Akkuma argaa jirru yeroo ammaa Wayyaanen hidhamtootan hiika jettee waadaa galtee jirti.
Haata'u malee ummata walitti qabdee jimlaadhan hiite keessaa takka takkaan gadi dhiifti. Namoota adda baaftee kaan sababa itti barbaaddee hidhaa tursiifti.
Karaa biraatin jijjiirama fidaa kan jirru nuyi, karaa seeratiin rakkina hiikuf socho'aa jirra jedhee kan dubbatu warra DHDUOti. Akka isaanitti suutu suuta jijjiirama fiduu waan danda'aniif mormiin, diddaa fi fincilli biraa hinbarbaachsiu.
Haala qabataamdhan jiru yoo laalle immoo yeroo ammaa kana yoomuu caalaa ummata daangaa Somaalerraa buqqa'an kaampii keessatti wayyaanen rasaasan fixaa jirti. Oromoon maal fida jettee ummata xiiqii keessa galchaa jirti. Hidhamtoota silaa hiikuf waadaa galtes hiikuu dhiiftee sababa adda addaa tarreessaa jirti.
Gaafin amma jirtu garuu wayyaanen kadhaadhan ykn akka DHDUOn jedhu kana karaa nagaatin rakkina kana hiikuf fedhii qabdii isa jedhu.
Hojii Wayyaaneen hojjechaa jirtu yoo laalle yeroo ammaa kana rakkina biyya keessatti dhalate kana karaa nagaa hiikti abdiin jedhu hinjiru. Fincila, diddaa, lagannaa gabaa gochuudhan osoo ummanni keenyas hinmiidhamin duraa duuban haala itti fufiinsan qabuun dhiibbaa gochuun hedduu murtessadha. Kana hinta'u taanan garuu wayyaanen guyyaa guyyaadhan ummata keenya fixaa, jijjiiramni eegnu sunillee hindhufu.
Tuesday, February 13, 2018
Friday, October 27, 2017
Sochii yeroo ammaa
Asnake T Erko
Saba keenya kaleessa Ambotti dhumeef gadda guddaatu nutti dhagahame. Hedduu
keessi keenya booye. Qabsootti sabni jiru duuti kan hinoolle ta’us haala kanaan
karaarratti namni keenya rasaasa diinatiin yoo dhumu arguun heddu nama
gaddisiisa.
Eega haala Ambotti kalee ta’e kanarratti namoonni yaada adda
addaa FB gubbaatti yoo kennan arga. Namni kuuni:
-
DhDUO/Foolsii Oromiyaa balaaleffata
-
Namni kuun humna dhabuu keenya balaaleffata
-
Namni kuun waldhagahuu dhabuu keenyatu wareegama
hinbarbaachifne kana fide jedha. Yaadonni biroos jiru.
Wayyaanen gara Debretsiyoonin yaada ofii dabarfattee jirti.
Ammaa achis akka nama keenya fixuu hedan akeekanii, dhaadataniiru.
Walitti qabnee yoo laallee:
-
DhDUO/Foolisiin Oromiayaa hiriira amma ta’aa
jiru nu hinbarbaachisu jechaa turan. Tarii karaa biraatin yoo Wayyanen ummata
keenya fixxu irraa qoluuf ammatti humna hinqabnuu baatanii hindhuminaa jechuus
ta’a. Dhugumatti Osoo kaleessa foolisiin
Oromiyaa waraana Wayyaanee hidhate san dura dhaabbatee nama hamma tokko ajeesuu
danda’us miidhaa guddaa gama Oromootin gaha. Hidhannaa wal hinmadaalle waan ta’eef.
-
Karaa biraatin hiriira amma ta’aa jiru kana
hambisuuf yaamicha hedduutu godhame, garuu dhaabsisuun hindanda’amne. Sababiin
isaas waan diinni ummata keenya kakaasef osoo hintaane ummanni gubannaan inni
qabu waan irraan gateef. Ummanni yoo diinni balbala isaa duraan saamee fe’ee
dabarsu laalee dhiisuu waan dadhabeefi. Gubannaan, hidhaan, ajjeechan daangaa
darbee gabrummaa baachuu dhadhabeeti. Saba gabrummaa baachuu na gahe jedhe
dhoowwan hindhaabu.
-
Wayyaanen karaa biraa hiriira bahamu kanarratti
jeequmsa kaasuf gara waldhabdee sabaaf sablammootaa jijjiiruf, walitti bu’iinsa
amantii gochuuf hedduu akka ifaajaa jirtus argaa jirra. Yeroo ammaa hiriirri
kuni futtaafatee yoo itti fufe gara hintaane, homtuu too’achuu hindandeenyetti
deemuus mala. Kuni Wayyaanedhaaf guyyaa baasuu mala.
Maal taana ree? Akka yaada koo:
-
Haala yeroo ammaa kana keessatti DhDUOn ummata
keenya hamma gandaatti dammaqiinsa kennuu. Kunis kaabinee hattuu achitti ummata
saamaa jirtu buqqisanii ummanni namoota isa dursan akka filatan gochuu. San
booda dammaqiinsa qabsoon kuni kan sabaaf sablammota biraa waliin osoo hintaane
kallaatiidhan kana Wayyaanee waliinii ta’uusaa, kan amantii osoo hintaane kan
Wayyaanee waliin ta’uusaa ummata keenya odeeffannoon hindhaqqbne, keessattuu
fagoo jiru sirriitti hubachiisuu
-
DhDUOn milishaaf foolisii ofii hidhachiisuu,
ummanni akka hidhatu hiree kennuu, kan dur irraa hiika turaniif deebisuufii.
Raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan saba keenya ta’e dammaqsuuf aka saba isaa
bira dhaabbatu gochuu.
-
San booda akkaatan itti fincilli ka’u kan
naannaa tokkoo qofti ka’ee dhumu osoo hintaane giddu galeessumaadhan akeekamee
walbira guutuu Oromiyaa finciluu. Innis hojii dhaabuu, gabaa lagachuu, karaa
cufuu kkf karaa miidhaa saba keenyarraan osoo hingeenye waldhageettidhaan sochii
Wayyaanee dhaabu gochuu. San booda yeroo gabaabaa keessatti kan hara wayyaanen
nu fixaa dhaadattu kuni jijjiirama, Tophiyaa dinnagdeen ishii gaafa dhabbatu
diinni osoo hinjaalatin harka kennaa deema.
-
Kana gochuuf immoo wal balaaleffachuu dhiifnee
namuu hamma qabuuf beekun wal utubuun heddu murteessadha. Aangoo hinargamin
kanaaf dursanii maqaa walxurreessuu dhiisun hedduu murteessadha. Saba keenya
diinni marsee jiru kana laalun, boruuf yaadun hedduu murteessadha. Dhugaa
jirurratti hundaa’anii socha’uun hedduu gaaridha. Humna diinaa beekanii
akkaataa barbaachisuun socho’uun gamnummaadha.
