonummaan Oromummaa gadi bu’ee bara gabrummaa jala turre san gadi xiqqaachun hamma namni of ganuu gahee bara 1991/1992 yeroo hiree argatee sabni walitti dhufe san dagaaguu jalqabe.
Bara 1991 yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo sodaa malee afaan ofiitin ifatti ani Oromoodha jedhee dubbate. Kanaaf raga hedduu barbaadun nama hinfeesisu. Hiriyoonni keenya hedduun isaanii kan waliin barataa turre kan duraan yoo nuti afaan Oromoo dubbannu nu arrabsan “Bar warri koo Oromoodhaa” nuun jechuu jalqaban. Gaafa dubbii sirriitti mirkana taate “Bar anis Oromoodhaa” jedhanii ifa baasan.
Yeroo kana Oromoo ta’uun waan jaalatamaa ta’ee mul’ate. Sabni keenya sirboota guduuffattee xiiqiidhaan olkaayyate gadi dimbiliqsee sirbe, geerare, walitti bahee booye, gaabbe, dhaammate. Bara san namni guyyaa tokkoof Gullallee dhaqe fayyeeti gala.
Yeroo kuni yeroo itti sabboonummaan Oromummaa bakka itti kufee ka’e. Ka’ee akka haaraa ol jechuu jalqabe. Yeroon kuni yeroo sabni keenya wal dagatee, kutaafi amantii himachuu jalqabe deebi’ee gosa himatee Oromoon saba tokko ta’uu itti dammaqe.
Kana yoon jedhu garuu Oromoon hunduu of dagate jechuu koo akka hintaane naaf hubadhaa. Oromoon of hindagatin, kan sabboonummaan eenyummaa isaa gadi hincabin waan jiruuf qabsaayee Oromummaa bade kana deebisee. Maarree asirratti ABO hojii boonsaa hojjete kanaaf akka dhaabatitti, qabsaa’ota lubbuu ofii wareeganiif akka dhuufatittis galata galchuutu nurraa eegama. Waan isaan wareegamaniif sanis dagachuun nurra hinjiru. Kan ittiin masakamnu ta’uu qaba.
Kana booda sabboonummaan eenyummaa akkuma dammaquu qabe Kanaan itti hinfufne. Takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deemuu jalqabe. Mee giraafii kanaan haalallu:


Akkuma giraafii kanarratti agartan takka gadi bu’aa, takka ol bahaa deema. Mee fkn xiqqoo ishiin isiniif kenna:
Yeroo Oromoon walitti dhufee waayee saba isaa mari’atee haalli mijate sabboonummaa nidagaaga. Akka bara dheegaddaa kana jechuudha. Yeroo kaan immoo goodoo keenyatti deebinee waayee amantii ykn kutaa faarsina. Sabboonummaan nu jalaa mucucaattee nama jechuun kan ganda keenyaa qofa nutti fakkaata. Mee kanaaf sadarkaa sabboonummaan keenya irra gahe ibsuus fakkenya tokkon haalallu:
Waayen Oromummaa yoo tuqame – waca kaafna
Waayen kutaa yoo tuqame sirriitti waca kaafna
Waayen amantii yoo tuqame lubbuu namaa balleessurra duubatti hindeebinu

Yoo fkn asii olii kana laalle hara namni tokko yoo Oromoo arrabse akkam Oromoo arrabse jennee wacnee dhiifna. Yoo kutaa keenya tuqe immoo sirriitti san caalaa wacna. Akka Gandaa waliin dhabbanee nama san irratti ololla. Yoo waayen amantii keenyaa tuqame garuu ajjeessuf itti dhaadanna, dafnee labsii itti baafna, lafatu garagala.
Ani gandi keessan yoo arrabsame callisaa, amantiin keessan yo tuqames hindabbatinaa jechaa hinjiru. Garuu akkuma olitti tuquu yaale gandaaf amantii durallee Oromummaa keenyatu ture waan ta’eef amma immoo nuti warra Oromummaa booda dhufe bakka caalaa kennina waan ta’eef sabboonummaan keenya gadi xiqqaachaa dhufeera kan jedhu mul’isuufan.
Mee fakkeenya dhimma OMN laalchisee tibba kana dhalate haa laallu. Yaada namoonni kannanis haalallu. Dhugaa jirtu kan beeku warra boordii OMN fi keessa beektota ta’ee osoo jiruu nuti yaada gama keenyaa gama Facebook yoo ibsanne eessa dhaabbaneeti? Akkuma yaada namoota agarreefi eessatti akka dhalatan waliin akkasumas eenyu deeggaran isa jedhu waliin wal bira qabnee yoo laallu madaallin kutaadhan wal gargaaruu ifa ta’ee mul’ata. Sabboonummaan Oromummaa keessattuu baqataa Oromoo biyya ambaa jiru biratti haala asii gadii kanaan dursa argatti:

1-      Amantii
2-      Kutaa
3-      Oromummaa

Kanas yoon jedhu namni hunduu mantiidhan nama qooda, hunduu kutaadhan nama fanfansa jechuu kootii miti. Kan hamma ammaa Oromoo addaan osoo hincitin turreeyyuu namoonni sabbooummaa Oromummaa sirriitti qaban waan jiraataniif. Heddutu jiraa, isaantu walitti nu dhoowwa. Kan walitti nu hidhee walillee nyaannu akka addaan hinhafne nu dhoowwu immoo Oromummaa nu keessatti hafte sani. Duguugamtee waan hindhuminiif.
Akkuma dhimmi OMN keessatti dhalate kanaa ammas mee fakkenya siyaasaa tokko haalallu. Baroota 1990 san keessa dhaabni siyaasaa akka Waaqaa itti bullu ABO ture. Dhaabotiin biraa jiraatanis iddoo hinarganne. Bara ammaa kana garuu mee waayen ABO yoo ka’e yaada baqataan Oromoo kennu haalaallu. Nu martuu akkuma agarru garee maqaa dhayanii arrabsoo yoo roobsan agarra. Maqaan garee ABO dhahu yoo ka’e yaada meeqatu kennama. Bara darbe kanaa waan hedduu na dinqisiisen arge. Hagam tokko amantii fi gandummaa akka hidda nu keessatti godhatten laale. Abbaan taaytaa OPDO kan ture baqatee biyya alaa dhufee gaafa TV irratti dhiyaate warri akka gootaa faarsaa turan, nama tuqe hundaa arrabsaa turan tibbuma san immoo hogganni ABO yoo TV irraan ibsa kennu arrabsoo ture wal bira qabee yoo laalu hedduun na yaaddesse. Karam deemaa jirra kan jedhu ifa naaf ta’uu dide. Kana yoon jedhus mirga namni tokko siyaasaa fedhe deeggaruuf qabu wallaalee osoo hintaane hagam tokko dhugaan akka jallattu, haggam tokko amantiifi gandummaan akka Oromummaa caaltu wan natti mul’ateef. Kanallee akkuman jalqabarratti kaasuu yaale yoo sabboonummaan Oromummaa nu keessa jiraate namni tokko amantii koo qabaatus, gosa koo ta’us kutaa koo ta’us yoo dhugaa hinqabaannee isa deeggaruun narra hinjiru. Waan olitti tuqne yaadadhaa “Dubbiin kan dhugaati, dhugaan kan Waaqati” jedhu Oromoon durii.
Hara kanan ka’eef sabboonummaan Oromummaa sadarkaa kam gahe isa jedhu hamman hubadhetti ibsuuf malee tokko kaan caalchisuufii miti. As keessatti fakkeenyi koo yoo sirrii isinitti fakkaachuu baates kan keessaniin bakka buustanii garuu eessa jirra jedhaa of madaalaa. Sabboonummaan Oromummaa deebifamee jabeessun, dammaqsuun, wal salfachiinee bakka sadarkaa Oromummaatti wal deebisuun qabsoo keenyaf hundeedha.
Sabboonummaan Oromummaa bakka dur turee gadi bu’ee maqaa amantifi kutaa himachuu bakka jirru ol ka’aa dhufee yeroo ammaa biyyatti dargaggoon keenya daangaa amantifi kutaa bira darbanii waliin dhaabatanii gaafa Irreechaa waliin dhumanii bool’a takkatti waliin awwaalaman haa laallu. Haa yadannu, haa nu quuqu. Kana laallee eenyummaa Oromummaaf waan hunda dursa kennaafii.
Hoo bishaan kee, fidi wayaa koo, jedhe namichi wayaa miiccee cuuffee lagatti hurgufuudhan.
Asnake T Erko

Wednesday, March 8, 2017

Ofittummaa namoota muraasaatif sabni keenya dhumaa jira!