- Biyyota alaa kanattis saba keenya cinaa dhaabbachuudhan akka haala jiru kana addunyaan hubatu karaa xalayaa, midiyaafi hiriiran hojjechuun hedduu barbaachisa.
Waaqni qalbii nuuf haa kennu, saba keenyaf waliigaltee haa kennu, diina
keenya haa doomsu!
Monday, October 2, 2017
DHDUO Irreecha Barii
Asnake T Erko
Torbee darbe
keessa waayen DHDUO dhimma oo’aa ta’ee turre. Dhimma irreechaa nu jalaa
booressa jennee waan yaaddofneef mee waayee kana Irreecha barii walitti haa
deebinu waliin jechuu keenya niyaadattu. Keessattuu garee biyya keessaa Lammaa
Magarsa akka Irreecha 2017 irratti Hora Arsadiitti akka haasa’u fedha qaban fi
garee keessattuu biyya alaafi keessaa kan Lammaan irreecharratti haasa’uu
hinqabu jedhan jidduu mormii cimaatu ture. Ani warra akka irreecharratti
hinhaasofne jedhe san keessaa tokko. Ammas gaabbii hinqabu. Seera Gadaan tume
tiksuun mala marii hinqabne waan ta’eef.
Kunis kan
agarsiisu DHDUO siyaasa Oromoo keessatti ajandaa ta’uu danda’uu isaati. Ji’oota
muraasa dura dhimmi DHDUO ajandaa Oromoo ta’ee namni akka DHDUO haasa’u bakkee isaanis
kennu hinjiru ture. Har’a garuu dhimmi kuni bakka argachaa dhufeera. Siyaasatu
amala akkanaa qaba.
Haata’u
malee garuu DHDUO duuchumaan haa deeggarru jechuu dura sirriitti gargar baafnee
haa laallu. DHDUO kuni kami? Maal ture? Har’a hoo maalirra jira jennee adda yoo
baafnee deeggaruuf dhiisudhaaf, mormiidhaf deebi’aadhaaf ifa nuuf ta’a.
Akkan ani
itti hubadhutti DHDUO kuni lama:
1-
DHDUO
Wayyaanef dalaguuf socho’u
2-
DHDUO
saba Oromoof dalaguuf socho’u
Mee tokko
tokkoon haa laallu:
- DHDUO Wayyaanee
DHDUO
ummamni isaa Aadeti (Tigray) keessa yoo ta’u akka hayyoonni siyaasaa ibsaa
turan kan hundeeffame ABO fi Wayyaanen waan waliigaluu dadhabaniif wayyaanen
ummata Oromoo qabachuuf bakka bu’aa isaanii uuman. DHDUO nis baroota
dheeradhaaf ajajuma Wayyaanee kana fiixaa baasaa, ummata keenya miidhaa turuun
waan halamuu miti.
Waggoota 25
darbaniif saba keenyarratti shira xaxaa, morka dhaabolii Oromoo seenanii waan
isaan mormu hundaa wayyaanedhaan ajaja itti kennamuun saba kenya hiisisaa,
biyyaa baasaa, kaan ajjeesaa turaniiru. Hojii hojjetan kanaaf immoo akka badhaasa
qabeenya ummataa saamanii jiru. DHDUO adda durummaadhan hogganaa warri ture,
gosaan Oromoo qoodudhaan lafa Oromoo garee tokkof qoodudhaan garee kaan
buqqisuudhaf saba Oromoo akka wal shakku godhaniiru.
Kana bira
darbee magaalota xixiqqoo kan akka Sandaafaa faa guututti diinatti
gurgurataniiru. Ofii saamaa warra isaan falme immoo matta’aa sababa jedhuun ari’aa
turaniiru. San bira darbee gareedhan walqoodudhaan wayyaanedhaaf dabarsanii wal
kennuudhan saba keenya ficcisiisaa turaniiru. Hamma har’aa ilmaan Oromoo mana
hidhaa keessatti affeelamaa jiran kana Wayyaanen kophaa ofii qabdee hinhiine,
kan hidhee hiisise DHDUOdha. Kan kanaa ala isaan aagoo itti hinqabne
hoggantoota olaanoo dhaaba mormitootaa garuu DHDUO hidhuuf hiikus hindanda’u,
kana sirriitti hubatamuu qaba. DHDUOnis garuu tapha san keessaa ala hinturre.
Wayyaanen
saboota biroo afaan Oromoo beekan nu keessatti guddatan ramaduudhan, akka
isaanif caalaa amanamoo ta’an waan baraniif hedduu itti fayyadamanii jiru. Kan
yoon jedhu sabaan Oromoos ta’ee kan nu ficcisiisaa ture hinjiru jechuu miti.
DHDUO dawoo
godhachuudhan warri saba keenya saamaa, hiisisaa, ajjeesisaa kaan biyyaa baasaa
turan yakka sanirraa halkanuma takkatti bilisa bahan jechuun badiidha. Warri isaan
hiisisan, biyyaa baasan ajjeesisan akkasumas maatif qabeenya isaanirraa
buqqisan suni ammallee kuun baqarra, kuun mana hidhaa, kuun akka qabeenya ofii
dhabee hiyyoometti kuun ajjeefamee dhugaa isaan dhabetti waan jiruuf DHDUOn
akka ummanni deeggaru barbaannan sirritti of qulqulleesanii, yakkamaaf shakkamaa
of keessaa baasuu qaban. Sirritti ummata ofii hubachiisuu danda’uu qaban. Kana
hingodhan taanan garuu xurii fi gumaa warra nama fixee ofirratti baatanii
ummatatti seenun salphaa miti.
- DHDUO saba Oromootif dalaguuf socho’u
Akkuma argaa
jirru ji’oota muraasaa as DHDUO keessatti waan haasa’amee hinbeekne, waan
godhamee hinbeekne yoo jedhaniif godhanis agarreerra. Hamma dubbatan gochuus baatan hamma
tokko kan dalagan mul’ateera. Irreechi isa keessaa tokko. Gareen DHDUO amma
harkaa qabu kuni haalli itti deemaan jiru haala abdii keenu fakkaata. Haata’u
malee garuu garee olitti ibsame kan ummata ficcisiisaa turan kana of keessaa
dhaban jechuu miti.
Egaa gareen amma aangorra jiru, kan Lammaa Magarsaatin
hogganamu kuni dursee yakkamtoota of keessaa qulqulleessee malaaf suutan ummata
ofii hidhachiisaa, Milishaa ummata keenya fixaa jirtu, kan dabballummaan
dogoggoraa baratan, farra ummataa malee tola ummataa hingorfamin san diigudhaan
caasaa Gadaa Oromoo deebisanii ijaarudhaan saba isaanii kiisuu qabu.
Ummata hidhan kan aangoo itti qaban hundaa hiikun jalqaba
dubbiiti. Kan hamma ammaa hiikan kuni gahaa miti. Sabni Oromoo biyya isaarratti
waan mirga isaa gaafateef hidhame malee hatee miti. Kuni martuu hiikamuu qaba. Kan
isaan aangoo itti hinqabne akka jiranis hubachuu qabna. Garuu warra kanas
hiiksisuuf dhiibbaa gochu qabu. Diinnis yoo isaan kana godhan callisee waan
hinlaallef ummata keenya hidhachiisuun mala gaaridha.
Qabeenya Oromoo sababa Investimentiitin alagaan guurrate kana
ummataaf deebisiisun waan salphaa ta’uus baatu ummanni yoo hidhachaa deeme akka
qabeenya naannaa ofii too’atu gochuun itti deemuu danda’u. Sabni keenya dhaabolii
siyaasaa biyya alaa taa’anii dhaamsa qofa itti dhaamaniif ibsa tarreessan
ifatee jira. Carraan amma biyyatti saba dammaqe kana miira isaa eeganii akka
mirga isaa kabajchiifatu gochuu eenyuyyuu caalaa DHDUO garee lammeessoo kana
harka jira.
DHDUO gareen lammeesson kuni yoo dhuguma alagaa caalaa ummata
ofii amanee sagantaa saba isaa tajaajiluufi mirga saba isaa eegsisuurratti
xiyyeeffate warra isaan morman hedduu hawwatuuf gargaarsa argachuu salphaadha.
Kana ta’uuf garuu caasaa diinaf ijaarame, kana biyya keessafi
biyya alaa kanattis dantaadhaf jedhee saba isaa gurguruuf Wayyaanen ijaarratte suni
diigamuu qaba. Yakkamtoonni yakki isaanii galmaayee guyyaan itti gaafataman
akka jiru baruu qabu. Kana yoo hintaane ta’ee walumatti qabaadhan DHDUO
deeggaruu qabna jedhamee iyyamu ta’e kan kana dura maqaa dhaaba kanaatin
miidhame hedduun waan jiruuf gaara dhiibuu ta’a. Alaaf biyya keessattis DHDUO
dura kan dhaabbatu hedduu ta’a. DHDUO garuu ammas carraa guddaa qaba:
Caasaa foolisifi
ummataa hamma gandaa harkaa qabu
Dhaaboliin
siyaasaa Oromoo harca’aa dhufaniru, ummanni abdii irraa kutateera
Sabni dammaqee
seenaa duriin osoo hintaane hojii har’a arguun amanuu jalqabeera.
DHDUO akkanatti yoo adda baafnee laalle malee duuchumaan haa
deeggarru jedhanii yoo namni morme wal abaarun sirna miti. Ani kanan jedha,
isini hoo?
“GAANGEEN TAKAALLAA KUTATTE” JENNAAN, “OFITTUU GABAABSITEE” JEDHAN
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon
Oromoo Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, suduudaan Oromoof osoo hin
taanee, dina keessaa fi alaa, Diina Ollaa fi baar gamaaf ,akkasumas, addunyaa maraaf waan dhaamaa jiruutu jira. Ergaan
ifatti mul’isaa ykn dabarsaa jiru, waan lafa keessaa qotanii ykn qorannoo
gaggeessanii bira ga’an odoo hin taanee, ifuma . kaleessa Biyya Itoophiyaa
keessatti Ummati kum sagalee wayyabaa qabaa, gurraa laadhaafii yennaa jedhamuu
, of tuulummaan maal fiddu ? warri jedhan , waan inni fiduuf taa’uuf itti
gaafatamoo ta’uuf jiru.
Kaleessa
Oromoon aadaa dimokiraasii qabaa, Ummata nagaa jaalatuu jennee wayita of
ibsinuu, waan sun ka dur dabree jedhanii kan isaanii , isa mana hidhaa nama
irratti ijaarsiisuu babal’isuuf arreedaa turan sun boollatti galee, Ummati
kabajamaan isaan ukkaamsuf yaalaa turan, Ummata dhugaa qabu akka ta’ee ifatti
itti argisiisaa jira. Shirri isaan waggaa meeqa dhama’anii irratti hojjachaa
turan, guyyaa tokko fi lamatti fashalee , Saba qalbii qabeessa ta’uu fi Ummata
nagaaf dursa kennuu ta’uu ifatti mirkaneessaa jira.
Baroonni
fi guyyaan adeemsa isaanii hin dhaabnee. Shirri Oromoo irratti hojjatamu hin
dhaabbannee. Hidhaa ajjeechaan Ummata kana irratti raawwatamuu jabaatee itti
fufeera. Oromoo dachee irraa dhabamsiisuuf hammenyi hojjatamuu daran
jabaateera. Hin dhaabbannee. Oromoonis Qabsoo gabrummaa of irraa darbachuuf
gaggeessuu gonkumaa hin dhabnee. Gootummaa isaan Shira diinaa irra aanee,
dhugaa isaa mul’ifachuuf wareegama ulfaataa kafaluu itti fufee jira.
Qabsoon
Oromoo hanga bara 2015tti diina dandamachuu fi diinarraa aanuuf hedduu
hojjachuu akka qabnuu nu akeekaa ture. Sun wareegama Ilamaan Oromoo kafalaniin
sadarkaa isaa ol butatee jira. Kaleessa diinni hidhaa fi ajjeechaan qabsoo
keenya ukkaamsuuf yaaluu, hidhaa fi ajjeechaan isaa hegaree isaaf akka hin
tollee ifatti itti mul’isee, Qabsoon Oromoo sadarkaa murteessaa irra ga’ee
jira. Bu’aa ba’iin qabsoon Oromoo keessa dabree akka laayyootti ykn akka dantaa
ofitti kan dubbatanii mitii. Ofirra gootummaa raawwatameef bakka kennanii ,
imaanaa warra wareegamanii bakkaan ga’uuf waadaa haaraa yeroo itti seennudhaa.