Yeroo hedduu Oromoon maal dhabe. Qabeenya qabaa, heddumina namaa, beekumsa fi gootummaa waan dhabe hinqabu jennee dubbanna.
Haqa tokkotu jira garuu. Qabeenyi, beekumsi, heddumminni, gootummaan kan walitti hindhufin, irree tokko hinta'in bu'aa tokkollee hinqabu.
Hara kan jecha xiqqoo jechuu fedhu tokkummaa, tokkummaa, tokkummaa jennee wal ifachiifne kana irra deebi'ufii miti.

Tokkummaa san maaltu nu dhoowwee?

Namoonni muraasni ofiifis of moggaasanii haata'u garee siyaasaa ykn dhaaba tokkootin moggaafamanii ana malee tokkollee mul'achuu hinqabu, hojiin ani keessa hinjirre hinta'u jechuun dumaatii saba keenyatiif sababa. Akka walitti dhufnee humna hintaane diinatu nu dhoowwee miti. Kan walitti dhufuu nu dhoowwe gareen akka walitti dhufee hinhojjenne kan nu taasise ofittummaa namoota muraasaa qofa.
Gaafa oromoon walitti ba'ee humna tokko ta'e bakkan dhaba isa jedhurraa ka'uudhan waan socha'u maraa dura dhaabbatanii sabni keenya yoo dhumu teenyee laalla.

Osoo yeroo xiqqoodhaf ofittummaa kanarraa of qusatanii sabni keenya akka walitti dhufu godhanii guyyaa muraasa keessatti dolara miliyoona walitti buusuu dandeenya, dargaggoon keenya alaa fi keessaa hiriiruu danda'a. Diinni dura dhabbachuu hindanda'u, sagaleedhan baqata.

Ofittummaa namoota muraasaa kanas kan goobsee nurra tursiise warra gareedhan warra kana duuba dhababatanii jabeessani.

yaa waaq ofitummaa namoota muraasaa kana nurraa buqqisi, akka sabni keenya walitti dhufee daangaa malee walijaaree diina isaa buqqisuuf nu gargaari!

har'aaf tanumaan nagaan!

Thursday, March 2, 2017

We can make change and have responsibility

It has been a while since many raised a concern about the importance of unity for Oromo diaspora, especially a unity for the struggle.
Our youth back home, in Oromia, are paying an ultimatum sacrifice for freedom. They are paying their lives. But we, the diaspora either do not feel that we have responsibility or we undermine our capacity to make a change.

A simple action by a group of Oromos mean much for the youth back home. Our unity gives them strength. It gives them moral support and above all give them hope.

We can make change
We should also think that coming together we have a power. We have a power to push for a unity. If we do not support the dividing group, they can’t manage to divide us. If we pressure them to come together, we can bring them together. It is our wrong support that can divide us.

We can organize ourselves and support our people back home economically.
 A simple calculation can show that today there hundreds of thousands of Oromos in abroad. If everyone gives one dollar a day, we can collect millions of dollars in one month which can bring a big change.
We can start our nationhood structure and develop our culture, economy and society.

Everyone has a responsibility
Have we ever thought that everyone have responsibility? If we do not act now and do what we can today, we are all responsible for the future of our country. History can judge us if we do nothing or if we are on the wrong side of history. Sitting and waiting for others to act and just blame when they act is a national crime.

We in abroad have a huge possibility to come together, discuss and act on our current situation. If we don’t act and wish for other to do so, it just cheating ourselves. We can make change if we act and we have the responsibility to act. We have to stand together and say no to any dividing group and support any entity contributing towards our unity and nationhood.

So, do not wait for tomorrow, talk to your neighbors and start a work today. Our nation needs everyone and everyone has a responsibility.




Featured Post

Raadiyoo Damablii gabaabaa

Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...