Har’aa
Oromoon sodaa tokkollee hin qabu. Hamma fedhee hidhamee ajjeefamuu, hiraarfamee
biyyaa godaansifamuu, qabsoon isaa jabaacaa ka deemuu malee, gonkumaa kan hin
dhaabbannee ta’uu humna addunyaa kanarraa kamiifuu ifa ta’eera. Wayyaaneef
har’aa sodaa tokkollee hin qabnuu. Nagaa dursuuf jechaa wareegama Ilmaan
keenyaa fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, ajjeechaa ajjeechaan deebisuuf
yeroo itti fudhannee jirra. Nagaa dursuuf jecha, guyyaa saafaa ayyoo keenyaa fi
abboo keenya awwaallannee jirra. Kun itti fufaa fi dhiisaa isaa wayyaaneetu
ofiif jedhee murteessa malee , deebiin isaa ummata Oromoo harka hin jiru.
Gaangeen
takaallaa kutattee , jennaan, Ofittuu gabaabsitee jedhanii, mammaakisuma
oromooti. Gaangeen takkaallaa keessaa ba’uuf jettee takkaallaa yoo kuttee,
takaallaa sanumaan gabaabsanii deebisanii hidhuu. Duraan haada bal’aa ka qabduu
gabaabsitee of dhiphiftee. Sochiis ta’ee jireenya of dhorkite. Wayyaaneenis
akkasuma. Wayyaaneen waan kanaan duuba raawwattuu hundaan, gatii baasuu ofitti
dabalaa yoo deemtee malee, Ilmaan Oromoo wareegamanii Biyya isaanii
Bilisoomsuuf murteeffatan irratti dhiibbaa bulchiitu tokkollee hin qabduu.
Wayyaaneen guyyuu waa hundaa ofitti dhiphisaa jirti. Wayyaaneen mukarra teessee
muka hamachuu hanga hin dhiifneetti, hegereen ishee badaa deema.
Namoonni
tokko tokko yaaddoo qaban. Waraana ishee nurratti bobbaaftee nu ficisiiftii
kanneen jedhan hedduudhaa. Garuu wayyaaneen kana raawwachuun dura Oromiyaaa
keessaa bara baraaf ba’uu murteeffachuu qabdii. Wayyaaneen kana booda waraanaan
Ummata kana dorsiisuun mataa isaa , gatii guddaa ishee kafalsiisa. Waraanaan
mitii shirri karaa somaalee Ummata keenya miidhuuf gaggeessitee, waan Oromoo
keessatti Umeeyyuu ishee rifaasisee jira. Addatti Ummati kabajamaan kun, ijaa
ba’uuf jarjaru dhiisuu isaatti rifatanii jiru. Sochiin wayyaanee kamuu kana
booda kufaatii ishee kan shaffeesisu malee, kan ishee jiraachiisuu hin ta’uu.
Shirri kamuu kufaatii wayyaanee ariifachiisa.
Kanaaf
wayyaaneen sochii Oromoo dura dhaabbachuu irra , yeroo lama sadii dhaabbatee
yaaduu qabdi. Qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabu. Hin
deebi’uus. Wareegama itti kafalleef gumaa argachuu qabana. Gumaan keenya
Bilisummaa qofaadhaa. Oromoon dhiiga isaan Biyya itoophiyaa keessatti
murteessaa ta’uu mirkaneeffachaa jira. Kun ammo galma isaa osoo hin ga’iin hin
dhaabbatu. Dhaabbatees nagaaf hn tolu. BAKKI IRRA JIRRU, DUUBATTI DEEBINUS NUUF
BADIIDHAA. KANARRA TARKAANFACHUUTU NUUF WAYYAA QABA.Waraana nutti
dulchiftii fi hidhaa fi ajjeechaa nutti hammeessitii jennee waa hundaa keessa
qabachuun barbaachisaa miti. Kanarra mudduu qabna. Fallisaa kanuma.
Namoonni
hedduun Ummati keenyaa Oromiyaa guutuu socha’uu irraa hamileen itti dhaga’amee,
Ummata kana qawwee hidhachiisaa jedhanii dubbatu dhageenya. Adeemsa kana hedduu
itti yaaduu barbaachisa. Kanarra hojjannee warra wal hin gannee fi walitti hin
dhukaafnee ta’u keenya mirkaneeffachuu nu barbaachisa. Lammiilee keenyaa qawwee
diinaaf baatanii jiran gar tokkotti deebisuu qabna. Ummata Oromoo wayyaba
qawwee hidhachiisuun dansaa ta’ee, wayyaaneenis waraana ishee keessaa irra
jireessii Ilmaanuma Oromoo ta’uu isaanii hubannee maalitti wal akeekaa akka
jirru haa hubannu. Wayyaaneen dheekkamsaa fi diddaa keenyaanu lafa geessee
jirtii. Hegaree ishee yaaddeessu keessa haa galchiinuu. Isa booda qawwee yoo
hidhannees nu hin miidhu.
Wayyaanee
gaangee saniin tokkuma . yoo ofiif jettee karaa irraa maqixetti deebitee,
hegaree ishee haa tolfattu. Nuuti wareegama dachaa kafallee mirga keenya ni
goonfanna. Garuu isa booda waliin jiraannaan gonkumaa waan hin yaadamnee ta’uu
isheen itti haa dhiphattu. Ajjeechaa fi hidhaan ishee Araara jaarsummaa irra
dabree jira. Ofittummaa fi of tuulummaan isaanii hegaree isaaniif ragaadhaa.
Kanaaf Oromoon ofitti boonee waan hojjataa jiru hundaatti jabaachuu qaba. Shira
wayyaanee hundatti dhimma baanee mirgaan ni galla. Bilisummaa keenyaa Biyyuma
keenya irratti labsanna. Diinatu nurraa deema malee, of tuulummaa fi
ofittummaatu nurraa gala malee nuuti bakkatti gallu hin qabnuu. Mana keenya
keessa jirraa jabaadhaa. IRREECHII
BARANAA KAN MILKII NUUF HAA TA’UU. Oromoo waan uumamakeetti bakkatti
deebisuuf bakka jirtutti hojjadhuu. Dhugaa kee bakkatti deebisuuf akka nama
dhunfaattis ta’uu walootti hojjadhu. Hegareen keenya ifadhaa. Nuuti ol deemaa
jirra. Jireenya keenya tokko jennee eegalla. Kan jireenya isaa fixate maraatuu
itt haa dhiphituu jabaadhaa.
HORAA BULAA !
Thursday, September 21, 2017
DHDUO qaxxaamura karaa seenaa irratti
Waliin dhabbannu humna taana, humna waliif taanu diina keenyarra oolla!
Egaa akkuma hundi keenyaa agarru diinni saba Oromoo hangafti har'a Wayyaannee ta'uun wal nama hingaafachiisu.
Wayyaanenis kan saba Oromoo cabsite waan Oromoon sodaatef ykn barnoota dhabeef ykn heddumina dhabeef osoo hintaane mala baafachuudhani. Malli isaan waggaa 30 dura dangaa Ertiraa taa'anii mala humna Oromoo ittiin adda facaasan baafatan suni waan xiqqaa hinturre.
Dhaaba maqaa Oromootin dhaabanii, ofiimmoo humna dhoowwanii akka barbaadanitti yeroo barbaadanitti nama Oromoof osoo hintaane isaaf hojjetu qofa achi teechisuun DHDUO fi ummata adda tiksaa turaniiru.
kanarraa kan ka'e sabni Oromoo hubannaan inni DHDUOdhaf qabaachaa ture warra alagaaf hojjetu jedheeti. Nama achi keessaa saba isaatif quuqame dafanii qorannoodhan achii ari'uun hidhuufi ajjeesun Wayyaanen hamma ammaa milkooftee turet. Milkiin suni garuu amma xumuramaa jira fakkaata.
Yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo DHDUO keessaa kan saba isaatif quuqaman baayyachaa waan dhufaniif dhaabni kuni quuqqaa saba isaa dubbachaa waan dhufeef sabboontotnni hedduun itti makamaa waan dhufaniif guyyoota kurna darban keessa qaxxaamura seenaa agarre. Ummannis yoo dhuguma saba keenya bira dhaabbattan isin bira jirra jedhee afaan guutee dubbate.
Amma kan hafe kaa DHDUO waan jedhan san hojiin mul'isuu qofa.
Hamma kana duraa kan agarre DHDUO waan ummata ofii shakkuuf ykn sodaatuf marii kamuu hinhayyamu ture, fedha ummataa hineegu ture. Halli amma jijjiiramaa jiru kuni garuu DHDUOdhaaf carraa hinargamne uumee jira. Hiree guyyaa rakkina dhalate kanaan walitti qabatee uumame kanatti fayyadamuun DHDUOn ummata ofiitif amanamoo, saba ofiitif quuqamoo ta'uu isaanii hojiidhan mul'isuu qabu.
Kana godhanii argamnaan sabni keenya yeroo ammaa dhaabolii siyaasaa isa sobaa bahan kana waan ifateef gara DHDUO goree biyya ofii wanni hindhuufanneef hinjiru. Dhaabonni siyaasaa ibsa sobaa baasudhaan, waamicha ofii keessa hinjirre yaamudhaan hamma ammaa uummanni keenya filannoo biraa waan dhabeef owwaachafii ture, amma garuu isaan ifatee jira. Dhaaboliin siyaasaa hedduun seenaa ta'anii hafaa jiru. Sababiin isaas yeroo ummanni dhugumaan rakkatee diinni itti taphate kana waan of biraa dhabeef.
DHDUO carraa lafa duwwaa argatte kanaan fayyadamuudhan moo'annoo seenaa argachuu danda'u ta'a. kunis kan ta'uuf:
- caasaa biyyattii keessatti harkaa qabu
- humna namaa homtuu gaaf Afrikaa keessatti hinqabne harkaa qabu
- Foolisii, waraana akkasumas miseensota qabu
- dargaggoota biyyaa kan carraa argameen saba isaatif qabsaa'uu barbaadu harkaa qabu
kanatti fayyadamuudhan DHDUO wayyaanee jalaa suuta suuta loo'aa deemuu danda'u. Keessattuu carraa rakkoo dhalatee kanaan saba ofii madeessan araarfachuudhan jalqabuu qabu. Namoota hidhaman aangoo isaanii jala jiran hiikuu. Wayyaanen akka saba isaanitiin walitti isaan buusuf hojjettu beekudhaan harka wayaa jalaatin saba isanii ijaarun mala marii hinqabne.
Silas yoo hamma fedhan wayyaanedhaaf amanamoo ta'anillee wayyaanen isaan shakkitee ykn ari'uu ykn hidhuu ykn ajjeesuu hindhiiftuu seenaa hojjechuun boruuf dhala ofiitif waan lafa kaahudha.
DHDUOn carraa argame kanatti fayyadamuudhan osoo dargaggon Oromoo abdii isaanirraa hinfixatin dhaaba Oromoo ta'uu danda'uu qaban.
Yoo DHDUOn garuu carraa kanatti fayyadamuu dadhabdee sodaadhan carraa kana dabarsite, sabni Oromoo silas yeroo dhiyoo keessatti waan tokkorra gahuun isaa hinooluu, garuu seenan isaan gaafachuus hinoolu.
DHDUO carraa akkanaa lammate deebitee hinargamtu waan ta'eef itti fayyadamaa. Yoo saba keenya cinaa dhaabbatanii salphina kana keessaa baasuf karaa akeektan deeggarsi mara keenyaa isin waliin jira.
Egaa akkuma hundi keenyaa agarru diinni saba Oromoo hangafti har'a Wayyaannee ta'uun wal nama hingaafachiisu.
Wayyaanenis kan saba Oromoo cabsite waan Oromoon sodaatef ykn barnoota dhabeef ykn heddumina dhabeef osoo hintaane mala baafachuudhani. Malli isaan waggaa 30 dura dangaa Ertiraa taa'anii mala humna Oromoo ittiin adda facaasan baafatan suni waan xiqqaa hinturre.
Dhaaba maqaa Oromootin dhaabanii, ofiimmoo humna dhoowwanii akka barbaadanitti yeroo barbaadanitti nama Oromoof osoo hintaane isaaf hojjetu qofa achi teechisuun DHDUO fi ummata adda tiksaa turaniiru.
kanarraa kan ka'e sabni Oromoo hubannaan inni DHDUOdhaf qabaachaa ture warra alagaaf hojjetu jedheeti. Nama achi keessaa saba isaatif quuqame dafanii qorannoodhan achii ari'uun hidhuufi ajjeesun Wayyaanen hamma ammaa milkooftee turet. Milkiin suni garuu amma xumuramaa jira fakkaata.
Yeroo jalqabaatif ummanni Oromoo DHDUO keessaa kan saba isaatif quuqaman baayyachaa waan dhufaniif dhaabni kuni quuqqaa saba isaa dubbachaa waan dhufeef sabboontotnni hedduun itti makamaa waan dhufaniif guyyoota kurna darban keessa qaxxaamura seenaa agarre. Ummannis yoo dhuguma saba keenya bira dhaabbattan isin bira jirra jedhee afaan guutee dubbate.
Amma kan hafe kaa DHDUO waan jedhan san hojiin mul'isuu qofa.
Hamma kana duraa kan agarre DHDUO waan ummata ofii shakkuuf ykn sodaatuf marii kamuu hinhayyamu ture, fedha ummataa hineegu ture. Halli amma jijjiiramaa jiru kuni garuu DHDUOdhaaf carraa hinargamne uumee jira. Hiree guyyaa rakkina dhalate kanaan walitti qabatee uumame kanatti fayyadamuun DHDUOn ummata ofiitif amanamoo, saba ofiitif quuqamoo ta'uu isaanii hojiidhan mul'isuu qabu.
Kana godhanii argamnaan sabni keenya yeroo ammaa dhaabolii siyaasaa isa sobaa bahan kana waan ifateef gara DHDUO goree biyya ofii wanni hindhuufanneef hinjiru. Dhaabonni siyaasaa ibsa sobaa baasudhaan, waamicha ofii keessa hinjirre yaamudhaan hamma ammaa uummanni keenya filannoo biraa waan dhabeef owwaachafii ture, amma garuu isaan ifatee jira. Dhaaboliin siyaasaa hedduun seenaa ta'anii hafaa jiru. Sababiin isaas yeroo ummanni dhugumaan rakkatee diinni itti taphate kana waan of biraa dhabeef.
DHDUO carraa lafa duwwaa argatte kanaan fayyadamuudhan moo'annoo seenaa argachuu danda'u ta'a. kunis kan ta'uuf:
- caasaa biyyattii keessatti harkaa qabu
- humna namaa homtuu gaaf Afrikaa keessatti hinqabne harkaa qabu
- Foolisii, waraana akkasumas miseensota qabu
- dargaggoota biyyaa kan carraa argameen saba isaatif qabsaa'uu barbaadu harkaa qabu
kanatti fayyadamuudhan DHDUO wayyaanee jalaa suuta suuta loo'aa deemuu danda'u. Keessattuu carraa rakkoo dhalatee kanaan saba ofii madeessan araarfachuudhan jalqabuu qabu. Namoota hidhaman aangoo isaanii jala jiran hiikuu. Wayyaanen akka saba isaanitiin walitti isaan buusuf hojjettu beekudhaan harka wayaa jalaatin saba isanii ijaarun mala marii hinqabne.
Silas yoo hamma fedhan wayyaanedhaaf amanamoo ta'anillee wayyaanen isaan shakkitee ykn ari'uu ykn hidhuu ykn ajjeesuu hindhiiftuu seenaa hojjechuun boruuf dhala ofiitif waan lafa kaahudha.
DHDUOn carraa argame kanatti fayyadamuudhan osoo dargaggon Oromoo abdii isaanirraa hinfixatin dhaaba Oromoo ta'uu danda'uu qaban.
Yoo DHDUOn garuu carraa kanatti fayyadamuu dadhabdee sodaadhan carraa kana dabarsite, sabni Oromoo silas yeroo dhiyoo keessatti waan tokkorra gahuun isaa hinooluu, garuu seenan isaan gaafachuus hinoolu.
DHDUO carraa akkanaa lammate deebitee hinargamtu waan ta'eef itti fayyadamaa. Yoo saba keenya cinaa dhaabbatanii salphina kana keessaa baasuf karaa akeektan deeggarsi mara keenyaa isin waliin jira.
Friday, September 15, 2017
Yeroon Oromoo gaheera --- injifannoon dhiyaatera
SEENAA Y.G (2005)
Qabsoon Oromoo diina miti, Oromoonuu duubatti deebisuu hin danda’uu. Oromoon Qabsoo shidamtee dhiisuun qaba jedhee osoo keessaa dhaabbatu yaaleyyuu, sochiin jiru dhaabbachuu hin danda’uu. Maaliif ? jennaan, bara Bilisummaa irraa fagoo jiruuyyuu hin dhaabbannee, Bilisummaatti dhihaatee dhaabbachuu waa hin dandeenyef. Qabsoo Ummata Oromoo maraa hirmaachisu kanarra ga’uuf wareegama Ulfaataa itti kafalle. Amna dheeraa deemne. Sochii har’aa kana uumuuf bu’aa ba’ii fi miidhaa gurguddaa liqimsinee bira dabarre. Har’a akka kaleessaa yoom akka ebaluu …..jennee hawwaa hin jirru. Yoomuma tokko taana ? jennee keessa keenyatti gooma’aa ykn komachaa hin jirru. waan yeroo dheeraaf yaadaa fi barbaachaa turre irra geenyee jirra. Dadhabbii waggaa 30 ol booda waan barbaannu irra geenyee jirra.Qabsoo Ummata Oromoo ykn gaaffiin Oromoo deebii akka hin argannee Oromoon gootummaan argisifachaa fi raggaasifataa jira. Waan barbaannu bira ga’uuf haala nama gammachiisuun daandii eegallee jirra.
Waan eegallee kana yoo kunuunsinee fi caalaatti sochii keenya hundaa dantaa keenya waliin Naamuusaan yoo gaggeeffannee , Injifannoon keenya dhihoodhaa. Dhalli Oromoo waan hubachuu fi jabiinaan irratti hojjachuu qabnuu qabxiilee 4 kaasuun barbaada. Bakka jirrutti halkanii fi guyyaa kan irratti hojjannuu, akka dhuunfaattis sabaattis kan irratti bobbaanu.
1. Hegaree HIWAATOOTAA FI TIGIROOTAA guutummaatti yaaddoo keessa galchuu,
2. Qabsoon keenya dhageetti akka argatuuf, Biyyoota wayyaanee utubaa jiran rifaasisuu
3. OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu, wayyaanee jalaa baasuu
4. Saboota cunqurfamoof jaalala addaa argisiisuudha.jedheen yaada.
1. Hegaree Hiwaatootaa fi Tigirootaa yaaddoo keessa galchuu,,
Akka walii galaatti qabsoon keenya jabaataa deemnaan , wayyaaneen shira saboota nurratti kaasuuf yaaluun fashallaan , tarkaanfiin itti aanu qabeenyaa horataniif yaadda’uutu dhufa.Biyya har’aa dhaadataniif kanarra dantaa dhuunfaa isaanii dursuutu itti fufa. Kun haqa. Qabsoon Ummataa jabaachaa deemnaan, waraanni itti abdatan aantummaan isaa Ummataaf ta’uun mirkanaa’aa akka deemuu ni beeku. Kanaaf, Madda qabeenyaa isaanii fi Kubbaaniyyoota isaanii kanneen ta’aan, Finfinnee, Hawaasaa , Bahirdaar, Adamaa, Dirree dhawaa, kkf irratti jabiinaan hojjachuu nu barbaachisa. Bifa addaan ammo Finfinnee fi Naannoo ishee guutummaatti hojiin alaa gochuun barbaachisaadhaa. Kan har’aa Naannoolee Ollaa keenya ta’an nutti kaasaa jirtuuf, qalbiin keenya gama sanatti akka deebi’uufiidhaa. Kana hubachuu nu feesisa.
2. Qabsoo keenyatti dhageetti Horuuf,
Qabsoon keenya dhageettii argachaa dhufuun haqa. Dhageettin kun kanuma dhaga’anii callisan ta’eera. Kanaaf yaaddeessaa ta’uu beeksiisuuf osoo hin jaalannee , Biyyoota akka Chaayinaa, Ingilizii, Ameerikaa, Jarman, Faransaayii, kkf, akka dammaqan gochuuf Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf itti yaadu barbaachisa. Keessattuu Ingiliziin humna nu fixaa jiru haalaan ijaaraa fi maallaqaan gargaaraa jirti. Ameerikaan gargaartus hanga tokko ibsayyuu irratti baaftii. Ingilizii fi chaayinaan garuu suduudaan dhumuu keenya hayyamanii irratti hojjachaa jiru. Kanaaf Dhabbadhaa jechuuf ykn nu dhaggeeffadhaa jechuuf karaa dheeraa hin yaadinuu itti haa yaadinu.kubaaniyaa Oromiyaa keessaa qaban keessa ijoollee Oromoo 1000 oltu qacaramee hojjata. Kun carraa gaariidhaa dhimma itti haa baanu.
3. OPDO wayyaanee jalaa baasuu :
Shirri wayyaanee hangafummaan karaa OPDO raawwatamaa jira. Akkasuma kufaatii wayyaanee OPDO keessaan ta’uu akka maluu carraa hedduutu jira. sa’aatii dhumaattu taatu, OPDO bifa kamiinuu haa ta’uu wayyaanee jalaa baasuun murteessaadhaa. Humnaanis ta’uu jaalalaan. Gorsaanis ta’uu, akeekkachiisaan. OPDOn qabsoon jabaachaa deemnaan galagaluun ishee hin hafu. Yeroo sanatti waan itti fayyadamuu dandeenyu hedduudhaa qalbiidhaa qabaadhaa. OPDO wayyaaneetti galagalchuun , ammuma qabsoon keenya jabaachaa deemee laafachaa deema.waan fagoottii hin argannee dhihootti argachuuf nu gargaara. Wayyaaneen OPDO qabattee seenuun ni dhaabbata. Dachee keenya keessatti argamuuf sababaa dhabdii. Kanaaf qabsoo keenya jabeeffachaa OPDO jalaa diiganii ofitti dabalachaa deemuun hedduu dansaa ta’aa. Inumaa duubarra wayyaaneen kufuu akka qabuu caalaatti kan barbaadan isaan ta’uu. Yoo ijifannee, Ummata keenya biraa galata argattu. Yoo wayyaaneen jiraattee ammo…….kanaaf kufaatii wayyaaneef hojjchuun waan hin hafnee. Kanaaf dantaa keenya ilaallachaa tarkaanfanna taanaan, isa qabsoo Ummataatti amanee ofitti dabalaa deemuun, waan nu laaffisuu hedduu qaba.
4. Saboota Cunqurfamoo ilaalchisaa :
Saboonni Oromiyaa keessa jiran yaadda’uun hin hafu. Wayyaaneen kanneen akka somaalee, adaree kkf Oromoon isin liqimsaa jechuun hin hafu. Kanaaf dantaa keenya dursina taanaan diina xiqqeessuun furmaata waan ta’uuf, Saboota hundaaf jaalala addaa kennuffin barbaachisaadhaa. Inumaa isaaniif wabii akka taanutti irrattti haa hojjannu.
Walumaa galatti wayyaaneen hojii nutti heddummeessuu yaalaa jirti. Kana malees, Hiwaatoonni saboota biraan nu rukuchuuf yaalaa jiru. Injifatamaniyyuu saboota biroon nu rukuchuu barbaadu.kasaaraa saboota biraan nurratti hojjachuu barbaadu. Kanaaf Oromoon kan yeroo kamirryyuu caalaa waa afuritti dhimma ba’uu qaba.
A. Baayyina isaatti dhimma ba’uu:
Baayyinni keenya lakkoofsaan qofa ibsamuu hin qabu. Hojiidhaanis akkasuma mirkanaa’uu qaba. Kanaaf baayyina keenyatti dhimma baanee, humnaan diinaa ol ta’uu mirkaneessuu qabnaa. Kunis kan ibsamu qabsoo eegalamee keessatti qooda fudhachuu kan ammaarraa daran jabeessuudhaan ta’aa
B. Oromoon Marti qe’ee isaa qulqulleessuu:
Waliif birmachuun akka jirutti ta’ee, Oromoon bakka jirutti qe’ee isaa qulqulleessuuf humnaa fi dandeetti akka itti qabuu beeksiisu qaba. Lafa isaa yoo dhuunfatee akkaataa itti of bulchuu irratti wal dhaggeeffatee itti fufuf qophaa’uu fi wal qopheessuu qaba.qe’ee keenya qulqulleessuu, diina wal harkaa fuudhanii mana isaatti qajeelchuu.
C. Toftaa sochii warraaqisaa wal faana gaggeessuu :
Wayyaanee rifaatuu kan seensisee jiru, Ummati Oromoo yeroo gabaabaa keessatti wal faanaa qabsoo gaggeeffachuu ykn qindeeffachuu danda’uurra ga’uudhaa. Kun jabiina keenya. Sochii har’aa itti jirru irraa gonkumaa duubatti deebi’uu hin qabnuu.wareegama ulfaataa baasuu filachuu nu wayya. Kanaaf qabsoon kun gama hundaan gaggeeffamuun itti fufu qaba. Bifa isaa gegeeddaruu fi bakka isaa gaggeeddaruun , xiyyeeffannaa isaanii cabsuu ni danda’ama. Guutummaa Oromiyaa ergaan takkaa ka’uun filatamaadhaa. Yoo haala gara garaan mijatuu didee yoo xiqqaatee bakkootiin sadii qindaa’uu danda’uu. Gonkumaa diinaaf yeroo laachuun barbaaachisaa miti.
Qabsoon Oromoo kanarra jabaachuuf jira. Diina qofaa osoo hin taanee nuuti mataa keenya gama hundaan qophaa’uu barbaachisa. Toftaa adda addaa qopheessuu qabnaa. Haa jabaannu . gama hundaan itti haa qophoofnuu. Finfinnee irriiba dhawwuus haa eegalluu.
Hundeen gabronfataa achii . ITTI QIYYAAFADHAA.
HORAA BULAA !
Monday, September 11, 2017
Yeroo Oromiyaa baraarru yoomuu caalaa amma!
Asnaaqaa T. Irkoo tin
Miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaatifi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtaniif;
Osoo teenyee dubbii fagootti laalluu rakkinni maatii
keessaniif keenya biras gaheera, yeroo biyyaaf firroottan akkasumas maatii keessan
cinaa dhaabbatan amma!
Tigroonni gorsaafi deeggarsa biyyoota hedduurraa argataniin,
akkasumas qabeenyuma biyya Oromootin gorsitoota bitatanii aangorra turuufi
biyya Oromoo balleessuf tooftaa qiyyaafatanii argaa jirra, jirtu.
Hamma ammaa namuu rakkoo halaalatti na bira hingeessu se’ee
taa’ee fagootti laalaa ture. Oromoonis OPDO, ABO, OFC kkf jedhee garaa garummaa
siyaasaa ofiitin farra nagayaa, ergamtuu alagaa waliin jedhee wal arrabsaa
tureera.
Haata’u malee garuu tooftan Tigroonni amma Oromoo cabsuuf
harka sadaffaa Sumaalota nutti bitte kuni haala hamaadha. Akkuma biyyi Sumaalee
badde san nus balleessuf mala fi tooftaa hamaa qabatanii dhufan. Akkaatan
adeemsa isaa suuta suuta gara lola amantii akka jijjiiramuu gochuuf haala
deemaa jiruus odeffannoo jirurraa hubachuun nidanda’ama.
Tigroonni Sumaalee cinaa dhaabbachuudhan waraana Oromoofi
saboota biraa bobbaasudhaan suuta suuta gara jiddu gala biyyaa seenaa akka
deeman gochuuf qeeyyafattee jirti.
Haala amma deemaa jiru kanaan, yeroo dhiyootti waraanni
Tigrootaa Sumaalee duuba dhokachuudhan godinoota adda addaa rukutaa, ummata
keenya fixaa biyya Oromoo waraana hindhaabbanne keessa galchuuf deemu.
Yeroo kanatti DHDUOn, foolisiin Oromiyaafi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtanis osoo hinyaadatin maatiii keenyaf keessan bira
gahaa jira. Yeroo ammaa Harargee, Baale, Gujii fi Boorana keessa daangawwan
rukutamaa jiru kana keessa miseensoonni DHDUO, Foolisi Oromiyaafi Oromoota
Waraana Biyyooleessaa keessa jiran maatin keessan tuqame hinjiruu? Firoottan
keessan dhumaa jiran hinjiranii? Takka turee warri haftan kan jiddu gala
Oromiyaa keessaa maatiii qabdan biras gaha. Osoo isin mootummaa Tigreetif
amanamoo taatanii tajaajiltanii, haala jiru hinhubatin ykn na bira hingahu
seetanii teessanuu kan weeraramtan of agartan.
Karaa biraatin maal ilmaan Tigrootaa ummata keessan duratti ciibsitee yoo isin garaftu argaa hinjirruu? Cinnaksanitti, Mi'eessotti darabooowwan keessaan Foolisii Oromiyaa tumaniii yoo harka caccabsan kunoo waan dhoksaa miti. Biyya keessanirratti ilmaan saba bicuu isin salphisaa, xiqqeessaa jirti. Ummata keessan birattis tajaajila halagaaf malee saba keessaniif hinkennitanii jedhamee waqqafamaa jirtu. Egaa kana keessaa filachuun isinitu murteessa.
Karaa biraatin maal ilmaan Tigrootaa ummata keessan duratti ciibsitee yoo isin garaftu argaa hinjirruu? Cinnaksanitti, Mi'eessotti darabooowwan keessaan Foolisii Oromiyaa tumaniii yoo harka caccabsan kunoo waan dhoksaa miti. Biyya keessanirratti ilmaan saba bicuu isin salphisaa, xiqqeessaa jirti. Ummata keessan birattis tajaajila halagaaf malee saba keessaniif hinkennitanii jedhamee waqqafamaa jirtu. Egaa kana keessaa filachuun isinitu murteessa.
Kuni haala qabatamaa lafa jirurraa ka’uun waan argaa jirru
malee raaga waan dhufaa jiru raagudhaanii miti. Sumaalen deeggarsa raayyaa
waraanaa Tigrootafi meeshaa waraanaa gurguddaan deeggaramtee daaangaa qofatti
dhaabbachuu hinheddu, haala deemuu jirtuufi waraana duubaa biyya Sumaaletii as
ergfachaa jirtuun tooftaa fagoo akka qaban mul’isa.
Yaa miseensota DHDUO, Foolisii Oromiyaa fi Oromoota Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtan, Maati keessanifi biyya Oromiyaa kana baraaruf
yeroo murteessaa ta’e kana keessattti walnyaachun hafee balaa aggaamame kana
ofirraa qoluun yeroo isaa amma.
Foolisii Oromiyaafi Oromoota Waraana Biyyooleessaa keessa
jirtan, kan lammii keessan yoo dhumu adoodudhaan irra gortanii ajjeefamtan,
madooftan kabajaa guddaa isiniif qabna, akkuma maatii daangadhaa buqqa’aa jiru
deeggarru maatii keessan cinaas dhaabbachuuf qophiidha. Kan motummaa kana ganee
saba isaa cinaa dhaabbate martuu Oromoo biiratti akka kabajaa argatu deeggarsa
maatii Konsitabel Musxafaa Huseenif godhamerraa agartanii jirtu.
Oromoota miseensa DHDUO, Foolisii Oromiyaafi Waraana
Biyyooleessaa keessa jirtan; yeroon isin maatii keessanif Oromoota akkasumas
Oromiyaa baraartan amma ta’uu akka hubattan. Gaafa dabarte martuu gaabbee
hindeebisu. Wanni sabaaf maatii keessan isiniif caalu hinjiru. Mootummaan
nikufa, barri nidarbaa, maatif aanan keessan akkasumas biyyi takka harkaa nama
baate deebitee hinargamtu!
Oromoonni hafnes yeroo ammaa kan wal balaaleffachuu ta’uun
hafee ilaalcha siyaasaa waliin obsaa saba keenyafi biyya keenya balleessuf
diinni tooftaa haaraa nutti baase kana humna tokkoon ofirraa haa qollu.
Waaqayyo Oromoota qalbii haa kennu, wal nu haa dhageessisu!
Subscribe to:
Posts (Atom)
Featured Post
Raadiyoo Damablii gabaabaa
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...
-
Why Norwegian politicians are supporting Ethiopian dictator? Norway is known for its humanitarian and human rights support. It has been i...
-
Kutaa duraa Sabboonummaa Oromummaa hagam guddate? Sabboonummaan Oromummaa yoom dhalate jennee walgaafachuun waan barbaachisu natti hinfa...
-
Odeeffaannoo baadiyyaa dhaqqabsuuf tamsaasa raadiyoon dambalii gabaabaa qabaachun murteessadha. Ummata keenyaa dammaqsuun maalumaafuu mur...